LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Muddee ful. 3
  • Adaba Yihowaa Deggeruudhaan Jaalala Argisiisna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Adaba Yihowaa Deggeruudhaan Jaalala Argisiisna
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Adabni Jaalala Yihowaa Argisiisa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Gumiidhaa Nama Baasuun Qophii Jaalala Irratti Hundaaʼe Dha Kan Jennu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Yeroo Namni Jaallannu Yihowaa Dhiisu Haala Isaa Dandamachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Muddee ful. 3

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Adaba Yihowaa Deggeruudhaan Jaalala Argisiisna

Qophiin gumiidhaa baasuu gumichaaf eegumsa godha; namni balleessaa isaa irraa hin deebine immoo adaba akka argatu godha. (1Qo 5:6, 11) Adaba Yihowaa kana yommuu deggerru jaalala akka qabnu argisiisna. Gumiidhaa baasuun firoota nama sanaa fi obboloota koree murtii keessatti hirmaatan dabalatee warra kaan irratti karaa miiraa miidhaa kan geessisu taʼuun isaa kun dhugaa akka taʼe kan argisiisu akkamitti?

Hundumaa caalaa, maqaa Yihowaa fi ulaagaa inni qulqullummaadhaaf baaseef jaalala akka qabnu argisiisna. (1Ph 1:14-16) Nama gumiidhaa baafameefis jaalala akka qabnu argisiisna. Adabni cimaan kan nama dhukkubsu taʼus, “firii qajeelummaa isa nagaa” argamsiisuu dandaʼa. (Ibr 12:5, 6, 11) Nama gumiidhaa baafame ykn gumii irraa of fageessee wajjin walitti dhufeenya yoo qabaanne, adaba Yihowaa gidduu lixaa jirra jechuu dha. Yihowaan kan nu adabu ‘hamma nuuf malu’ akka taʼe yaadachuu qabna. (Er 30:11) Adaba Yihowaa kan deggerruu fi karaa hafuuraa sochii gaarii kan goonu yoo taʼe, namni sun gara Abbaa keenya isa gara laafessa taʼeetti akka deebiʼu abdachuu keenya itti fufuu dandeenya.—Isa 1:16-18; 55:7.

VIIDIYOO BIFA DIRAAMAATIIN QOPHAAʼEE FI GARAA TOKKOON AMANAMUMMAA KEESSAN EEGGADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa viidiyoo ‘Garaa Tokkoon Amanamummaa Keessan Eeggadhaa’ jedhamu irraa fudhatame. Gabriʼeelaa fi Been xalayaa ilma isaanii mana gadhiisee baʼe erga dubbisanii booda baayʼee gaddaa jiru.

    Maatiin kun yeroo mucaan isaanii Yihowaa waaqeffachuu dhiisu miira akkamiitu isaanitti dhagaʼame?

  • Suuraa viidiyoo ‘Garaa Tokkoon Amanamummaa Keessan Eeggadhaa’ jedhamu irraa fudhatame. Walgaʼii booda michoonni isaanii Gariʼeelaa fi Been hammatanii jajjabeessaa.

    Gumichi miseensota maatii amanamoo taʼan deggeruu kan dandaʼu akkamitti?

  • Suuraa viidiyoo ‘Garaa Tokkoon Amanamummaa Keessan Eeggadhaa’ jedhamu irraa fudhatame. Gabriʼeelaan seenaa Qoraan fincila kaasuu isaa dubbatu irratti yaadaa jirti.

    Seenaan Kitaaba Qulqulluu maatii keenya caalaa Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu akka qabnu argisiisu isa kami?

  • Suuraa viidiyoo ‘Garaa Tokkoon Amanamummaa Keessan Eeggadhaa’ jedhamu irraa fudhatame. Walgaʼii booda Gabriʼeelaan ilmi isaanii ergaa gabaabaa akka ishiidhaaf barreesse Beenitti himaa jirti.

    Maatii keenya caalaa Yihowaadhaaf amanamoo akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi