LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Amajjii ful. 11
  • Dargaggootaa, Warra Keessaniif Garaa Keessan Banaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dargaggootaa, Warra Keessaniif Garaa Keessan Banaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Gammachuu Maatii Keetiif Gumaacha Gochuu ni Dandeessa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Amajjii ful. 11

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dargaggootaa, Warra Keessaniif Garaa Keessan Banaa

Yaada kee ifatti warra keetti himuuf yaali. (Fak 23:26) Sababiin isaas Yihowaan akka si kunuunsanii fi akka si qajeelchaniif itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. (Fr 127:3, 4) Wantoota si yaaddessanii fi si dhiphisan kan isaan dhoksitu yoo taʼe si gargaaruun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Akkasumas carraan muuxannoo jireenya isaanii irraa barachuuf qabdu akka si darbu gochuu dandeessa. Yaadawwan tokko tokko dubbachuu dhiisuun kee dogoggoraa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa, garuu warra kee wanta dogoggora taʼe akka isaan hin amansiisne of eeggadhu.—Fak 3:32.

Warra kee haasofsiisuu kan dandeessu akkamitti? Yeroo siifis taʼe isaaniif gaarii taʼe filachuuf yaali. Kana gochuu hin dandeessuu yoo taʼe immoo, tokkoon isaaniitiif xalayaa barreessuudhaan miira kee isaaniif ibsi. Dhimma ati irratti haasaʼuu hin barbaanne irratti si haasofsiisu yoo barbaadan hoo? Garaadhaa si gargaaru akka barbaadan yaadadhu. Warri kee diinota kee akka taʼanitti utuu hin taʼin deggertoota kee akka taʼanitti ilaali. Carraaqqiin ati warra kee wajjin ifatti waliin haasaʼuuf gootu jireenya kee ammaatiifis taʼe kan bara baraatiif si fayyada.—Fak 4:10-12.

VIIDIYOO JIREENYA DARGAGGUMMAA KOO—WARRA KOO WAJJIN HAASAʼUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa, viidiyoo “Jireenya Dargaggummaa Koo—Warra Koo Wajjin Haasaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhamu irraa fudhatame. Shamarree heedfoonii godhattee jirtuu takka haadha ishii ishiitti dubbachaa jirtuuf xiyyeeffannaa kennaa hin jirtu.

    Eestarii fi Paartiik waaʼee ofii isaanii maal hubataniiru?

  • Suuraa, viidiyoo “Jireenya Dargaggummaa Koo—Warra Koo Wajjin Haasaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhamu irraa fudhatame. Shamarreen takka haadha ishii wajjin haasaʼaa fi wanta moobaayilii ishii keessa jiru haadha ishiitti argisiisaa jirti.

    Fakkeenya Yesuus irraa maal baratta?

  • Suuraa, viidiyoo “Jireenya Dargaggummaa Koo—Warra Koo Wajjin Haasaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhamu irraa fudhatame. Haati takka hojii hojjechaa jirtu addaan kuttee mucaa ishii taphachiisaa jirti.

    Warri kee akka siif yaadan kan argisiisan akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo “Jireenya Dargaggummaa Koo—Warra Koo Wajjin Haasaʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhamu irraa fudhatame. Leenjisaa kubbaa kaachoo tokko akkaataa garee isaa itti taphachuu qaban fakkii kaasaa jira.

    Warri kee akka milkooftu barbaadu

    Warra kee haasofsiisuuf dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isaan kamfaatu si gargaaruu dandaʼa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi