AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Matumaa hin Yaaddaʼinaa”
Yihowaan hiyyeessota Israaʼel durii keessa turan gargaareera. Tajaajiltoota isaa yeroo harʼaatti argamanii fi hiyyeessota taʼan kan gargaaru karaawwan kamiini?
Maallaqaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaatan isaan barsiiseera.—Luq 12:15; 1Xi 6:6-8
Kabaja akka ofiif qabaatan isaan gargaareera.—Iyo 34:19
Jabaatanii akka hojjetanii fi barsiifata isaan miidhu irraa akka fagaatan isaan barsiiseera.—Fak 14:23; 20:1; 2Qo 7:1
Obboloota isaan jaallatanitti isaan makeera.—Yoh 13:35; 1Yo 3:17, 18
Abdii isaaniif kenneera.—Fr 9:18; Isa 65:21-23
Haalli keenya abdii kan nama kutachiisu taʼus yaaddaʼuu hin qabnu. (Isa 30:15) Yihowaan Mootummaa isaa barbaaduu keenya yoo itti fufne wantoota nu barbaachisan nuuf guuta.—Mat 6:31-33.
VIIDIYOO JAALALLI MATUMAA HIN BADU . . . HIYYEESSOTA TAANUS—KOONGOO JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Obboloonni naannoowwan walgaʼiin naannoo itti geggeeffamu jiraatan obboloota bakka biraatii walgaʼichaaf dhufan jaalalaan kan simatan akkamitti?
Viidiyoon kun jaalala Yihowaan namoota hiyyeessota taʼaniif qabu kan argisiisu akkamitti?
Qabeenyi qabnu hammamiyyuu yoo taʼe fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?