AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU | UUMAMA 40-41
Yihowaan Yoseefiin Oolcheera
Yoseef Yihowaan isa oolchuu isaa dura garba taʼuudhaanii fi mana hidhaa keessatti waggoota 13f rakkina adda addaa argeera. Yoseef rakkoowwan kanaan garmalee gadduu mannaa rakkoowwan kun akka isa cimsan heyyameera. (Far 105:17-19) Yihowaan matumaa akka isa hin dhiisne beeka ture. Yoseef haalawwan isa mudatan keessatti wanta dandaʼu hunda kan godhe akkamitti?
Nama jabaatee hojjetuu fi amanamaa waan tureef Yihowaan carraaqqii isaa eebbiseera.—Uma 39:21, 22
Namoota isa miidhan adabuuf yaaluu mannaa gaarummaa isaanitti argisiiseera.—Uma 40:5-7
Seenaan Yoseef rakkina na irra gaʼaa jiru dandamachuuf kan na gargaaru akkamitti?
Yihowaan yeroo Armaagedoonitti hanga na oolchutti, haalawwan na mudatan keessatti wantan dandaʼu hunda gochuu kanan dandaʼu akkamitti?