BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | NAAHOM 1–ANBAAQOM 3
Karaa Hafuuraa Dammaqoo fi Qophaaʼoo Taʼaa Jiraadhaa
Warri Baabilon yeroo gabaabaa keessatti Yihudaa kan balleessan taʼuun isaa waan hin fakkaanne taʼuu dandaʼa. Yihudaan dhiibbaa cimaa Gibxii jala turte. Warri Kaladootaa warra Gibxii caalaa cimoo hin turre, mitii? Kana malees, Yihudoonni hedduun Yihowaan Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii akka balleeffaman ni heyyama jedhanii hin yaadan turan. Raajiin kun raawwatamuun isaa waan hin oolleef, Anbaaqom karaa hafuuraa dammaqaa fi qophaaʼaa taʼee jiraachuu qaba ture.
Dhumni sirna kanaa baayʼee dhihaachuu isaa kan na amansiisu maali dha?
Karaa hafuuraa dammaqaa fi qophaaʼaa taʼee jiraachuu kanan dandaʼu akkamitti?