Qayyabannaa 1
Qajeeltootti Dubbisuu
CAAFFANNI QULQULLAAʼOON Waaqayyo namni hundinuu ‘dhugaa beekuu bira akka gaʼu’ kan barbaadu taʼuusaa dubbatu. (1 Xim. 2:4) Kanaaf, fedhiin beekumsa sirrii taʼe namootatti himuuf qabnu, Macaafa Qulqulluu akka gaariitti dubbisuuf nu kakaasuu qaba.
Dargaggoonnis taʼan gaʼeessonni, sagaleesaanii ol kaasanii Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluu ibsan dubbisuu dandaʼuunsaanii barbaachisaadha. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, beekumsa waaʼee Yihowaafi daandiiwwansaa ibsu namootatti himuuf itti gaafatamummaa qabna. Kunimmoo, yeroo baayʼee nama tokkoof ykn namoota muraasaaf dubbisuu dabalata. Carraan maatii keenyaaf itti dubbisnus jiraachuu dandaʼa. Obboloonni hundi Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii keessatti, gorsa dandeettii warra kaaniif dubbisuu fooyyeffachuuf isaan gargaaru argatu.
Nama tokkoofis taʼe gumiidhaaf, Macaafa Qulqulluu dubbisuuf carraa yoo arganne, itti gaafatamummaa kana akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffamedha. Kana malees, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha, humna hojjetus of keessaa qaba, . . . yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduudhaaf in dandaʼa.” (Ibr. 4:12) Dubbiin Waaqayyoo, beekumsa guddaa eessaayyuu argamuu hin dandeenye qabateera. Waaqa dhugaa isa tokkicha beekuufi isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf, akkasumas rakkoowwan nu mudatan moʼuuf nu gargaaruu dandaʼa. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti jireenya barabaraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Kanaaf, kaayyoon keenya hanga dandeenye Macaafa Qulqulluu akka gaariitti dubbisuu taʼuu qaba.—Far. 119:140; Er. 26:2.
Qajeeltootti Dubbisuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Karaa buʼa qabeessa taʼeen dubbisuuf wantoonni barbaachisan hedduun jiraataniyyuu, hunda caalaa barbaachisaa kan taʼe qajeelchanii dubbisuu dandaʼuudha. Kana jechuunimmoo, wanta barreeffamicharratti argamu kallattiidhaan dubbisuu jechuudha. Jechootarra utaaluu, qubeewwan dhuma jechaarratti argaman hambisuu ykn jechoota sagalee wal fakkaatu qaban karaa dogoggora taʼeen dubbisuurra of eeggadhu.
Jechoota qajeeltootti dubbisuuf, yaada naannoo wanta dubbisaa jirtu sanatti argamu hubachuu si barbaachisa. Kunimmoo akka gaariitti qophaaʼuu gaafata. Irra deddeebitee yoo shaakalte, yaannisaa garamitti akka adeemu waan hubattuuf, dandeettiin dubbisakee ni fooyyaʼa.
Sirni tuqaalee, afaanota barreeffama qaban keessatti shoora guddaa qabu. Bakka itti dhaabannu, hammam akka turru, sagalee jijijjiiruun barbaachisaa taʼuufi dhiisuusaa akka hubannu nu gargaaruu dandaʼu. Afaan tokko tokko keessatti, sirni tuqaalee sagalee jijijjiiruu kan gaafatu taʼee utuu jiruu, sagalee wal fakkaatuun dubbisuun, hima tokko gaaffii tuqaadhaan xumurame fakkeessuu ykn guutummaatti yaadasaa jijjiiruu dandaʼa. Sirni tuqaalee harki caalaansaa hojii caaslugaa wajjin wal qabatan qofa raawwachuuf tajaajiluu dandaʼu. Sirna tuqaalee afaan ati dubbattu keessatti argaman akka gaariitti hubadhu. Kun, karaa namatti toluun dubbisuuf baayʼee barbaachisaadha. Kaayyoonkee ergaa sirrii taʼe dabarsuu malee, jechoota dubbisuu qofa akka hin taane yaadadhu.
Qajeeltootti dubbisuuf, shaakalli baayʼee barbaachisaadha. Jalqaba keeyyata tokko qofa erga dubbistee booda, dogoggora tokko malee dubbisuu hanga dandeessutti irra deddeebiʼii shaakali. Achiis keeyyata ittaanutti darbi. Dhumarrattis, jecha tokkoyyuu utuu irra hin utaalin, utuu irra hin deebiʼin ykn utuu hin dogoggorin fuula baayʼee dubbisuuf yaali. Achiis, yommuu dubbistu namni tokko si hordofee dogoggorakee akka sitti himu godhi.
Naannoowwan tokko tokkotti wantoonni dubbisaaf sababii taʼan rakkoo ijaafi ifa gaʼaa argachuu dhabuu taʼuu dandaʼa. Wantoonni kun yoo fooyyaʼan dubbisnikee akka fooyyaʼu beekamaadha.
Obboloonni akka gaariitti dubbisuu dandaʼan yeroo booda, Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu gumiifi Masaraa Eegumsaa akka dubbisan gaafatamuu dandaʼu. Haataʼu malee itti gaafatamummaa kana raawwachuuf, jechoota qajeelchanii dubbisuun qofti gaʼaa miti. Gumiirratti akka gaariitti dubbisuuf, dhuunfaatti dubbisuu amaleeffachuu qabda. Kunis, jechoonni hundi hima tokko keessatti gaʼee akkamii akka qaban hubachuu dabalata. Jechoota tokko tokkoof xiyyeeffannaa hin kennitu taanaan yaadasaa sirriitti hubachuu hin dandeessu. Yeroo dhuunfaatti dubbistu jechoota qajeelchitee hin dubbistu taanaan, yaada himichaa utuu hin hubatin hafuu dandeessa. Jechoota karaa dogoggora taʼeen kan dubbisnu, gaʼee isaan hima sana keessatti qaban sirriitti utuu hin hubatin yommuu hafnudha. Jechoonni hundi hima sana keessatti hiika akkamii akka qaban hubachuuf yaali. Sirni tuqaalee ergaa himichaarratti jijjiirama akkamii fiduu akka dandaʼan yaadi. Yeroo baayʼee yaada guutuu dabarsuuf jecha tokkoo ol akka barbaachisu yaadadhu. Sagalee ol kaastee yommuu dubbistu, jechoota qofa qofaatti ilaaluu mannaa, gareedhaan dubbisuuf yaali. Wanta dubbistu sirriitti hubachuunkee, namootaaf yommuu dubbistu beekumsa sirrii dabarsuuf si gargaara.
Phaawulos ergamaan, “Caaffata qulqullaaʼaa namootaaf dubbisuutti, . . . of kenni!” jechuudhaan Ximotewos isa muuxannoo qabuufi jaarsa tureef barreesseera. (1 Xim. 4:13) Hundi keenyayyuu gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuu dandeenya.