LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 5 ful. 8
  • Sirriitti Dubbisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sirriitti Dubbisuu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qajeeltootti Dubbisuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Dubbisuuf Carraaqqii Godhi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Guddaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 5 ful. 8

QOʼANNAA 5

Sirriitti Dubbisuu

Caqasa kenname

1 Ximotewos 4:13

YAADA IJOO: Wanta barreeffamicha irra jiru sagalee kee ol kaasii akkuma jirutti dubbisi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Akka gaariitti qophaaʼi. Barreeffamichi maaliif akka qophaaʼe yaadi. Jechoota wal qabatanii jiran kopha kophaatti dubbisuu mannaa, walitti qabdee dubbisuuf shaakala godhi. Sirna tuqaalee hundumaa hubadhu.

    Gorsa gaarii

    Yommuu dubbistu michuun kee tokko akka si dhaggeeffatuu fi jechoota ati karaa dogoggoraatiin dubbiste akka sitti himu gaafadhu.

  • Jecha hunda sagalee sirrii taʼeen dubbisi. Jecha tokko sagalee akkamiitiin akka dubbistu hin beektu yoo taʼe, dikshinarii irraa ilaali, barreeffamicha isa sagaleedhaan waraabame dhaggeeffadhu ykn namni akka gaariitti dubbisu akka si gargaru gaafadhu.

  • Ifa godhii dubbadhu. Mataa kee ol qabuu fi afaan kee balʼistee banuudhaan jechoota sagalee sirrii taʼeen dubbisi. Sagalee hundumaa sirriitti waamuuf carraaqqii godhi.

    Gorsa gaarii

    Dubbisni kee miʼaa akka hin dhabneef, sagalee isaa garmalee hin arbeessin.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi