AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yihowaan Jaalala Amanamaa Akka Isiniif Qabu Mirkanaaʼoo Taʼaa
Yihowaan iddoo guddaa siif kenna. (Isa 43:4) Inni gara ofii isaa fi gara jaarmiyaa isaatti si harkiseera. Isaaf of murteessitee waan cuuphamteef, kan Yihowaa taateetta. Yeroo rakkinaatti illee akka qabeenya addaatti kunuunsa siif godha. Karaa jaarmiyaa isaa jaalala amanamaa sitti argisiisa.—Fr 25:10.
Balaawwan uumamaa dhiheenya kana gaʼaniin walqabatee wanta jaarmiyaan Yihowaa godhe ilaaluun keenya dinqisiifannaa jaalala amanamaa Yihowaatiif qabnu nuuf guddisa.
VIIDIYOO GABAASA KOREE QINDEESSITOOTAA BARA 2019 JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Yeroo balaan gaʼutti gargaarsa akka kennaniif Koreen Qindeessitootaa, waajjiroota damee addunyaa maratti argaman kan qopheesse akkamitti?
Jaarmiyaan Yihowaa Indooneeshiyaa fi Naayijeeriyaatti qajeelfamaa fi gargaarsa yeroo balaa kan kenne akkamitti?
Weerara dhibee COVID-19 ilaalchisee wanta jaarmiyaan Yihowaa godhe keessaa wanti si dinqisiise maali dha?