LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr20 Adoolessa ful. 1-7
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Adoolessa 2020

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Adoolessa 2020
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • ADOOLESSA 6-12
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • ADOOLESSA 13-19
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • ADOOLESSA 20-26
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • ADOOLESSA 27–HAGAYYA 2
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • (Baʼuu 12:14-16 dubbisi.)
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
mwbr20 Adoolessa ful. 1-7

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Adoolessa 2020

ADOOLESSA 6-12

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 6-7

“Waanan Faraʼoon Irratti Hojjedhu Arguuf Jirta”

(Baʼuu 6:1 dubbisi.)

(Baʼuu 6:6, 7 dubbisi.)

w12 3/15 26-27 key. 8

Wantoota ‘Gara Booddeetti’ Hafan Hin Ilaalinaa

8 Israaʼeloonni biyya garbummaatti jiraatan keessaa yommuu tarree galanii baʼan, gammachuun hangamii akka isaanitti dhagaʼame tilmaamaa! Yommuu Yihowaan Faraʼoon isa mata jabeessaafi namootasaarratti Dhaʼichawwan Kurnan fide, karaa dinqii taʼeen humnasaa arguu dandaʼaniiru. (Baʼuu 6:1, 6, 7 dubbisi.) Dhumarratti Gibxoonni, Israaʼeloota gadhiisuu qofa utuu hin taʼin, warqeefi meetii hedduu isaanii kennuudhaan dafanii akka adeeman waan godhaniif, sabni Waaqayyoo warra Gibxiirra ‘akka guurratan’ ykn akka saamanitti kan ilaalamu ture. (Bau. 12:33-36) Israaʼeloonni, Faraʼooniifi humni waraanaasaa Galaana Diimaa keessatti dhumuusaanii yommuu arganis gammadaniiru. (Bau. 14:30, 31) Haalawwan dinqisiisaa akkasii arguun amantii namaa baayʼee cimsa!

(Baʼuu 7:4, 5 dubbisi.)

it-2-E 436 key. 1-2

Musee

Faraʼoon Isa Gibxii Duratti. Musee fi Aaron ‘waraana waaqolii’ irratti shoora guddaa taphataniiru. Faraʼoon luboota falfala raawwatan duratti [haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti maqaan ajajjoota luboota kanaa Yaaneesii fi Yaambires jedhama] (2Xi 3:8), humna Yihowaa mormuuf humna waaqolii Gibxii hundumaa walitti qabe. Dinqiin jalqabaa Aaron qajeelfama Museetiin Faraʼoon duratti raawwate, Yihowaan waaqolii Gibxii irratti ol aantummaa akka qabu kan mirkaneessu ture; taʼus Faraʼoon caalaatti mata jabeessa taʼeera. (Bau 7:8-13) Booda immoo yommuu dhaʼichi sadaffaan raawwatamu luboonni sun, “Inni kun hojii harka Waaqayyoo ti!” jechuuf dirqamaniiru. Luboonnii kun hundi isaanii iyyuu dhaʼicha iita madaaʼuun rukutamanii turan; kanaan kan kaʼes, yeroo sanatti Faraʼoon dura dhaabbatanii Musee mormuu hin dandeenye.—Bau 8:16-19; 9:10-12.

Dhaʼichawwan namoonni tokko tokko caalaatti Yihowaa akka jaallatan, tokko tokko immoo caalaatti mata jabeeyyii akka taʼan godhan. Musee fi Aaron tokkoon tokkoon Dhaʼichawwan Kurnanii beeksisaniiru. Dhaʼichawwan sun beeksifamuun isaanii, Museen bakka buʼaa Yihowaa taʼuu isaa mirkaneessu. Maqaan Yihowaa Gibxii keessatti labsameera, akkasumas baayʼinaan irraatti haasaʼameera; kun immoo Israaʼeloonnii fi warri Gibxii muraasni caalaatti maqaa Yihowaa akka jaallatan, Faraʼoon, gorsitoonni isaa fi deggertoonni isaa immoo caalaatti mata jabeeyyii akka taʼan godheera. (Bau 9:16; 11:10; 12:29-39) Warri Gibxii waaqolii isaanii akka aarsan amanuu mannaa, waaqolii isaanii irratti murtii dabarsaa kan jiru Yihowaa taʼuu isaa hubataniiru. Yeroo dhaʼichawwan saglan raawwatamanitti Museenis “biyya Gibxiitti hojjetoota mootichaa fi warra Gibxii duratti baayʼee nama guddaa” taʼee ture.—Bau 11:3.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Baʼuu 6:3 dubbisi.)

it-1-E 78 key. 3-4

Waaqa Hundumaa Dandaʼu

Yihowaan dhalachuu Yisihaaq ilaalchisee yeroo Abrahaamiif waadaa galetti maqaa ulfinaa, “Waaqayyo isa hundumaa danda’u” (El-Shaadaayii) jedhutti fayyadameera; waadaan kunis Abrahaam humna guddaa Waaqayyo waadaa gale kana raawwachuuf qabu irratti amantii cimaa qabaachuu isa gaafata ture. Sana booda dhaaltota kakuu Abrahaam akka taʼaniif Waaqayyo Yisihaaqii fi Yaaqoobiin akka eebbise yeroo dubbatamettis maqaan ulfinaa kun caqasameera.—Uma 17:1; 28:3; 35:11; 48:3.

Kanaa wajjin haala wal simuun Yihowaan yeroo booda Museedhaan, “Ani Waaqayyo inni hundumaa danda’u, Abrahaamitti, Yisihaqitti, Yaaqoobittis mulʼadheera; garuu maqaan koo ‘Waaqayyo isa jiraataa [“Yihowaa,” NW] dha’ jedhee isaanitti of hin beeksifne” jedheera. (Bau 6:3) Kana jechuun abbootiin amantii kun maqaa Yihowaa hin beekan turan jechuu miti; sababiin isaas, isaanis taʼan namoonni isaan dura turan yeroo baayʼee maqaa kanatti ni fayyadamu turan. (Uma 4:1, 26, NW; 14:22, NW; 27:27, NW; 28:16, NW) Kitaaba Uumamaa isa waaʼee jireenya abbootii amantii ibsu keessatti gaaleen, ‘Waaqa Hundumaa Dandaʼu’ jedhu siʼa 6 qofa kan argamu yeroo taʼu, maqaan dhuunfaa Yihowaa jedhu immoo qubee Afaan Ibrootaa isa jalqabaatiin siʼa 172 argama. Abbootiin amantii kun Waaqayyo maqaa ulfinaa, “Waaqa Hundumaa Dandaʼu” jedhu qabaachuuf mirgaa fi gaʼumsa akka qabu muuxannoo isaanii irraa kan hubatan taʼus, hiika guutuu fi ergaa maqaan dhuunfaa isaa inni Yihowaa jedhamu qabu hubachuuf carraa hin arganne. Kitaabni The Illustrated Bible Dictionary jedhamu (Jildii 1, fuula 572) yaada akkana jedhu qabateera: “Mulʼatawwan bara duriitti Abbootiin Amantii argaa turan, waadaawwan yeroo dheeraa booda raawwataman irratti kan xiyyeeffatani dha; kunis Yaahween Waaqa (ʼel) waadaawwan gale raawwachuuf dandeettii qabu (hiika jechi sadday jedhu qabu keessaa tokko) taʼuu isaa amanuu isaan gaafata ture. Mulʼanni huxxii bobaʼu keessatti mulʼatte hundumaa irra kan caaluu fi caalaatti kan beekamu ture; maqaan Yaahwee jedhu inni isaan biratti beekamaa taʼe, Waaqayyo humna hammamii akka qabu, akkasumas inni kan itti dhihaatamuu fi yeroo hundumaa isaanii wajjin kan jiru taʼuu isaa kan argisiisu dha.”—Jee. Dii. Dooglaasiin kan qophaaʼe, bara 1980.

(Baʼuu 7:1, NW) Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ilaa, ani Faraʼooniif akka Waaqaa si godheera; obboleessi kee Aaronis raajii kee ni taʼa.

it-2-E 435 key. 5

Musee

Museen ofitti amanamummaa kan hin qabne taʼuun isaa gaʼumsa akka hin qabaanne isa hin goone. Museen garuu akka gaariitti dubbachuu akka hin dandeenye ibsuudhaan, ofitti amanamummaa akka hin qabne argisiiseera. Waggaa 40 dura ofiin kakaʼee Israaʼeliin oolchuuf of dhiheessee ture taʼus, amma baayʼee jijjiirameera. Yihowaa falmuu isaa kan itti fufe yeroo taʼu, dhuma irratti hojii kana akka isaaf hin kennine isa gaafateera. Waaqayyo kanatti kan aare taʼus, Musee hin dhiisne; kanaa mannaa, obboleessi isaa Aaron dubbachuu irratti akka isa gargaaru godheera. Museen bakka buʼaa Waaqayyoo waan taʼeef, Aaroniif akka “Waaqaa” taʼeera; Aaron immoo bakka isaa buʼee kan isaaf dubbatu taʼeera. Yeroo irra deddeebiʼanii maanguddoota Israaʼel wajjin wal arganii fi Faraʼoon duratti dhihaachaa turanitti, Waaqayyo qajeelfamawwanii fi ajajawwan isaa Museetti kan himu yeroo taʼu, inni immoo akka inni Faraʼoon duratti dubbatuuf Aaronitti himaa kan ture fakkaata (Faraʼoon kun isa Museen waggaa 40 dura biraa baqate kan bakka buʼe dha). (Bau 2:23; 4:10-17) Yeroo booda, Yihowaan Aaron “raajii” Musee akka taʼe yeroo dubbatu, akkuma Museen raajii Waaqayyoo taʼuudhaan isaan geggeeffame, Aaronis Museedhaan geggeeffamuu akka qabu dubbachuu isaa ture. Kana malees, Museen “Faraʼooniif akka Waaqaa” akka taʼu itti himameera; kunis Waaqayyo Faraʼoon irratti humnaa fi aangoo waan isaaf kenneef, kana booda mootii Gibxii sodaachuun akka isa hin barbaachisne kan argisiisu dha.—Bau 7:1, 2.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Baʼuu 6:1-15 dubbisi.)

ADOOLESSA 13-19

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 8-9

“Faraʼoon Inni Of Tuultuu Taʼe Utuu Itti hin Beekamin Kaayyoo Waaqayyoo Raawwachuuf Tajaajileera”

(Baʼuu 8:15 dubbisi.)

w09 3/15 6 key. 6

Yihowaa Irraanfachuu Hin Qabdu

Yihowaan dhaʼicha sagaliin Gibxiin rukute. Namoonni Faraʼooniif ayyaana hedan dha’icha kana hambisuuf homaa gochuu hin dandeenye. Haata’u malee, Faraʼoon Israaʼeloota gadhiisuu diduudhaan Yihowaa tuffachuusaa itti fufeera. (Bau. 7:14–10:29) Dha’ichi kurnaffaan garuu, mootichi of tuulaa taʼe sun Waaqayyoof akka abboomamu isa dirqisiiseera. (Bau. 11:1-10; 12:12) Sabni Israaʼeliifi namoonni garagaraa hedduun, tarii walumatti 3,000,000 taʼan, Museedhaan geggeeffamanii Gibxiin gadhiisanii baʼan. (Bau. 12:37, 38) Haata’u malee, utuma isaan hin fagaatin Faraʼoon yaadasaa jijjiire. Garbootasaa durii deebifachuuf, konkolaattota fardeeniin harkifamaniifi abbootii fardeenii, jechuunis waraanasaa isa hunda caalaa jabaa tureef ajaja kenne. Yeroo kanatti Yihowaan, Museen Israaʼeloota bakka dhiphoo Phiihahiirot jedhamtu ishee Galaana Diimaafi tullootaan marfamtetti akka geessu itti hime; iddoo kanaa baqachuun kan dandaʼamu hin fakkaatu ture.—Bau. 14:1-9.

(Baʼuu 8:18, 19 dubbisi.)

(Baʼuu 9:15-17 dubbisi.)

it-2-E 1181 key. 3-5

Hammina

Kana malees, Yihowaan haalawwan jiranitti fayyadamuudhaan namoonni hamoon illee utuu isaanitti hin beekamin kaayyoo isaa raawwachuuf akka tajaajilan gochuu ni dandaʼa. Namoonni akkasii Waaqayyoon kan morman taʼus, tajaajiltoonni isaa amanamummaa isaanii akka eeggatan gargaaruuf, hamma barbaachisu isaan daangessuu ni dandaʼa; akkasumas gocha namoota akkasiitti fayyadamee qajeelummaan isaa akka beekamu gochuu ni dandaʼa. (Rom 3:3-5, 23-26; 8:35-39; Far 76:10) Yaanni kun Fakkeenya 16:4 irratti, “Waaqayyo wanta hundumaa sababii uumeef qaba, warra jal’oota iyyuu guyyaa badiisaatiif kaa’e” jedhamee ibsameera.

Faraʼoon inni Yihowaan karaa Musee fi Aaron itti dubbate yeroo Israaʼeloonni garbummaa jalaa baʼanitti Yihowaan akeekkachiisa akka taʼuuf itti fayyadameera. Waaqayyo bulchaan Gibxii kun hamaa akka taʼu hin goone; garuu lubbuudhaan jiraachuu isaa akka itti fufu isaaf heyyameera; akkasumas Faraʼoon hamaa taʼuu isaa akka mulʼisuu fi duuti kan isaaf malu taʼuu isaa akka argisiisu gochuuf haalawwan jiranitti fayyadameera. Kaayyoon Yihowaan kana itti godhe Baʼuu 9:16 irratti akkana jedhamee ibsameera: “Ani humna koo sitti argisiisuudhaaf, maqaan koos biyya hundumaa keessatti akka beeksifamuuf ati dhaabattee akka haftu nan godhe.”

Dhaʼichawwan Kurnan Gibxii irratti erga buʼanii booda Yihowaan Faraʼoonii fi humnoonni waraanaa isaa Galaana Diimaa keessatti akka dhuman gochuudhaan humna isaa karaa dinqisiisaa taʼeen argisiiseera. (Bau 7:14–12:30; Far 78:43-51; 136:15) Sana booda waggoota hedduudhaaf saboonni naannoo sana turan waaʼee seenaa kanaa dubbachaa turan; kanaan kan kaʼes maqaan Waaqayyoo guutummaa lafaa irratti ni labsame. (Iya 2:10, 11; 1Sam 4:8) Yihowaan Faraʼooniin yeruma sana ajjeeseera utuu taʼee, humni isaa inni guddaan inni ulfina isaaf argamsiisee fi saba isaatiif fayyina argamsiise karaa kanaan mulʼachuu hin dandaʼu ture.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Baʼuu 8:21 dubbisi.)

it-1-E 878

Qarxaasaa

Jechi kun Kitaabota Qulqulluu keessatti dhaʼicha warra Gibxii irra gaʼe isa arfaffaa argisiisuuf jecha itti hojjetame dha; namoonni tokko tokko maalummaa jecha Afaan Ibrootaa isa jalqabaa ilbiisa kana argisiisuuf gale ilaalchisee mirkanaaʼaa taʼuun akka hin dandaʼamne dubbatu; dhaʼichawwan Israaʼeloonni Gooshen keessa jiran irraa oolan inni jalqabaa isa kana dha. (Bau 8:21, 22, 24, 29, 31; Far 78:45; 105:31) Jechi aroov jedhu, “qarxaasaa” (JB, NW, Ro), “boombii” (Yg), “tisiisota” (AS, KJ, RS), “bookee” (AT) fi “tisiisa saree” (LXX) jedhamee karaa adda addaatiin hiikameera.

Jechi Ingiliffaa “qarxaasaa” argisiisuuf gale gosoota tisiisa fardaa fi tisiisa waraanaa kan dabalatu dha. Tisiisonni fardaa dhaltuun gogaa bineeldotaa fi namaa uranii dhiiga isaanii xuuxu. Tisiisonni waraanaa sadarkaa jiisaa irra jiran qaama bineeldotaa fi namaa keessa akka maxxantuutti jiraatu; ilbiisonni nama irratti miidhaa geessisan biyyoota gammoojjii keessatti argamu. Dhaʼichi qarxaasaa warra Gibxii irrattii fi horii isaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yeroo taʼu, duʼa illee fideera.

(Baʼuu 8:25-27 dubbisi.)

w04-AM 3/15 25 key. 9

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Baʼuu

8:26, 27—Museen aarsaan Israaʼeloonni dhiheessan “warra Gibxii biratti ciiggaasisaa” akka taʼu kan dubbate maaliifi? Gibxii keessatti bineeldonni adda addaa hedduun ni waaqeffatamu turan. Kanaafuu, Museen waaʼee aarsaa dhiheessuu dubbachuun isaa, Yihowaadhaaf aarsaa akka dhiheessaniif Israaʼelootaaf akka heyyamamu dhiibbaa gochuu fi amansiisuuf isa dandeessisa.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Baʼuu 8:1-19 dubbisi.)

ADOOLESSA 20-26

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 10-11

“Musee fi Aaron Ija Jabina Guddaa Argisiisaniiru”

(Baʼuu 10:3-6 dubbisi.)

w09 7/15 20 key. 6

Ija Jabinaan Lallabuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa

6 Museen, Faraʼoon isa ilma waaqa aduu, isa Raa jedhamee waamamuufi akka bakka buʼaa waaqoliitti utuu hin taʼin akka waaqaatti ilaalamu duratti yommuu ija jabinaan dubbatu mee yaadi. Akkuma Faraʼoonota warra isa dura turanii, innis bifa fakkeenyasaa waaqeffachuu hin oolu. Faraʼoon waan dubbate hundi akka raawwatamu kan eegu siʼa taʼu, humnaan bulcha ture. Humna guddaa kan qabu, kan of bokoksu, kan mataa jabaatuufi wanta inni gochuu qabu warri kaan akka itti himan kan hin barbaanne ture. Museen inni gadi of deebisuufi tiksituu taʼe utuu hin afeeramin, akkasumas Faraʼoon ijaan argaasaa akka hin jaallanne utuu beekuu itti deddeebiʼee isa haasofsiiseera. Wanti Museen itti hime maal ture? Waa’ee dha’ichaa dubbata ture. Wanti inni barbaaduhoo maal ture? Garboonni Faraʼoon miliyoona hedduun lakkaaʼaman biyyattii gadhiisanii akka baʼan heyyama gaafachuu ture! Museen ija jabina qabaachuun isa barbaachisee turee? Homaa shakkii hin qabu!—Lak. 12:3, NW; Ibr. 11:27.

(Baʼuu 10:24-26 dubbisi.)

(Baʼuu 10:28 dubbisi.)

(Baʼuu 11:4-8 dubbisi.)

w14 4/15 8-9 key. 2

“Isa Ijaan Hin Argamne” Arguu Ni Dandeessuu?

2 Museen ergaa Waaqayyoo Faraʼoonitti himuuf gara Gibxii dhaqe. Ergaan kun Faraʼooniin baayʼee aarsee ture. Dhaʼichawwan salgan biyyicharra erga gaʼanii booda Faraʼoon, “Fuula koo dura deebitee yoo dhufte in duuta, kanaaf lammaffaa deebitee fuula koo dura akka hin dhufne, of eeggadhu!” jechuudhaan Musee akeekkachiise. (Bau. 10:28) Museen, Faraʼoon duraa deemuusaa dura ilmi angafaa mootichaa kan ajjeefamu taʼuusaa itti hime. (Bau. 11:4-8) Achiis Museen tokkoon tokkoon maatii Israaʼel korbeessa hoolaa ykn reettii qaluudhaan dhiigasaa mataa balbalaatti akka diban itti hime. Korbeessi hoolaa waaqa warra Gibxii Raa jedhamuuf aarsaa kan godhamu ture. (Bau. 12:5-7) Faraʼoon yeroo kanatti maal godha laata? Museen garuu isa hin sodaanne. Maaliif? Museen amantiidhaan Yihowaadhaaf waan abboomameef, “dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin biyya Gibxii baʼe; isa ijaan hin argamne akka waan arguuttis yaada isaatti jabaate.”—Ibroota 11:27, 28 dubbisi.

w12 2/15 11 key. 5

“Cimi, Ija Jabaadhus!”

5 Museen amantiifi ija jabina qabaachuudhaan fakkeenya gaarii taʼa. (Ibr. 11:24-27) Waaqayyo Dh.K.D. bara 1513-1473⁠tti Israaʼeloota Gibxii baasee lafa onaa keessa akka geggeessu isatti fayyadamee ture. Museen gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee kan ture taʼus hojii kana fudhateera. (Bau. 6:12) Inniifi obboleessisaa Aaron yeroo baayʼee Faraʼoon Mootii Gibxii isa hamaa duratti dhihaachuudhaan Dhaʼichawwan Kurnan Yihowaan waaqayyolii biyya Gibxii ittiin yeellaasiseefi sabasaa ittiin oolche beeksisaniiru. (Bau. boq. 7-12) Museen amantiifi ija jabina kan argisiise akkuma keenya yeroo hundaa deggersa Waaqayyoo waan qabuuf ture.—Kes. 33:27.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Baʼuu 10:1, 2 dubbisi.)

w95-AM 9/1 11 key. 11

Waaqolii Sobaa Irratti Ragaa Baʼuu

11 Utuma Israaʼeloonni Gibxii keessa jiranii Yihowaan Musee ergee Faraʼooniin akkana jedhe: “Ati gara mootichaatti ol gali! Ani milikkitoota koo kana isaan gidduutti argisiisuudhaaf, garaa mootichaa fi garaa hojjetoota isaa jabeesseera; ati immoo warra Gibxii irratti waanan hojjedhe, milikkita ani isaan gidduutti argisiises dabarsitee ilma kee, ilma ilma kees dhageessisi; isin hundumti keessan ani Waaqayyo akkan taʼe akka beektaniif kana godheera.” (Baʼuu 10:1, 2) Israaʼeloonni ajajamoo taʼan waaʼee gochawwan Yihowaa warra jajjaboo taʼanii ijoollee isaanitti ni himu turan. Ijoolleen isaaniis dabaree isaaniitiin ijoollee isaanitti kan himan yeroo taʼu, akka kanaan seenaan kun dhalootaa dhalootatti darba ture. Karaa kanaan gochawwan Yihowaa warri jajjaboon ni yaadatamu. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, warri ijoollee isaaniitiif dhugaa baʼuuf itti gaafatamummaan isaan irra jira.—Keessa Deebii 6:4-7; Fakkeenya 22:6.

(Baʼuu 11:7 dubbisi.)

it-1-E 783 key. 5

Baʼuu

Akka kanaan Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼeen humna isaa mulʼisuudhaan maqaan isaa ulfina akka argatuu fi Israaʼeloonni akka oolan godheera. Museen ilmaan Israaʼel gara qarqara galaana diimaa kallattii bahaatiin argamuu fi tasgabbii qabuutti akka deeman isaan geggeessee ture; yeroo kanatti obboleettiin isaa Miiriyaam ishiin raajittii taate dibbee qabattee dubartoota dibbee rukutan geggeessaa dhiirota wajjin wal harkaa fuudhanii sirbu turan. (Bau 15:1, 20, 21) Israaʼeloonni diinoota isaanii irraa guutummaatti adda baʼuun isaanii dhiibbaa gaarii isaan irratti godhee ture. Yommuu Gibxiidhaa baʼanitti Waaqayyo namoota irraas taʼe bineensota irraa miidhaan akka isaan irra gaʼu hin heyyamne; sareen illee isaanitti hin dunne. (Bau 11:7) Barreessaan kitaaba Baʼuu, Faraʼoon raayyaa waraanaa isaa wajjin galaanichaan liqimfamee akka bade kan hin dubbanne taʼus, Faarfannaan 136:15 Yihowaan “Faraʼoonii fi macca isaa immoo galaana diimaa keessatti in darbate” jechuudhaan dubbata.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Baʼuu 10:1-15 dubbisi.)

ADOOLESSA 27–HAGAYYA 2

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 12

“Ayyaanni Faasikaa Kiristiyaanotaaf Hiika Akkamii Qaba?”

(Baʼuu 12:5-7 dubbisi.)

w07 1/1 22 key. 4

‘Gammadaa’

4 Yesus Dh.K.B. bara 33 gaafa Niisaan 14 duʼeera. Biyya Israaʼelitti Niisaan 14, yeroo gammachiisaa ayyaanni Faasikaa itti kabajamu ture. Waggaa waggaadhaan guyyaa sanatti ijoolleessaanii dabalatee, maatiidhaan xobboollaa hoolaa mudaa hin qabne qalanii nyaatu turan. Akka kanaan, yeroo ergamaan tokko Dh.K.D. bara 1513 gaafa Niisaan 14 angafoota Gibxii ajjeesuudhaan angafoota Israaʼelootaa oolche, gaʼee dhiigichi qabu isaan yaadachiisee ture. (Baʼuu 12:1-14) Phaawulos: “Kristos hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf taʼeera” jechuudhaan, xobboollaan Faasikaa sun Yesusiin kan bakka bu’u taʼuusaa barreesseera. (1 Qorontos 5:7) Dhiiga hoolaa Faasikaa sanaa wajjin haala wal fakkaatuun, dhiigni Yesus inni dhangala’e namoota hedduudhaaf fayyina argamsiiseera.—Yohannis 3:16, 36.

(Baʼuu 12:12, 13 dubbisi.)

it-2-E 583 key. 6

Faasikaa

Qabiyyeewwan Ayyaana Faasikaa tokko tokko karaa Yesuus raawwii isaanii argataniiru. Raawwiin inni tokko wanta Gibxii keessatti manneen irratti dhiiga dibuudhaan ijoolleen angafaa maleekaa badiisa geessisu jalaa akka oolan gochuu isaanii wajjin kan wal qabatuu dha. Phaawulos Kiristiyaanota dibamoo gumii hangafootaa akka taʼan (Ibr 12:23), Kiristoos immoo isa dhiigaa isaatiin isaan oolchu akka taʼe dubbateera. (1Ta 1:10; Efe 1:7) Hoolaan Faasikaa lafeen isaa tokko illee hin cabu ture. Lafeen Yesuus tokko illee akka hin cabne raajiidhaan dubbatamee kan ture yeroo taʼu, kunis yeroo inni duʼetti raawwii isaa argateera. (Far 34:20; Yoh 19:36) Kanaafuu, Ayyaanni Faasikaa inni Seerichi ajajuu fi Yihudoonni jaarraawwan hedduudhaaf kabajaa turan wantoota dhufuuf jiraniif gaaddidduu kan taʼe yeroo taʼu, Yesuus Kiristoos isa “Hoolicha Waaqayyoo” jedhametti kan geessu ture.—Ibr 10:1; Yoh 1:29.

(Baʼuu 12:24-27 dubbisi.)

w13 12/15 20 key. 13-14

‘Kun Yaadannoodhaaf Isiniif Haata’u’

13 Israaʼeloonni, Faasikaa ilaalchisee dhalootaa gara dhalootaatti ijoolleesaaniitiif barumsa barbaachisaa taʼe kennaniiru. Kana keessaas inni tokko Yihowaan waaqeffattootasaa akka eegu kan ibsudha. Ijoolleen, Yihowaan Waaqa hubachuun nama rakkisu akka hin taane baruu danda’aniiru. Inni Waaqa sabasaatiif yaaduufi isaaniif jedhee tarkaanfii fudhatudha. ‘Warra Gibxii yommuu dhaʼetti,’ sabasaa oolchuudhaan kun dhugaa taʼuusaa argisiiseera. Yeroo kanatti ijoolleensaanii angafaa akka oolan godheera.

14 Warri Kiristiyaana taʼan Faasikaan maal akka taʼe waggaa waggaadhaan ijoolleesaaniitiif ibsuun isaan hin barbaachisu. Haata’u malee, hiika ayyaanni kun qabu, jechuunis Yihowaan sabasaa akka eegu ijoollee keessan ni barsiiftuu? Ijoolleen keessan Yihowaan ammayyuu taanaan sabasaa akka eegu amanannaa akka isin qabdan akka hubatan ni gootuu? (Far. 27:11; Isa. 12:2) Haala isiniifi ijoollee keessan gammachiisuun miira hoʼaadhaan isaan barsiiftuu? Barumsichi maatii keessan guddina hafuuraatiif kan kakaasu akka taʼu gochuuf carraaqqii godhaa.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Baʼuu 12:12 dubbisi.)

it-2-E 582 key. 2

Faasikaa

Dhaʼichawwan Kurnan warra Gibxii irra gaʼan, keessumaa immoo dhaʼichi kurnaffaan, jechuunis duuti angafootaa murtii waaqolii warra Gibxii irratti dabarfame argisiisu. (Bau 12:12) Hoolaa kormaan waaqa Raa jedhamuuf kan adda baafame waan tureef, dhiiga hoolaa Faasikaa balbala irratti facaasuun warra Gibxii duratti akka gocha sirrii hin taanetti ilaalama ture. Qotiyyoonis akka qulqulluutti ilaalamaa waan tureef qotiyyoowwan dura dhalatan duʼuun isaanii waaqa Osiriis jedhamuuf wanta baayʼee gaddisiisaa taʼe dha. Faraʼoon iyyuu akka ilma Raa taʼeetti waan ilaalamuuf kabajni addaa isaaf kennama ture. Kanaafuu, ilmi angafaa Faraʼoon duʼuun isaa Raanis taʼe Faraʼoon homaa gochuu akka hin dandeenye argisiisa.

(Baʼuu 12:14-16 dubbisi.)

it-1-E 504 key. 1

Walgaʼii

Wanti “walgaʼii qulqullaaʼaa” hundumaa adda godhu tokko guyyaa sanatti namoonni hojii humnaa kam iyyuu kan hin hojjenne taʼuu isaa ti. Fakkeenyaaf, guyyaan jalqabaa fi guyyaan torbaffaa Ayyaana Maxinoo guyyaa “walgaʼii qulqullaaʼaa” ture; Yihowaan kana ilaalchisee, “guyyoota sanatti hojiin tokko illee hin hojjetamu, wanta namni mata mataatti nyaatu garuu in hojjetattu” jedheera. (Bau 12:15, 16) Haa taʼu malee, guyyaa ‘walgaʼii qulqullaaʼaatti’ luboonni Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuudhaan hojiin isaanitti baayʼata ture (Lew 23:37, 38); taʼus kana gochuun isaanii ajaja hojii guyyaa guyyaatti hojjetamu akka hin hojjenne ajaju cabsuu akka taʼeetti hin ilaalamu. Yeroowwan kun yeroo guutummaan sabichaa hojii hiikee itti taaʼu utuu hin taʼin, yeroo sabichi karaa hafuuraa faayidaa guddaa itti argatu turan. Torban torbaniin guyyaa Sanbataatti sabichi waaqeffannaadhaaf, akkasumas qajeelfama argachuuf walitti qabama ture. Akkuma yeroo booda manneen sagadaa keessatti godhamaa ture, yeroo Dubbiin Waaqayyoo inni barreeffamaan argamu uummata duratti dubbifamuu fi ibsamu ni dhaggeeffatu turan. (HoE 15:21) Kanaafuu, sabichi guyyaa Sanbataattis taʼe “walgaʼii qulqullaaʼaa” irratti hojii humnaa kan hin hojjenne taʼus, guyyoota kana kadhannaadhaan, akkasumas waaʼee Uumaa isaanii fi kaayyoo isaa xiinxaluudhaan qabamanii dabarsu turan.—YAAʼII (ASSEMBLY) isa jedhu ilaali.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Baʼuu 12:1-20 dubbisi.)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi