LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Onkoloolessa ful. 5
  • Dargaggootaa—Yihowaan Michuu Keessan Isa Hunda Irra Caalu Dhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dargaggootaa—Yihowaan Michuu Keessan Isa Hunda Irra Caalu Dhaa?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Waaqayyo Michuu Isaa Akka Taatu Si Afeereera
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Kitaabni Qulqulluun Michummaa Ilaalchisee Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Yihowaa Michuu Keenya Isa Gaarii
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Onkoloolessa ful. 5
Dargaggeessi tokko minjaala isaa bira taaʼee qoʼannaa dhuunfaa gochaa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dargaggootaa—Yihowaan Michuu Keessan Isa Hunda Irra Caalu Dhaa?

Michuun keessan tokko amalawwan akkamii akka qabaatu barbaaddu? Tarii amala amanamummaa, gaarummaa fi arjummaa jaallattu taʼa. Yihowaan amalawwan kana hunda qaba. (Bau 34:6; HoE 14:17) Inni yeroo gara isaatti kadhannaa dhiheessitan ni dhagaʼa. Yeroo isin barbaachisu hundatti gargaarsa isiniif godha. (Far 18:19, 35) Dogoggora raawwattaniif dhiifama isiniif godha. (1Yo 1:9) Dhuguma iyyuu Yihowaan Michuu baayʼee gaarii taʼe dha!

Maarree isin michuu Yihowaa taʼuu kan dandeessan akkamitti? Dubbii isaa dubbisuudhaan waaʼee isaa baradhaa. Iccitii keessan isatti himadhaa. (Far 62:8; 142:2) Wantoota Yihowaa duratti iddoo guddaa qabaniif, jechuunis Ilma isaa, Mootummaa isaa fi waadaa inni yeroo gara fuulduraa ilaalchisee galeef bakka guddaa akka kennitan argisiisaa. Waaʼee isaa warra kaanitti himaa. (Kes 32:3) Yihowaa wajjin michummaa cimaa yoo qabaattan, innis bara baraaf Michuu keessan taʼa.—Far 73:25, 26, 28.

VIIDIYOO DARGAGGOOTAA—“YIHOWAAN GAARII TAʼUU ISAA DHANDHAMAA ILAALAA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkii viidiyoo ‘Dargaggootaa—Yihowaan Gaarii Taʼuu Isaa Dhandhamaa Ilaalaa’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleettii dargaggeettiin takka qoʼannaa dhuunfaa gochuu ishii dura kadhachaa jirti.

    Of murteessuu fi cuuphamuuf of qopheessuu kan dandeessan akkamitti?

  • Fakkii viidiyoo ‘Dargaggootaa—Yihowaan Gaarii Taʼuu Isaa Dhandhamaa Ilaalaa’ jedhamu irraa fudhatame. Qajeelchaan tokko namicha tokkoof Afaan Kaaraniin caqasa dubbisaa jira.

    Obboloonni gumii keessa jiran Yihowaa akka tajaajiltan isin gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

  • Fakkii viidiyoo ‘Dargaggootaa—Yihowaan Gaarii Taʼuu Isaa Dhandhamaa Ilaalaa’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleessi dargaggeessi tokko gargaarsa maanguddoota irraa argatu waan dinqisiifatuuf obboleessa maanguddoo tokkoo wajjin tajaajila irratti hirmaachaa jira.

    Tajaajilli hariiroo Yihowaa wajjin qabdan cimsachuuf kan isin gargaaru akkamitti?

  • Fakkii viidiyoo ‘Dargaggootaa—Yihowaan Gaarii Taʼuu Isaa Dhandhamaa Ilaalaa’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleettiin takka mana ishii irraa saʼaatii lamaaf erga deemtee booda dubartii takka qoʼachiisaa jirti.

    Michummaan Yihowaa wajjin qabdan bara baraaf itti fufuu dandaʼa!

    Carraawwan tajaajilaa akkamii isiniif banamaniiru?

  • Waaʼee Yihowaa wanti dinqisiifattan maali dha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi