LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Guraandhala ful. 7
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Gaaffiiwwanitti Akka Gaariitti Fayyadamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Gaaffiiwwanitti Akka Gaariitti Fayyadamuu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Karaa Bu’a Qabeessa Ta’een Gaaffiitti Fayyadamuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Lallabaa Wangeelaa Taʼuudhaan Gaʼee Keessan Raawwadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Gaaffiitti Fayyadamuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Bartoota Gochuudhaan Isa Hunda Caalu Fakkaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Guraandhala ful. 7

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu​—Gaaffiiwwanitti Akka Gaariitti Fayyadamuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? “Akeeki garaa namaa akka bishaan gadi fagoo” waan taʼeef, gaaffii gaafachuun akkuma nama baaldiidhaan bishaan gad fagoo waraabuutti ilaalamuu dandaʼa. (Fak 20:5) Gaaffiiwwan, namoonni nu dhaggeeffatan hirmaannaa akka godhan gargaaru. Deebiin gaaffiiwwan itti yaadamanii filatamaniif kennamu yeroo baayʼee buʼaa guddaa qabu. Yesuus gaaffiiwwanitti akka gaariitti fayyadama ture. Nuti hoo Yesuusiin hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

Yesuus barataa isaa tokko gaaffii gaafateera

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Gaaffii ilaalcha isaanii akka ibsan godhu gaafadhaa. Yesuus walitti aansuudhaan gaaffiiwwan gaafachuudhaan ilaalcha barattoonni isaa qaban hubachuu dandaʼeera. (Mat 16:13-16; be 238 key. 3-5) Isin hoo gaaffiiwwan akkamii gaafachuu dandeessu?

  • Gaaffiiwwan dabalataa gaafadhaa. Yesuus ilaalcha Pheexiros sirreessuuf, gaaffii kan isa gaafate siʼa taʼu, deebii murtoo sirrii irra akka gaʼu isa dandeessisu Pheexirosiif kenneera. (Mat 17:24-26) Namni tokko murtoo sirrii irra akka gaʼuuf gaaffiiwwan dabalataa akkamii isa gaafachuu dandeessu?

  • Namoota isin dhaggeeffatan galateeffadhaa. Barsiisaan seeraa tokko ‘hubannaadhaan erga deebisee’ booda, Yesuus isa galateeffateera. (Mar 12:34) Ati hoo nama gaaffii ati gaafatteef deebii kenne galateeffachuu kan dandeessu akkamitti?

Namoota kabajaa. Aangoo Yesuus qabu hin qabnu. Kanaaf keessumaa maanguddoota, namoota kanaan dura hin beeknee fi namoota aangoo qaban kabajuu qabna.—1Ph 2:17.

KUTAA JALQABAA VIIDIYOO HOJII YESUUS HOJJETE RAAWWADHAA—BARSIISUU JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Odeeffannoon isaa sirrii taʼus, fakkeenyi kun akka gaariitti barsiisuuf gaarii miti kan jennu maaliifi?

  • Odeeffannoo tokko ibsuu caalaa maal gochuu qabna?

KUTAA LAMMAFFAA VIIDIYICHAA ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleessi gaaffiiwwanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen kan itti fayyadame akkamitti?

  • Akkaataa inni itti barsiise irraa wantoota kan biraa akkamii barachuu dandeenya?

Namni ilaalcha dogoggoraa qabaachuu isaatiin yommuu saalfatu; namni tokko akka gaariitti yommuu dhugaa sirriitti hubatu

Akkaataan itti barsiisnu warra kaan irratti jijjiirama akkamii fida? (Luq 24:32)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi