MATA DUREE QOʼANNAA 44
FAARFANNAA 138 Bareedina Harrii
Bara Dullumaatti Gammachuu Keessan Eeggadhaa
“Bara dullumaatti . . . ni dagaagu.”—FAR. 92:14.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti maanguddoonni gammachuu isaanii eeggachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi kana gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.
1-2. Yihowaan maanguddoota amanamoo akkamitti ilaala? (Faarfannaa 92:12-14; fakkii ilaali.)
NAMOONNI addunyaa maratti argaman dullumaaf ilaalcha adda addaa qabu. Fakkeenyaaf, jalqaba yeroo itti harrii baaste ni yaadattaa? Tarii namni kamiyyuu arguusaa dura buqqisuuf qoramtee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, harrii sana buqqisuun kee harriin dabalataa akka hin biqille akka hin goone hubatte. Fakkeenyi kun namoonni hedduun dulloomuu dhiisuuf hangam carraaqqii akka godhan argisiisa.
2 Haa taʼu malee, Abbaan keenya inni samii tajaajiltootasaa dulloomaniif ilaalcha adda taʼe qaba. (Fak. 16:31) Muka dagaagaa jirutti isaan fakkeesseera. (Faarfannaa 92:12-14 dubbisi.) Mukaa wajjin kan wal fakkeesse maaliifi? Mukeetiin umurii dheeraa qaban yeroo baayʼee baala ykn habaaboo hedduu waan qabaniif baayʼee bareedu. Fakkeenyaaf, gosti mukaa Jaappaan keessatti argamuu fi waggaa dheeraa jiraatu tokko jira. Gosa muka kanaa keessaa tokko tokko waggaa kumaa ol jiraatu; baayʼee bareedus. Akkuma mukeetii kanaa maanguddoonni amanamoonis keessumaa Waaqayyo duratti baayʼee bareedu. Yihowaan harrii isaanii utuu hin taʼin, keessa isaanii ilaala. Yihowaan amalawwan gaggaarii maanguddoonni qaban, kan akka jabaatanii dhaabbachuu fi amanamummaa, akkasumas tajaajila isaan waggoota hedduudhaaf dhiheessan ni dinqisiifata.
Akkuma mukeetiin umurii dheeraa qaban bareedoo taʼanii fi dagaaganii itti fufan, maanguddoonni amanamoo taʼanis bareedoodha, akkasumas lalisuu isaanii itti fufu (Keeyyata 2 ilaali)
3. Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf, maanguddootatti akkamitti akka fayyadame fakkeenya argisiisu dubbadhu.
3 Namni tokko umuriinsaa dabaluunsaa gatii inni Yihowaa duratti qabu hin hirʼisu.a Sirumayyuu, Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf yeroo baayʼee maanguddootatti fayyadama. Fakkeenyaaf, Saaraan yeroo Yihowaan saba guddaa tokkoof haadha akka taatuu fi Masiihichi karaa ishii akka dhufu dubbatetti maanguddoo turte. (Uma. 17:15-19) Museen Israaʼelota Gibxii keessaa akka baasu yeroo Yihowaan itti gaafatamummaa isaaf kennetti maanguddoo ture. (Bau. 7:6, 7) Akkasumas Yohaannis ergamaan, yeroo Yihowaan kitaabota kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼan shan akka barreessu hafuurasaatiin isa kakaasetti maanguddoo ture.
4. Akka Fakkeenyi 15:15 jedhutti, maanguddoonni rakkina isaan mudatu akka dandamatan maaltu isaan gargaara? (Fakkichas ilaali.)
4 Maanguddoonni rakkoowwan dullumaa wajjin wal qabatanii dhufan hedduun isaan mudatu. Namoonni hedduun, “Dullumni ulfaataadha” kan jedhan kanaafi. Haa taʼu malee, maanguddoonni gammadoob taʼuun isaanii rakkoowwan dullumaa wajjin wal qabatanii dhufan dandamachuuf isaan gargaara. (Fakkeenya 15:15 dubbisi.) Mata duree kana keessatti maanguddoonni gammachuu isaanii eeggatanii itti fufuuf wantoota gochuu qaban ilaalla. Akkasumas obboloonnii fi obboleettonni maanguddoota gumiisaanii keessa jiran jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla. Mee jalqaba, bara dullumaatti gammachuu qabaatanii itti fufuun ulfaataa kan taʼe maaliif akka taʼe haa ilaallu.
Maanguddoonni gammadoo taʼuunsaanii qorumsawwan dullumaa wajjin wal qabatanii dhufan akka dandamatan isaan gargaara (Keeyyata 4 ilaali)
BARA DULLUMAATTI GAMMACHUU QABAATANII ITTI FUFUUN ULFAATAA KAN TAʼE MAALIIFI?
5. Wanti maanguddoonni tokko tokko akka abdii kutatan godhu maal taʼuu dandaʼa?
5 Wanti akka abdii kutattu si taasisu maal taʼuu dandaʼa? Tarii wanta kanaan dura gochaa turte gochuu dadhabuun kee si gaddisiisee taʼuu dandaʼa. Akkuma duraanii dargaggeessaa fi fayya buleessa taʼuuf hawwita taʼa. (Lal. 7:10) Fakkeenyaaf, obboleettiin Ruubii jedhamtu akkana jetteetti: “Akka durii sosochoʼuu waanan hin dandeenyee fi waan na dhukkubuuf, uffata uffachuun natti ulfaata. Yeroo tokko tokko wanti salphaan kan akka kaalsii kaawwachuuf miilla ol kaasuullee natti ulfaata. Harka koo baayʼee waan na dhukkubuuf wantoota sasalphaa taʼan raawwachuunillee natti ulfaata.” Haarooldi inni Beetel keessa tajaajilaa tures akkana jedheera: “Wantoota kanaan dura hojjechuun na gammachiisu hojjechuu waanan hin dandeenyeef yeroo tokko tokko nan aara. Dargaggummaa kootti qaamni koo baayʼee cimaa ture. Gosa ispoortii beezbool jedhamu taphachuu baayʼeen jaalladha. Namoonni, ‘Kubbicha Haarooldiif kennaa, inni akka injifannu nu gargaara’ jedhu turan. Amma garuu kubbaa darbachuullee waanan dandaʼu natti hin fakkaatu.”
6. (a) Sababiiwwan maanguddoonni tokko tokko abdii itti kutatan kan biroon maal taʼuu dandaʼu? (b) Maanguddoonni konkolaataa oofuusaanii yoom dhaabuu akka qaban murteessuuf maaltu isaan gargaara? (Maxxansa kanarraa mata duree, “Konkolaataa Oofuu Dhaabuun Qabaa?” jedhu ilaali.)
6 Akka duraanii wantoota tokko tokko ofii keetiin raawwachuu waan hin dandeenyeef abdii kutatteetta taʼa. Keessumaa namni kunuunsa siif godhu si barbaachisa yoo taʼe ykn ijoollee kee bira jiraachuun si barbaachisa yoo taʼe akkas sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Tariimmoo, sababa fayyaa keetiin ykn ijji kee baayʼee dadhabuusaatiin kan kaʼe bakka kanaan dura dhaqxu ofii keetiin dhaquu waan hin dandeenyeef ykn konkolaataa oofuu waan hin dandeenyeef baayʼee gadditeetta taʼa. Kun baayʼee nama dhiphisa. Haa taʼu malee, gatiin Yihowaa fi warra kaan biratti qabnu of dandeenyee jiraachuu keenya, kophaa jiraachuu keenya ykn konkolaataa oofuu keenyarratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadachuun keenya nu gargaara. Yihowaan miira keenya akka nuuf hubatus mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Inni keessa namummaa keenya, jechuunis jaalalaa fi dinqisiifannaa isaa fi obboloota keenyaaf qabnuuf iddoo guddaa kenna.—1 Sam. 16:7.
7. Obboloota dhumni sirna kanaa utuu isaan lubbuudhaan jiranii akka hin dhufne yaaduudhaan gaddan maaltu gargaaruu dandaʼa?
7 Tarii dhumni sirna kanaa utuu ati lubbuudhaan jirtuu akka hin dhufne yaaduudhaan gadditeetta taʼa. Miirri akkasii sitti dhagaʼama taanaan maaltu si gargaaruu dandaʼa? Yihowaan addunyaa hamaa kana balleessuuf obsaan eegaa akka jiru yaadachuuf yaali. (Isa. 30:18) Garuu Yihowaan kan obsu kaayyoo malee miti. Obsisaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman isa beekuu fi isa tajaajiluuf carraa akka argatan taasiseera. (2 Phe. 3:9) Kanaafuu, yommuu abdii kutattu sirni kun baduusaa dura namoonni hammamii obsa Yihowaarraa fayyadamuu akka dandaʼan yaadi. Tarii isaan keessaa tokko tokko miseensota maatii kee taʼuu dandaʼuu laata?
8. Rakkinoonni dullumaa wajjin wal qabatanii dhufan maanguddoota irratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼu?
8 Maanguddoota taanus taʼuu baannus yommuu dhukkubsannu wanta booda itti gaabbinu dubbachuu ykn gochuu dandeenya. (Lal. 7:7; Yaq. 3:2) Fakkeenyaaf, Iyyoob inni amanamaan yeroo dhukkubsatetti, “utuu itti hin yaadin” dubbateera. (Iyo. 6:1-3) Dabalataanis, dhibeen fayyaa maanguddoonni wanta amalasaaniitiin ala taʼe akka dubbatan ykn akka raawwatan gochuu dandaʼa. Dhugaadha, eenyuun keenyayyuu umurii keenya ykn fayyaa keenya sababeeffannee dubbii gaarii hin taane dubbachuu ykn warri kaan yeroo hunda waa akka nuuf godhan isaanirraa eeguu hin qabnu. Dubbii gaarii hin taane nama tokkotti akka dubbanne yoo hubannemmoo dhiifama gaafachuurraa duubatti jechuu hin qabnu.—Mat. 5:23, 24.
GAMMACHUU KEESSAN EEGGACHUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?
Rakkinni dullumaa wajjin wal qabatee dhufu utuma jiruu gammachuu qabaachuu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 9-13 ilaali)
9. Gargaarsa warra kaanii fudhachuu kan qabdu maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)
9 Gargaarsa warra kaanii fudhadhu. (Gal. 6:2) Jalqabarratti sitti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Obboleettiin Gireetil jedhamtu akkana jetteetti: “Warra kaanirratti baʼaan taʼa jedhee waanan yaaduuf yeroo tokko tokko gargaarsa warra kaanii fudhachuun natti ulfaata. Ilaalcha koo sirreessee gad of qabuudhaan gargaarsi akka na barbaachisu amanee fudhachuuf yeroo natti fudhateera.” Gargaarsa warra kaanii yommuu fudhattu gammachuu kennuudhaan argamu akka argatan goota. (HoE. 20:35) Warri kaan akka si jaallatanii fi baayʼee akka siif yaadan arguun kee akka si gammachiisu homaa hin shakkisiisu.
(Keeyyata 9 ilaali)
10. Galateeffachuu irraanfachuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)
10 Kan galateeffattu taʼi. (Qol. 3:15; 1 Tas. 5:18) Warri kaan wanta gaarii yommuu nuuf godhan kan dinqisiifannu taʼus galateeffachuu irraanfachuu dandeenya. Haa taʼu malee, yoo seeqnee fi yoo isaan galateeffanne, michoonni keenya gatii akka qabanii fi akka dinqisiifataman akka isaanitti dhagaʼamu goona. Liyaan ishiin Beetelitti maanguddoota kunuunsitu akkana jetteetti: “Obboleettiin ani kunuunsu tokko waraqaa xinnoorratti akka na galateeffattu naaf barreessite. Wanti ishiin barreessite dheeraa miti, garuu baayʼee namatti tola. Wanta ishiin naaf barreessite dubbisuu baayʼeen jaalladha, gargaarsa koo akka ishiin dinqisiifattu beekuun koo baayʼee na gammachiisa.”
(Keeyyata 10 ilaali)
11. Warra kaan gargaaruu kan dandeessu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
11 Warra kaan gargaaruuf carraaqi. Yeroo fi humna kee fayyadamtee warra kaan gargaaruurratti yommuu xiyyeeffattu, rakkina keerratti garmalee hin xiyyeeffattu. Jechamni Afriikaa tokko, maanguddoota kitaabota beekumsaan guutaman wajjin wal fakkeessa. Garuu namoonni kitaabota kana hin dubbisan taanaan isaanirraa barachuu hin dandaʼan. Haaluma wal fakkaatuun, maanguddoonni wanta beekan tokko tokko isaanitti hin himan taanaan, dargaggoonni barumsa barbaachisaa isaanirraa argachuu hin dandaʼan. Kanaafuu, gaaffii isaan gaafachuu fi yeroo dubbatan isaan dhaggeeffachuudhaan dargaggoota beekuuf yaali. Ulaagaa Yihowaatiin jiraachuun gaarii kan taʼee fi gammachuu kan isaaniif argamsiisu maaliif akka taʼe isaan barsiisi. Michoota kee umuriidhaan sii gad taʼan yommuu jajjabeessituu fi cimsitu atis akka gammaddu hin shakkisiisu.—Far. 71:18.
(Keeyyata 11 ilaali)
12. Akka Isaayyaas 46:4 jedhutti Yihowaan maanguddootaaf maal gochuuf waadaa galeera? (Fakkiiwwanis ilaali.)
12 Jabina akka siif kennu Yihowaatti kadhannaa dhiheessi. Gama qaamaa ykn miiraatiin akka dadhabde yoo sitti dhagaʼamellee Yihowaan, “matumaa hin dadhabu yookiin hin bututu.” (Isa. 40:28) Kanaafuu, jabina si barbaachisu hunda siif kennuu dandaʼa. (Isa. 40:29-31) Si gargaaruufis waadaa galeera. (Isaayyaas 46:4 dubbisi.) Yihowaanimmoo yeroo hundumaa waadaa gale ni eega. (Iya. 23:14; Isa. 55:10, 11) Yihowaatti erga kadhannaa dhiheessitee booda, dhuunfaatti akka inni si jaallatuu fi akka si deggaru yommuu argitu akka gammaddu beekamaadha.
(Keeyyata 12 ilaali)
13. Akka 2 Qorontos 4:16-18 jedhutti maal yaadachuu qabna? (Fakkiiwwanis ilaali.)
13 Haalli keessa jirtu yeroo gabaabaaf qofa akka turu yaadadhu. Haalli ulfaataan tokko yeroo gabaabaaf qofa akka turu yaadachuun keenya salphaatti dandamachuuf nu gargaara. Kitaabni Qulqulluun dullumnii fi rakkinni fayyaa yeroo muraasaaf qofa akka turu nuuf mirkaneessa. (Iyo. 33:25; Isa. 33:24) Kanaafuu, gara fuulduraatti yeroo gaariin akka si eeggatu beekuudhaan gammachuu argachuu dandeessa. (2 Qorontos 4:16-18 dubbisi.) Haa taʼu malee, warri kaan maanguddoota gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?
(Keeyyata 13 ilaali)
WARRI KAAN GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
14. Maanguddoota dhaqanii gaafachuunii fi isaaniif bilbiluun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
14 Obbolootaa fi obboleettota maanguddoo taʼan dhaqaa gaafadhaa, akkasumas isaaniif bilbilaa. (Ibr. 13:16) Maanguddootatti kophummaan dhagaʼamuu dandaʼa. Obboleessi manaa baʼuu hin dandeenyee fi Kaamiil jedhamu akkana jedheera: “Ganamaa kaasee hamma galgalaatti manuma keessan oola. Kanaafuu baayʼee na nuffisiisa. Yeroo tokko tokko akkuma leenca dulloomaa dallaa keessa jiruu akkan taʼe natti dhagaʼama. Nan dhiphadha, akkasumas nan aara.” Maanguddoota gaafachuun keenya iddoo akka isaaniif kenninuu fi akka isaan jaallannu akka isaanitti dhagaʼamu godha. Tarii maanguddoo gumii keenya keessa jiru tokkoof bilbiluuf ykn gaafachuuf yaannee utuu akkas hin godhin hafnee beekna taʼa. Hundi keenyayyuu jireenyi keenya fiigichaan kan guutamedha. Kanaafuu, maanguddoota gaafachuu dabalatee, ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee beekuuf’ maaltu nu gargaara? (Filp. 1:10) Maanguddoota gumii kee keessa jiraniif ergaa gabaabaa erguuf ykn bilbiltee gaafachuu akka si yaadachiisuuf kaalaandarii keerratti yaadannoo qabachuun kee si fayyaduu dandaʼa. Kana malees, ‘Gaaf tokkon dhaqee isaan gaafadha’ jettee yaaduu mannaa, guyyaa itti dhaqxee isaan gaafattu murteessi.
15. Dargaggoonnii fi maanguddoonni waliin taʼanii maal gochuu dandaʼu?
15 Dargaggeessa yoo taate, ‘Maanguddootaa wajjin maalan haasaʼa ykn maalan hojjedha?’ jettee yaaddaʼuu dandeessa. Garuu garmalee yaaddaʼuun si hin barbaachisu. Michuu isaaniif taʼuuf qofa yaali. (Fak. 17:17) Walgaʼii dura ykn walgaʼii booda isaan haasofsiisuuf yaali. Tarii caqasa jaallatan tokko ykn wanta ijoollummaatti isaan mudatee fi nama kofalchiisu tokko akka sitti himan gaafachuu dandeessa. Sagantaa JW Biroodkaastiingii tokko akka si wajjin ilaalanis isaan affeeruu dandeessa. Kana malees, karaa qabatamaa taʼeen isaan gargaaruu dandeessa. Fakkeenyaaf, bilbilli ykn taableetiin isaanii sirriitti akka hojjetu, akkasumas barreeffamoota haaraa akka buufatan isaan gargaaruu dandeessa. Obboleettiin Kaarol jedhamtu akkana jetteetti: “Maanguddoonni wanta hojjechuu jaallattan tokko akka isinii wajjin hojjetan affeeraa. Kanan dulloome taʼus, ammayyuu jireenyatti gammaduu nan barbaada. Miʼa bituu, michoota koo wajjin nyaachuu fi bakka bareedaa deemee ilaaluu nan jaalladha.” Obboleettiin Maayiraa jedhamtus akkana jetteetti: “Michuun koo tokko umuriin ishii waggaa 90dha. Waggaa 57 na caalti. Garuu yeroo baayʼee waan waliin kolfinuu fi fiilmii waan waliin ilaalluuf, garaagarummaa umurii keenyaa hin yaadadhu. Rakkinni yeroo nu mudatummoo gorsa wal gaafanna.”
16. Maanguddoonni yeroo beellama yaalii fayyaa qabaatanitti isaan faana deemuun keenya isaan fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?
16 Yeroo beellama yaalii fayyaa qabaatanitti isaan faana deemaa. Maanguddootaaf geejjiba isaaniif qopheessuu malees, ogeeyyiin fayyaa sirriitti isaan yaaluu isaanii fi xiyyeeffannaa isaan barbaachisu isaaniif kennuusaanii mirkaneeffachuun keenya barbaachisaadha. (Isa. 1:17) Wanta ogeessi fayyaa isaan jedhe sirriitti hordofuudhaan maanguddoo tokko gargaaruu dandeessa taʼa. Obboleettii maanguddoon Ruut jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee kophaa koo gara mana yaalaa yommuun deemu doktaroonni xiyyeeffannaa naaf hin kennan. ‘Rakkinni kee rakkina xiinsammuuti; sammuu kee keessa jira’ naan jechuu dandaʼu. Yeroon nama tokkoo wajjin dhaqu garuu doktaroonni sirriitti na yaalu. Obbolootaa fi obboleettota koo gara mana yaalaa na waliin deeman baayʼeen galateeffadha.”
17. Maanguddootaa wajjin gosa tajaajilaa kamirratti hirmaachuu dandeessa?
17 Isaanii wajjin tajaajilaa. Maanguddoonni tokko tokko jabina manaa gara manaa deemanii tajaajiluuf isaan dandeessisu hin qaban. Kanaafuu, obboleettii maanguddoon tokko tajaajila addabaabayiirratti si wajjin akka hirmaattu affeeruu ni dandeessaa? Tarii barcuma irra teessu ishiidhaaf qopheessuu dandeessa. Yookiin obboleessi maanguddoon tokko qoʼannaa keerratti akka argamu affeeruu, tariimmoo manasaatti qoʼachiisuu ni dandeessaa? Jaarsoliin maanguddoonni walgaʼii tajaajila dirree irratti hirmaachuu akka dandaʼaniif, walgaʼichi mana isaaniitti akka godhamu qophii gochuu dandaʼu. Maanguddootatti jaalala argisiisuu fi isaan kabajuuf yommuu carraaqqii goonu Yihowaan ni gammada.—Fak. 3:27; Rom. 12:10.
18. Mata duree ittaanurratti waaʼee maalii mariʼanna?
18 Yihowaan maanguddoota akka jaallatuu fi iddoo guddaa akka isaaniif kennu ilaalleerra. Nutis maanguddoota ni jaallanna, akkasumas iddoo guddaa isaaniif kennina. Dullumni baayʼee ulfaataadha; taʼus, gargaarsa Yihowaatiin gammachuu kee eegdee itti fufuu ni dandeessa. (Far. 37:25) Gara fuulduraatti yeroo gaariin akka si eeggatu beekuun kees baayʼee si jajjabeessa. Obbolootaa fi obboleettota tokko tokko garuu haala rakkisaa kanarraa adda taʼetu isaan mudata. Miseensota maatiisaanii dullooman, ijoollee isaanii ykn michuusaanii dhukkubsatu tokko kunuunsu. Maarree, gammachuu isaanii eeggachuu kan dandaʼan akkamitti? Deebii gaaffii kanaa mata duree ittaanurratti mariʼanna.
FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo
a Viidiyoo Maanguddootaa—Gaʼee Guddaa Qabdu jedhamu jw.org fi JW Library® irraa ilaali.