Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Muddee 2020
MUDDEE 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 10-11
“Jaalalli Yihowaadhaaf Qabnu Jaalala Maatii Keenyaaf Qabnu Irra ni Caala”
(Leewwota 10:1, 2 dubbisi.)
it-1-E 1174
Wanta hin Heyyamamne
Ibiddaa fi Ixaana hin Heyyamamne. Leewwota 10:1 irratti jechi afaan Ibrootaa “ibidda isa hin heyyamamne, jechuunis isa [Waaqayyo] akka raawwatan isaan hin ajajne” argisiisuuf gale Zaar (koorniyaa dhalaatiin, zaaraa jedhama; kallattiidhaan, keessummaa jechuu dha) kan jedhu dha; taʼus ilmaan Aaron Naadaabii fi Abihuun ibidda kana Yihowaa duratti kan dhiheessan yeroo taʼu, innis duʼaan isaan adabeera. (Lew 10:2; Lak 3:4; 26:61) Yeroo booda Yihowaan Aaroniin akkana jedheera: “Isin akka hin duuneef, atii fi ilmaan kee warri sii wajjin jiran yommuu gara dunkaana walgaʼiitti seentan daadhii wayinii yookiin dhugaatii alkoolii kan biraa hin dhuginaa. Kun guutummaa dhaloota keessaniitiif dambii dhaabbataa taʼe dha. Kunis wanta Waaqayyoof murteeffamee fi wanta xuraaʼaa taʼe gidduu, akkasumas wanta qulqulluu hin taanee fi wanta qulqulluu taʼe gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuuf, dambiiwwan Yihowaan karaa Musee isaanitti dubbate hundumaas Israaʼelota barsiisuufi.” (Lew 10:8-11) Kun Naadaabii fi Abihuun machaaʼanii akka turan argisiisa; kanaan kan kaʼe, ibidda hin heyyamamne dhiheessuuf onnataniiru. Tarii ibiddi kun yeroo, iddoo ykn akkaataa itti dhihaateen kan kaʼe seeraan fudhatama dhabee taʼuu dandaʼa; yookiin immoo ixaana Baʼuu 30:34, 35 irratti ajajameen ala dhiheessanii taʼuu dandaʼa. Machaaʼanii kan turan taʼuun isaanii gochi kun akka cubbuutti akka isaanitti hin lakkaaʼamne hin goone.
(Leewwota 10:4, 5 dubbisi.)
(Leewwota 10:6, 7 dubbisi.)
Boqonnaa Waaqayyootti Galteettaa?
16 Obboleessa Musee kan taʼe Aaron, ilmaansaa lamaanii wajjin haala wal qabateen qorumsi isa mudatee ture. Ilmaansaa Naadaabiifi Abiihuun ibidda Yihowaan isaan hin abboomne waan dhiheessaniif yommuu Inni isaan ajjeese, wanta Aaronitti dhagaʼamuu dandaʼu yaadi. Kun walitti dhufeenya isaan warrasaanii wajjin qabaachuu dandaʼan kamiyyuu akka miidhe beekamaadha. Kana qofa utuu hin taʼin, Yihowaan, “Isin akka hin duunetti, Waaqayyo guutummaa waldaatti akka hin dheekkamnetti, gaddaaf jettanii marata ofittii baastanii rifeensa mataa keessanii gad hin dhiisinaa! Uffata keessan hin tarsaasinaa” jechuudhaan Aaroniifi ilmaansaa amanamoo taʼan ajajeera. (Lew. 10:1-6) Ergaansaa ifadha. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, jaalala miseensota maatii keenyaa amanamoo hin taaneef qabnurra caaluu qaba.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Leewwota 10:8-11 dubbisi.)
Jireenya Keenya Hundumaatti Qulqulluu Taʼuu Qabna
18 Qulqulluu taʼuudhaaf Caaffata Qulqullaaʼoo sirriitti qoruufi wanta Waaqayyo nurraa barbaadu raawwachuu qabna. Ijoollee Aaron lamaan Naadaabiifi Abiihuu warra ibidda hin heyyamamne aarsaa godhanii dhiheessuusaaniitiin ajjeefaman ilaalaa; aarsaa kana kan dhiheessan machaaʼanii taʼuu hin oolu. (Lew. 10:1, 2) Wanta Waaqayyo sana booda Aaronitti hime hubadhaa. (Lewwoota 10:8-11 dubbisi.) Kana jechuun gara walgaʼii Kiristiyaanaa dhaquu keenya dura dhugaatii alkoolii dhuguu hin qabnu jechuudhaa? Qabxiilee kanaa gadi jiranirratti yaadaa: Nuti Seericha jala hin jiru. (Rom. 10:4) Biyyoota tokko tokko keessatti, obboloonni tokko tokko gara gumii dhaquusaanii dura nyaatarratti dhugaatii alkoolii murtaaʼe ni fayyadamu. Ayyaana Faasikaarratti wayiniin xoofoo afuritti dhihaatee ture. Yeroo Irbaata Gooftaa hundeessetti, Yesus ergamoonni wayinii dhiigasaa bakka buʼu akka dhugan godhee ture. (Mat. 26:27) Macaafni Qulqulluun baayʼisanii dhuguufi machaaʼuu ni dhorka. (1 Qor. 6:10; 1 Xim. 3:8) Kiristiyaanonni tokko tokko tajaajila qulqulluu taʼerratti hirmaachuusaanii dura dhugaatii alkoolii dhuguu sammuunsaanii hin heyyamuuf taʼa. Haataʼu malee, haalli biyya tokkoo kan isa kaaniirraa addadha; akkasumas wanti Kiristiyaanotaaf barbaachisaa taʼe jireenya qulqulluu Waaqayyoon gammachiisu jiraachuuf, “wanta qulqullaaʼaa taʼee fi wanta xuraaʼaa” gargar baasani beekuusaaniiti.
(Leewwota 11:8 dubbisi.)
it-1-E 111 key. 5
Bineeldota
Qajeelfamni wantoota tokko tokko akka hin nyaanne ajajame kan hojjetu warra Seera Musee jala jiraniif qofa dha; Leewwota 11:8 irratti “Isaan isiniif xuraaʼoo dha” kan jedhame Israaʼelotaafi. Aarsaan Yesuus dhiheesse Seericha waan hambiseef dhorkaan tokko tokko hafeera; namoonni hundi qajeelfama Bishaan Badiisaa booda Nohiif kenname hordofuu dandaʼu.—Qol 2:13-17; Uma 9:3, 4.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Leewwota 10:1-15 dubbisi.)
MUDDEE 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 12-13
“Seerawwan Dhukkuba Nadaayii Ilaalchisee Kennaman Irraa Baradhaa”
(Leewwota 13:4, 5 dubbisi.)
Kan Yeroon Itti Darbe moo Bara Isaa kan Durse?
• Namoota dhukkubsatan kophaatti baasuu.
Seerri Musee namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman kophaatti baasuu ilaalchisee qajeelfama kenneera. Haa taʼu malee, doktaroonni yaalii fayyaa hamma dhukkuboonni daddarboon jaarraa 14ffaattii fi 15ffaatti namoota hedduu fixanitti qajeelfama hamma harʼaatti hojjetu kana hojii irra hin oolchine.—Lewwoota boqonnaa 13 fi 14.
(Leewwota 13:45, 46 dubbisi.)
wp16.4-AM 9 key. 1
Kana Beektaa?
Yihudoonni bara durii dhukkuba nadaayii bara sanatti baramaa ture ni sodaatu turan. Dhukkubni kun fiixee narvii kan miidhu yeroo taʼu, qaamni nama sanaa karaa fayyuu hin dandeenyeen akka miidhamuu fi bifti isaa akka badu godha. Qorichi beekamaan dhukkuba nadaayiitiif taʼu hin jiru ture. Kanaa mannaa, namoonni dhukkuba kanaan qabaman kophaatti baafamu, akkasumas haala keessa jiran ilaalchisee namoota kaaniif akeekkachiisa kennu turan.—Leewwota 13:45, 46.
(Leewwota 13:52 dubbisi.)
(Leewwota 13:57 dubbisi.)
it-2-E 238 key. 3
Dhukkuba nadaayii
Uffataa fi manatti baʼu. Dhukkubni nadaayii uffata suufii irraa ykn uffata quncee talbaa irraa tolfame ykn miʼa gogaa irraa tolfame faaluu dandaʼa. Faalamni sun dhiqamee baduu kan dandaʼu yoo taʼe, miini sun adda baafama ture. Haa taʼu malee, xuriin magariisni gara keellootti dhihaatu ykn xuriin gara diimaatti dhihaatu sun yoo baduu baate, kun dhukkuba nadaayii baayʼee cimaa waan taʼeef, miini sun gubamuu qaba ture. (Lew 13:47-59) Girgiddaan mana tokkoo dhooqa bifa magariisaa gara keellootti dhihaatuun ykn bifa gara diimaatti dhihaatuun yoo faalame, lubichi manichi cufamee akka turu godha. Tarii dhagoonni faalaman sun baafamuu fi manichi keessi isaa guutummaatti soqamu dandaʼa; dhagoonni faalaman sunii fi dhoqqeen manicha irraa soqame magaalattiidhaa ala bakka xuraaʼaa taʼetti gatamu. Faalamni sun deebiʼee manicha keessatti yoo mulʼate manichi xuraaʼaa taʼa; erga diigamee booda diiggaan isaa bakka xuraaʼaa taʼetti gatama. Manichi qulqulluu akka taʼetti yoo beeksifame immoo sirni qulqulleeffamuu ni raawwatama. (Lew 14:33-57) Dhukkubni nadaayii uffata ykn mana faalu gosa waagii ykn shaaggataa akka taʼetti yaadama; taʼus waaʼee kanaa ragaan mirkanaaʼaa taʼe hin jiru.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Leewwota 12:2 dubbisi.)
(Leewwota 12:5 dubbisi.)
w04-AM 5/15 23 key. 2
Yaada Ijoo Kitaaba Leewwotaa
12:2, 5—Daʼumsi dubartiin akka ‘xurooftu’ kan godhu maaliifi? Qaamonni wal hormaataa jireenyi ilmaan namootaa mudaa hin qabne akka itti fufu kan godhu ture. Haa taʼu malee, namoonni cubbuu dhaalaniin kan kaʼe, jireenyi dhala isaaniitiif dabarsan cubbuu kan qabu dha. Daʼumsaa wajjin haala wal qabateenis taʼe, yeroo laguu fi yeroo sanyiin dhiiraa dhangalaʼutti, yeroo muraasaaf “xuraaʼaa” taʼuun isaanii, cubbuu dhaalan isaan yaadachiisa. (Leewwota 15:16-24; Faarfannaa 51:5; Roomaa 5:12) Sirni qulqulleeffamuu jiraachuun isaa, Israaʼelonni aarsaan furii cubbuu ilmaan namootaa balleessuu fi deebisanii jireenya mudaa hin qabne akka argatan godhu akka barbaachisu hubachuuf isaan gargaara ture. Akka kanaan Seerichi ‘guddiftuu isaanii isa gara Kiristoositti geessu’ isaaniif taʼeera.—Galaatiyaa 3:24.
(Leewwota 12:3 dubbisi.)
Kan Yeroon Itti Darbe moo Bara Isaa kan Durse?
• Yeroo dhagna qabaa.
Seerri Waaqayyoo daaʼimni dhiira taʼe tokko guyyaa saddeettaffaatti dhagna qabamuu akka qabu ni dubbata. (Lewwoota 12:3) Qaama daaʼima reefuu dhalate keessatti dandeettiin dhiigni itituuf qabu sadarkaa sirrii irra kan gaʼu torban tokko booda akka taʼe hubatameera. Bara duriitti gama kanaan yaaliin fayyaa argamuu isaa dura, utuu dhagna hin qabamin torban tokkoo ol turuun faayidaa argamsiiseera.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Leewwota 13:9-28 dubbisi.)
MUDDEE 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 14-15
“Waaqeffannaa Qulqulluun Qulqulluu Taʼuu Gaafata”
(Leewwota 15:13-15 dubbisi.)
it-1-E 263
Dhiqannaa
Israaʼelonni sirna dhiqannaa akka raawwatan kan irraa eegamu sababa garaa garaatiin ture. Namni dhukkuba nadaayii irraa fayye, namni wantoota namoonni “dhangalaʼaan keessaa yaaʼu” tuqan tuqe, dhiirri sanyiin isaa dhangalaʼe, dubartiin laguun ykn dhiigni ishii dhangalaʼe, akkasumas namni saalqunnamtii raawwate kam iyyuu “xuraaʼaa” kan taʼu yeroo taʼu dhiqachuu qaba ture. (Lew 14:8, 9; 15:4-27) Namni dunkaana reeffi keessa jiru keessa ture ykn reefficha tuqe waan ‘xuraaʼuuf,’ bishaan qulqulleessuun qulqullaaʼuun isa barbaachisa. Namni kam iyyuu dambii kana hordofuu yoo dide, “iddoo qulqulluu Yihowaa waan xureesseef gumicha keessaa” balleeffamuu qaba ture. (Lak 19:20) Jechi dhiqachuu jedhu, Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu qabaachuu argisiisuufis akka fakkeenyaatti faayidaa irra ooleera. (Fr 26:6; 73:13; Isa 1:16; His 16:9) Dubbii Yihowaa isa dhugaa isa bishaanitti fakkeeffameen dhiqachuun humna qulqulleessuu qaba.—Efe 5:26.
(Leewwota 15:28-30 dubbisi.)
it-2-E 372 key. 2
Laguu
Dubartiin takka yeroo laguun ishii itti dhufuun alatti dhiigni ishii kan dhangalaʼu yoo taʼe ykn “yeroo laguun ishii turu caalaa dhiigni ishii kan dhangalaʼu yoo taʼe” akka xurooftetti ilaalamti turte; yeroo kanatti wanti ishiin irra ciistu ykn irra teessu, akkasumas namni wantoota kana tuqu ni xuraaʼa ture. Dhiigni ishii dhangalaʼu kun erga dhaabbatee booda guyyaa torba lakkaaʼatti, achiis ni qulqulloofti. Guyyaa saddeettaffaattis gugee bosonaa lama ykn cuucii gugee lama gara lubichaatti fiddi; lubichis isa tokko aarsaa cubbuutiif, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhee Yihowaadhaaf dhiheessuudhaan araara ishiidhaaf argamsiisa.—Lew 15:19-30; QULQULLUU, QULQULLAAʼUU (CLEAN, CLEANNESS) isa jedhu ilaali.
(Leewwota 15:31 dubbisi.)
it-1-E 1133
Iddoo Qulqulluu
2. Dunkaana walgaʼii, yeroo booda immoo, mana qulqullummaa. Mooraan godoo qulqulluu fi mooraan mana qulqullummaas iddoo qulqulluu ture. (Bau 38:24; 2Se 29:5; HoE 21:28) Miʼawwan mooraa sana keessatti iddoo guddaa qaban, iddoo aarsaa aarsaan irratti dhihaatuu fi miʼa bishaanii sibiila diimaa irraa tolfame dha. Kanneen kun miʼawwan qulqulluu turan. Yoom iyyuu taanaan mooraa godoo qulqulluu keessa seenuu kan dandaʼu nama akka sirnichaatti qulqulluu taʼe qofa dha; haaluma wal fakkaatuun, namni xuraaʼe kam iyyuu mooraa mana qulqullummaa keessa seenuu hin dandaʼu ture. Fakkeenyaaf, dubartiin xuroofte takka wanta qulqulluu taʼe kam iyyuu tuquu ykn iddoo qulqulluu seenuu hin dandeessu turte. (Lew 12:2-4) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti Israaʼelonni xuraaʼummaa isaanii irraa utuu hin qulqullaaʼin yoo itti fufan, godoo qulqulluu akka xureessanitti ilaalama ture. (Lew 15:31) Namoonni dhukkuba nadaayii irraa qulqullaaʼuuf aarsaa dhiheessan aarsaa isaanii kan fidan hamma karra mooraatti qofa ture. (Lew 14:11) Namni qulqulluu hin taane aarsaa gamtaa godoo qulqulluutti ykn mana qulqullummaatti dhihaatu irraa nyaachuu hin dandaʼu ture; yoo akkas godhe duʼaan adabama ture.—Lew 7:20, 21.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Leewwota 14:14 dubbisi.)
(Leewwota 14:17 dubbisi.)
(Leewwota 14:25 dubbisi.)
(Leewwota 14:28 dubbisi.)
it-1-E 665 key. 5
Gurra
Israaʼel keessatti yeroo luboonni muudamanitti sirna geggeeffamu irratti Museen dhiiga korbeessa hoolaa sirna muudamaa sana irratti dhihaatu irraa muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa Aaronii fi ilmaan isaa irratti, akkasumas harka mirgaa fi miila mirgaa isaanii akka dibu ajajamee ture; kunis wanti isaan dhagaʼan, hojiin isaan hojjetanii fi karaan irra adeeman kallattiidhaan wanta achitti raawwatamuu wajjin kan wal simu taʼuu akka qabu argisiisa. (Lew 8:22-24) Haaluma wal fakkaatuun, nama dhukkuba nadaayii irraa qulqullaaʼee wajjin haala wal qabateenis, Seerichi lubichi dhiiga hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatuu fi zayitii dhihaatu irraa muraasa fuudhee fiixee gurra mirgaa namicha dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture sanaa akka dibu ajaja. (Lew 14:14, 17, 25, 28) Haalli kun qophii namni gooftaa isaatiif yeroo hundumaa garba taʼee itti fufuuf fedhii qabuuf godhamee wajjin wal fakkaata. Haala akkasii keessatti garbichi sun gara maqaanii balbalaatti fidama; achiis gooftaan isaa mutaadhaan gurra isaa ura. Mallattoon gurra isaa irraa ifatti mulʼatu kun, fedhii garbichi sun gooftaa isaatiif ajajamuu isaa itti fufuuf qabu kan argisiisu dha.—Bau 21:5, 6.
(Leewwota 14:43-45 dubbisi.)
g-AM 1/06 14, saanduqa
Shaaggataa isa Michuu fi Diina Keenya Taʼe!
SHAAGGATAAN KITAABA QULQULLUU KEESSATTI IBSAMEERAA?
Kitaabni qulqulluun manni tokko, jechuunis ijaarsichi “dhukkuba nadaayiitiin” faalamuu akka dandaʼu dubbata. (Leewwota 14:34-48) Mallattoon “dhukkuba nadaayii cimaa” jedhamee waamamu kun, gosa waagii ykn shaaggataa ti; taʼus waaʼee kanaa ragaan mirkanaaʼaa taʼe hin jiru. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Seerri Waaqayyoo abbaan manichaa dhagoota faalaman baasuu fi manicha keessa isaa guutummaatti soquudhaan wantoota faalaman sana magaalattiidhaa ala “bakka xuraaʼaa taʼetti” akka gatu ajaja. Faalamni sun deebiʼee yoo mulʼate guutummaan manichaa diigamee diiggaan isaa ni gatama. Qajeelfamni Yihowaan kenne kun inni saba isaatiif jaalala guddaa akka qabuu fi fayyaa qaamaa isaaniitiif akka yaadu kan argisiisu dha.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Leewwota 14:1-18 dubbisi.)
MUDDEE 28–AMAJJII 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEEWWOTA 16-17
“Guyyaan Araaraa Isiniif Hiika Akkamii Qaba?”
(Leewwota 16:12 dubbisi.)
Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?
4 Lewwoota 16:12, 13 dubbisi. Mee wanta Guyyaa Araaraatti raawwatamu yaadaan ilaali: Lubni ol aanaan gara godoo qulqullaaʼaatti seena. Kun yeroo sadan guyyaa sanatti gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti seenuu qabu keessaa isa jalqabaa ti. Harka tokkoon miʼa ixaana urgaa gaarii qabuun guutame qabata, harka kan biraatiin immoo miʼa ibiddaa warqii irraa hojjetamee fi barbadaa ibiddaatiin guutame qabata. Achiis golgaa seensa Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼe uwwisee jiru sana fuuldura dhaabbata. Kabaja guddaadhaan gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti erga seenee booda, saanduqa kakuu fuuldura dhaabbata. Akka fakkeenyaatti Yihowaa fuuldura dhaabbatee jira jechuu dha! Achiis lubni kun ixaana qulqulluu sana of eeggannoodhaan barbadaa ibiddaa sana irratti kan dhangalaasu siʼa taʼu, kutaan sunis urgaa gaariidhaan guutama. Yeroo booda lubni ol aanaan kun dhiiga aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu qabatee gara Iddoo Hundumaa Irra Qulqullaaʼaa Taʼeetti deebiʼee seena. Lubni kun dhiiga aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu dhiheessuu isaa dura ixaana sana akka aarsu hubadhu.
(Leewwota 16:13 dubbisi.)
Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?
5 Guyyaa Araaraatti akkaataa itti ixaanni faayidaa irra oolu irraa maal barachuu dandeenya? Kitaabni Qulqulluun kadhannaa fudhatama qabuu fi waaqeffattoonni Yihowaa amanamoo taʼan dhiheessan ixaana wajjin wal fakkeessa. (Far. 141:2; Mul. 5:8) Lubni ol aanaan ixaana sana Yihowaa duratti kan fidu kabaja guddaadhaan akka taʼe yaadadhu. Haaluma wal fakkaatuun nutis kadhannaadhaan gara Yihowaatti kan dhihaannu kabaja guddaadhaan taʼuu qaba. Uumaan uumama hundaa akkuma mucaan tokko abbaa isaatti dhihaatu isatti akka dhihaannu nuu heyyamuu isaatti baayʼee dinqisiifanna. (Yaq. 4:8) Yihowaan michoota isaa akka taanetti nu simata. (Far. 25:14, NW) Mirga kana baayʼee waan dinqisiifannuuf gonkumaa isa gaddisiisuu hin barbaannu.
(Leewwota 16:14, 15 dubbisi.)
Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?
6 Lubni ol aanaan aarsaa dhiheessuu isaa dura ixaana aarsuu akka qabu yaadadhu. Kana gochuudhaan yommuu aarsaa dhiheessu Waaqayyo biratti fudhatama argachuu isaa mirkaneeffata. Kana irraa maal barachuu dandeenya? Yesuus yeroo lafa irra turetti lubbuu isaa aarsaa godhee kennuu isaa dura wanta ilmaan namootaatiif fayyina argamsiisuu caalaa barbaachisaa taʼe tokko gochuu qaba ture. Wanti inni gochuu qabu kun maalidha? Yihowaan aarsaa isaa akka fudhatuuf guutummaa jireenya isaa isa lafaa irratti amanamummaadhaan Yihowaadhaaf ajajamuu qaba ture. Akka kanaan Yesuus wanta hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuun karaa itti jiraatan isa sirrii taʼuu isaa argisiisa. Kana malees Yesuus ol aantummaan Abbaa isaa ykn akkaataan inni itti bulchu sirrii fi haqa qabeessa taʼuu isaa mirkaneessa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Leewwota 16:10 dubbisi.)
it-1-E 226 key. 3
Azaazeel
Akkuma Phaawulos ergamaan ibsetti, Yesuus cubbuu ilmaan namootaatiif lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee dhiheessuun isaa, wanta “dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa” argamsiisuu hin dandeenye argamsiiseera. (Ibr 10:4, 11, 12) Inni ‘dhukkuba keenya baachuu’ fi ‘yakka keenyaaf waraanamuudhaan’ akka “reʼee isa badu” sanaa taʼeera. (Isa 53:4, 5; Mat 8:17; 1Ph 2:24) Cubbuu namoota gatii aarsaan isaa qabu irratti amantii qaban hundumaa ‘baateera.’ Inni qophii Waaqayyo cubbuu guutummaatti hambisuuf godhe argisiisa. Karaa kanaan reʼeen “Azaazeeliif” baʼu aarsaa Yesuus Kiristoosiif fakkeenya taʼa.
(Leewwota 17:10, 11 dubbisi.)
Qulqulluu Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?
10 Lewwoota 17:10 dubbisi. Yihowaan Israaʼeloonni “dhiiga” akka hin nyaanne isaan ajajee ture. Dhiiga horii ykn dhiiga namaarraa fagaachuun Kiristiyaanotarraas ni eegama. (HoE. 15:28, 29, NW) Waaqayyo ‘akka nurraa garagalu’ akkasumas gumiisaa keessaa akka nu baasu yaaduuniyyuu baayʼee nu sodaachisa. Isa waan jaallannuuf isaaf ajajamuu barbaanna. Haala lubbuudhaaf sodaachisaa taʼe keessattillee, yaada namoonni Yihowaa hin beekneefi isaaf ajajamuudhaaf dhimma hin qabne nuu dhiheessaniif akka hin moʼamne murteessineerra. Eeyyee, dhiigarraa fagaachuu keenyaan kan kaʼe namoonni akka nutti gaʼisan kan beeknu taʼus, Waaqayyoof ajajamuu filanna. (Yih. 17, 18) Dhiiga akka hin nyaanne ykn yaalii fayyaatiif akka hin fudhanneef ‘jabeessinee akka of eeggannu’ kan nu gargaaru maalidha?—Kes. 12:23, hiika bara 1899.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Leewwota 16:1-17 dubbisi.)