LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Bitootessa ful. 7
  • “Dammaqaa Eegaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Dammaqaa Eegaa”
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Dammaqinaan’ Ni Eegduu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Durboota—Barumsa Dammaqoo Taʼuu Ilaalchisee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Akeekkachiisa Kennameef Xiyyeeffannaa Kennaa Jirtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mulʼachuu Isa Hamaa Sanaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Bitootessa ful. 7
Durboota kurnan fakkeenya Yesuus dubbate keessatti ibsaman

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MAATEWOS 25

“Dammaqaa Eegaa”

25:1-12

Fakkeenyi Yesuus waaʼee durboota kurnanii dubbate kallattiidhaan duuka buutota isaa warra dibamoo kan ilaallatu taʼus, ergaan isaa Kiristiyaanota hundaaf kan hojjetu dha. (w15 3/15 12-16) “Egaa isinis, guyyichas taʼe saʼaaticha waan hin beekneef dammaqaa eegaa.” (Mat 25:13) Fakkeenya Yesuus dubbate ibsuu ni dandeessaa?

  • Dhirsa misirroo (lakk. 1)—Yesuus

  • Durboota abshaalota qophaaʼoo taʼan (lakk. 2)—Kiristiyaanota dibamoo hojii isaaniif kenname amanamummaadhaan raawwachuuf qophaaʼanii fi hamma dhumaatti akka ibsitoota ifaa ibsan (Flp 2:15)

  • Sagalee guddaa, “Kunoo, misirrichi dhufaa jira!” jedhu (lakk. 6)—Ragaa argamuu Yesuus mirkaneessu

  • Durboota gowwaa (lakk. 8)—Kiristiyaanota dibamoo Dhirsa Misirroo simachuuf kan baʼan taʼus, dammaqoo fi amanamoo utuu hin taʼin hafan

  • Durboota abshaalota zayitii isaanii hiruu didan (lakk. 9)—Chaappaa isa dhumaa booda, dibamtoonni amanamoo taʼan warra amanamoo utuu hin taʼin hafan gargaaruu hin dandaʼan

  • “Dhirsi misirroo sun ni dhufe” (lakk. 10)—Yesuus murtoo dabarsuuf kan dhufu yeroo rakkinni guddaan xumuramuu jala gaʼutti dha

  • Durboonni abshaalonni dhirsa misirroo wajjin gara cidha gaaʼelaa sanatti seenan; balballis ni cufame (lakk. 10)—Yesuus dibamtoota isaaf amanamoo taʼan gara samiitti walitti sassaaba; warri amanamoo utuu hin taʼin hafan garuu, badhaasa samii irratti argatan ni dhabu

Fakkeenyi kun dibamtoota keessaa hedduun isaanii amanamoo utuu hin taʼin waan hafaniif bakka buufamuun akka isaan barbaachisu hin dubbatu. Kanaa mannaa, tokkoon tokkoon dibamtootaa qophaaʼoo fi dammaqoo ykn gowwaa fi kan hin amanamne taʼuuf filachuu akka dandaʼan akeekkachiisa cimaa dabarsa. Yesuus, “Qophaaʼoo taʼaa” jedhee gorsa cimaa kenneera. (Mat 24:44) Abdiin keenya maal iyyuu yoo taʼe, Yesuus amanamummaadhaan tajaajiluu fi dammaqinaan eeguuf garaa keenya akka qopheessinu hunda keenya irraa eega.

Ani hoo dammaqaa taʼuu koo akkamittan argisiisaa jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi