BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 12-13
Fakkeenya Waaʼee Qamadii fi Inkirdaadaa Dubbatame
Yesuus fakkeenya qamadichaa fi inkirdaadichaa kan dubbate, kutaa qamadichaa, jechuunis Kiristiyaanota dibamoo Dh.K.B. bara 33 kaasee dibamuu jalqaban guutummaa ilmaan namootaa keessaa kan sassaabu akkamittii fi yoom akka taʼe ibsuufi dha.
‘Namni tokko maasii isaa irratti sanyii gaarii facaase’
Kan facaase: Yesuus Kiristoos
Sanyiin gaariin facaafamuun isaa: Barattoonni Yesuus hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaanii
Maasicha: Addunyaa ilmaan namootaa
“Utuu namoonni rafaa jiraniis, diinni namichaa dhufee qamadii facaasame sana gidduutti inkirdaada facaase”
Diina: Diyaabilos
Namoonni rafuu isaanii: Duʼa ergamootaa
“Dhiisaa, hanga yeroo makaraatti lamaanuu waliin haa guddatan”
Qamadicha: Kiristiyaanota dibamoo
Inkirdaadicha: Kiristiyaanota Sobaa
‘Jalqaba inkirdaadicha bissii bissiidhaan hidhaa; sana boodas qamadicha gootaraa kootti galchaa’
Garboota/warra midhaan haaman: Maleekota
Inkirdaadichi bissii bissiidhaan hidhamuu isaa: Kiristiyaanota sobaa Kiristiyaanota dibamoo irraa addaan baasuu
Gootaraatti galchuu: Kiristiyaanonni dibamoon gumii deebiʼee hundeeffametti walitti qabamuu isaanii
Yeroon makaraa yommuu jalqabetti, wanti Kiristiyaanota dhugaa Kiristiyaanota sobaa irraa adda baasee akka beekamu godhe maali dha?
Hiika fakkeenyi kun qabu hubachuun koo dhuunfaatti kan na fayyadu akkamitti?