LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Ebla ful. 7
  • “Waaqayyolii Ormaa kan Qabdan Of Gidduudhaa Baasaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Waaqayyolii Ormaa kan Qabdan Of Gidduudhaa Baasaa”
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gochi Hafuurota Xuraaʼoo Wanta Miidhaa hin Qabnedhaa?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Gargaarsa Yihowaatiin Hafuurota Hamoo Mormaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Kitaabni Qulqulluun Gocha Hafuurota Hamoo Irratti Hirmaachuu Ilaalchisee Maal Barsiisa?
    Dammaqaa!—2017
  • Yihowaa Qofa Waaqeffadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Ebla ful. 7
Namichi tokko faaya mormaa calleedhaan hojjetamee fi gochaa hafuurota xuraaʼoo wajjin walqabatu gataa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Waaqayyolii Ormaa kan Qabdan Of Gidduudhaa Baasaa”

Yaaqoob seerri waaʼee waaqolii sobaa dubbatu yeroo hin kennamnetti illee guutummaatti waaqeffatamu kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe beeka ture. (Bau 20:3-5) Kanaaf, Yihowaan Yaaqoob gara Betʼelitti akka deebiʼu yommuu isatti himu, Yaaqoob namoonni isa wajjin jiran hundi waaqolii sobaa isaanii akka baasanii gatan isaan ajaje. Achiis lootii akka kudhaamaatti godhatan dabalatee waaqolii sobaa sana hunda ni balleesse. (Uma 35:1-4) Tarkaanfiin Yaaqoob fudhate Yihowaa akka gammachiise homaa hin shakkisiisu.

Yeroo harʼaatti hoo Yihowaadhaaf qofa waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota waaqolii sobaa ykn hafuurota xuraaʼoo wajjin wal qabatan kam iyyuu balleessuun keenya barbaachisaa dha. Kunis meeshaalee ykn miʼoota gocha hafuurota xuraaʼoo wajjin walqabatan kam iyyuu balleessuu fi wanta itti bohaarru qorachuu kan dabalatu dha. Fakkeenyaaf, akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Kitaabota ykn fiilmiiwwan waaʼee vaanpaayarotaa, zoombiiwwanii ykn namoota humna addaa qaban dubbataniin bohaaruun na gammachiisaa? Bohaartiin filadhu falfala raawwachuun, dawweessuun ykn abaarsi wantoota rakkina hin qabne akka taʼanitti kan argisiisuu dhaa?’ Wanta Yihowaan jibbu kam irraa iyyuu fagaachuu qabna.—Far 97:10.

VIIDIYOO ‘DIYAABILOSIIN MORMAA’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Mucaa siree irra ciisee jiruu fi harka isaa irratti kudhaamni hidhamee jiru tokko. Duuba isaatiin haati isaa ishiin barattuu Kitaaba Qulqulluu taate, hiriyoota gaaʼelaa ishii qoʼachiisan wajjin haasaʼaa jirti.

    Barattuu Kitaaba Qulqulluu Paaleesaa jedhamtu irra rakkinni akkamii gaʼaa ture?

  • Hiriyoonni gaaʼelaa sunii fi barattuun Kitaaba  Qulqulluu sun jaarsolii gumii irraa gargaarsa argachaa jiru.

    Rakkinni hafuurota xuraaʼoo wajjin walqabatu yoo jiraate gargaarsa jaarsolii gumii gaafachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Barattuun Kitaaba Qulqulluu sun kudhaama harka mucaa ishii irra jiru gubaa jirti

    Diyaabiloosiin mormaa; gara Waaqayyootti dhihaadhaa.—Yaq 4:7, 8

    Namoonni eegumsa Yihowaa argachuu barbaadan hundi wanta akkamii balleessuu qabu?

  • Paaleesaan daftee tarkaanfii akkamii fudhatte?

  • Iddoo jiraatanitti, dhiibbaa hafuurota xuraaʼoo irraa bilisa taʼuuf maalfaa gochuu dandeessu?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi