Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Onkoloolessa 2019
ONKOLOOLESSA 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | YAAQOOB 3-5
“Ogummaa Waaqayyoo Akka Qabdan Argisiisaa”
(Yaaqoob 3:17 dubbisi.)
‘Akka Ogummaa Waaqarraatti’ Jiraachaa Jirtaa?
9 “Hundumaa dura qullaaʼaa.” Qulqulluu taʼuu jechuun, alaan qofa utuu hin taʼin keessi nama tokkoos kan hin xuroofne taʼuu jechuudha. Macaafni Qulqulluun ogummaafi garaa wal qabsiisee kan ibsu taʼus, garaan yaada, fedhiifi kakaʼumsa gadheedhaan guutame ogummaa waaqarraa qabaachuu hin dandaʼu. (Fakkeenya 2:10; Maatewos 15:19, 20) Haataʼu malee, garaan keenya hamma namoota cubbamoo taʼanirraa eegamuun qulqulluu yoo taʼe, ‘wanta hamaarraa ni fagaanna; wanta gaariimmoo ni hojjenna.’ (Faarfannaa 37:27; Fakkeenya 3:7) Maarree qulqullummaan, amalawwan ogummaa keessaa jalqabarratti caqasamuunsaa sirrii mitii? Kana malees, amalaanis taʼe karaa hafuuraa qulqulluu yoo taʼuu baanne, amalawwan ogummaa waaqarraa kaan akkamitti argisiisuu dandeenya?
10 “Akkasumas naga-qabeessa.” Ogummaan waaqarraa nagaa isa ija hafuura Waaqayyoo taʼe akka hordofnu nu kakaasa. (Galaatiyaa 5:22) Wanta “hidhaa nagaa” isa saba Yihowaa tokko godhu booressurraa fagaachuuf carraaqqii goona. (Efesoon 4:3) Yommuu nagaan booraʼus, nagaa buusuuf hamma dandeenye carraaqqii goona. Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Macaafni Qulqulluun, “Nagaatti jiraadhaa! Waaqayyo inni jaalalaa fi nagaa qabu isinii wajjin in taʼa” jedha. (2 Qorontos 13:11) Kanaaf, nagaadhaan jiraachuu keenya yoo itti fufne, Waaqni nagaa nuu wajjin taʼa. Akkaataan namoota hidhata amantii keenya taʼan itti qabnu, waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuu wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaba. Nagaa kan buusnu taʼuu keenya akkamitti argisiisuu dandeenya? Fakkeenya tokko ilaali.
(Yaaqoob 3:17 dubbisi.)
‘Akka Ogummaa Waaqarraatti’ Jiraachaa Jirtaa?
12 “Garraamii.” Garraamii taʼuu jechuun maal jechuudha? Hayyoonni, jecha afaan Giriikii isa jalqabaa “garraamii” jedhamee hiikameefi Yaaqoob 3:17rratti argamu hiikuun rakkisaa akka taʼe ibsaniiru. Kanaan kan kaʼes, hiiktonni jecha kana, “kan obsu” akkasumas “kan namaaf yaadu” jedhanii hiikaniiru. Miiljaleen Hiika Addunyaa Haaraa, jechi kun kallattiidhaan yeroo hiikamu “tole jechuu” akka taʼe ibseera. Akka amala ogummaa waaqarraa kanaatti jiraachaa akka jirru argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
‘Akka Ogummaa Waaqarraatti’ Jiraachaa Jirtaa?
14 “Ajajamuuf kan qophaaʼe.” Jechi afaan Giriikii “ajajamuuf kan qophaaʼe” jedhamee hiikame, Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Giriikii keessatti bakka garabiraatti hin argamu. Hayyuun tokko, jechi kun “yeroo baayʼee sirna loltootaaf baʼe argisiisa” jedhaniiru. “Salphaatti amansiisuun kan dandaʼamu” akkasumas “kan bitamu” yaada jedhu dabarsa. Namni ogummaa waaqarraatiin geggeeffamu, wanta Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhaniif ni ajajama. Namni akkasii erga murtoo godhee booda, ragaan murtoosaa sana faallessu yoo dhihaateefiyyuu kan didu taʼuudhaan hin beekamu. Kanaa mannaa, dogoggora akka raawwate ykn murtoo sirrii hin taane akka godhe Caaffata Qulqullaaʼoorraa yommuu ragaan dhihaatuuf dafee jijjiirama godha. Atoo, warra kaan biratti amala akkasiitiin beekamtaa?
“Ooʼaan, Ija Gaariidhaanis Guutuu”
15 “Ooʼaan, ija gaariidhaanis guutuu.” Ogummaan waaqarraa ‘ooʼaan guutuu’ waan jedhameef ooʼi, kutaa ogummaa waaqarraa isa barbaachisaa taʼedha. ‘Ooʼiifi iji gaariin’ waliin akka caqasaman qalbeeffadhu. Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee ooʼi, warra kaaniif yaaduufi gara laafinaan kakaʼanii wanta gaarii isaaniif gochuu kan argisiisu waan taʼeef, ija gaarii wajjin caqasamuunsaa sirriidha. Barreeffamni tokko ooʼa jechuun, “haala gadhee namni tokko keessatti argamu ilaalanii gadduufi nama sana gargaaruuf yaalii gochuu” akka taʼe ibseera. Kanaaf, ogummaan waaqarraa miira hoʼaafi jaalala kan hin qabne ykn beekumsa qabaachuurratti qofa kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, miira hoʼaafi jaalala kan qabu, akkasumas kan namaaf naʼudha. Maarree, ooʼaan guutuu taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
(Yaaqoob 3:17 dubbisi.)
‘Akka Ogummaa Waaqarraatti’ Jiraachaa Jirtaa?
18 ‘Loogiidhaan namoota kan hin qoqqoodne.’ Ogummaan Waaqayyoo, qomoodhaan wal qoqqooduufi sabboonummaa caalaa humna qaba. Ogummaa akkasiitiin kan geggeeffamnu yoo taane, fedhii akka namoota wal caalchisnu godhu garaa keenya keessaa baasuuf carraaqqii goona. (Yaaqoob 2:9) Sadarkaa barumsaasaanii, haala dinagdeesaanii ykn itti gaafatamummaa gumii keessatti qabanirratti hundoofnee namootaaf wanta adda taʼe hin goonu; ykn namoonni hidhata amantii keenya taʼan sadarkaan jireenyaasaanii hammamiyyuu gad aanaa yoo taʼe isaan hin tuffannu. Yihowaan namoota kana erga jaallatee, nuyis isaan jaallachuu akka qabnu beekamaadha.
19 ‘Kan hin fakkeessine.’ Jechi afaan Giriikii “fakkeessituu” jedhamee hiikame, “nama diraamaa keessatti taatuu taʼee taphatu” argisiisuu dandaʼa. Bara duriitti, taatonni Giriikiifi Roomaa yeroo diraamaa taphatan wanta bifasaanii jijjiiru uffatu turan. Kanaaf, jechi afaan Giriikii “fakkeessituu” jedhamee hiikame, nama bifasaa jijjiiruuf fuulasaa wayiin haguuggatu ykn warra kaan dogoggorsu kan argisiisu taʼuu jalqabe. Ogummaan Waaqayyoo kun, namoota hidhata amantii keenya taʼan akkamitti akka qabnu qofa utuu hin taʼin, wanta waaʼeesaanii yaadnurrattis dhiibbaa geessisuu qaba.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Yaaqoob 4:5 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafota Yaaqoobiifi Phexros
4:5—Yaaqoob asirratti caqasa kam caqase? Caqasa kallattiin caqase hin qabu. Taʼus, dubbiin inni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse kun yaadawwan Uumama 6:5; 8:21; Fakkeenya 21:10, akkasumas Galaatiyaa 5:17rratti kan hundaaʼan taʼuu dandaʼu.
(Yaaqoob 4:11, 12 dubbisi.)
w97-AM 11/15 20-21 key. 8
Amantiin Akka Obsinuu fi Kadhannaatti Akka Cimnu Nu Taasisa
8 Obboloota keenyatti hamaa dubbachuun cubbuu dha. (Yaaqoob 4:11, 12) Haa taʼu malee, tokko tokko tarii garmalee qajeelaa of gochuu isaaniitiin kan kaʼe ykn warra kaan tuffachuudhaan of guguddisuu waan barbaadaniif namoota akkuma isaanii Kiristiyaanota taʼan ilaalchisee wanta hamaa taʼe dubbatu. (Faarfannaa 50:20; Fakkeenya 3:29) Jechi Afaan Giriikii ‘hamaa dubbachuu’ jedhamee hiikame jibba kan argisiisu siʼa taʼu, himata arbeeffame ykn soba taʼe dubbachuu argisiisa. Kunis obboleessa tokko irratti murtoo jalʼaa murteessuu wajjin tokko dha. Kun ‘seera irratti hamaa dubbachuu fi seera Waaqayyoo irratti murteessuu’ kan taʼe akkamitti? Barsiistonni seeraa fi Fariisonni ‘ajaja Waaqayyoo malaan dhiisanii’ ulaagaa mataa isaaniitiin murteessu turan. (Maarqos 7:1-13) Haaluma wal fakkaatuun Obboleessa Yihowaan hin balaaleffanne balaaleffachuun ‘seera Waaqayyoo irratti murteessuu’ fi seerichi gaʼumsa hin qabu jechuu hin taʼuu? Karaa sirrii hin taaneen obboleessa keenya kan qeeqnu yoo taʼe seera jaalalaa raawwanneerra jechuu hin dandeenyu.—Roomaa 13:8-10.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Yaaqoob 3:1-18) Yaa obboloota ko, nuti murtii cimaa akka fudhannu waan beektaniif isin keessaa baayʼeen barsiisota hin taʼin. 2 Sababiin isaas hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna. Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu dandaʼu dha. 3 Fardeen akka nuuf ajajamaniif luugama afaan isaaniitti yoo keenye, guutummaa qaama isaaniis toʼachuu dandeenya. 4 Mee dooniiwwanis ilaalaa: Baayʼee guddaa kan taʼanii fi qilleensa jabaadhaan kan oofaman yoo taʼan iyyuu, batoo baayʼee xinnoo taateen gara namni isaan oofu sun barbaadetti geeffamu.5 Haaluma wal fakkaatuun, arrabni kutaa qaamaa ishii xinnoo yoo taate iyyuu akka malee of tuulti. Bosona guddaa tokko gubuuf ibiddi xinnoon illee akka geessu hubadhaa. 6 Arrabnis ibidda dha. Arrabni kutaa qaamaa keenya keessatti addunyaa jalʼinaa bakka buuti; sababiin isaas ishiin guutummaa qaamaa xureessiti, akkasumas guutummaa daandii jireenyaa gubdi, ofii ishiis Gahaannam keessatti gubatti. 7 Bineensonni daggalaa, simbirroonni, warri lafa irra loʼanii fi uumamawwan galaana keessa jiraatan hundinuu namaan leenjifamuu dandaʼu; leenjifamaniirus. 8 Haa taʼu malee, namni arraba leenjisuu dandaʼu tokko illee hin jiru. Arrabni toʼachuuf kan nama rakkistu, kan nama miituu fi summii nama ajjeesuun kan guutamte dha. 9 Arraba keenyaan Yihowaa isa Abbaa taʼe ni galateeffanna; arrabuma kanaanis namoota akka “fakkaatti Waaqayyootti” uumaman ni abaarra. 10 Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi ni baʼu.Yaa obboloota ko, wantoonni kun taʼuu hin qaban. 11 Burqaan tokko boolluma tokko keessaa bishaan miʼaawuu fi bishaan hadhaaʼu burqisiisuu dandaʼaa? 12 Yaa obboloota ko, mukti harbuu firii ejersaa godhachuu yookiin mukti wayinii firii harbuu godhachuu ni dandaʼaa? Akkasumas bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa argamsiisuu hin dandaʼu.13 Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Inni hojii isaa kan raawwatu garraamummaa isa ogummaa irraa maddeen taʼuu isaa amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu. 14 Haa taʼu malee, garaa keessan keessa hinaaffaa fi morkiin yoo jiraate of hin tuulinaa, dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa. 15 Kun ogummaa isa ol gubbaadhaa dhufu miti; kanaa mannaa kan lafaa, kan bineensotaa fi kan jinniiwwanii ti. 16 Sababiin isaas, bakka hinaaffaa fi morkiin jiru hunda, jeequmsii fi wanti gadheen hundi ni jiraata.17 Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha, achiis naga qabeessa, tole kan jedhu, ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame, kan hin loognee fi kan hin fakkeessine dha. 18 Kana malees, warra nagaa uumaniif, firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe keessatti facaafama.
ONKOLOOLESSA 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 PHEEXIROS 1-2
“Qulqulloota Taʼuu Qabdu”
(1 Pheexiros 1:14, 15 dubbisi.)
Furii—‘Kennaa Guutuu’ Abbaa Biraa Argame
5 Maqaa Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Amala keenyaan argisiisuu dandeenya. Yihowaan qulqulluu akka taanu nu irraa eega. (1 Pheexiros 1:15, 16 dubbisi.) Kana jechuun Yihowaa qofa waaqeffachuu fi garaa keenya guutuudhaan isaaf ajajamuu qabna jechuu dha. Yommuu ariʼatamni nu irra gaʼutti illee, qajeelfamaa fi seera isaa isa qajeelaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Qajeelfamawwan Yihowaa hojii irra oolchuudhaan ifni keenya namoota duratti akka ifu goona; kun immoo maqaa Yihowaatiif ulfina fida. (Mat. 5:14-16) Saba Waaqayyoo qulqulloota taʼan waan taaneef, seerawwan Yihowaa faayidaa kan qaban akka taʼanii fi himanni Seexanaa soba taʼuu isaa jireenya keenyaan ni mirkaneessina. Hundi keenya dogoggora ni raawwanna; taʼus yeroo kanatti garaadhaa yaada geddarannee, gochawwan Yihowaadhaaf ulfina hin finne irraa ni fagaanna.—Far. 79:9.
(1 Pheexiros 1:16 dubbisi.)
lvs-AM 77 key. 6
Bashannana Filachuu kan Dandeenyu Akkamitti?
6 Yihowaan, “Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼuu qabdu” jedheera. (1 Pheexiros 1:14-16; 2 Pheexiros 3:11) Yihowaan waaqeffannaa keenya kan fudhatu qulqulluu yoo taʼe qofa dha. (Keessa Deebii 15:21) Wantoota Yihowaan jibbu kan akka gocha naamusaan ala taʼee, hammeenya ykn gocha jinniiwwanii wajjin wal qabatan yoo raawwanne waaqeffannaan keenya qulqulluu taʼuu hin dandaʼu. (Roomaa 6:12-14; 8:13) Kana malees, wantoota akkanaatiin bashannanuun keenyas Yihowaa ni gaddisiisa. Kunis waaqeffannaan keenya akka xuraaʼuu fi Yihowaa duratti fudhatama akka dhabu godha, akkasumas hariiroo isaa wajjin qabnu balleessuu dandaʼa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Pheexiros 1:10-12 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafota Yaaqoobiifi Phexros
1:10-12. Ergamoonni Waaqayyoo dhugaa hafuuraa gadi fagoo gumii Kiristiyaanota dibamoo ilaalchisee, raajonni durii barreessan ilaaluufi hubachuuf hawwii guddaa qabu turan. Taʼus, wantoonni kun ifa kan taʼan erga Yihowaan gumii Kiristiyaanaa kanaa wajjin hariiroo uumee boodadha. (Efe. 3:10) Nutis fakkeenya ergamoota Waaqayyoo hordofuun, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” qoruuf carraaqqii gochuu hin qabnuu?—1 Qor. 2:10.
(1 Pheexiros 2:25 dubbisi.)
it-2-E 565 key. 3
Ilaaltuu Ol Aanaa
Ilaaltuu Ol Aanaa Hunda Irra Caalu. Tokkoffaa Pheexiros 2:25 waaʼee namoota ‘akkuma hoolota karaa irraa maqanii turanii’ kan dubbatu siʼa taʼu, yaada Isaayaas 53:6 irraa fudhatame caqasaa akka jiru ifa dha; Pheexiros itti aansuudhaan, “Amma garuu gara tiksee fi ilaaltuu ol aanaa lubbuu keessaniitti deebitaniittu” jedheera. Qaamni as irratti ibsame Yihowaa kan argisiisu taʼuu qaba, sababiin isaas namoonni Pheexiros isaaniif barreesse Kiristoos Yesuus irraa maqanii hin turre; kanaa mannaa, karaa isaa gara Yihowaatti, jechuunis gara Tiksee saba isaa Isa Guddichaatti deebiʼaniiru. (Far 23:1; 80:1; Er 23:3; Iz 34:12) Kana malees Yihowaan ilaaltuu ol aanaa saba isaa ilaalu ykn qoratu dha. (Far 17:3) Qorannoo gochuun (Afaan Giriikiitiin eeppiskooppee) Yerusaalem ishii Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti ‘yeroo itti qoratamaa turte [Afaan Giriikiitiin eeppiskooppees]’ hin hubannee wajjin haala wal qabateen murtii cimaa inni dabarsuu wajjin wal qabachuu dandaʼa. Yookiin immoo namoota guyyaa Waaqayyo “qoruudhaaf dhufutti [Afaan Giriikiitiin eeppiskooppees]” isaaf ulfina kennanii wajjin haala wal qabateen dhiibbaa gaarii geessisuu fi buʼaa argamsiisuu dandaʼa.—1Ph 2:12.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Pheexiros 1:1-16) Pheexiros isa ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa, warra filatamanii fi Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Eeshiyaa fi Bitiiniyaa keessa tamsaʼanii yeroo gabaabaadhaaf jiraatan, 2 warra Waaqayyo Abbaan dursee beekuudhaan filate, warra Yesuus Kiristoosiif akka ajajamanii fi dhiiga isaatiin akka facaafamaniif hafuuraan qulqulleeffamaniif:Gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa baayʼatu.3 Waaqaa fi Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiif galanni haa gaʼu; sababiin isaas inni gara laafina isaa isa guddaadhaan, karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoos abdii isa jiraataatiif akka haaraatti nu dhalachiiseera; 4 kana kan godhes dhaala hin mancaane, hin xuroofnee fi hin badne akka argannuufi. Dhaalli kunis samii keessatti isiniif kaaʼameera; 5 isin amantii waan qabdaniif Waaqayyo humna isaatiin isin eegeera. Waaqayyo fayyina yeroo dhumaatti mulʼatu sanaaf isin eegaa jira. 6 Yeroo muraasaaf qorumsa garaa garaatiin dhiphachuuf yoo dirqamtan iyyuu sababii kanaatiin amma gammachuu guddaa argachaa jirtu; 7 qorumsawwan kun kan isin irra gaʼan, amantiin keessan inni qoramee mirkanaaʼe, inni warqii isa ibiddaan yoo qorame illee baduu dandaʼu caalaa gatii guddaa qabu sun yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja akka isiniif argamsiisuufi. 8 Isin matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu. Amma isa kan hin argine yoo taʼe illee isatti ni amantu; gammachuu guddaa jechaan ibsamuu hin dandeenyeenis guddaa gammadaa jirtu; 9 sababiin isaas fayyina keessan isa kaayyoo amantii keessanii taʼe ni argattu.10 Raajonni gaarummaa guddaa isiniif kennamu sana ilaalchisee raajii dubbatan sun, waaʼee fayyina kanaa cimsanii barbaadaa fi of eeggannoodhaan qorachaa turan. 11 Hafuurri isaan keessa ture dhiphina hedduu Kiristoos irra gaʼuu fi ulfina sana booda dhufu dursee yommuu dhugaa baʼu, waaʼee yeroo isa kamii yookiin waaʼee waqtii akkamii akka argisiisu beekuuf qorannaa gochuu isaanii itti fufanii turan. 12 Isaan ofii isaanii tajaajilaa akka hin turre isaanitti mulʼifamee ture. Kanaa mannaa, hafuura qulqulluu samiidhaa ergameen karaa namoota misiraachoo isiniif labsan sanaatiin wantoota isinitti himamanii wajjin haala wal qabateen isin tajaajilaa turan. Maleekonni iyyuu wantoota kana xiyyeeffannaadhaan ilaaluuf hawwii guddaa qabu.13 Kanaaf, sammuu keessan hojiidhaaf qopheessaa; dandeettii hubannaa keessan guutummaatti eeggadhaa; abdii keessan gaarummaa guddaa isa yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatu isiniif kennamu sana irra kaaʼadhaa. 14 Akka ijoollee ajajamaniitti, hawwii isa yeroo wallaalummaadhaan turtan sanaan tolfamuu keessan dhiisaa; 15 kanaa mannaa akkuma Isa Qulqulluu isin waame sanaa, isinis amala keessan hundumaan qulqulloota taʼaa; 16 sababiin isaas, “Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼuu qabdu” jedhamee barreeffameera.
ONKOLOOLESSA 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 PHEEXIROS 3-5
“Dhumni Wantoota Hundumaa Dhihaateera”
(1 Pheexiros 4:7 dubbisi.)
‘Dammaqinaan Kadhadhaa’
NAMNI halkan hojii hojjechaa ture tokko, “Halkan keessaa yeroon dammaqanii turuun baayʼee itti nama rakkisu, yeroo lafti bariʼuuf jedhudha” jechuudhaan dubbateera. Namoonni halkan guutuu dammaqinaan turuu qaban kaanis yaada kanarratti akka walii galan hin shakkisiisu. Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran, yeroon biyyi lafaa inni hamaan Seexanni bulchu, isa yeroo kamiiyyuu caalaa badiisnisaa dhihaate kanatti dammaqoo taʼuunsaanii barbaachisaadha. (Rom. 13:12) Yeroo biyyi lafaa baduu jala gaʼe kanatti hirribaan moʼamuun keenya balaa guddaa geessisuu dandaʼa! Kanaaf, ‘hubannaa’ qabaachuufi ‘dammaqinaan kadhachuuf,’ gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo hojiirra oolchuun keenya baayʼee barbaachisaadha.—1 Phe. 4:7, hiika bara 1899.
(1 Pheexiros 4:8 dubbisi.)
w99-AM 4/15 22 key. 3
Karaa Dadhabina Hafuuraa Kam Iyyuu Beekuu fi Moʼuun Itti Dandaʼamu
Dhuma irrattis, gorsa jaalala irratti hundaaʼee fi Pheexiros ergamaan akkana jechuudhaan kenne matumaa irraanfachuu hin qabnu: “Dhumni wantoota hundumaa dhihaateera. Kanaaf, sirriitti kan yaaddan taʼaa, kadhannaa wajjin haala wal qabateenis dammaqoo taʼaa. Hunda caalaa immoo, jaalala guddaa waliif qabaadhaa, sababiin isaas jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Pheexiros 4:7, 8) Dadhabinni keenyas taʼe kan namoota kaanii sammuu fi garaa keenya keessa seenee dhagaa nu gufachiisu akka nutti taʼu heyyamuun salphaa dha. Seexanni dadhabina keenya kana akka gaariitti beeka. Tooftaalee isaa warra haxxee taʼan keessaa inni tokko hihhirii bulchi kan jedhu dha. Kanaaf, cubbuuwwan akkasii jaalala cimaa waliif qabnuun haguuguuf qophaaʼoo taʼuu fi ‘Diyaabilosiif carraa akka hin kennine’ of eeggachuu qabna.—Efesoon 4:25-27.
(1 Pheexiros 4:9 dubbisi.)
Gammachuudhaan Keessummaa Simachuu Amaleeffachuun Baayʼee Barbaachisaa Dha!
2 Gorsi Pheexiros obboloota isaatiif kenne, ajaja “Keessummummaa wal simadhaa” jedhu kan dabalatu dha. (1 Phe. 4:9) Afaan Giriikiitiin jechi “keessummaa simachuu” jedhu, kallattiidhaan hiika “namoota kanaan dura hin beekne jaallachuu ykn gaarummaa itti argisiisuu” jedhu qaba. Haa taʼu malee, Pheexiros as irratti keessummummaa akka ‘wal simatan’ gorsaa kan ture, obboloota isaa warra durumaan wal beekanii fi wantoota tokko tokko waliin hojjechaa turaniini dha. Keessummaa simachuun kan isaan fayyadu akkamitti?
3 Keessummaa simachuun akka walitti dhihaatan taasisa. Mee muuxannoo ofii keessanii yaadaa. Mana nama tokkootti afeeramuu keessaniin gammaddanii hin beektanii? Yeroo gammachiisaa akka waliin dabarsitan hin yaadattanii? Gumii keessan keessaa obboloota tokko tokko yommuu afeertan, michoomni keessan caalaatti hin jabaannee? Obboloota keenya keessummummaa simachuudhaan isa yeroo kaanii caalaa dhuunfaatti isaan beekuu dandeenya. Kiristiyaanonni bara Pheexirositti turan, yeroo rakkinni itti hammaachaa deemetti isa duraa caalaa walitti dhihaachuun isaan barbaachisee ture. Kiristiyaanonni dhugaan “guyyoota dhumaa” kana keessa jiraatanis akkasuma gochuu qabu.—2 Xim. 3:1.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Pheexiros 3:19, 20 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
Macaafni Qulqulluun, Yesus, “Hafuurota warra mana hidhaa keessa jiranitti lallabe” jedha. (1 Phe. 3:19) Kun maal jechuudha?
▪ Phexros ergamaan, ‘hafuuronni kun warra bara Nohitti, yommuu Waaqayyo obsaan isaaniif eeggachaa turetti, utuu hin abboomamin hafan’ akka taʼan ibseera. (1 Phe. 3:20) Phexros yommuu akkas jedhu, waaʼee uumamawwan hafuuraa warra Seexana duukaa buʼuudhaan hammeenya raawwatanii ibsaa akka jiru beekamaadha. Yihudaan, Waaqayyo, ‘ergamoota warra aboo isaanitti kenname irra darbanii, lafa taaʼumsasaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa barabaraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegaa akka jiru’ caqaseera.—Yih. 6.
Bara Nohitti ergamoonni abboomamuu kan didan akkamitti? Bishaan Badiisaa dura, hafuuronni hamoon kun akkaataa Waaqayyo itti isaan uumeen ala foon uffatan. (Uma. 6:2, 4) Achiis, dubartootaa wajjin saalquunnamtii raawwachuudhaan cubbuu hojjetan. Waaqayyo, qaamonni hafuuraa dubartootaa wajjin saalqunnamtii akka raawwatan godhee isaan hin uumne. (Uma. 5:2) Ergamoota hamoofi hin abboomamne kana guyyaa murteessetti ni balleessa. Ammaaf garuu akkuma Yihudaan ibsetti, “dukkana” keessa jechuunis mana hidhaa hafuuraa keessa jiru.
Yesus, ‘hafuurota mana hidhaa keessa jiran’ kanatti kan lallabe yoomiifi akkamitti? Phexros, kun kan taʼe erga Yesus ‘hafuuraan jiraachifamee’ booda akka taʼe barreesseera. (1 Phe. 3:18, 19) Phexros, Yesus ni “lallabe” jedhee dubbachuusaas yaadadhu. Jecha gocha darbe ibsutti fayyadamuunsaa, kun kan raawwatame ergaasaa isa jalqabaa barreessuusaa dura akka taʼe kan argisiisudha. Kanaaf, Yesus erga duʼaa kaafamee yeroo muraasa booda, badiisa hafuurota hamoo kanarratti raawwatamuufi isaaniif malu itti lallabeera jechuun ni dandaʼama. Yeroo kanatti abdii tokkollee isaanitti hin lallabne. Kanaa mannaa badiisni akka isaan eeggatu itti hime. (Yon. 1:1, 2) Yesus, hamma duʼaatti amanamaa taʼuudhaan Seexanni isarratti aboo akka hin qabne waan argisiiseef, sababii guddaa labsii badiisaa isaanirratti dabarsuuf isa dandeessisu qaba.—Yoh. 14:30; 16:8-11.
Yesus, gara fuulduraatti Seexanaafi ergamoota sana hidhuudhaan iddoo isa lafa jalaatti darbata. (Luq. 8:30, 31; Mul. 20:1-3) Ammasitti hafuuronni hin abboomamne kun karaa hafuuraa dukkana limixii keessa kan jiran yommuu taʼu, guutummaatti akka balleeffamanis beekamaadha.—Mul. 20:7-10.
(1 Pheexiros 4:6 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafota Yaaqoobiifi Phexros
4:6—‘Warri duʼaniifi wangeelli lallabameef’ eenyufaʼi? Warra waaʼee wangeelaa dhagaʼuusaanii dura ‘irra-daddarbaafi cubbuusaniitiin karaa hafuuraa duʼanii turan’ kan argisiisudha. (Efe. 2:1) Misiraachichatti erga amananii booda garuu, karaa hafuuraa ‘jiraachuu’ jalqabaniiru.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Pheexiros 3:8-22) Dhuma irrattis, hundi keessan yaadaan tokkummaa qabaadhaa, miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa, akkasumas kan gad of qabdan taʼaa. 9 Hamaa hamaadhaan yookiin arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa. Kanaa mannaa deebisaa eebbisaa; sababiin isaas isin kan waamamtan karaa kana irra deddeebiʼuudhaan eebba akka dhaaltaniifi.10 Kanaaf, “namni jireenya jaallatuu fi guyyoota gaarii arguu barbaadu kam iyyuu arraba isaa wanta hamaa irraa, hidhii isaas gowwoomsaa dubbachuu irraa eeguu qaba. 11 Inni wanta hamaa irraa garagalee wanta gaarii haa raawwatu; nagaa haa barbaadu duukaas haa buʼu. 12 Sababiin isaas iji Yihowaa warra qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhaggeeffata; fuulli Yihowaa garuu warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”13 Dhuguma iyyuu wanta gaariidhaaf yoo hinaaftan eenyutu isin miidha? 14 Haa taʼu malee, qajeelummaadhaaf jettanii rakkinni yoo isin irra gaʼe illee isin gammadoo dha. Taʼus wanta isaan sodaatan hin sodaatinaa, akkasumas hin jeeqaminaa. 15 Haa taʼu malee, Kiristoosiin akka Gooftaatti garaa keessan keessatti qulqulleessaa; akkasumas nama waaʼee abdii keessanii gaaffii isin gaafatu hundumaatiif deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼaa; taʼus kana kan gootan garraamummaa fi ulfina guddaadhaan haa taʼu.16 Namoonni waaʼee keessan wanta gadhee dubbatan, amala gaarii isin duuka buutota Kiristoos taʼuudhaan argisiistaniin kan kaʼe wanta gadhee waaʼee keessan dubbataniin akka qaanaʼaniif qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa. 17 Sababiin isaas fedhii Waaqayyoo yoo taʼe, wanta hamaa gootanii rakkinni isin irra gaʼuu mannaa, wanta gaarii gootanii rakkinni yoo isin irra gaʼe wayya. 18 Sababiin isaas, Kiristoos inni nama qajeelaa taʼe warra jalʼootaaf jedhee cubbuudhaaf yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha duʼeera; kana kan godhes gara Waaqayyootti isin geessuuf jedhee ti. Inni fooniin ajjeefame, garuu hafuuraan jiraataa godhame. 19 Haala kana keessa utuu jiruus, dhaqee hafuurota mana hidhaa keessa jiraniif lallabe; 20 hafuuronni kun warra bara Noh yeroo Waaqayyo obsaan eegaa ture, yeroo dooniin inni namoonni muraasni, jechuunis lubbuun saddeet bishaan irraa itti oolan sun ijaaramaa turetti utuu hin ajajamin hafan sana dha.21 Cuuphaan inni kanaa wajjin wal fakkaatus, amma isin fayyisaa jira (cuuphaan xurii foonii balleessuuf utuu hin taʼin, qalbii gaarii argachuuf kadhannaa Waaqayyoof dhihaatu dha), kan isin fayyisus karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosi. 22 Inni gara samii kan dhaqe siʼa taʼu, mirga Waaqayyoo jira, akkasumas maleekonni, aangoowwanii fi humnoonni akka isaaf bitaman godhamaniiru.
ONKOLOOLESSA 28–SADAASA 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 PHEEXIROS 1-3
‘Dhufa Guyyaa Yihowaa Sammuu Keessanitti Dhiheessaa Yaadaa!’
(2 Pheexiros 3:9, 10 dubbisi.)
Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’
11 Haataʼu malee, jecha Yihowaan “dafee” dhugaa ni baasaaf jedhu akkamitti hubachuu qabna? Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan akka ‘obsu’ (1899) kan argisiisu taʼullee yommuu yeroonsaa gaʼutti dhugaa akka baasu dubbata. (Luqaas 18:7, 8; 2 Phexros 3:9, 10) Bara Nohitti yommuu Bishaan Badiisaa gaʼeefi Bara Looxitti yommuu ibiddi gadi roobe hamoonni balleeffamaniiru. Yesus: “Guyyaa itti ilmi namaa mulʼatuttis akkasuma in taʼa” jedheera. (Luqaas 17:27-30) Ammas hamootarra “badiisi itti hin yaadamin . . . in gaʼa.” (1 Tasaloniiqee 5:2, 3) Dhugumayyuu, Yihowaan haala qajeelummaansaa gaafatuun alatti addunyaan Seexanaa kun guyyaa tokkollee akka turu akka hin heyyamne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
(2 Pheexiros 3:11, 12 dubbisi.)
‘Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhi’aateera’
18 Phexros “dhufa guyyaa Yihowaa” dhiheessinee akka ilaallu nu akeekkachiisuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko, “jireenya qullaaʼaa, jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” jiraachuudhaanidha. (2 Phexros 3:11, 12) Sochiiwwan kanatti qabamuun keenya, “dhufa guyyaa Yihowaa” hawwiidhaan eeggachuuf nu gargaara. Jechi afaan Giriikii ‘eeggachuu’ jedhu, kallattiidhaan yommuu hiikamu “ariifachiisuu” jechuudha. Guyyoota hanga dhufni guyyaa Yihowaa gaʼutti jiran dafnee dabarsuu ykn ariifachiisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Ta’us, tajaajila Yihowaatti kan qabamnu yoo taʼe, yerichi utuu nuti hin beekin darbuufi guyyaa hawwiidhaan eeggannu bira gaʼuu dandeenya.—1 Qorontos 15:58.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(2 Pheexiros 1:19 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafota Yaaqoobiifi Phexros
1:19—“Bakkalcha” kan jedhame eenyu? Kan baʼe yoomi? Kun taʼuusaa akkamitti beekna? “Bakkalcha” kan jedhame Yesus isa aangoo Mootummaa qabatedha. (Mul. 22:16) Bara 1914tti, uumama hundumaa duratti Mootii Mootummaa Masiihichaa taʼee baʼuudhaan, boruun guyyaa haaraa baqaquusaa argisiisu beeksiseera. Yesus haala dinqisiisaa taʼeen jijjiiramuunsaa ulfinaafi aangoo mootummaa fuulduratti argatu raajiidhaan kan ibse siʼa taʼu, kunis raajiin Waaqayyo dubbatu amansiisaa taʼuusaa mirkaneesseera. Dubbii kanaaf xiyyeeffannaa kennuun, garaa keenya keessatti ifni akka baʼu gochuusaarrayyuu, karaa kanaan Bakkalchi baʼuusaa hubanna.
(2 Pheexiros 2:4 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafota Yaaqoobiifi Phexros
2:4—‘Boolli dukkanaa’ maalidha? Ergamoonni Waaqayyoorratti kaʼan achitti kan darbataman yoomi? Jechi “boolla dukkanaa” jedhamee hiikame, afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen “Inxoroxos” jedhama. Inxoroxos, haala mana hidhaa uumamawwan hafuuraa itti hidhaman kan fakkaatudha. Kaayyoo Waaqayyoo isa ifa ilaalchisee yaannisaanii dukkanaan liqimsamuusaa argisiisa. Warri Inxoroxos keessa jiran abdii gara fuulduraa hin qaban. Waaqayyo ergamoota isarratti kaʼan Inxoroxositti kan darbate bara Nohitti siʼa taʼu, hamma balleeffamanitti haala salphinaa akkasii keessa jiraatu.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Pheexiros 1:1-15) Simoon Pheexiros isa garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa, warra qajeelummaa Waaqayyo keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin akkuma keenya amantii gatii guddaa qabu argataniif:2 Beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee Gooftaa keenya Yesuus argattaniin gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa baayʼatu; 3 sababiin isaas humni Waaqummaa isaa isa ulfina isaa fi gaarummaa isaatiin, karaa beekumsa sirrii isa nu waame Sanaatiin wantoota jireenyaa fi namoota Waaqayyoof bulle taanee jiraachuuf nu barbaachisu hunda keenyaaf kenneera. 4 Isin karaa wantoota kanaa mancaʼiinsa addunyaa isa hawwii dogoggoraatiin dhufe jalaa baatanii uumama hafuuraa taʼuudhaan amala waaqummaa irraa qooda akka qabaattaniif, inni karaa wantoota kanaa abdiiwwan gatii guddaa qabanii fi baayʼee guddaa taʼan nuu kenneera.5 Kanaan kan kaʼes, amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa keessan irratti beekumsa dabaluuf wanta dandeessan hunda godhaa; 6 beekumsa keessan irratti of toʼachuu, of toʼachuu keessan irratti jabaattanii dhaabachuu, jabaattanii dhaabachuu keessan irratti Waaqayyoof kan bultan taʼuu, 7 Waaqayyoof kan bultan taʼuu keessan irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa keessan irratti, nama hunda jaallachuu dabaladhaa. 8 Sababiin isaas wantoonni kun isin keessa yoo jiraatanii fi yoo isiniif baayʼatan, beekumsa sirrii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii wajjin haala wal qabateen, hojii kan hiiktanii fi firii kan hin godhanne akka hin taane isin eegu.9 Sababiin isaas namni wantoota kana hin qabne kam iyyuu nama jaamaa ifa akka hin argineef ija isaa dunuunfate dha; cubbuu isaa isa durii irraa qulqullaaʼuu isaas irraanfateera. 10 Kanaaf yaa obbolootaa, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa; sababiin isaas wantoota kana gochuu keessan yoo itti fuftan matumaa hin kuftan. 11 Karaa kanaan balballi gara Mootummaa bara baraa isa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti geessu balʼinaan isiniif banama.12 Kanaaf, isin wantoota kana kan beektanii fi dhugaa isa isin keessa jiru keessa jabaattanii kan dhaabamtan taʼus, yeroo hundumaa waaʼee wantoota kanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. 13 Ani hangan dunkaana kana keessa jirutti wanta kana isin yaadachiisee isin dammaqsuun sirrii natti fakkaata; 14 akkuma Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos anaaf ibsettis, yeroon ani dunkaana kana dhiisee itti deemu akka dhihaate beeka. 15 Erga ani deemee booda, wantoota kana ofuma keessanii yaadachuu akka dandeessaniif, yeroo hunda wanta anaaf dandaʼame nan godha.