LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Adoolessa ful. 11
  • Gammachuu Maatii Keetiif Gumaacha Gochuu ni Dandeessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gammachuu Maatii Keetiif Gumaacha Gochuu ni Dandeessa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Adabni Jaalala Yihowaa Argisiisa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Ijoolleen Keessan Akka Milkaaʼan Gargaaruuf Dhugaawwan Buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti Fayyadamaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • “Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Adoolessa ful. 11
Suuraawwan garaa garaa: Suuraawwan viidiyoo “Maatii Keessan Keessatti Gammachuu Horadhaa” jedhamu irraa fudhataman. 1. Ijoolleen durbaa yommuu warri isaanii keekii nyaatan isaan ilaalaa jiru. 2. Waaqeffannaa maatii irratti ijoolleen durbaa kun kolfaa jiru. 3. Ijoollee durbaa kana keessaa ishiin tokko haadha ishii dhukkubsatee soofaa irra ciistu yommuu haasofsiistu.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Gammachuu Maatii Keetiif Gumaacha Gochuu ni Dandeessa

Yihowaan maatiiwwan gammadoo akka taʼan barbaada. (Fr 127:3-5; Lal 9:9; 11:9) Haa taʼu malee, sababa dhiphina addunyaa kanaa fi dogoggora miseensonni maatii raawwataniin gammachuu keenya dhabuu dandeenya. Tokkoon tokkoon miseensa maatii gammachuu maatichaatiif maal gochuu dandaʼa?

Abbaan manaa haadha manaa isaatiif ulfina kennuu qaba. (1Ph 3:7) Ishii waliin yeroo dabarsa. Wanta ishii irraa eegu ilaalchisee sababii qabeessadha, akkasumas wanta ishiin isaafis taʼe maatichaaf gootuuf ishii galateeffata. (Qol 3:15) Jaalala ishiidhaaf qabu ni ibsa, akkasumas ishii jajata.—Fak 31:28, 31.

Haati manaa abbaa manaa ishii deggaruuf carraa barbaaddi. (Fak 31:12) Isaaf ni bitamti, akkasumas waltaʼiinsaan isaa wajjin hojjetti. (Qol 3:18) Yeroo isatti haasoftus taʼe waaʼee isaa haasoftu gaarummaadhaan dubbatti.—Fak 31:26.

Warri ijoollee isaanii wajjin yeroo dabarsu. (Kes 6:6, 7) Akka isaan jaallatan ijoollee isaaniitti himu. (Mat 3:17) Yeroo adaba kennanitti jaalalaa fi hubannaadhaan kana godhu.—Efe 6:4.

Ijoolleen warra isaaniitiif ulfina kennuu fi isaaniif ajajamuu qabu. (Fak 23:22) Yaadaa fi miira isaanii warra isaaniitiif ibsu. Adaba warri isaanii isaaniif kennan ni fudhatu, akkasumas kabaja isaanitti argisiisu.—Fak 19:20.

VIIDIYOO MAATII KEESSAN KEESSATTI GAMMACHUU HORADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

• Gammachuu maatichaa dabaluuf tokkoon tokkoon miseensa maatii maal gochuu dandaʼa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi