Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Sadaasa 2019
SADAASA 4-10
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 YOHAANNIS 1-5
“Addunyaas Taʼe Wantoota Addunyaa Keessa Jiran hin Jaallatinaa”
(1 Yohaannis 2:15, 16 dubbisi.)
w05-AM 1/1 10 key. 13
Fakkeenya Yesuus Of Eeggannoodhaan Hordofi
13 Namoonni tokko tokko wantoonni addunyaa irra jiran hundi dogoggora miti jedhanii yaadu taʼa. Taʼus, addunyaanis taʼe wantoonni inni kan nama hawwatan fakkeessee dhiheessu salphaatti tajaajila Yihowaa irraa xiyyeeffannaa keenya kaachisuu dandaʼu. Kana malees, addunyaan Waaqayyootti akka dhihaannu gochuuf wanti dhiheessu tokkollee hin jiru. Kanaaf, wantoota dogoggora hin qabne yoo taʼan illee jaalalli wantoota addunyaa keessa jiraniif qabnu guddachaa akka deemu kan goonu yoo taʼe, haala balaa geessisu keessa galleerra jechuu dha. (1 Ximotewos 6:9, 10) Dabalataanis, wantoonni addunyaa irra jiran hedduun isaanii gadhee taʼuu isaa irra iyyuu ejjennoo qabnu nu jalaa mancaasuu dandaʼu. Fiilmiiwwanii fi sagantaalee televizyinii hammeenya, qabeenya jaallachuu fi halalummaa jajjabeessan kan ilaallu yoo taʼe, nutis wantoota kana fudhachuuf darbees raawwachuuf qoramuu dandeenya. Namoota jireenya isaanii fooyyessuuf ykn sochii daldalaa isaanii babalʼisuuf fedhii guddaa qabanii wajjin michummaa kan uumnu yoo taʼe, nutis wantoota kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu jalqabuu dandeenya.—Maatewos 6:24; 1 Qorontos 15:33.
(1 Yohaannis 2:17 dubbisi.)
Namoota Akkamii Ta’uu Akka Qabdan Itti Yaadaa
18 ‘Wantoota biyya lafaa’ mo’uuf wanti nu gargaaru gara biraanimmoo, gorsa Yohaannis hafuuraan geggeeffamee, “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata” jedhee barreesse yaadachuu keenyadha. (1 Yoh. 2:17) Sirni Seexanaa kan itti fufuufi amansiisaa fakkaata. Ta’us gaaf tokko baduunsaa hin oolu. Wanti biyyi lafaa inni to’annaa Seexanaa jala jiru kennu kamiyyuu kan itti hin fufne ta’uusaa yaadachuun keenya, gowwoomsaa Seexanaatiif akka hin mo’amne nu gargaara.
Dubbii Waaqayyoo gad Fageenyaan Qoruu
(1 Yohaannis 2:7, 8 dubbisi.)
Yaadachiisni Yihowaa Amanamaadha
14 Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikii, yaadachiisawwan jaalala waliif akka qabaannu nu jajjabeessan hedduu qabataniiru. Yesus abboommiin inni lammaffaan, ‘Nama akka ofiitti jaallachuu’ akka ta’e ibseera. (Mat. 22:39) Obboleessa Yesus kan ta’e Yaaqoobis, jaalalli “seera mootichaan kenname” akka ta’e dubbateera. (Yaq. 2:8) Yohannis ergamaan, “Michoota ko! Abboommii moofaa isa durii durii jalqabee isin bira ture malee, amma abboommii haaraa isiniif hin caafu” jechuudhaan barreesseera. (1 Yoh. 2:7, 8) Yohannis waa’ee “abboommii moofaa” yommuu caqasu waa’ee maalii dubbachuusaa ture? Waa’ee abboommii jaalala ilaalchisee kennamee dubbachuusaa ture. Abboommiin kun “durii durii jalqabee,” jechuunis waggaa baay’ee dura Yesus waan isaanii kenneef, “moofaa” jedhamuu danda’a. Haata’u malee abboommiin kun, jaalala fedhii ofii aarsaa gochuu duuka buutonni Yesus haala haaraa isaan mudatu keessatti argisiisan waan ta’eef, “haaraa” jedhamees waamameera. Maarree duuka buutota Kiristos waan taaneef, akeekkachiisa amala ofittummaa isa biyyi lafaa kun ittiin beekamuufi jaalala namootaaf qabnu nu jalaa mancaasurraa akka of eegnu nuu kennamu hojiirra oolchuu hin qabnuu?
(1 Yohaannis 5:16, 17 dubbisi.)
it-1-E 862 key. 5
Dhiifama Gochuu
Warra kaaniifis taʼe guutummaan gumichaa dhiifama Waaqayyoo akka argatuuf kadhachuun barbaachisaa dha. Museen Israaʼeloota wajjin haala walqabateen cubbuu guutummaan saba Israaʼel hojjete ifatti dubbateera, akkasumas Yihowaan akka isaaniif dhiifama godhu isa gaafateera; Yihowaanis kadhannaa isaa isaaf dhagaʼeera. (Lak 14:19, 20) Kana malees, Solomoon yeroo manni qulqullummaa tajaajila Yihowaatiif murteeffametti, Yihowaan cubbuu hojjetanii fi gocha isaanii isa dogoggora taʼe irraa yommuu deebiʼan saba isaatiif dhiifama akka godhu Yihowaatti kadhannaa dhiheessee ture. (1Mot 8:30, 33-40, 46-52) Izraan Yihudoota boojuudhaa deebiʼan bakka buʼee cubbuu guutummaan sabichaa raawwate ifatti ibseera. Kadhannaa garaadhaa madde dhiheesseenii fi gorsa cimaa inni kenneen kan kaʼe, sabichi dhiifama Yihowaa argachuuf tarkaanfii fudhateera. (Iz 9:13–10:4, 10-19, 44) Yaaqoob namoota karaa hafuuraa dhukkubsatan akka isaaniif kadhataniif jaarsolii akka waammatan isaan jajjabeesseera, akkasumas “cubbuu hojjeteera yoo taʼes isaaf ni dhiifama” jedhee dubbateera. (Yaq 5:14-16) Haa taʼu malee, “cubbuun duʼa fidu jira,” innis cubbuu hafuura qulqulluu irratti raawwatamu, jechuunis namni tokko taʼe jedhee cubbuu kan raawwatu yoo taʼe dhiifama hin argatu. Kiristiyaanni tokko namoota cubbuu akkasii raawwataniif kadhachuu hin qabu.—1Yo 5:16; Mat 12:31; Ibr 10:26, 27; CUBBUU, 1(SIN, I); HAFUURA (SPIRIT) isa jedhu ilaali.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Yohaannis 1:1–2:6 dubbisi.)
SADAASA 11-17
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 YOHAANNIS 1–YIHUDAA
“Dhugaa Keessa Jiraachuuf Jabaannee Loluu Qabna”
(Yihudaa 3 dubbisi.)
w04-AM 9/15 11-12 key. 8-9
“Gooftaa Irraa Jabina Argachuu Keessan Itti Fufaa”
8 Kitaabni Qulqulluun malawwan Seexanni itti fayyadamu guguddaa waan nuuf ibsuuf kaayyoon isaa maal akka taʼe sirriitti beekna. (2 Qorontos 2:11) Diyaabilos Iyoob isa nama qajeelaa ture irratti kasaaraa dinagdee guddaa isa irraan geessiseera; namoota jaallatu jalaa ajjeeseera; maatiin isaa akka isa mormu kakaaseera; akka dhukkubsatu godheera; akkasumas namoonni michoota sobaa taʼan akka isa ceephaʼan godheera. Iyoob dhiphatee kan ture taʼuu isaa irra iyyuu Waaqayyo akka isa gate isatti dhagaʼameera. (Iyo 10:1, 2) Seexanni yeroo harʼaatti kallattiidhaan rakkoowwan akkasii fiduu baatus, rakkoowwan kun Kiristiyaanoota hedduu irra kan gaʼan yeroo taʼu, Diyaabilos rakkoowwan kana kaayyoo isaa raawwachuuf isaanitti fayyadama.
9 Yeroo gara dhumaa kanatti balaawwan hafuuraa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufaniiru. Kan jiraannu addunyaa galmawwan hafuuraa mannaa, qabeenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennu keessa dha. Sabqunnamtiin saalqunnamtii seeraan ala taʼe madda gaddaa akka taʼetti utuu hin taʼin madda gammachuu akka taʼetti irra deddeebiʼee dhiheessa. Kana malees namoonni hedduun, “Waaqayyoon jaallachuu caalaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” taʼaniiru. (2 Ximotewos 3:1-5) ‘Amantiidhaaf jabaanne yoo lolle’ malee, ilaalchi akkasii gama hafuuraatiin madaallii keenya akka dhabnu nu taasisuu dandaʼa.—Yihudaa 3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Yihudaa 4 dubbisi.)
(Yihudaa 12 dubbisi.)
it-2-E 279
Affeerraa Jaalalaa
Kitaabni Qulqulluun waaʼee affeerraa jaalalaa kanas taʼe yeroo meeqa meeqatti akka raawwatamu wanta ibsu hin qabu. (Yih 12) Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos ykn ergamoonni isaa affeerraan kun akka kabajamu kan hin ajajne taʼuu isaa irra iyyuu dirqama kabajamuu kan qabu ykn dhaabbataa akka taʼetti fudhatamuu kan qabu hin fakkaatu. Namoonni tokko tokko yeroon Kiristiyaanonni sooreyyii taʼan affeerraa nyaataa qopheessanii obboloota isaanii hiyyeeyyii taʼan itti affeeran jira ture jedhanii dubbatu. Kana malees, ijoollee abbaa hin qabne, dubartoota abbootiin manaa isaanii jalaa duʼan, sooressonnii fi kan gargaarsi isaan barbaachisu obboloota isaanii hafuuraa wajjin minjaala nyaataan guutame irraa nyaatu turan.
it-2-E 816
Kattaa
Jechi Afaan Giriikii ispiilas (spi·lasʹ) jedhu kattaa ykn qarsaa bishaan jala dhokatee jiru kan argisiisu akka taʼe haala isaa irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Yihudaan jecha kana namoota ilaalcha isaanii isa mancaʼaa wajjin gumii Kiristiyaanaa keessa dhokatan fakkeenyaan ibsuuf itti fayyadameera. Akkuma kattaan dhokate doonii irra balaa geessisu, namoonni kunis obboloota gumii keessa jiranitti balaa guddaa fidu. Yihudaan namoota kana ilaalchisee akkana jedheera: “Namoonni kun, afeerraa jaalala obbolootaaf qabdan argisiisuuf qopheessitan irratti ni argamu. Haa taʼu malee, isaan dhagoota bishaan keessa dhokatani dha.”—Yihudaa 12.
(Yihudaa 14, 15 dubbisi.)
‘Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera’
Raajiin Henok dubbate maal ture? Raajiin sun, “Kunoo, Yihowaan maleekota isaa qulqulluu kumaatama hedduu wajjin dhufeera; kan dhufes hundumaatti murteessuuf, akkasumas wanta gadhee namoonni hamoon hundi karaa Waaqayyoof ulfina hin fidneen hojjetan hundaa fi wantoota suukanneessaa namoonni Waaqayyoon hin sodaanne isa irratti dubbataniif isaanitti murteessuuf jedhee ti” kan jedhu ture. (Yihudaa 14, 15) Henok seenaa kana kan dubbate akka waan darbeetti, jechuunis akka waan Waaqayyo wanta raajiidhaan dubbatame sana raawwatetti akka taʼe hubatteetta taʼa. Raajiiwwan sana booda dubbataman hedduun kan barreeffaman haala kanaan ture. Yaanni isaa kana dha: Raajichi wanta raawwatamuun isaa hin oollee fi akka waan raawwatameetti ibsamuu dandaʼu tokko dubbachaa jira!—Isaayaas 46:10.
‘Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera’
Amantiin Henok qabu nutis addunyaa keessa jiraannu kana kan ilaallu akka Waaqayyo ilaalutti taʼuu fi dhiisuu isaa akka of gaafannu nu kakaasa. Murtiin Henok ija jabinaan labse akkuma yeroo sanaatti, addunyaa yeroo ammaa jiruufis barbaachisaa dha. Yihowaan akeekkachiisa Henokii wajjin haala wal simuun, addunyaa bara Nohi turee fi Waaqayyoof ulfina hin fidne sana irratti Bishaan Badiisaa guddaa fideera. Haa taʼu malee, badiisni sun badiisa guddaa gara fuulduraatti dhufuuf fakkeenya taʼa. (Maatewos 24:38, 39; 2 Phexros 2:4-6) Waaqayyo yeroo ammaattis akkuma yeroo sanaa, addunyaa Waaqayyoof ulfina hin fidne kana irratti murtii qajeelaa taʼe dabarsuuf qulqulloota isaa kumaatamaa wajjin qophaaʼee eegaa jira. Tokkoon tokkoon keenya akeekkachiisa Henok yaadatti qabachuu fi warra kaanitti himuun nu barbaachisa. Maatiin keenyaa fi michoonni keenya ejjennoo nu irraa adda taʼe kan qaban taʼuu dandaʼu. Kanaafuu, yeroo tokko tokko kophummaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan Henokiin hin gatne; tajaajiloota isaa amanamoo yeroo harʼaa jiranis hin gatu!
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Yohaannis 1-13 dubbisi.)
SADAASA 18-24
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 1-3
“Ani Hojii Kee . . . Beeka”
(Mulʼata 1:20 dubbisi.)
Hafuura Akkamii Argisiistu?
8 Yesus Macaafa Qulqulluu keessatti, “harka isaa mirgaa keessaa urjoota torba” akka qabutti fakkeeffamuusaa yaadachuun keenya hafuura akkasiirraa fagaachuuf nu gargaara. ‘Urjoonni’ kun, adda durummaadhaan Kiristiyaanota dibamoo ilaaltota olaanaa taʼan kan argisiisan siʼa taʼu, ilaaltota olaanaa gumii keessatti tajaajilan kaanis kan bakka buʼanidha. Yesus “urjoota” harkasaa keessa jiran sana, kallattii sirrii akka taʼe isatti dhagaʼamu kamittiyyuu isaan qajeelchuu dandaʼa. (Mul. 1:16, 20) Kanaaf, Yesus Mataa gumii Kiristiyaanaa waan taʼeef, qaama jaarsolii guutummaatti toʼata. Qaama kana keessaa namni tokko dhugumaan sirreeffamni kan isa barbaachisu yoo taʼe, Yesus inni ‘ijisaa akka barbadaa ibiddaa’ taʼe, yeroofi karaa barbaadeen tarkaanfiin akka fudhatamu godha. (Mul. 1:14) Hammasitti garuu, gorsa Phaawulos namoota hafuura qulqulluudhaan muudamaniif kabaja akka laannu nuu kenne hordofuu qabna. Akkas jedheera: “Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waaʼee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf! Kanas gaddaan utuu hin taʼin, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif baʼeessa miti.”—Ibr. 13:17.
(Mulʼata 2:1, 2 dubbisi.)
Yihowaan Fayyina Akka Argannuuf Nu Eega
11 Mulʼanni, Macaafa Mulʼataa boqonnaa 2fi 3rratti galmeeffame, Yesus Kiristos inni ulfina gonfate wanta gumiiwwan torban Asiyaa Ishee Xinnoo keessatti raawwatame akka ilaale ibsa. Mulʼanni kun Yesus wanta raawwatamu dimshaashaan qofa utuu hin taʼin tokko tokkoon akka ilaalu kan argisiisudha. Namoota tokko tokko dhuunfaadhaan kan caqase siʼa taʼu, galateeffateera ykn gorsa barbaachisu kenneera. Kun maal argisiisa? Gumiiwwan torban kun Kiristiyaanota dibamoo bara 1914 kaasee jiran kan argisiisan siʼa taʼu, gorsi gumiiwwan torbaniif kennamemmoo akka seera buʼuuraatti gumiiwwan saba Waaqayyoo yeroo harʼaa addunyaa maratti argaman hundaaf kan hojjetudha. Kanaaf yeroo harʼaa Yihowaan Ilmasaatti fayyadamee sabasaa geggeessaa jira jechuun ni dandaʼama. Maarree qajeelfama inni kennurraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
w01-AM 1/15 20-21 key. 20
Jaarmiyaa Yihowaa Wajjin Qixxee Deemaa
20 Jaarmiyaa Yihowaa isa guddachaa deemuu wajjin qixxee deemuun gaʼee Waaqayyo “gumichaaf mataa” akka taʼu Yesuus Kiristoosiif kenne amananii fudhachuu gaafata. (Efesoon 5:22, 23) Isaayaas 55:4, “Kunoo, ani [Yihowaan] . . sabaaf dhuga-baatuu godheera, inni sabaaf dura-buutuu fi ajajjuu ta’eera” kan jedhu taʼuun isaas xiyyeeffannaa keenya harkisa. Yesuus akkamitti akka geggeessu akka gaariitti beeka. Hoolota isaas taʼe hojii isaanii beeka. Gumiiwwan Eeshiyaa Ishii Xinnoo keessa jiran torba yeroo qoretti siʼa shan, “Ani hojii kee . . . beeka” jedheera. (Mulʼata 2:2, 19; 3:1, 8, 15) Kana malees, Yesuus akkuma Abbaa isaa Yihowaa wanta nu barbaachisu beeka. Yesuus kadhannaa fakkeenya taʼu barsiisuu isaa dura, “Abbaan keessan utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta isin barbaachisu beeka” jedheera.—Maatewos 6:8-13.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Mulʼata 1:7 dubbisi.)
Mootummaan Waaqayyoo Diinotasaa Ni Balleessa
10 Murtoo kennuu. Diinonni Mootummaa Waaqayyoo hundi wanta dhiphinnisaanii akka itti caalu godhu arguuf dirqamu. Yesus, “Yommus ilmi namaa humna guddaadhaan ulfinaanis duummessootaan utuu dhufuu in argu” jechuudhaan dubbateera. (Mar. 13:26) Yesus haala humna guddaa akka qabu argisiisuun ibsamuunsaa murtoo kennuuf akka dhufu kan argisiisudha. Yesus guyyoota gara dhumaa ilaalchisee raajii dubbaterratti murtoo yeroo kanatti kennuu wajjin haala wal qabateen ibsa balʼaa kenneera. Yaada kana fakkeenya hoolotaafi reʼoota ilaalchisee dubbaterraa hubachuu ni dandeenya. (Maatewos 25:31-33, 46 dubbisi.) Namoonni Mootummaa Waaqayyoo amanamummaadhaan deggeran ‘hoolotatti’ kan fakkeeffaman yommuu taʼu, ‘furamuunsaanii akka dhihaate’ waan hubataniif ‘mataasaanii ol qabu.’ (Luq. 21:28) Namoonni Mootummicha morman garuu “reʼootatti” kan fakkeeffaman yommuu taʼu, ‘gara adaba barabaraatti’ kan darbataman taʼuusaanii waan hubataniif ni “booʼu.”—Mat. 24:30; Mul. 1:7.
(Mulʼata 2:7 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Tokkoffaa
2:7—“Jannata Waaqayyoo” kan jedhame maalidha? Yaanni kun kan barreeffame Kiristiyaanota dibamoodhaaf waan ta’eef, asirratti jannanni kun, jireenya samii jannatatti fakkeeffame, jechuunis bakka Waaqayyo itti argamu kan argisiisu ta’uu qaba. Dibamtoonni amanamoo ta’an “muka ija isaa nyaatanii jiraatan” nyaachuudhaan eebbifamu. Sana booda matumaa hin du’an.—1 Qor. 15:53.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Mulʼata 1:1-11 dubbisi.)
SADAASA 25–MUDDEE 1
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | MULʼATA 4-6
“Abboota Fardeenii Gulufan Arfan”
(Mulʼata 6:2 dubbisi.)
Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?
Inni farda adii gulufu eenyu? Wanti eenyummaa isaa beekuuf nu gargaaru Kitaabuma Mulʼataa keessatti ibsameera; kitaabichi gara dhumaa isaa irratti isa farda kana gulufu “Dubbii Waaqayyoo” jedhee isa waameera. (Mulʼata 19:11-13) Maqaan ulfinaa Dubbicha jedhu kun, Yesuus Kiristoos isa bakka Waaqayyoo buʼee dubbatu argisiisa. (Yohaannis 1:1, 14) Kana malees, “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa,” akkasumas “Amanamaa fi Dhugaa” jedhamee waamameera. (Mulʼata 19:16) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yesuus mootii goota taʼe dha; akkasumas aangoo isaa karaa dogoggoraatiin ykn karaa nama hacuucuun itti hin fayyadamu. Taʼus, gaaffiiwwan tokko tokko ni kaʼu.
wp17.3 4 key. 5
Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?
Abbootiin fardeenii kun gulufuu kan jalqaban yoomi? Yesuus inni farda isa jalqabaa gulufu, gulufa isaa kan eegalu yommuu gonfoo fudhatu akka taʼe hubadhu. (Mulʼata 6:2) Maarree Yesuus samii irratti Mootii taʼee gonfoo isaa kan fudhate yoomi? Akkuma duʼaa kaʼee gara samiitti deebiʼetti hin turre. Kitaabni Qulqulluun, Yesuus yeroo sanaa kaasee yeroo itti bulchuu jalqabu eegaa akka ture ibsa. (Ibroota 10:12, 13) Yesuus, mallattoo yeroon inni eegaa ture sun yoom akka xumuramuu fi bulchiinsi isaa samii irratti yoom akka jalqabu argisiisu, duuka buutota isaatti himeera. Jalqaba bulchiinsa isaatti haalli addunyaa caalaatti hammaachaa akka adeemu dubbateera. Yeroo sanatti waraanni, hanqinni nyaataa fi golfaan ni taʼa. (Maatewos 24:3, 7; Luqaas 21:10, 11) Waraanni Addunyaa inni Tokkoffaan bara 1914tti kaʼee yeroo muraasa booda, ilmaan namootaa yeroo rakkinaan guutamee fi Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamutti akka seenan ifa taʼe.—2 Ximotewos 3:1-5.
(Mulʼata 6:4-6 dubbisi.)
Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?
Abbaan fardaa kun waraana argisiisa. Nagaa kan fudhatu biyyoota muraasa irraa utuu hin taʼin, guutummaa lafaa irraa akka taʼe hubadhu. Bara 1914tti seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif addunyaa maratti waraanni ni jalqabe. Itti aansuudhaanis waraanni addunyaa inni lammaffaan caalaatti badii guddaa geessise ni kaʼe. Bara 1914 kaasee namoonni waraanaa fi walitti buʼiinsaan ajjeefaman, walumaa galatti miliyoona 100 ol akka taʼan tilmaamama! Kana malees, namoonni hedduun kaan immoo hirʼinni qaamaa guddaan isaan irra gaʼeera.
wp17.3 5 key. 4-5
Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?
“Anis nan arge, kunoo, fardi gurraachi tokko jira ture; inni isa irra taaʼe harka isaatti madaallii qabatee ture. Sagaleen uumamawwan jiraatoo arfan sana gidduudhaa kan dhufe fakkaatu tokkos, ‘Qamadii kiiloo tokko dinaaree tokkoon, garbuu kiiloo sadii dinaaree tokkoon; zayitii ejersaa fi daadhii wayinii hin miidhin’ yommuu jedhu nan dhagaʼe.”—Mulʼata 6:5, 6.
Abbaan fardaa kun beela argisiisa. As irratti hanqinni nyaataa waan uumameef qamadiin kiiloo tokko dinaaree tokkoon akka gurguramu kan ibsame siʼa taʼu, jaarraa jalqabaatti dinaareen tokko miindaa guyyaa tokkoo ture! (Maatewos 20:2) Garbuun inni qamadii gadi akka taʼetti ilaalamu immoo, diinaaree tokkoon kiiloo sadiitu bitama ture. Namni maatii balʼaa qabu midhaan kana akkamitti maatii isaa waliin gaʼuu dandaʼa? Akkasumas, zayitii ejersaa fi daadhii wayinii akka qusatan kan akeekkachiise siʼa taʼu, bara sanatti wantoonni kun, wantoota buʼuuraa akka taʼanitti ilaalamu turan.
(Mulʼata 6:8 dubbisi.)
wp17.3 5 key. 8-10
Abbootiin Fardeenii Arfan—Eenyufaʼi?
Abbaan fardaa inni arfaffaan namoota sababii golfaa fi sababa biraatiin duʼan argisiisa. Bara 1914 booda utuma baayʼee hin turin, dhukkubni Ispaanish filuu jedhamu namoota miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman galaafateera. Namoonni miliyoona 500 taʼan, jechuunis namoota yeroo sanatti addunyaa irra turan 3 keessaa 1 dhukkuba kanaan qabamee akka ture tilmaama!
Haa taʼu malee, Ispaanish filuun isa jalqabaa qofa ture. Hayyoonni tokko tokko akka tilmaamanitti jaarraa 20ffaatti namoonni miliyoona 300 ol dhukkuba maariyyeetiin (smallpox) duʼaniiru. Yeroo harʼaatti illee, gama yaalii fayyaatiin sadarkaa guddaa irra kan gaʼame taʼus, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Eedsii, daranyoo sombaa fi busaadhaan dhumaa jiru.
Waraanni, beellii fi golfaan dhuma irratti duʼa geessisuun isaanii hin oolu. Awwaalli utuu wal irraa hin kutin namoota duʼan walitti sassaabaa jira.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Mulʼata 4:4 dubbisi.)
(Mulʼata 4:6 dubbisi.)
re-AM 76-77 key. 8
Ulfinaa fi Surraa Teessoo Mootummaa Yihowaa Isa Samii
8 Yohaannis godoo qulqullaaʼaa durii keessatti luboonni muudamanii tajaajilaa akka turan beeka. Kanaaf wantoota armaan gadii arguun isaa isa dinqisiisuu hin oolu: “Naannoo teessichaa hunda teessoowwan 24 jiru turan, teessoowwan sana irra jaarsoliin 24 uffata aʼadii uffatanii, akkasumas mataa isaaniitti gonfoowwan warqii kaaʼatanii utuu taaʼanii nan arge.” (Mulʼata 4:4) Eeyyee, as irratti Yohaannis luboota utuu hin taʼin jaarsolii akka moototaa teessoo irra taaʼanii fi gonfoo godhatan 24 arge. Jaarsoliin kun eenyufaʼi? Gumii Kiristiyaanota dibamoo duʼaa kaafamanii akkuma Yihowaan waadaa isaaniif galetti iddoo isaanii isa samii qabatan malee eenyu iyyuu taʼuu hin dandaʼu. Kana akkamitti beekuu dandeenya?
re-AM 80 key. 19
Ulfinaa fi Surraa Teessoo Mootummaa Yihowaa Isa Samii
19 Uumamawwan jiraatoon kun maal argisiisu? Wanti raajiin kan biraan Hisqiʼel jedhamu tokko dubbate deebii isaa beekuuf nu gargaara. Hisqiʼel Yihowaan konkolaataa uumamawwan jiraatoo Yohaannis ibsee wajjin walfakkaataniin marfame irra taaʼee isa argee ture. (Hisqiʼel 1:5-11, 22-28) Hisqiʼel yeroo boodas konkolaataa teessoon Yihowaa irra jiru uumamawwaan jiraatoodhaan marfamee siʼa lammaffaadhaaf argee ture. Haa taʼu malee yeroo kanatti uumamawwan jiraatoon kun kirubeelota akka taʼan dubbateera. (Hisqiʼel 10:9-15) Uumamawwan jiraatoon arfan Yohaannis arge, kirubeelota hedduu jaarmiyaa hafuuraa Yihowaa keessatti aangoo guddaa qaban kan argisiisan taʼuu qabu. Godoo qulqullaaʼaa durii keessatti qadaaddii saanduqa kakichaa isa teessoo Yihowaa akka fakkeenyatti argisiisu irra kirubeeloonni warqii irraa hojjetaman kan mulʼatan waan turaniif, Yohaannis kirubeelonni Yihowaa wajjin baayʼee walitti dhihaatanii arguun isaa haaraa isatti hin taane. Sagaleen Yihowaa Kirubeeloota sana gidduu darbuudhaan saba Israaʼeliif ajaja kenna ture.—Baʼuu 25:22; Faarfannaa 80:1.
(Mulʼata 5:5 dubbisi.)
“Kunoo, Leencichi Gosa Yihudaa”
5 Yeroo baayʼee, leenci ija jabinaa wajjin wal qabsiifamee ibsama. Leenca guddaa ijaan argitee beektaa? Taanaan, bineensa kanatti dhihaachuu kan dandeesse, bineensi kun dallaa isaaf ijaarame keessa waan jiruuf akka taʼe beekamaadha. Leenca dallaa keessa jirullee ilaaluun nama sodaachisuu dandaʼa. Yommuu fuula bineensa guddaafi humna qabeessa taʼe kanaa ilaaltuufi innis si ilaalu, bineensi kun sodaatee baqachuu dandaʼa jettee yaaduun matumaa waan hin fakkaannedha. Macaafni Qulqulluun, “Leenci bineensota hundumaa keessaa jabaa dha, wanta hundumaa irraas hin deebiʼu” jedha. (Fakkeenya 30:30) Kiristosis ija jabina akkasii argisiiseera.
6 Yesus karaawwan sadiin, jechuunis dhugaadhaaf dhaabachuu, murtoo qajeelaa deggeruufi mormii isarra gaʼu dura dhaabachuudhaan ija jabina akka leencaa qabaachuusaa akkamitti akka argisiise haa ilaallu. Nuyis uumamaan ija jabeeyyii taanus taʼuu baannus, ija jabina argisiisuudhaan akkamitti fakkeenya Yesus hordofuu akka dandeenyu ilaalla.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Mulʼata 4:1-11 dubbisi.)