LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Fulbaana ful. 2-3
  • Fulbaana 2-8

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fulbaana 2-8
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Fulbaana ful. 2-3

FULBAANA 2-8

FAARFANNAA 79-81

Faarfannaa 29 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Maqaa Yihowaa Isa Ulfina Qabeessa Taʼeef Jaalala Akka Qabdan Argisiisaa

(Daq. 10)

Gocha Yihowaa ulfina dhabsiisu irraa fagaadhaa (Fr 79:9; w17.02 9 key. 5)

Maqaa Yihowaa waammadhaa (Fr 80:18; ijwbv 3 key. 4-5)

Yihowaan namoota isaaf ajajamuudhaan jaalala maqaasaatiif qaban argisiisan ni eebbisa (Fr 81:13, 16)

Obboleessi tokko yeroo boqonnaatti nama isa faana hojjetuuf kaardii teessoo jw.org kennaa jira.

Amalli keenya maqaan Yihowaa karaa sirriis karaa sirrii hin taaneenis akka waamamu gochuu waan dandaʼuuf akka Dhugaa Baatota isaatti jiraachuu qabna

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 80:1—Maqaan Yoseef jedhu yeroo tokko tokko gosa Israaʼel hundumaa argisiisuuf kan itti hojjetame maaliifi? (it-2-E 111)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 79:1–80:7 (th qoʼannaa 10)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 1) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatu Affeeri. (lmd barumsa 4 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatu Affeeri. (lmd barumsa 4 qabxii 3)

6. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) LALLABA ADABAABAYII. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatu Affeeri. (lmd barumsa 3 qabxii 3)

7. Hordofii Gargaari

(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Nama kanaan dura qoʼachuu didee fi amma garuu fedhii qabu Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 10

8. “Isaan Maqaa Koo ni Qulqulleessu”

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Seexanni maqaa Yihowaa arrabsuu kan jalqabee iddoo biqiltuu Eedan keessattidha. Yeroo sanaa kaasee, maleekonnii fi ilmaan namootaa murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuu jechuunis, maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf ykn dhiisuuf murteessuu qabu.

Mee Yihowaa ilaalchisee sobawwan gurguddoo Seexanni dubbate tokko tokko haa ilaallu. Yihowaan bulchaa gara jabeessaa fi jaalala hin qabne akka taʼetti isa himateera. (Uma 3:1-6; Iyo 4:18, 19) Waaqeffattoonni Yihowaa jaalala dhugaa akka Isaaf hin qabne dubbateera. (Iyo 2:4, 5) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman uumamawwan naannoo keenyatti argamanii fi baayʼee babbareedoo taʼan kan uume Yihowaa miti jedhanii akka amananillee godheera.—Rom 1:20, 21.

Sobawwan kun maaltu akka isinitti dhagaʼamu godhu? Yihowaadhaaf falmuuf akka isin kakaasu beekamaadha! Yihowaan sabnisaa maqaasaa qulqulleessuu akka barbaadan beeka. (Isaayyaas 29:23 wajjin wal bira qabii ilaali.) Isinoo gama kanaan maal gochuu dandeessu?

  • Namoonni Yihowaa akka beekanii fi akka isa jaallatan gargaaraa. (Yoh 17:25, 26) Ragaawwan inni jiraachuu isaa mirkaneessan ibsuu fi waaʼee amaloota isaa warra dinqisiisoo taʼanii isaan barsiisuuf qophaaʼaa.—Isa 63:7

  • Garaa keessan guutuudhaan Yihowaa jaalladhaa. (Mat 22:37, 38) Isiniif gaarii waan taʼaniif qofa utuu hin taʼin, Yihowaa gammachiisuuf jecha abboommiiwwan Yihowaatiif ajajamaa.—Fak 27:11

Fakkiiwwan: Fakkiiwwan viidiyoo “Jaalalli Matumaa hin Badu . . . Mana Barumsaatti Dhiibbaa Gadheen Jiraatus” jedhamurraa fudhataman. 1. Ariyeel deeskiisheerra teessee utuu jirtuu mucaan dareeshee tokko quba isheetti qabee alaabaaf kabaja addaa kan hin kennine maaliifi akka t⁠a⁠ʼe ishee gaafachaa jira. 2. Kitaaba “Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu” jedhamuu fi Kitaaba Qulqulluu fayyadamtee q⁠o⁠ʼannaa dhuunfaa gochaa jirti. 3. Barattoota dareeshee fuuldura dhaabbatee dhugaa b⁠a⁠ʼaa jirti. 4. Barataan dareesaa tokko sijaaraa eleektiroonikii Diyegootti hiixachaa jira. 5. Taableetiitti fayyadamee qorannaa gochaa jira. 6. Ofitti amanannaadhaan seeqaa mana barumsaadhaa galaa jira.

VIIDIYOO Jaalalli Matumaa hin Badu . . . Mana Barumsaatti Dhiibbaa Gadheen Jiraatus jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Ariyeelii fi Diyegoon maqaa Yihowaatiif kan falman akkamitti?

  • Yihowaadhaaf akka falman wanti isaan kakaase maalidha?

  • Fakkeenya isaanii hordofuu kan dandeessan akkamitti?

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 15 key. 1-7 fi Seensa kutaa 6​ffaa

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 90 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi