LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr20 Waxabajjii ful. 1-8
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Waxabajjii 2020

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Waxabajjii 2020
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • WAXABAJJII 1-7
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • WAXABAJJII 8-14
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • (Uumama 46:26, 27 dubbisi.)
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • WAXABAJJII 15-21
  • (Uumama 49:1 dubbisi.)
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • WAXABAJJII 22-28
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • WAXABAJJII 29–ADOOLESSA 5
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
mwbr20 Waxabajjii ful. 1-8

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Waxabajjii 2020

WAXABAJJII 1-7

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 44-45

“Yoseef Obboloota Isaatiif Dhiifama Godheera”

(Uumama 44:1, 2 dubbisi.)

w15 7/1 14-15

“Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”

Achiis Yoseef tarkaanfii fudhate. Obboloota isaa duukaa buʼanii akka qabanii fi xoofoo hattan jedhanii akka himatan godhe. Xooficha qalqala Beniyaam keessatti arganii, hunduma isaanii gara Yoseefitti fidan. Ammas obboloonni isaa namoota akkamii akka taʼan beekuuf carraa argate. Yeroo kanatti, Yihudaan obboloota isaa bakka buʼee dubbachuu jalqabe. Dhiifama akka isaaniif godhu kan kadhate siʼa taʼu, 11n isaanii iyyuu Gibxiitti garboota taʼuuf illee akka of dhiheessan dubbate. Yoseef garuu Beniyaam qofti garba taʼee Gibxiitti akka hafuu fi warri kaan biyya isaaniitti akka deebiʼan isaanitti hime.—Uumama 44:2-17.

Yihudaan garuu haala garaa namaa tuquun dubbachuu jalqabe. “Ijoollee haati isaa deesse keessaa mucichi duwwaan waan hafeef, abbaan isaa caalaa isa in jaallata” jedhe. Wanti inni dubbate garaa Yoseef tuqee taʼuu qaba; Yoseef ilma angafaa Raahel ishee Yaaqoob baayʼee jaallatuu fi utuu Beniyaamiin deessuu duutee ti. Yoseef akkuma abbaa isaa yeroo baayʼee Raaheliin ni yaadata. Walitti dhufeenyi addaa isaa fi Beniyaam gidduu jiru kun caalaatti akka isa jaallatu isa taasisuun isaa hin oolu.—Uumama 35:18-20; 44:20.

Yihudaan, Beniyaamiin akka garba hin godhanne cimsee Yoseefiin kadhachuu isaa itti fufe. Iddoo Beniyaam garba taʼuuf illee of dhiheesse. Dhuma irrattis haala garaa namaa tuquun isa kadhate. “Wanta hamaa abbaa koo irra gaʼu akkan hin arginetti, mucichi na bira hin jiru yoo taʼe, ani gara abbaa kootti ol baʼuu hin dandaʼu” jedhe. (Uumama 44:1834) Kun akka inni jijjiirame kan argisiisu dha. Qalbii akka geddarate qofa utuu hin taʼin, gara laafinaa fi amala ofittummaa irraa bilisa taʼe akka qabu argisiiseera.

Yoseef kana caalaa of toʼachuu waan hin dandeenyeef, miira isaa isa ukkaamamee ture gadhiise. Hojjettoota isaa hunda erga gadi baasisee booda, hamma sagaleen isaa mana mootummaa Faraʼoonitti dhagaʼamutti sagalee isaa ol kaasee booʼe. Dhuma irrattis, “Ani Yoseef obboleessa keessan[i]” jechuudhaan eenyummaa isaa beeksise. Obboloota isaa baayʼee naʼanii jiran kan hammate siʼa taʼu, wanta isaan kanaan dura isa irratti raawwatan hundaaf gaarummaadhaan dhiifama isaaniif godhe. (Uumama 45:1-15) Haala kanaan fakkeenya Yihowaa isa dhiifamni isaa daangaa hin qabnee akka hordofu argisiiseera. (Faarfannaa 86:5) Nuti hoo akkas ni goonaa?

(Uumama 44:33, 34 dubbisi.)

(Uumama 45:4, 5 dubbisi.)

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 44:13 dubbisi.)

w14 4/15 32

Bara Duriitti Namni Tokko Taʼe Jedhee Uffatasaa Tarsaasuunsaa Maal Kan Argisiisu Ture?

Macaafni Qulqulluun, waaʼee namoota haala addaddaa keessatti uffatasaanii tarsaasan hedduu ni ibsa. Yaadni kun namoota yeroo ammaa jiranitti haaraa taʼuu dandaʼus, Yihudoonni garuu abdii kutachuu, gadduu, salphachuufi aaruusaanii argisiisuuf uffatasaanii tarsaasu turan.

Fakkeenyaaf, Ruuben yaanni obboleessasaa Yoseefiin oolchuuf yaade akka jalaa fashalaaʼeefi Yoseef garbummaatti akka gurgurame yeroo beeku, “uffata isaa tarsaase.” Abbaansaanii Yaaqoobis, Yoseefiin bineensi hamaan kan nyaate yeroo isatti fakkaatetti “uffata isaa of irratti tarsaasee” ture. (Uma. 37:18-35) Iyoob ijoolleensaa hundi akka duʼan yeroo isatti himametti “uffata isaa tarsaasee” ture. (Iyo. 1:18-20) Namni ‘uffata tarsaʼe uffatee’ ergaa himuu dhufe tokko Eelii isa Angafa Lubootaa ture duratti dhihaatee, Israaʼeloonni waraanarratti akka moʼaman, ilmaan Eelii lamaan akka ajjeefamaniifi saanduqni kakuu akka boojiʼame itti himeera. (1 Sam. 4:12-17) Yosiyaas Seerichi yeroo isaaf dubbifamutti sabni Israaʼel cubbuu akka hojjete yommuu hubatu, “uffata isaa in tarsaase.”—2 Mot. 22:8-13.

Yeroo Yesus qabame, Qayyaafaan inni Angafa Lubootaa ture Waaqayyo akka arrabsame yommuu isatti dhagaʼametti “aaree uffata isaa tarsaasee” ture. (Mat. 26:59-66) Akka seera amantii barsiisonni seeraa baasanitti, namni tokko maqaan Waaqayyoo yommuu arrabsamu yoo dhagaʼe uffatasaa tarsaasuun dirqamasaa ture. Ilaalchi barsiisonni seeraa manni qulqullummaa Yerusaalem erga baddee booda qaban garuu, “yeroo harʼaatti namni tokko maqaan Waaqayyoo utuu arrabsamuu yoo dhagaʼe uffatasaa tarsaasuun isa hin barbaachisu, yoo tarsaase garuu uffannisaa sun irratti ciccirama” kan jedhu ture.

Dhugaa dubbachuuf, namni tokko kan gadde garaasaarraa yoo taʼuu baate uffatasaa tarsaasuunsaa Waaqayyo duratti gatii hin qabu ture. Yihowaan, “Garaa keessan tarsaasaa malee, uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuudhaan sabasaa kan abboome kanaafidha.—Yoe. 2:13.

(Uumama 45:5-8 dubbisi.)

w04-AM 8/15 15 key. 15

Sababii Malee Jibbamuu

15 Namoota sababii malee nu jibbaniitti akka hin aarre maaltu nu gargaara? Diinonni keenya warri guguddoon Seexanaa fi jinniiwwan akka taʼa matumaa dagachuu hin qabnu. (Efesoon 6:12) Namoonni tokko tokko utuu beekanii fi taʼe jedhanii kan nu ariʼatan taʼu illee, baayʼeen isaanii garuu utuu hin beekin ykn dhiibbaa namoota kaaniin kan kaʼe saba Waaqayyoo mormu. (Daaniʼel 6:4-16; 1 Ximotewos 1:12, 13) Yihowaan “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatan” barbaada. (1 Ximotewos 2:4) Namoonni kanaan dura nu mormaa turan tokko tokko amaloota keenya warra gaggaarii taʼan arguudhaan amma obboloota keenya taʼuu dandaʼaniiru. (1 Pheexiros 2:12) Akkasumas ilma Yaaqoob kan taʼe Yoseef fakkeenya guddaa nuuf taʼa. Yoseef, sababa obboloota isaatiin rakkinni hedduun kan isa irra gaʼe taʼus, inni garuu haaloo isaanitti hin qabanne. Maaliif? Sababiin isaas, dhimma kana keessa harki Yihowaa akka jiruu fi kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf haalawwan jiran toʼachaa akka ture beeka ture. (Uumama 45:4-8) Yihowaan rakkina nu irra gaʼu kam iyyuu maqaa isaatiif ulfina kan argamsiisu akka taʼu gochuu dandaʼa.—1 Pheexiros 4:16.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 45:1-15 dubbisi.)

Tajaajilaaf of Qopheessi

w06-AM 2/1 31

Gaaffii Dubbistootaa

Yoseef gocha falfalaa ni raawwata ture jennee amanuuf ragaa hin qabnu.

Kitaabni Qulqulluun Yoseef falfala raawwachuudhaan wanta gara fuulduraatti taʼu beekuu ilaalchisee ilaalcha akkamii akka qabu ifatti ibseera. Yeroo muraasa dura, yommuu abjuuwwan Faraʼoon akka hiikuuf waamametti wantoota gara fuulduraatti taʼan ‘dubbachuu’ kan dandaʼu Waaqayyo qofa akka taʼe irra deddeebiʼee dubbateera. Kanaan kan kaʼes, Faraʼoon iyyuu Yoseef waaʼee gara fuulduraa dubbachuu kan dandaʼe falfala raawwachuudhaan utuu hin taʼin, gargaarsa Waaqa dhugaa Yoseef waaqessuun akka taʼe amaneera. (Uumama 41:16, 25, 28, 32, 39) Yeroo booda Yihowaan seera Museedhaaf kenne irratti, waaʼee gara fuulduraa beekuu kan dandaʼu isa qofa waan taʼeef sabichi hooda dubbachuu ykn gochawwan falfalaa akkamii irraa iyyuu akka fagaatan isaan dhowweera.—Keessa Deebii 18:10-12.

Maarree tajaajilaan Yoseef, gooftaan isaa Yoseef xoofoo ‘hooda itti argu’ akka qabu kan dubbate maaliifi? (Uumama 44:5) Waaʼee kanaa beekuuf yeroo kana dubbatetti haalawwan turan qoruun keenya barbaachisaa dha.

Obboloonni Yoseef beela cimaa buʼeen kan kaʼe nyaata argachuuf jecha gara Gibxii deemaniiru. Waggaa muraasa dura obbolaawwan kun Yoseefiin garbummaatti gurguraniiru. Haa taʼu malee, utuu isaan hin beekin amma nyaanni Gibxii toʼannaa obboleessa isaanii kana jala galeera; isaan immoo gargaarsa akka isaaniif godhu isa gaafachaa jiru. Yoseefis eenyummaa isaa isaaniitti himuu mannaa isaan qoruuf yaadeera. Yoseef kana gochuu kan barbaade garaadhaa yaada geddarachuu isaanii beekuuf ture. Kana malees, obboleessa isaanii Beniyaaminii fi abbaa isaanii Yaaqoob isa Beniyaamin hunda caalaa jaalatuuf jaalala hangamii akka qaban beekuu barbaadee ture. Kanaaf Yoseef mala tokko qopheesse.—Uumama 41:55–44:3.

Yoseef tajaajilaa isaa tokko waamee, qalqalloo obboloota isaa midhaaniin akka guutuu fi qarshii miidhaan ittiin bitachuuf fidanis achumaa keessa akka kaʼu, akkasumas xoofoo isaa qalqala Beniyaam keessa akka kaaʼu isa ajaje. Yoseef wantoota kana hunda kan raawwate bulchaa Waaqayyoon hin beekne of fakkeessee ti. Yoseef eenyummaa isaa dhoksuudhaan, akkasumas gochaa fi qooqa isaa kan bulchaa Waaqayyoon hin beekne fakkeessuudhaan, obboloonni isaa isa taʼuu isaa matumaa akka hin beekneef nama biraa fakkaatee isaanitti dhihaateera.

Yoseef obboloota isaa wajjin yommuu haasaʼettis eenyummaa isaa isaan dhoksee, “Namni akka kootii hooda arguu akka danda’u hin beektanii ree?” jedhee isaan gaafateera. (Uumama 44:15) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti xoofoon sun mala isaan qoruuf qophaaʼe qofa dha. Beniyaam xoofoo sana akkuma hin hanne Yoseefis xoofoo wanta dhokataa taʼe ittiin beeku hin qabu.

WAXABAJJII 8-14

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 46-47

“Bara Beelaatti Nyaata Argachuu”

(Uumama 47:13 dubbisi.)

w87-E 5/1 15 key. 2

Bara Beelaatti Lubbuu Baraaruu

2 Akkuma Yihowaan dursee dubbate waggoonni quufaa torba xumuramanii waggoonni beelaa jalqabaniiru; beelli kun Gibxii keessatti qofa utuu hin taʼin, “guutummaa lafaa irratti babalʼachuu isaa itti fufe.” Yommuu namoonni Gibxii baayʼee beelaʼanitti Faraʼoon nyaata akka isaaniif kennu gara isaatti iyyuu jalqaban. Faraʼon immoo, “Gara Yoseef dhaqaatii, waan inni isiniin jedhu godhaa!” isaaniin jedhe. Yoseef hanga qarshiin isaanii dhumutti midhaan warra Gibxiitti ni gurgure. Sana booda immoo horii qeʼeetiin midhaan isaanitti gurguruu jalqabe. Dhuma irrattis warri Gibxii dhufanii, “Nuun, lafa keenyas midhaaniin bitadhu, nuyis lafa keenyaa wajjin mootii Gibxiif garba in taana” jedhaniin. Kanaan kan kaʼes Yoseef lafa warra Gibxii hundumaa Faraʼooniif ni bite.—Uumama 41:53-57; 47:13-20.

(Uumama 47:16 dubbisi.)

(Uumama 47:19, 20 dubbisi.)

(Uumama 47:23-25 dubbisi.)

kr 264-265 key. 11-12

Mootummichi Fedhiin Waaqayyoo Akka Raawwatamu ni Godha

11 Wanti hundi irraa hafaa taʼa. Addunyaan kun karaa hafuuraa beelaʼeera. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo, “Kunoo, barri ani itti biyya kana irratti beela ergu dhufuuf jira; beelichis isa namoonni dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu dhabanii beelaʼan malee, beela buddeenaa fi dheebuu bishaanii miti” akka jedhe nutti hima. (Amo. 8:11) Lammiileen Mootummaa Waaqayyoos karaa hafuuraa ni beelaʼuu? Yihowaan garaagarummaa sabasaafi diinotasaa gidduu jiraatu ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Kunoo, garboonni koo in nyaatu, isin garuu in beeloftu! Kunoo, garboonni koo in dhugu, isin garuu in dheebottu! Kunoo garboonni koo in gammadu, isin garuu in yeellaasifamtu!” (Isa. 65:13) Raajiin kun yommuu raawwatamu argitaniittuu?

12 Yeroodhaa gara yerootti nyaanni hafuuraa irraa hafaa taʼe nuuf dhihaachaa jira. Addunyaa gama hafuuraatiin beelaʼe kana keessatti karaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanii, karaa wantoota sagaleedhaan waraabamaniifi viidiyoowwanii, karaa walgaʼii gumiifi walgaʼii gurguddaa, akkasumas karaa Weeb saayitii keenyaa utuu walirraa hin citin barumsi nuuf dhihaachaa jira. (His. 47:1-12; Yoe. 3:18) Abdii Yihowaan wanta irraa hafaa taʼe akka nuuf dhiheessu dubbate yommuu raawwatamu arguun keessan isin hin gammachiisuu? Nyaata hafuuraa Yihowaan dhiheessurraa yeroo hunda soorachaa jirtuu?

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 46:4 dubbisi.)

it-1-E 220 key. 1

Ilaalchaa fi Sochii Qaamaa

Ija nama duʼee walitti qabuu. Yaanni Yihowaan Yaaqoobiin, “Yoseef ija kee walitti siif in qaba” (Uma 46:4) jechuudhaan dubbate, yommuu Yaaqoob duʼu Yoseef ija isaa akka walitti isaaf qabu kan argisiisu dha; kun immoo yeroo baayʼee itti gaafatamummaa ilma angafaa ti. Kanaaf Yihowaan as irratti kana kan godhe mirgi angafummaa gara Yoseefitti darbuu isaa argisiisuuf ture.—1Se 5:2.

(Uumama 46:26, 27 dubbisi.)

nwtsty-E qabxii qoʼannaa HoE 7:14

Walumaa galatti namoota 75: Isxifaanos lakkoofsa walii galaa miseensota maatii Yaaqoob Gibxii keessa jiranii 75 jedhee yommuu dubbatu Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa irraa kallattiidhumaan waaʼee caqasa tokkoo dubbachaa kan jiru hin fakkaatu. Lakkoofsi kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Maasoreetonni garagalchan keessattis hin argamu. Uma 46:26 akkana jedha: “Namoonni Yaaqoobii wajjin biyya Gibxii dhufan, dubartoota ilmaan isaa iyyuu utuu itti hin dabalin, sanyii isaa kan taʼan duwwaan lubbuu jaatamii jaʼa turan.” Lakkoofsi 27 itti fufuudhaan, “Walitti qabaan maatiin Yaaqoob warri gara biyya Gibxii dhufan lubbuu torbaatama guutan” jedha. Namoonni kun kallattii garaagaraa lamaan lakkoofsa kana galmeessaniiru; inni jalqabaa lakkoofsa sanyiiwwan isaa qofa waan galmeesse fakkaata; inni lammaffaan immoo lakkoofsa walumaa galatti namoota Yaaqoob wajjin gara Gibxii deemanii waan galmeesse fakkaata. Bau 1:5 fi Kes 10:22 irratti lakkoofsi sanyiiwwan Yaaqoob “torbaatama” akka taʼe ibsameera. Lakkoofsi Isxifaanos dubbate garuu miseensota maatii Yaaqoob dabalataa kan dabalatu fakkaata. Namoonni tokko tokko lakkoofsi kun ijoollee Yoseef kan taʼan Minaasee fi Efreem, akkasumas ijoollee isaanii kan dabalatu akka taʼe dubbatu; maqaan namoota kanaa Hiikkaa warra Saptuujanti irratti Uma 46:20 irratti barreeffamee jira. Warri kaan immoo lakkoofsi kun haadhotii manaa ilmaan Yaaqoob, warra Uma 46:26 irratti kallattiidhaan hin lakkaaʼamne kan dabalatu akka taʼe dubbatu. Kanaaf lakkoofsi “75” jedhame lakkoofsa walii galaa taʼuu dandaʼa. Tarii lakkoofsi kun Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii harkaan garagalfamanii fi Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti faayidaa irra oolaa turan irraa kan fudhatame taʼuu dandaʼa. Waggoota baayʼeedhaaf, hayyoonni Saptuujantii Afaan Giriikii irratti, “75” lakkoofsa Uma 46:27 fi Bau 1:5 irratti argamu akka taʼetti beeku turan. Kana malees, jaarraa 20⁠ffaatti ciccitaawwan kitaabota maramaa Bau 1:5 qabatan lama Galaana Sogiddaa keessaa argamanii turan; lakkoofsi ciccitaawwan kana irra jirus “75” dha. Tarii lakkoofsi Isxifaanos caqases kitaabota kana keessaa isa tokko irraa kan fudhatame taʼuu dandaʼa. Yaanni inni sirrii taʼe kam iyyuu haa taʼu, wanti Isxifaanos dubbate lakkoofsa waliigalaa sanyiiwwan Yaaqoob karaa garaagaraatiin lakkaaʼuu akka dandeenyu argisiisa.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 47:1-17 dubbisi.)

WAXABAJJII 15-21

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 48-50

“Maanguddoonni Wantoota Gaggaarii Dubbatan Hedduu Qabu”

(Uumama 48:21, 22 dubbisi.)

it-1-E 1246 key. 8

Yaaqoob

Yaaqoob duʼuu isaa yeroo muraasa dura ijoollee Yoseef eebbisee ture; Yaaqoob qajeelfama Waaqaatiin, Efreem inni quxusuu taʼe Minaasee isa angafa taʼe akka caalu dubbateera. Achii immoo Yaaqoob, Yoseef isa dhaala dachaa lama inni ilmi angafaa argachuu qabu argachuuf jedhuun akkana jedhe: “Ani kan obboloota keetii caalaatti gooba lafaa isa ani billaa kootii fi iddaa kootiin warra Amoorotaa irraa fudhadhe siif nan kenna.” (Uma 48:1-22; 1Se 5:1) Yaaqoob lafa naannoo Sheekem jiru ilmaan Hamoor irraa waliigalteedhaan kan bitate taʼus, akkuma billaa fi iddaa isaatiin qabatetti dubbachuun isaa sanyiiwwan isaa gara fuulduraatti biyya Kanaʼaan akka qabatan raajii dubbachuu isaa argisiisa. Raajiin Yaaqoob Yoseefiif akkan jechuudhaan gale kun immoo Yaaqoob amantii cimaa akka qabu argisiisa. (AMOOROTA [AMORITE] isa jedhu ilaali.) Lafti Yoseef harka lama akka fudhatu dubbatame lafa gosa Efreemii fi Minaaseedhaaf kennamu kan argisiisu dha.

(Uumama 49:1 dubbisi.)

it-2-E 206 key. 1

Guyyoota Dhumaa

Raajii Yaaqoob Duʼuu Isaa Yeroo Muraasa Dura Dubbate. Yaaqoob ijoollee isaatiin, “wanta gara fuula duraatti isinitti dhufu (“guyyoota dhumaatti isin mudatu,” NW) akkan isinitti himuuf walitti qabamaa” yommuu jedhu waaʼee yeroo raajiin isaa raawwii itti argachuu jalqabuu dubbachuu isaa ture. (Uma 49:1) Jaarraa lama dura Yihowaan Abraam (Abrahaam) isa akaakayyuu Yaaqoob taʼeen, sanyiin isaa waggoota 400f akka cunqurfaman itti himee ture. (Uma 15:13) Kanaaf akka haala kanaatti yeroon gara fuulduraa Yaaqoob “guyyoota dhumaa” jedhee waame cunqursaan waggoota 400 sun erga xumuramanii booda kan jalqabu dha. (Uumama 49 ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, mata dureewwan waaʼee tokkoon tokkoon ilmaan Yaaqoob dubbatanii ilaaluu dandeessu.) Yeroo booda raajiin kun “Israaʼel Waaqayyoo” ykn dibamtoota irratti raawwii isaa isa lammaffaa kan argatu fakkaata.—Gal 6:16; Rom 9:6.

(Uumama 50:24, 25 dubbisi.)

w07 6/1 28-29 key. 10

Maanguddoonni Dargaggoota Ni Jajjabeessu

10 Maanguddoonni namoota hidhata amantiisaanii taʼanirrattis dhiibbaa gaarii geessisuu ni danda’u. Amantiin Yoseef ilmi Yaaqoob bara dullumaasaatti argisiise, waaqeffattoota dhugaa isa booda jiraataniifi miliyoonaan lakkaaʼamanirratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Yoseef yeroo ‘waa’ee awwaala lafee isaa Israaʼelootatti hime’ jechuunis dhumarratti Gibxii yommuu baʼan lafeesaa fuudhanii akka deeman ennaa isaanitti hime umuriinsaa waggaa 110 ture. (Ibroota 11:22; Uumama 50:25) Ajajni inni isaaniif kenne kun, sabni Israaʼel erga Yoseef duʼee booda waggoota baayʼee garbummaa cimaa jala turanitti yeroon itti birmaduu baʼan akka dhufu isaaniif mirkaneesseera.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Uumama 49:19 dubbisi.)

w04-AM 6/1 15 key. 4-5

Namoonni Waaqayyoof Ulfina Kennan Eebbifamoo Dha

4 Gosoota Israaʼel keessaa warri Gaad biyyattii abdachiifamte seenuu isaanii dura, lafti baha Yordaanositti argamu horii horsiisuuf gaarii waan taʼeef akka isaaniif kennamu gaafatanii turan. (Lakkoobsa 32:1-5) Haa taʼu malee, naannoo kana jiraachuun rakkoowwan tokko tokko moʼuu gaafata. Gosoota Israaʼel kallattii dhihaatiin buufataniif lagni Yordaanos dallaa weerara loltootaa isaan irraa ittisu isaaniif taʼa. (Iyaasuu 3:13-17) Kitaabni The Historical Geography of the Holy Land jedhamuu fi Joorji Aadam Ismiiziin barreeffame lafa baha Yordaanositti argamu ilaalchisee akkana jedha; “Dirree guddaan Arabootaa lafa diriiraa buʼaa baʼii hin qabne dha. Kanaan kan kaʼes, baroottan darbanitti qubattoonni sababa beelaatiin naannoo isaanii gadhiisan hedduun lafa kana weeraru turan; namoonni tokko tokko immoo lafa dheedichaa argachuuf jecha naannoo kana weeraru turan.

5 Maarree gosti Gaad weerara yeroo adda addaatti isatti dhufu of irraa ittisuu kan dandaʼu akkamitti? Jaarraa muraasa dura Yaaqoob inni akaakilee isaanii taʼe raajii tokko dubbatee ture: “Warri saamtuun Gaadin saamuudhaaf bira in ga’u, inni garuu garagalee faana isaanii duukaa bu’ee isaan in sarda!” (Uumama 49:19) Jechoota kana jalqaba irratti yeroo akkasumatti ilaallu yaada gaarii kan qabatan hin fakkaatan. Dhugaa isaa dubbachuuf garuu jechoonni kun yommuu gosoonni Gaad miidhaan isaan irra gaʼu warra miidhaa isaan irraan geessisan akka haleelan qajeelfama isaaniif kenname turan. Gosti Gaad yoo akkas godhan diinota isaanii duukaa buʼanii ariʼuu akka dandaʼanii fi diinonni isaanis qaanii guddaadhaan of irra garagalanii akka deebiʼan Yaaqoob isaaniif mirkaneessee ture.

(Uumama 49:27 dubbisi.)

(ia 164, saanduqa)

Raajii Raawwiisaa Argate

Asteeriifi Mordekaayi saba Waaqayyootiif falmuudhaan raajiin Macaafa Qulqulluu tokko akka raawwatamu godhaniiru. Yihowaan waggoota 1,200 dura Yaaqoob hafuuraan gaggeeffamee waaʼee ilmasaa isa tokkoo, “Beniyaamin akka yeeyyii waan qabe ciruu ti, inni ganama isa adamse in cucuffata, galgala immoo boojuu in hira” jedhee akka dubbatu godhee ture. (Uma. 49:27) “Ganama” ykn jalqaba seenaa mootota Israaʼel keessatti Saaʼol Mooticha dabalatee, loltoonni jajjaboo taʼan kaan saba Yihowaatiif lolaniiru. “Galgala” ykn dhuma seenaa mootota Israaʼelirrattimmoo Asteeriifi Mordekaayi warri gosa Beniyaam taʼan diinota Yihowaa lolanii injifataniiru. Kana malees, qabeenyi hedduun kan Haamaan ture isaaniif waan kennameef, boojuu hirataniiru jechuun ni dandaʼama.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Uumama 49:8-26 dubbisi.)

WAXABAJJII 22-28

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 1-3

“Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa”

(Baʼuu 3:13 dubbisi.)

w13 3/15 25 key. 4

Maqaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Ulfina Kennaa

4 Baʼuu 3:10-15 dubbisi. Museen yommuu umriinsaa waggaa 80 taʼu Waaqayyo, “Dhaqi, saba koo Israaʼelin biyya Gibxiitii baasi!” jechuudhaan itti gaafatamummaa guddaa isaaf kenne. Museenis kabajaan gaaffii barbaachisaa taʼe tokko Yihowaa gaafate. Gaaffiin inni gaafate kun, ‘Maqaankee eenyu?’ jedhee akka gaafatetti kan ilaalamudha. Maqaan Waaqayyoo sanaan dura waggoota dheeraadhaaf beekamaa waan tureef, gaaffii kana yommuu gaafatu maal jechuusaa ture? Waaʼee qaama maqaa kanaan waamamuu caalaatti beekuu, jechuunis Waaqayyo dhuguma sabasaa akka oolchu ragaa sabasaa amansiisu argachuu barbaadee akka ture haalasaarra hubachuun ni dandaʼama. Israaʼeloonni garbummaa jala waan jiraniif Museen yaaddaʼuunsaa sirrii ture. Israaʼeloonni, Waaqni abbootasaanii isaan oolchuu dandaʼuufi dhiisuunsaa isaan shakkisiisuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko waaqayyolii warra Gibxii waaqeffachuullee jalqabanii turan.—His. 20:7, 8.

(Baʼuu 3:14 dubbisi.)

kr 49, saanduqa

HIIKA MAQAA WAAQAYYOO

MAQAAN Yihowaa jedhu afaan Ibrootaarraa kan dhufe siʼa taʼu, hiiknisaas “taʼuu” jechuudha. Hayyoonni tokko tokko jechi kun gocha argisiisuuf akka gale itti dhagaʼama. Kanaaf, namoonni baayʼeen maqaan Waaqayyoo hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu akka qabu godhanii yaadu. Hiikni kun gaʼee Yihowaan Uumaa taʼuudhaan qabu akka gaariitti ibsa. Yihowaan hawaas taʼe uumamawwan yaaduu dandaʼan hunda kan uume siʼa taʼu, gara fuulduraattis fedhiinsaafi kaayyoonsaa akka raawwatamu gochuusaa itti fufa.

Maarree gaaffii Museen Baʼuu 3:13, 14⁠rratti gaafateefi deebii Yihowaan isaaf kenne akkamitti hubachuu qabna? Museen, “Ani saba Israaʼel bira dhaqee, ‘Waaqayyo isa kan abboota keessaniitu isinitti ana erge’ yommuun isaaniin jedhu, isaan immoo ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatu; ani immoo maal isaaniin jedhu ree?” jedhee gaafate. Yihowaanis, “Ani Waanan Taʼuu Barbaadu Nan Taʼa” (NW) jedhee deebiseef.

Yeroo kanatti Museen maqaa Yihowaa gaafachuusaa akka hin turre hubadhaa. Museenis taʼe Israaʼeloonni sana durayyuu maqaa Waaqayyoo akka gaariitti beeku turan. Museen, Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe wanta amantii namaa cimsu tokko, jechuunis hiika maqaansaa qabu akka itti himu gaafachuusaa ture. Kanaaf Yihowaan, “Ani Waanan Taʼuu Barbaadu Nan Taʼa” jedhee deebisuudhaan waaʼee ofiisaa wanta nama gammachiisu itti himeera. Yihowaan haala akkamii keessattiyyuu kaayyoosaa raawwachuuf wanta taʼuu barbaadu hunda ni taʼa. Fakkeenyaaf, Yihowaan Museefi Israaʼeloota oolcheera, seera isaaniif kenneera, wanta jireenyaaf barbaachisu hunda isaaniif kenneera, akkasumas wanta hedduu isaaniif taʼeera. Kanaaf, Yihowaan abdii sabasaatiif kenne raawwachuuf wanta taʼuu barbaadu hunda taʼeera. Haataʼu malee maqaan Yihowaa yaada kana kan dabalatu taʼus, wanta inni taʼuu barbaadu qofa kan argisiisudha jechuu miti. Kanaa mannaa kaayyoosaa galmaan gaʼuuf uumamawwansaa wanta inni akka isaan taʼan barbaadu akka godhus kan argisiisudha.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Baʼuu 2:10 dubbisi.)

g04-E 4/8 6 key. 5

Musee—Nama Dhugumaan Jirudha Moo Oduu Durii Dha?

Intalli mootii Gibxii mucaa akkasii akka mucaa ishiitti fudhachuu dandeessi jedhanii yaaduun ni dandaʼamaa? Eeyyee, amantaa warra Gibxii keessatti namni tokko gara samii dhaquuf dirqama wantoota gaggaarii gochuun isaa barbaachisaa akka taʼe ni barsiifama ture. Ijoollee guddifachaan fudhachuunis gochawwan gaarii akka taʼanitti ilaalaman keessaa isa tokko dha; qorataan hambaa Jooyisi Tiislii jedhamu kana ilaalchisee akkana jedheera: “Dubartoonni Gibxii dhiirota Gibxii wajjin mirga wal qixa taʼe qabu turan. Yoo guutummaatti hojii irra ooluu baate iyyuu dhiironnis taʼan dubartoonni karaa seeraatiinis taʼe dinagdeetiin mirga wal qixa taʼe qabu turan, akkasumas . . . dubartoonni ijoollee guddifachaan fudhachuu dandaʼu.” Dubartiin Gibxii takka garbittii ishii guddifachaan akka fudhatte paappiirasi durii waaʼee guddifachaa dubbatu tokko irratti barreeffameera. Kitaaba Qulqulluu keessatti intalli Faraʼoon akka Musee kunuunsituuf haadha isaatiif kaffaltii akka kaffalte dubbisna. Kitaabni The Anchor Bible Dictionary jedhamu akka ibsetti kun yeroo sanatti guddifachaa raggaasisuuf wanta naannoo Mesophotaamiyaatti godhamaa ture dha.

(Baʼuu 3:1 dubbisi.)

w04-AM 3/15 24 key. 4

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Baʼuu

3:1—Yetroon luba akkamii ture? Bara abbootiin amantii turanitti mataan maatichaa maatii isaatiif akka lubaatti tajaajila ture. Haala isaa irraa hubachuu akka dandaʼamutti Yetroon geggeessaa Miidiyaanotaa ture. Miidiyaanonni sanyii Abrahaam Qexuuraa irraa dhalatan waan taʼaniif waaʼee waaqeffannaa Yihowaa hamma tokko kan beekan fakkaata.—Uumama 25:1, 2.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Baʼuu 2:11-25 dubbisi.)

Tajaajilaaf of Qopheessi

w02-AM 6/15 11 key. 1-4

Wanta Qabeenya Biyya Gibxii Caalu

Museen umurii guutumaa guutuutti nama Gibxii itti taʼu yeroo gaʼutti, jechuunis yommuu umuriin isaa waggaa 40 taʼu “gara sanyii isaatti gad baʼee hojii isa baʼaa ulfaataa isaanitti taʼe sana in ilaale.” Tarkaanfiiwwan itti aansuudhaan fudhate gara sanyiiwwan isaa kan deeme akkasumaan waa beekuuf akka hin taane argisiisu; kanaa mannaa isaan gargaaruu ni barbaada ture. Yommuu namni Gibxii tokko Ibricha tokko rukutu gidduu isaanii galee nama Gibxii sana ajjeeseera. Gochi isaa kun garaan isaa obboloota isaa wajjin akka ture argisiisa. Haala isaa irra hubachuu akka dandeenyutti, namni ajjeefame kun abbaa taayitaa hojiicha raawwachiisaa ture fakkaata. Akka ilaalcha warra Gibxootaatti Museen wanta hundumaan Faraʼooniif amanamaa taʼuu qaba ture. Haa taʼu malee, Museen akkas gochuuf wanti isa kakaase jaalala haqaaf qabu ture; kana immoo wanta yommuu Ibrichi tokko sanyii isaa yommuu rukutetti dubbate irraa hubachuu ni dandeenya. Museen Ibroota garbummaa cimaa jalaa oolchuu barbaada ture, Faraʼoon yommuu kana dhagaʼu garuu isa ajjeesuu barbaade; kanaan kan kaʼes gara biyya Miidiyaanitti baqachuuf dirqame.—Baʼuu 2:11-15; Hojii Ergamootaa 7:23-29.

Yeroon Museen sabicha bilisa baasuuf yaade yeroo Yihowaan sabicha bilisa baasuuf itti yaade wajjin kan walsimu hin turre. Taʼus gochi isaa amantii akka qabu argisiisa. Ibroonni 11:24-26 akkana jedha: “Museen erga guddatee booda amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide; yeroo muraasaaf cubbuu keessa jiraatee gammachuu argachuu mannaa, saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate.” Maaliif? “Inni arrabsoon Isa Dibame sana taʼuudhaan irra gaʼu badhaadhina Gibxii keessatti argamu irra akka caalu godhee yaadeera; sababiin isaas badhaasa isaaf kaffalamu xiyyeeffannaadhaan ilaaleera.” Museen “Isa Dibame sana” jedhamuun isaa, ergama Yihowaan yeroo booda kallattiidhaan isaaf kenne akka gaariitti kan ibsu waan taʼeef isaaf ni mala.

Mee yaadi! Museen karaa ijoolleen abbootii taayitaa warri Gibxii qofti itti guddataniin guddate. Hojii, qarshii fi gammachuu guddaa ni argamsiisa jedhamu argachuu ni dandaʼa ture; taʼus inni wantoota kan hunda dhiiseera. Jireenyi mana Faraʼoon isa abbaa irree taʼe keessa jiraatu jaalala inni Yihowaa fi haqaaf qabu wajjin kan walsimu hin turre. Waadaa Yihowaan Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob warra abbootii isaa taʼaniif gale beekuun isaa fi irratti xiinxaluun isaa surraa Waaqaa argachuuf akka filatu isa gargaareera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf mirgawwan guguddaa isaaf kennuudhaan Museetti fayyadameera.

Hundi keenya iyyuu haalawwan wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan filachuun itti nu barbaachisu nu mudachuu dandaʼu. Tarii atis akkuma Musee murtoo ulfaataa taʼe gochuun si barbaachisa taʼa. Aarsaa akkami iyyuu kan si kaffalchiisu yoo taʼe illee, barsiifatawwan ykn buʼaawwan argattu tokko tokko dhiisuuf fedhii qabdaa? Haala akkasii keessa jirta taanaan, Musee isa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf iddoo guddaa kennuudhaan qabeenya warra Gibxii hunda tuffatee dhiise yaadadhu; Museen murtoo isaatti matumaa hin gaabbine.

WAXABAJJII 29–ADOOLESSA 5

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 4-5

“Ani Yommuu Dubbattu Sii Wajjin Nan Taʼa”

(Baʼuu 4:10 dubbisi.)

(Baʼuu 4:13 dubbisi.)

w10 10/15 13-14

Sababii Dhiheessuu Yihowaan Akkamitti Ilaala?

“Gaʼumsa hin qabu.” Misiraachicha lallabuuf gaʼumsa akka hin qabne sitti dhagaʼama taʼa. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon bara durii turan tokko tokko, hojii Yihowaan isaanii kenne raawwachuuf gaʼumsa akka hin qabne itti dhagaʼamee ture. Musee akka fakkeenyaatti fudhadhu. Yihowaan ajaja ifa taʼe tokko yommuu isaa kennu Museen akkas jedhee ture: “Yaa gooftaa koo, ani duris nama arraba qajeelu miti, erga ati ana garbicha keetti dubbattee jalqabees ani nama akkasii hin taane; ani afaan koo hidhamaa dha, arrabni koos anatti in ulfaata.” Yihowaan kan isa jajjabeesse taʼus Museen, “Yaa gooftaa koo, hadaraa nama biraa utuu ergitee in wayya” jedhee deebise. (Bau. 4:10-13) Yihowaanoo deebii maalii isaa kenne?

(Baʼuu 4:11, 12 dubbisi.)

w14 4/15 9 key. 5-6

“Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?

5 Museen gara Gibxiitti deebiʼuusaa dura, Waaqayyo seera buʼuuraa barbaachisaa taʼe tokko kan isa barsiise yommuu taʼu, Museenis yeroo booda macaafa Iyoobirratti, “Waaqayyoon sodaachuun ogummaa dha” jechuudhaan seera buʼuuraa kana barreesseera. (Iyo. 28:28) Yihowaan, Museen sodaa akkasii akka qabaatuufi ogummaadhaan tarkaanfii akka fudhatu isa gargaaruuf, namaafi ofiisaa walbira qabee isaaf ibseera. “Afaan namaa eenyutu uume? Eenyutu didaa yookiis duudaa, kan argu yookiis jaamaa isa godha? Ana Waaqayyo mitii ree?” jechuudhaan Musee gaafateera.—Bau. 4:11.

6 Kanarraa barumsa akkamii arganna? Kan isa erge Yihowaa isa ergaasaa Faraʼoonitti akka himuuf wanta isa barbaachisu hunda kennuufii dandaʼu waan taʼeef, Museen sababa itti sodaatu tokkollee hin qabu. Kana malees, Faraʼoon Yihowaa wajjin ennaa walbira qabamu wayittuu kan lakkaaʼamu miti! Akkasumas, bulchitoota warra Gibxiitiin saba Waaqayyoorra rakkinni yommuu gaʼu kun isa jalqabaa hin turre. Museen akka itti Yihowaan, Abrahaamiin, Yoseefiifi isumayyuu harka Faraʼonota Gibxii kanaan dura turan jalaa itti oolcherratti xiinxalee taʼuu dandaʼa. (Uma. 12:17-19; 41:14, 39-41; Bau. 1:22–2:10) Museen, Yihowaa ‘isa ijaan hin argamnerratti’ amantii qabaachuudhaan, wanta inni Faraʼoonitti akka himu isa ajaje hunda ija jabinaan itti himeera.

(Baʼuu 4:14, 15 dubbisi.)

w10 10/15 14

Sababii Dhiheessuu Yihowaan Akkamitti Ilaala?

Yihowaan, Museen hojii isaa kenname raawwachuurraa walaba akka taʼu hin goone. Kanaa mannaa, hojicha yommuu raawwatu Aaron akka isa gargaaru godheera. (Bau. 4:14-17) Kana malees, waggoottan ittaananitti Museen hojii isaa kennamerratti buʼa qabeessa akka taʼuuf, Yihowaan gargaarsa isa barbaachisu isaa kennuuf isa cina dhaabbateera. Yeroo harʼaattis, tajaajilakee raawwachuuf, namoonni hidhata amantiikee taʼaniifi muuxannoo qaban akka si gargaaran akka isaan kakaasu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Hunda caalaammoo, Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan hojii inni akka hojjennu nu ajajeef gaʼumsa akka qabaannu akka nu gargaaru nuu mirkaneessa.—2 Qor. 3:5; saanduqa “Jireenyakoo Keessatti Yeroon Baayʼee Itti Gammade” jedhu ilaali.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Baʼuu 4:24-26 dubbisi.)

w04-AM 3/15 28 key. 4

Gaaffii Dubbistootaa

Wanti Siiforaan, “Ati anaaf dhirsa misirroo dhiigaa ti” jechuudhaan dubbatte ibsa baramaa hin taane dha. Kun waaʼee ishii maal nutti hima? Siiforaan ulaagaalee kakuu dhaqna qabaa irratti walii galuudhaan, kakuu Yihowaa wajjin galte amantee fudhachuu ishii argisiisteetti. Yeroo booda walitti dhufeenya Yihowaan karaa kakuu seerichaatiin Israaʼelootaa wajjin uumeen kan kaʼe Yihowaan akka abbaa manaatti isaan immoo akka haadha manaatti ibsamaniiru. (Ermiyaas 31:32, NW milj.) Kanaaf yommuu Siiforaan Yihowaadhaan, (maleekaa Yihowaa bakka buʼee dhufeen) “Ati anaaf dhirsa misirroo dhiigaa ti” jettu, wanta kakuu sana wajjin wal qabatee dhufuu kamiifuu akka bitamtu dubbachuu ishii taʼuu dandaʼa. Kakuu dhagna qabaa keessatti Yihowaan iddoo abbaa manaa yeroo fudhatu ishiin immoo iddoo haadha manaa akka fudhatteetti ilaalama jechuu dha. Sanas taʼe kana, ulaagaa Yihowaan baase hordofuuf tarkaanfii hatattamaa fudhachuun ishii lubbuu mucaa ishii oolchuu dandaʼeera.

(Baʼuu 5:2 dubbisi.)

it-2-E 12 key. 5

Yihowaa

Kanaaf “beekuu” jechuun waaʼee dhimma ykn nama tokkoo baruu ykn hubannoo qabachuu jechuu qofa miti. Naabaal inni gowwaa ture maqaa Daawit kan beeku taʼu illee, “Daawit kun eenyu?” jedhee gaafateera; jecha biraatiin “Inni eenyu taʼee ti?” jechuu isaa ti. (1Sam 25:9-11; 2Sam 8:13 wajjin wal bira qabii ilaali.) Gaaffiin Faraʼoon Musee gaafates kana wajjin wal fakkaata: “Waaqayyo inni ani sagalee isaa dhaga’ee namoota Israaʼel gad dhiisu kun eenyu inni? Ani Waaqayyoon hin beeku, namoota Israaʼelis immoo gad hin dhiisu.” (Bau 5:1, 2) Faraʼoon yeroo akkas jedhu Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa akka hin beeknee fi Mootii Gibxii irrattis taʼe dhimmoota Gibxootaa irratti Yihowaan aangoo akkamiyyuu akka hin qabne, akkasumas wanta inni karaa Musee fi Aaron dubbate fudhachuuf dirqama akka hin qabne dubbachuu isaa ture. Haa taʼu malee, yeroo muraasa booda Faraʼoonis taʼe Gibxoonni hundi, akkasumas Israaʼeloonni hiika maqaa sanaa ykn qaama maqaa sana bakka buʼu akka gaariitti beekuuf jedhu. Kun immoo akkuma Yihowaan dursee Museetti argisiise, kaayyoo Israaʼelootaaf qabu raawwachuu, jechuunis garbummaa jalaa bilisa isaan baasuudhaan biyyattii abdachiifamte isaaniif kennuu kan dabalatu dha; akkas gochuudhaan Yihowaan kakuu abbootii isaanii wajjin gale ni raawwata. Kanaan kan kaʼes Waaqayyoo akkana jedheera: “Ani Waaqa keessan Yihowaa . . . taʼuu koo dhugumaan ni beektu.”—Bau 6:4-8, NW; HUNDUMAA KAN DANDAʼU (ALMIGHTY) isa jedhu ilaali.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Baʼuu 4:1-17 dubbisi.)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi