BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 48-50
Maanguddoonni Wantoota Gaggaarii Dubbatan Hedduu Qabu
Maanguddoonni ‘gocha dinqisiisaa’ Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti raawwatee fi ija isaaniitiin argan yommuu nutti himan amantiin Yihowaa fi waadaa inni gale irratti qabnu caalaatti cima. (Far 71:17, 18) Maanguddoonni akkasii gumii keessan keessa jiru yoo taʼe gaaffiiwwan armaan gadii isaan gaafadhaa:
Yommuu isa tajaajilanitti rakkoowwan isaan mudate akka moʼan Yihowaan kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe
Waggoottan dabarsanitti lakkoofsi babalʼistootaa baayʼee dabaluu isaatiin wanta isaanitti dhagaʼamu
Hubannoo haaraa dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti arganne ilaalchisee wanta isaanitti dhagaʼame
Jijjiiramawwan garaa garaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti argan ilaalchisee wanta isaanitti dhagaʼame