LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Caamsaa ful. 13
  • Maatii Keessatti Jaalala Argisiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatii Keessatti Jaalala Argisiisaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Karaa Itti Jireenya Maatiikee Gammachiisaa Gochuu Dandeessu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Wantoota Gaa’elli Akka Itti Fufu Godhan Lamaan
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Caamsaa ful. 13
Maatii walgaʼii irratti faarfachaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Maatii Keessatti Jaalala Argisiisaa

Jaalalli haphee maatii walitti qabsiisuu dha. Yoo jaalalli jiraachuu baate maatiin tokko tokkummaa qabachuu fi waltaʼiinsaan hojjechuun isatti ulfaata. Abbootiin manaa, haadhotiin manaa fi warri maatii keessatti jaalala argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe fedhii, ilaalchaa fi miira haadha manaa isaatiif xiyyeeffanna kenna. (Efe 5:28, 29) Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe qabaachuu dabalatee, wanta karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa maatii isaatiif barbaachisu ni dhiheessa. (1Xi 5:8) Haati manaa jaalala qabeettii taate abbaa manaa ishiitiif ni bitamti, akkasumas “ulfina guddaa” isaaf kenniti. (Efe 5:22, 33; 1Ph 3:1-6) Hiriyoonni gaaʼelaa tola dhiifama waliif gochuuf fedhii qabaachuu qabu. (Efe 4:32) Warri jaalala qabeeyyii taʼan dhuunfaatti tokkoon tokkoon ijoollee isaaniitiif xiyyeeffannaa kennu, akkasumas Yihowaa akka jaallatan isaan barsiisu. (Kes 6:6, 7; Efe 6:4) Mana barumsaatti qorumsi akkamii ijoollee isaanii mudachaa jira? Ijoolleen isaanii dhiibbaa hiriyaa dandamachaa kan jiran akkamitti? Maatii keessatti yommuu jaalalli dagaagu, miseensonni maatii hundi nagaa fi tasgabbii qabaatu.

VIIDIYOO MAATII KEESSAN KEESSATTI JAALALA HIN BADNE ARGISIISAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa viidiyoo ‘Maatii Keessan Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa’ jedhamu irraa fudhatame. Abbaa manaa fi haati manaa tokko walgaʼiidhaa erga manatti deebiʼanii booda, caqasa tokko irratti waliin mariʼachaa jiru.

    Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe haadha manaa isaa kan sooruu fi iddoo guddaa kan ishiidhaaf kennu akkamitti?

  • Suuraa viidiyoo ‘Maatii Keessan Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleettiin takka walgaʼiidhaa erga manatti deebitee booda, abbaa manaa ishii Dhugaa Baatuu hin taane obsaan dhaggeeffachaa jirti; akkasumas akka isa jaallattu isaaf ibsaa jirti.

    Haati manaa jaalala qabeettii taate abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa akka qabdu kan argisiistu akkamitti?

  • Suuraa viidiyoo ‘Maatii Keessan Keessatti Jaalala hin Badne Argisiisaa’ jedhamu irraa fudhatame. Maatiin tokko nyaata waliin nyaachaa qabxiiwwan walgaʼii irratti argatan irratti haasaʼaa jiru.

    Warri jaalala qabeeyyii taʼan Dubbii Waaqayyoo garaa ijoollee isaanii keessatti kan bocan akkamitti?

MEESHAALEE ELEKTIROONIKSII ILAALCHISEE OF EEGGANNOO GOCHUU QABNU

Meeshaaleen elektirooniksii yeroo jaalala maatii keenyaa cimsuuf itti fayyadamuu qabnu salphaatti nu jalaa saamuu dandaʼu. Warri saʼaatii isaanis taʼan ijoolleen isaanii meeshaalee elektirooniksii fayyadamuudhaan dabarsan daangeessuuf murteessuu dandaʼu. Kana malees, ijoolleen isaanii warri xixinnoon namootaa wajjin wal arguuf intarneetii fayyadamuu qabu moo hin qaban isa jedhuu fi eenyuufaa fana wal arguu dandaʼu isa jedhu murteessuun isaan barbaachisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi