LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Onkoloolessa ful. 4
  • Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Ofittummaa fi Aaruu Irraa Fagaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Ofittummaa fi Aaruu Irraa Fagaadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasnee Beekuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Bakka Sirrii Ta’etti Takka Turuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Tokkummaa isa Gatii Guddaa Qabu Eegaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Onkoloolessa ful. 4

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jaalalli Kiristiyaanota Dhugaa Adda Baasee Beeksisa—Ofittummaa fi Aaruu Irraa Fagaadhaa

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Yesuus jaalalli barattoota isaa adda baasee akka beeksisu barsiisee ture. (Yoh 13:34, 35) Jaalala Kiristoos argisiise argisiisuudhaaf, fedhii warra kaaniitiif xiyyeeffannaa kennuu fi aaruu irraa of qusachuu qabna.—1Qo 13:5.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Namni tokko wanta si miidhu yommuu dubbatu ykn raawwatu takka dhaabadhuutii maaliif wanta sana akka dubbate ykn raawwate yaadi akkasumas rakkina wanti gochuuf yaadde fidu dursiitii irratti xiinxali.—Fak 19:11

  • Hundi keenya iyyuu mudaa akka qabnu akkasumas yeroo tokko tokko wanta booda itti gaabbinu akka dubbannu ykn goonu yaadadhu

  • Waldhabiinsa uumame yeruma sana hiiki

VIIDIYOO ‘JAALALA WALIIF QABAADHAA’—OFITTUMMAA FI AARUU IRRAA FAGAADHAA JEDHAMU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADIITIIF DEEBII KENNAA:

  • Luqaas wanta Guutaan dubbatetti mufachuu isaa kan argisiise akkamitti?

  • Guutaan xinnoo dhaabatee yaaduun isaa aaruu irraa akka fagaatu kan isa gargaare akkamitti?

  • Deebiin Guutaan gaarummaadhaan kenne haala nama aarsu sana kan tasgabbeesse akkamitti?

Daaniʼel, Luqaasii fi Guutaa

Yommuu wanti nu aarsu nu mudatutti tasgabbaaʼuun keenya gumii kan fayyadu akkamitti?

FAKKEENYA KITAABA QULQULLUU IRRATTI XIINXALUU QABNU: Daawit yeroo Shimeʼiin isa abaaretti haaloo hin baane.—2Sam 16:5-13.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Akkan of toʼadhu caalaatti argisiisuu kanan dandaʼu haalawwan akkamii keessatti dha?’

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi