LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Sadaasa ful. 11
  • Dhuma Sirna Kanaa Amanannaadhaan Eeggadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhuma Sirna Kanaa Amanannaadhaan Eeggadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo ‘Rakkina Guddaatti’ Amanamoo Taʼaa Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mootummaan Waaqayyoo Diinotasaa Ni Balleessa
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Armaagedoon Misiraachoo Dha!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Biyyi Lafaa Kan Badu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Sadaasa ful. 11
Obboleessi tokko kitaaba “Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!” jedhamu qoʼachaa jira. Maleekonni Yihowaa Armaagedoonitti saba Waaqayyootiif yeroo eegumsa godhan yaadaan ilaalaa jira.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dhuma Sirna Kanaa Amanannaadhaan Eeggadhaa

Yeroo dhihootti Yihowaan addunyaa kanatti obsa argisiisuu isaa ni dhaaba. Amantaan sobaa ni balleeffama, saboonni gamtaa uuman saba Waaqayyoorratti haleellaa banu, achiis Yihowaan Armaagedoonitti hamoota ni balleessa. Kiristiyaanonni taʼeewwan guguddaa kana hawwiidhaan eeggatu.

Dhugaadha, waaʼee rakkina guddaa wanta hunda hin beeknu. Fakkeenyaaf, yoom akka jalqabu sirriitti hin beeknu. Humnoonni siyaasaa dhaabbilee amantaarratti haleellaa banuuf wanti isaan kakaasu maal akka taʼe hin beeknu. Haleellaan saboonni saba Waaqayyoorratti banan yeroo hammamiitiif akka turu ykn maalfaa akka dabalatu hin beeknu. Yihowaan Armaagedoonitti hamoota balleessuuf maaliitti akka fayyadamus sirriitti hin beeknu.

Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun odeeffannoo yeroo gara fuulduraa amanannaa fi ija jabinaan eeggachuuf nu barbaachisu hunda nuu kenna. Fakkeenyaaf, dhuma “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru beekna. (2Xi 3:1) Amantaa dhugaan akka hin balleeffamneef haleellaan amantaawwan irratti banamu akka ‘gabaabbatu’ beekna. (Mat 24:22) Yihowaan saba isaa akka oolchu beekna. (2Ph 2:9) Qaamni Yihowaan hamoota akka balleessuu fi tuuta uummataa guddaa Armaagedoon irraa akka oolchuuf filate qajeelaa akka taʼee fi humna guddaa akka qabus beekna.—Mul 19:11, 15, 16.

Taʼeewwan gara fuulduraatti raawwataman namoonni ‘sodaadhaan akka gaggaban’ godhu. Nuti garuu bara duriitti Yihowaan saba isaa akkamitti akka oolchee fi wanta gara fuulduraa ilaalchisee dubbate dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan, fayyinni keenya akka dhihaate beeknee ‘kaanee dhaabbachuu fi mataa keenya ol qabachuu’ dandeenya.—Luq 21:26, 28.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi