LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Caamsaa ful. 7
  • Adabni Jaalala Yihowaa Argisiisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adabni Jaalala Yihowaa Argisiisa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • “Adaba Dhagaʼaa, Ogeessotas Taʼaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Adabni Jaalala Yihowaan Nuuf Qabu Argisiisa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Adaba Yihowaa Deggeruudhaan Jaalala Argisiisna
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Caamsaa ful. 7
Abbaa fi haati tokko ilmi isaanii inni yaada hin geeddaranne yeroo manaa baʼu balbala irra dhaabbatanii boʼaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Adabni Jaalala Yihowaa Argisiisa

Adabni adda durummaadhaan qajeefamaa fi barumsa kennuu kan argisiisu taʼus, sirreeffama kennuu fi tarkaanfii irratti fudhachuus kan dabalatu dha. Yihowaan karaa isa duratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuu akka dandeenyuuf adaba nuuf kenna. (Rom 12:1; Ibr 12:10, 11) Yeroo tokko tokko adaba nuuf kennamu fudhachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa; taʼus adabni qajeelummaa fi eebba nuuf argamsiisa. (Fak 10:7) Namoonni adaba kennanis taʼe adaba fudhatan maal sammuutti qabachuu qabu?

Nama adaba kennu. Jaarsoliin, warrii fi namoonni kaan yommuu adaba kennanitti akkuma Yihowaa gaarummaa fi jaalala argisiisuuf carraaqqii guddaa gochuu qabu. (Er 46:28) Adabni cimaan illee haala isa irratti hundaaʼuudhaan, akkasumas jaalalaan kakaʼuudhaan kennamuu qaba.—Tit 1:13.

Nama adaba fudhatu. Adabni kan nuu kennamu karaa kamiin iyyuu haa taʼuu adaba sana fudhachuu diduu mannaa dafnee hojii irra oolchuu qabna. (Fak 3:11, 12) Namoota mudaa qabnu waan taaneef hundi keenya iyyuu adabni nu barbaachisa; adabni kun immoo karaa garaa garaatiin nuuf kennamuu dandaʼa. Wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisnu irraa ykn wanta walgaʼiiwwan gumii irratti dhageenyu irraa adaba argachuu dandeenya. Darbee darbee immoo obboloonni tokko tokko adabni koree murtii isaan barbaachisa. Adaba fudhachuun jireenya nuuf argamsiisa.—Fak 10:17.

VIIDIYOO “YIHOWAAN WARRA JAALLATU NI ADABA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa viidiyoo ‘Yihowaan Warra Jaallatu ni Adaba’ jedhamu irraa fudhatame. Kanoon ijoollummaa isaatti warra isaa faana yeroo tajaajilu.

    Akkaataan guddinaa Kaanon maal fakkaata ture? Jireenyi isaa kan jijjiiramee hoo akkamitti?

  • Suuraa viidiyoo ‘Yihowaan Warra Jaallatu ni Adaba’ jedhamu irraa fudhatame. Kanoon dargaggummaa isaatti jaarsolii wajjin haasaʼaa jira.

    Yihowaan jaalalaan adaba akkamii isaaf kenneera?

  • Suuraa viidiyoo ‘Yihowaan Warra Jaallatu ni Adaba’ jedhamu irraa fudhatame. Waggoota muraasa booda Kanoon walgaʼii gumii irratti ijoollee wajjin haasaʼaa jira.

    Adaba Yihowaan siif kennuuf dinqisiifanna qabaadhu

    Muuxannoo isaa irraa maal baranna?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi