AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
‘Qoree Foon Keessan Waraanu’ kan Qabdan Taʼus Milkaaʼina Argachuu ni Dandeessu!
Guyyoota baayʼee rakkisaa taʼan kanatti, rakkoowwan akka qoree nama waraanan tajaajiltoota Waaqayyoo hunda miidhaa jiru. (2Xi 3:1) Yihowaatti amanamuu fi rakkoowwan kana karaa buʼa qabeessa taʼeen dandamachuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta Taaliitaa Alnashiinii fi warri ishii godhan beekuuf viidiyoo “Iji Warra Jaamotaa in Banama” jedhamu ilaalaa; achiis gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaalaa:
Qoreen foon Taaliitaa waraanu maali dha?
Abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu warra kamfaatu Taaliitaa fi warri ishii ilaalcha gaarii akka qabaatan gargaare?
Warri Taaliitaa erga yaaliin baqaqsanii hodhuu ishiidhaaf godhamee booda Yihowaatti akka amanaman kan argisiisan akkamitti?
Warri Taalitaa intalli isaanii Yihowaa akka jaallattuuf meeshaalee akkamitti fayyadamaniiru?
Taaliitaan ‘qoree foon ishii waraanu’ kan qabdu taʼus, gama hafuuraatiin guddachaa akka jirtu kan argisiiste akkamitti?
Fakkeenyi Taaliitaa kan si jajjabeesse akkamitti?