Qayyabannaa 5
Bakka Sirrii Ta’etti Takka Turuu
HAASAA gidduutti bakka sirrii taʼetti takka turuun barbaachisaadha. Haasaa yommuu dhiheessituttis taʼe nama tokkoo wajjin yommuu mariʼattu kana gochuun barbaachisaadha. Haasaa gidduutti takka hin turtu yoo taʼe, dubbiinkee ergaa ifa taʼe kan dabarsu taʼuu mannaa jechoota qofa tarreessaa kan jirtu fakkaachuu dandaʼa. Bakka sirrii taʼetti takka turaa dubbachuun garuu, haasaankee caalaatti ifa akka taʼu, akkasumas ijoon haasaakee akka hin irraanfatamne godha.
Eessatti takka turuu akka qabdu akkamitti beekuu dandeessa? Yeroo hammamiitiif takka turuu qabda?
Yaadasaa Sirriitti Dabarsuuf Takka Turuu. Afaan barreeffama qaban keessatti sirni tuqaalee gaʼee guddaa qabu. Xumura himaa ykn xumura gaaffii tokkoo argisiisuu dandaʼu. Afaan tokko tokko keessattimmoo, yaada bakka garabiraadhaa fudhatame argisiisuu dandaʼu. Sirni tuqaalee tokko tokkommoo, kutaan hima tokkoo hima kaanii wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu argisiisa. Namni dubbisu sirna tuqaalee ilaaluu dandaʼa. Yommuu warra kaaniif dubbisu garuu, yaada sirni tuqaalee sun dabarsan sagaleesaatiin ifa gochuu qaba. (Yaada dabalataa argachuuf, mataduree “Qajeeltootti Dubbisuu” jedhuufi Qayyabannaa 1rra jiru ilaali.) Sirna tuqaalee hin hordoftu taanaan, wanta ati dubbiste hubachuun nama rakkisuu ykn yaadasaa jalʼisuu dandaʼa.
Sirna tuqaaleetiin alattis, akkaataa yaadawwan hima keessatti itti ibsaman, eessatti takka turuun akka barbaachisu argisiisu. Namni muuziqaa taphachuudhaan beekamaa taʼe tokko akkas jedheera: “Ani namoota kaan caalaa nootaa piyaanootiin waanan taphadheef miti. Wanti guddaan, nootaawwan gidduutti yoomiifi akkamitti takka turuu akka qabdu beekuudha.” Haalli itti haasaan dhihaachuu qabus kanaa wajjin wal fakkaata. Bakka sirrii taʼetti takka turuun, haasaan akka gaariitti qophoofte miidhagina akka qabaatu godha.
Namootaaf dubbisuuf yommuu qophooftu, barreeffamicharratti mallattoo gochuun gaarii akka taʼe hubatta. Bakka itti yeroo muraasaaf qofa turtu sarara dhaabataa tokkoon muri. Bakka yeroo dheeraadhaaf turtuttimmoo, sarara dhaabataa lamaan muri. Jechoota dubbisuuf si danqaniifi bakka sirrii hin taanetti irra deddeebitee takka akka turtu si godhan, akkasumas jechoota gaalee tokko keessa jiraniifi dubbisuuf si rakkisan hunda irsaasiidhaan wal qabsiisi. Isa booda guutummaatti gaalee kana dubbisi. Namoonni haasaa dhiheessuudhaan muuxannoo qaban hedduun mala kanatti fayyadamu.
Maree namootaa wajjin gooturratti maal jechuu akka barbaaddu waan beektuuf, eessatti takka turuu akka qabdu hubachuun si hin rakkisu. Taʼus, yaadasaa tilmaama keessa utuu hin galchin bakka hundaatti takka turta yoo taʼe humna haasaakee laaffisuufi ergaasaa si jalaa dhoksuu dandaʼa. Yaanni fooyyaʼiinsa gochuuf si gargaaru Qayyabannaa 4ffaa mataduree “Siʼaayina Qabaachuu” jedhu jalatti kennameera.
Yaada Garabiraatti Ceʼuuf Takka Turuu. Yaada ijoo tokkorraa gara isa kaaniitti yommuu ceetu takka turuunkee, dhaggeeffattoonni akka irratti yaadan, akka of gamaaggaman, akkasumas haasaankee garamitti adeemaa akka jiruufi yaada ittaanee dhihaatu sirriitti hubachuuf carraa isaaniif bana. Konkolaataa oofaa karaa jalʼuu qaburra yommuu geessu saffisakee hirʼisuun akkuma si barbaachisu, yaada tokkorraa gara isa kaaniitti ceʼuufis takka turuun barbaachisaadha.
Namoonni haasaa dhiheessan tokko tokko, takka utuu hin turin yaada tokkorraa gara isa kaaniitti kan ceʼan, haasaasaanii keessatti yaada baayʼisuu waan barbaadaniifidha. Warri kaanimmoo akkasitti haasaʼuu waan baraniif taʼuu dandaʼa. Tarii namoonni naannoosaaniitti argamanis akkasitti dubbatu taʼa. Haataʼu malee, kun akka gaariitti namoota barsiisuuf hin gargaaru. Qabxii dhaggeeffattoonni dhagaʼuufi yaadachuu qabu jettee yaaddu yommuu dubbattu, ergaansaa ifa akka isaaniif taʼu gochuuf yeroo gaʼaa kennuufii qabda. Haasaankee ifa akka taʼu yoo barbaadde, giddu gidduutti takka turuun barbaachisaa akka taʼe hubadhu.
Haasaa kan dhiheessitu waraqaa tooriirraa yoo taʼe, haasichi qabxiiwwan gurguddaa gidduutti eessatti takka turuu akka qabdu kan argisiisu taʼuu qaba. Dubbisaan kan dhiheessitu yoo taʼemmoo, iddoo yaada ijoo tokkorraa gara isa kaanitti ceʼurratti mallattoo godhi.
Yaada tokkorraa gara isa kaaniitti ceʼuuf yeroon itti takka turru, yeroo sirna tuqaaleerratti takka turrurra kan caalu taʼus, haasichi hanga nama nuffisiisutti dheerachuu hin qabu. Giddu gidduutti yeroo dheeraadhaaf takka kan turtu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni qophii gaarii akka ati hin gooneefi wanta ittaansitee dubbattu yaadaa akka jirtu godhanii tilmaamuu dandaʼu.
Yaadasaa Jabeessuuf Takka Turuu. Yeroo baayʼee, yaada ykn gaaffii jabeessuu barbaaddu tokko erga kaastee booda takka turuunkee dhaggeeffattoota dammaqsa. Akkas gochuun, dhaggeeffattoonni wanta dubbatamaa jirurratti akka yaadan ykn yaada ittaanee jiru hawwiidhaan akka eeggatan isaan kakaasa. Taʼus wantonni kun lamaan garaagarummaa qabu. Kanaaf, mala isa kamitti yoo fayyadamte gaarii akka taʼu murteessi. Haataʼu malee, yaadasaa jabeessuuf takka turuu kan qabnu qabxiiwwan barbaachisaa taʼanirratti qofa akka taʼe yaadadhu. Taʼuu baannaan garuu faayidaan ergaa kanaa dhokatee hafuu dandaʼa.
Yesus mana sagadaa Naazireetitti argamutti Caaffata Qulqullaaʼoo sagaleesaa ol kaasee yommuu dubbise, mala haasaa kana akka gaariitti itti fayyadameera. Jalqaba, macaafa Isaayaas isa maramurraa raajii waaʼee ofiisaa ibsu dubbise. Haataʼu malee, caqasichi akkamitti akka raawwatamu ibsuusaa dura macaaficha maree nama mana sagadaa sana keessa ergamutti kennee taaʼe. Achiis, yommuu namoonni mana sagadaa sana keessa turan hundi ijasaanii irratti irraanfatan, “Kunoo, dubbiin macaafaa kun akkuma dhageessanitti harʼa raawwatame” isaaniin jedhe.—Luq. 4:16-21.
Haalli Dirqisiisaan Yommuu Uumamu Takka Turuu. Darbee darbee wantoonni nama jeeqaniifi haasaakee akka addaan kuttu si dirqisiisan uumamuu dandaʼu. Sagaleen konkolaataa ykn sagaleen ijoollee boossuu, maree nama tajaajilarratti argattee wajjin gootu yeroo muraasaaf akka dhaabdu si dirqisiisuu dandaʼa. Sagaleen bakka walgaʼiitti dhagaʼamu wal dhaggeeffachuuf nama hin rakkisu taanaan sagaleekee ol kaasii haasicha itti fufi. Sagaleen kun garmalee kan nama jeequufi yeroo dheeraadhaaf kan turu yoo taʼe garuu takka turuu qabda. Haala akkasii keessaatti haasaakee yoo itti fufte dhaggeeffattoonni wanta ati dubbattu dhagaʼuu hin dandaʼan. Kanaaf, dhaggeeffattoonni haasaa keerraa faayidaa guddaa akka argataniif, mala haasaa kanatti akka gaariitti fayyadami.
Yaada Namootaa Dhaggeeffachuuf Takka Turuu. Haasaan dhiheessitu dhaggeeffattoota kallattiidhaan kan hin hirmaachisne taʼus, deebiisaarratti akka yaadan gochuun gaariidha. Gaaffii dhaggeeffattoonni akka irratti yaadan godhan erga gaafattee booda, yeroo gaʼaa isaaniif hin kennitu taanaan, faayidaa gaaffii sanarraa argamu hin argatin hafu.
Yeroo waltajjiirraa haasaa dhiheessitu qofa utuu hin taʼin, yeroo namootaaf dhugaa baatus takka turaa dubbachuun barbaachisaadha. Namoonni tokko tokko yommuu dubbatan yeroo namaa hin kennan. Atis rakkoo akkasii qabda taanaan, mala haasaa kana hojjiirra oolchuuf carraaqqii godhi. Malli haasaa kun namootaa wajjin akka gaariitti mariʼachuufi tajaajilarratti buʼa qabeessa akka taatu si gargaaruu dandaʼa. Haasaa keessatti takka turaa dubbachuun, ergaa tokko sirriitti dabarsuuf, yaada ijoo addeessuuf, xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa argachuufi haalaan akka si dhaggeeffatan gochuuf gargaara jedhamuunsaa sirriidha.
Yommuu namootaa wajjin mariʼannu yaada keenya ni ibsina; yaadasaaniis ni dhaggeeffanna. Yommuu namoonni dubbatan kan dhaggeeffattuufi xiyyeeffannaadhaan kan hordoftu yoo taʼe, isaanis si dhaggeeffachuuf kakaʼu. Kunimmoo namoonni yaadasaanii akka ibsaniif yeroo gaʼaa isaanii kennuu gaafata.
Siʼa baayʼee tajaajilli keenya buʼa qabeessa kan taʼu, yaada warra kaaniis dhaggeeffachaa kan dubbannu yoo taʼedha. Dhugaa Baatonni hedduun, dura namoota nagaa gaafatanii yaada tokko erga dubbatanii booda gaaffii gaafachuun gaarii taʼuusaa hubataniiru. Namni haasofsiisaa jiran yaadasaa akka ibsu takka erga turanii booda, maal jechuu akka barbaade hubachuusaanii ibsuuf. Mareesaanii gidduuttis, yaadasaa akka ibsu yeroo baayʼee carraa isaaf kennu. Namni sun mataduree irratti mariʼatamaa jiruuf ilaalcha akkamii akka qabu yoo hubatan karaa buʼa qabeessa taʼeen isa gargaaruu dandaʼu.—Fak. 20:5.
Gaaffii gaafatameef deebii gaarii kan kennan namoota hunda akka hin taane beekamaadha. Yesus haalli akkasii isa mudatus, namoonni isa mormanillee yaadasaanii akka ibsan carraa isaanii kenneera. (Mar. 3:1-5) Namni tokko yaadasaa akka ibsu carraa isaaf kennuun, dhimma sanarratti akka yaadu isa jajjabeessuufi wanti garaasaa keessa jiru akka beekamu gochuu dandaʼa. Kaayyoon tajaajilaa keenya inni tokko, dhimma barbaachisaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu ilaalchisee namoonni murtoo mataasaanii akka godhan kakaasuudha.—Ibr. 4:12.
Dhugumayyuu, tajaajilarratti mala haasaa kanaan fayyadamuun baayʼee barbaachisaadha. Mala haasaa kanatti karaa buʼaa qabeessa taʼeen fayyadamuun keenya, yaada keenya akka gaariitti dabarsuufi haasaa hin irraanfatamne dhiheessuuf nu gargaara.