Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2024 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
FULBAANA 2-8
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 79-81
Maqaa Yihowaa Isa Ulfina Qabeessa Taʼeef Jaalala Akka Qabdan Argisiisaa
Furii ‘Kennaa Guutuu’ Abbaa Biraa Argame
5 Maqaa Yihowaa akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Amala keenyaan argisiisuu dandeenya. Yihowaan qulqulluu akka taanu nu irraa eega. (1 Pheexiros 1:15, 16 dubbisi.) Kana jechuun Yihowaa qofa waaqeffachuu fi garaa keenya guutuudhaan isaaf ajajamuu qabna jechuu dha. Yommuu ariʼatamni nu irra gaʼutti illee, qajeelfamaa fi seera isaa isa qajeelaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Qajeelfamawwan Yihowaa hojii irra oolchuudhaan ifni keenya namoota duratti akka ifu goona; kun immoo maqaa Yihowaatiif ulfina fida. (Mat. 5:14-16) Saba Waaqayyoo qulqulloota taʼan waan taaneef, seerawwan Yihowaa faayidaa kan qaban akka taʼanii fi himanni Seexanaa soba taʼuu isaa jireenya keenyaan ni mirkaneessina. Hundi keenya dogoggora ni raawwanna; taʼus yeroo kanatti garaadhaa yaada geddarannee, gochawwan Yihowaadhaaf ulfina hin finne irraa ni fagaanna.—Far. 79:9.
Roomaa 10:13—‘Maqaa Gooftaa Waammachuu’
Kitaaba Qulqulluu keessatti gaaleen ‘maqaa Yihowaa waamuu’ jedhu, maqaa Waaqayyoo beekuu fi waaqeffannaa keessatti itti fayyadamuu caalaa wanta dabalatu qaba. (Faarfannaa 116:12-14) Waaqayyoon amanachuu fi gargaarsa isaa barbaaduu dabalata.—Faarfannaa 20:7; 99:6.
Maqaan Waaqayyoo Yesuus Kiristoosiif barbaachisaa ture. Kadhannaa isaa isa fakkeenya taʼu keessatti yaadni inni jalqaba caqase, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” kan jedhu ture. (Maatewos 6:9) Kana malees, Yesuus jireenya bara baraa argachuu yoo barbaanne, Qaama maqaa kanaan waamamu beekuu, isaaf ajajamuu fi isa jaallachuu akka qabnu ibseera.—Yohaannis 17:3, 6, 26.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 111
Yoseef
Maqaan Yoseef Jedhu Iddoo Guddaa Qaba Ture. Yoseef ilmaan Yaaqoob keessaa iddoo guddaa waan qabuuf, maqaan Yoseef jedhamu yeroo tokko tokko gosoota Israaʼel hunda (Fr 80:1) ykn gosoota mootummaa kaabaa keessatti haammataman argisiisuuf itti hojjetamuunsaa sirrii ture. (Fr 78:67; Amo 5:6, 15; 6:6) Maqaansaa kun raajii Kitaaba Qulqulluu keessattis iddoo guddaa qaba. Raajii Hisqiʼel mulʼataan arge keessatti Yoseef dhaala harka lama argateera. (His 47:13) Karrawwan magaalaa “Yihowaan Achi Jira” jedhamtuu keessaa inni tokko maqaa Yoseefiin moggaafameera. (His 48:32, 35) Raajii waaʼee saba Yihowaa deebisanii tokko gochuu dubbatame keessatti, Yoseef geggeessaa sabichaa kutaa isa tokkoo, Yihudaan immoo geggeessaa isa kaanii akka taʼe dubbatameera. (His 37:15-26) Raajiin Obaadiyaan dubbate “Manni Yoseef” ‘Mana Esaawu’ balleessurratti qooda akka fudhatu ibseera. (Oba 18) Zakkaariyaas immoo Yihowaan “Mana Yoseef” akka oolchu raajii dubbateera. (Zak 10:6) Efreem gosoota Israaʼel hafuuraa keessaa tokko akka taʼe ibsamuu utuu qabuu, inni hafee Yoseef ibsameera.—Mul 7:8.
Yoseef Mulʼata 7:8 irratti ibsamuunsaa raajiin Yaaqoob yeroo duʼuu jala gaʼetti dubbate, Israaʼel hafuuraa irrattis akka raawwatamu argisiisa. Kanaafuu Yihowaan inni humna qabeessa kan Yaaqoob taʼe, Yesuus Kiristoos isa tiksee gaarii taʼee fi “hoolota isaatiif” jedhee duʼe kennuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Yoh 10:11-16) Kana malees, Yesuus Kiristoos buʼuura mana qulqullummaa Waaqayyoo isa Israaʼel hafuuraa of keessatti qabateeti. (Efe 2:20-22; 1Ph 2:4-6) Dabalataanis, Tiksee fi Dhagaan Golee kun Waaqa Hundumaa Dandaʼuu wajjin jira.—Yoh 1:1-3; HoE 7:56; Ibr 10:12; Uma 49:24, 25 wajjin wal bira qabii ilaali.
FULBAANA 9-15
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 82-84
Mirga Argattan Dinqisiifadhaa
Simbirroota Irraa Maal Baranna
Girrifni jiraattota Yerusaalem biratti beekamaa ture; simbirroonni kun manʼee isaanii bantii manaa jalatti ijaarratu. Isaan keessaa tokko tokko manʼee isaanii mana qulqullummaa Solomoon irratti ijaarratanii turan. Girrifoota mana qulqullummaa kana irratti manʼee ijaarrataniif, iddoon kun bakka nagaadhaan cuucota isaanii itti guddisan akka taʼu beekamaa dha.
Namni Faarfannaa 84 qindeesse, jechuunis ijoollee Qoraahi keessaa tokko jiʼa jaʼa keessatti siʼa tokko mana qulqullummaa kana keessa kan tajaajilu siʼa taʼu, manʼee simbirroota kanaa ni arga ture. Inni akka simbirroota yeroo hunda mana Yihowaa keessa jiraatan kanaa taʼuu hawwee ture. Akkana jedheera: “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, iddoon buufata kee maal maal namatti tolaa! Lubbuun koo oobdii mana Waaqayyoo yaaddee in gaggabdi! . . . Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, mootii ko Waaqayyo kos, iddoo aarsaa keetti dinbiitiin illee mana, girrifnis mannʼee cuucota ishee keessa kaaʼattu argatte.” (Faarfannaa 84:1-3) Nutii fi ijoolleen keenya hoo walgaʼii gumii saba Waaqayyoo irratti yeroo hundumaa argamuuf hawwii akkasii qabnaa?—Faarfannaa 26:8, 12.
Humnakee Beekuudhaan Gammachuu Argadhu
Dullumni ykn fayyaa dhabuun, sochii tajaajila Yihowaarratti goonu nu jalaa daangessuu dandaʼa. Haadha ykn abbaa yoo taate, yeroofi humnakee gara caalaasaa ijoolleekee kunuunsuuf waan oolchituuf, qayyabannaa dhuunfaarraas taʼe walgaʼiiwwan gumiirraa baayʼee fayyadamaa akka hin jirre sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko wanta hojjechuu dandeessu akka hin hojjenne kan si taasisu hirʼina keerratti xiyyeeffachuukee taʼinnaa?
Waggoota kumaan lakkaaʼaman dura, namichi gosa Lewwii tokko wanta argachuu hin dandeenye akka hawwe dubbatee ture. Namni kun, waggaatti torban lamaaf mana qulqullummaa keessatti tajaajiluuf mirga argatee ture. Haataʼu malee, yeroo hundumaa iddoo aarsaa bira jiraachuuf hawwii cimaa akka qabu ibseera. (Far. 84:1-3) Namni amanamaan kun, mirga argatetti gammadee akka jiraatu kan isa gargaare maalidha? Guyyaa tokkollee oobdii mana qulqullummaa keessatti tajaajiluun mirga guddaa akka taʼe hubatee ture. (Far. 84:4, 5, 10) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis wanta hojjechuu hin dandeenyerratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta hojjechuu dandeenyu hubachuufi wanta kana raawwachuu keenyatti gammaduu qabna.
Waaqni Keessan Yihowaan Iddoo Guddaa Isiniif Kenna!
12 Atis dhukkuba wajjin walʼaansoo gochaa jirta yoo taʼe, Yihowaan haala keessa jirtu akka beeku mirkanaaʼaa taʼi. Haala keessa jirtuuf ilaalcha gaarii qabaachuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Achiis ergaa nama jajjabeessuu fi Yihowaan siif kaaʼe Kitaaba Qulqulluu keessaa argachuuf carraaqqii godhi. Caqasoota Yihowaan tajaajiltoota isaatiif hammam iddoo guddaa akka kennu ibsan irratti xiyyeeffadhu. Kana yommuu gootu Yihowaan warra amanamummaadhaan isa tajaajilaniif gaarii taʼuu isaa hubatta.—Far. 84:11.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 816
Mucaa Abbaa hin Qabne
Namoota nama jaallatan duʼaan dhabanii fi eegumsa hin qabne kana dagachuun salphaa waan taʼeef, Yihowaan Israaʼelonni xiyyeeffannaa isaan ‘mucaa abbaa hin qabneef’ kennanitti fayyadamee hammam qajeeloo akka taʼan ykn hammam qajeelummaa irraa akka fagaatan ibseera. Sabichi gama hafuuraatiin haala gaarii irra yeroo turanitti ijoollee abbaa hin qabne ni kunuunsu turan. Biyyicha keessatti haqni yeroo jalʼatutti ijoolleen abbaa hin qabne ni dagatamu turan, kunimmoo sabichi baayʼee akka mancaʼe kan argisiisu ture. (Fr 82:3; 94:6; Isa 1:17, 23; Er 7:5-7; 22:3; His 22:7; Zak 7:9-11; Mil 3:5) Namoota ijoollee abbaa hin qabne cunqursan abaarsa Yihowaatu eeggata ture. (Kes 27:19; Isa 10:1, 2) Yihowaan ijoollee akkasii akka furu (Fak 23:10, 11), akka gargaaruu fi (Fr 10:14), abbaasaanii (Fr 68:5) akka taʼetti of ibseera. Yihowaan namoota akkasiitiif ni murteessaa (Kes 10:17, 18), gara laafina isaanitti argisiisaa (Hos 14:3), boqonnaa isaaniif ni kennaa (Fr 146:9), akkasumas jiraachuusaanii akka itti fufan godha.—Er 49:11.
Mallattoo Kiristiyaanummaa dhugaa keessaa inni tokko, dubartoota abboota manaasaanii dhabuudhaan gaddan ykn ijoollee warrasaanii dhabaniif yaaduudha. Yaaqoob baratichi, “akka ilaalcha Waaqaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan qulqulluunii fi xurii hin qabne, ijoollee warra hin qabnee fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan rakkina isaanii irratti gargaaruu, akkasumas xurii addunyaa irraa of eeguu dha” jedhee Kiristiyaanotaaf barreesseera.—Yaq 1:27.
FULBAANA 16-22
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 85-87
Kadhannaan Jabaannee Dhaabbachuuf nu Gargaara
Ulfina Yihowaa Calaqqisaa Jirtaa?
10 Ulfina Waaqayyoo calaqqisuuf, ‘kadhachuuttis cimuu’ nu barbaachisa. (Rom. 12:12) Yihowaan karaa isa duratti fudhatama qabuun isa tajaajiluuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya; kadhachuu qabnas. Kana gochuufis, hafuura qulqulluu, amantii, humna qorumsa moʼuuf nu gargaaruufi dandeettii ‘dubbicha isa dhugaa qajeeltootti itti hojjechuuf’ nu dandeessisu akka nuu kennu isa gaafachuu dandeenya. (2 Xim. 2:15; Mat. 6:13; Luq. 11:13; 17:5) Akkuma mucaan tokko abbaasaatti amanamu, nutis Yihowaa Abbaa keenya isa samiitti amanamuu qabna. Caalaatti isa tajaajilluuf akka nu gargaaru yoo kadhanne, akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaaf, akka isa rakkisne matumaa nutti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, kadhannaadhaan isa haa faarsinu, akkasumas haa galateeffannu. Keessumaa yeroo qorumsa keessa jirrutti qajeelfamasaa haa barbaannu, karaa maqaasaa isa qulqulluutiif ulfina fiduunis isa tajaajiluuf akka nu gargaaru haa kadhannu.—Far. 86:12; Yaq. 1:5-7.
Yihowaan Kadhannaa Keenyaaf Deebii kan Kennu Akkamitti?
17 Faarfannaa 86:6, 7 dubbisi. Daawit Mootichi Yihowaan kadhannaa isaa akka dhagaʼee fi deebii akka isaaf kenne mirkanaaʼaa ture. Atis amantii akkasii qabaachuu dandeessa. Fakkeenyonni mata duree kana keessatti ilaalle Yihowaan ogummaa fi humna jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu akka nuu kennu nuuf mirkaneessaniiru. Obboloota keenyatti ykn namoota isa hin waaqeffannettillee fayyadamee nu gargaaruu dandaʼa.
18 Yihowaan yeroo hunda karaa nuti eegneen kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu taʼuu baatus deebii akka nuuf kennu garuu beekna. Wanta nu barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka nuuf kennu beekna. Kanaafuu, amantiidhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kee itti fufi; inni yeroo ammaatti akka siif yaaduu fi addunyaa haaraa keessatti ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ mirkanaaʼaa taʼi.—Far. 145:16.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 1058 key. 5
Garaa
‘Garaa Guutuudhaan’ Tajaajiluu. Garaan inni fakkeenyaan ibsame hihiramuu dandaʼa. Daawit, “maqaa kee akkan sodaadhuuf, garaa koo tokko naaf godhi” jedhee kadhateera. Kunis namni tokko jaalalaa fi sodaa wantoota garaa garaatiif qabuun garaansaa hiramuu akka dandaʼu kan argisiisudha. (Fr 86:11) Namni akkasii “garaa walakkaa” qabaata, jechuunis waaqeffannaansaa laphii taʼa. (Fr 119:113; Mul 3:16) Namni tokko “garaa lama” qabaachuus ni dandaʼa, (kallattiidhaan, garaa tokko biratti garaa kan biraa qabaachuu dandaʼa). Kana jechuun gooftaa lama tajaajiluuf yaaluu ykn wanta tokko dubbachaa wanta kan biraa yaaduu jechuudha. (1Se 12:33; Fr 12:2, milj) Yesuus fakkeessitoota garaa lama qaban akkasii cimsee balaaleffateera.—Mat 15:7, 8.
FULBAANA 23-29
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 88-89
Bulchiinsi Yihowaa Hundarra Caala
Ol Aantummaa Yihowaa Deggeraa!
5 Sababii Yihowaan uumama cufa bulchuuf mirga qaba itti jennu kan biraanis jira. Yihowaan aangoo isaa haqa guutuudhaan itti fayyadama. Akkana jedheera: ‘Ani Waaqayyo lafa irratti gaarummaa, qajeelummaa fi firdii qajeelaa nan godha! Ani wanta akkasii kanatti nan gammada.’ (Er. 9:24) Inni wanta haqaa fi sirrii taʼe murteessuuf, seera ilmaan namootaa mudaa qaban baasan kam iyyuu ilaaluun isa hin barbaachisu. Haqni guutuun inni argisiisu eenyummaa isaa irraa kan maddu siʼa taʼu, isa irratti hundaaʼee ilmaan namootaatiif seerawwan barreeffaman kenneera. ‘Teessoon isaa qajeelummaa fi dhugaa irra waan dhaabateef,’ seerawwan, qajeelfamawwan isaa fi murtoowwan isaa qajeeloo akka taʼan amanannaa qabaachuu dandeenya. (Far. 89:14; 119:128) Faallaa kanaatiin immoo, Seexanni ol aantummaan Yihowaa hirʼina akka qabu gaaffii kaasus, addunyaa yeroo hunda haqni keessatti dagaage argamsiisuu hin dandeenye.
Ol Aantummaa Yihowaa Deggeraa!
10 Akkaataa Yihowaan itti bulchu kan hacuucu ykn kan nama dhiphisu miti. Bilisummaa kan qabuu fi gammachuu kan argamsiisu dha. (2 Qor. 3:17) Daawit akkaataa Yihowaan itti bulchu ilaalchisee akkana jedheera: “Surraanii fi simboon fuula [Waaqayyo] dura, aangoonii fi gammachuun iddoo isaa isa qulqullaaʼaa keessa jiru.” (1 Sen. 16:7, 27) Haaluma wal fakkaatuun, Etaan faarfatichi akkana jedhee barreesseera: “Sabni sagalee gammachuu dhageessisee beeku haa gammadu! Isaan ifa fuula kee irraa ifu keessa in deddeebiʼu, yaa gooftaa! Isaan guyyaa hundumaa maqaa keetti gammaduu isaanii in dhageessisu, qajeelummaa keetiin ol in kaafamu.”—Far. 89:15, 16.
11 Irra deddeebinee gaarummaa Yihowaa irratti xiinxaluun keenya, bulchiinsi isaa hunda caalaa gaarii akka taʼe amantii qabnu nuuf cimsuu dandaʼa. Akkuma faarfaticha isa, “Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya” jedhee turee nutti dhagaʼama. (Far. 84:10) Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef, wanta dhugumaan gammachuu argachuuf nu barbaachisu beeka; wanta nu barbaachisu kanas isa nu barbaachisu caalaa nuuf kenna. Wanti inni nu irraa eegu maal iyyuu yoo taʼe, faayidaa keenyaa fi dhuma irratti immoo gammachuu guddaa kan nuuf argamsiisu taʼa. Kun yeroo tokko tokko aarsaa gochuu kan nu gaafatu taʼu illee dhugaa dha.—Isaayaas 48:17 dubbisi.
Mootummicharratti Amantii Cimaa Qabaadhaa
14 Kakuu Daawitii wajjin galamerratti, Yihowaan Daawit isa mootii Israaʼel durii taʼeef waadaa akkamii akka gale haa ilaallu. (2 Saamuʼel 7:12, 16 dubbisi.) Yihowaan Daawitii wajjin kakuu kana kan gale yeroo Daawit Yerusaalem keessatti bulchaa turetti siʼa taʼu, Masiihichi karaa sanyiisaa akka dhufu waadaa isaaf gale. (Luq. 1:30-33) Kanaafuu, Yihowaan karaa sanyichi itti dhufu caalaatti ifa kan godhe siʼa taʼu, dhaaltuun Daawit teessoo Mootummaa Masiihichaarra taaʼuuf ‘abbaa mirgaa’ (NW) akka taʼu dubbate. (His. 21:25-27) Mootummaan Daawit karaa Yesusiin “bara baraan jabaatee in dhaabata.” Dhugaadha, sanyiin Daawit “bara baraan in jiraata, teessoon isaas hamma biiftuun . . . jirtutti in tura.” (Far. 89:34-37) Eeyyee, bulchiinsi Masiihichaa yoomiyyuu jalʼina hin raawwatu, akkasumas wanti inni raawwatu barabaraaf kan itti fufudha!
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
“Ati Qofti Amanamaa” Dha
4 Akka Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti ibsametti, “amanamummaan,” nama nama jaallatu tokkotti of maxxansu, akkasumas isa gargaaruu fi deggeruu isaa itti fufu argisiisa. Amanamummaan itti gaafatamummaa baʼuu caalaa wanta dabalatu qaba. Namni tokko dirqamni waan isa irra jiruuf qofa amanamaa taʼuu ni dandaʼa. Faallaa kanaatiin amanamummaan as irratti ibsame jaalala irratti hundaaʼa. Kana malees, jechi “amanamummaa” jedhu wantoota lubbuu hin qabne kan akka addeessaafis itti hojjetameera. Fakkeenyaaf faarfatichi, addeessi yeroo hunda galgala galgala waan mulʼattuuf, “samii keessatti ragaa baatuu amanamtuu” akka taate ibseera. (Faarfannaa 89:37) Haa taʼu malee amanamummaan addeessaa, amanamummaa namni argisiisuu wajjin tokko taʼuu hin dandaʼu. Maaliifi? Sababiin isaas gosti amanamummaa mata duree kana irratti ibsamaa jiru jaalala irratti kan hundaaʼe yeroo taʼu, wantoonni lubbu dhabeeyyii taʼan immoo jaalala argisiisuu hin dandaʼan.
5 Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti, amanamummaan miira hoʼaa qabaachuu dabalata. Namoonni waliif amanamoo taʼuun isaanii isaan gidduu michummaa cimaan akka jiru argisiisa. Amanamummaan akkasii akka dambalii galaanaa, haala qilleensaa irratti hundaaʼee kan jijjiiramu miti. Kanaa mannaa amanamummaan ykn jaalalli amanamaan kan hin jijjiiramnee fi jabaa waan taʼeef, rakkoowwan guguddaa illee moʼuu ni dandaʼa.
FULBAANA 30–ONKOLOOLESSA 6
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 90-91
Umuriin Keessan Akka Dheeratuuf Yihowaatti Amanamaa
Barbaacha Umurii Dheeraa Jiraachuuf Godhame
Yaaliin umurii dheeressuuf godhamu yeroo harʼaatti hamma jiraachuu dandeenyu caalaa umurii keenya dheeressuu akka dandaʼu kan irratti walii galan Saayintistoota hunda miti. Dhugaa dha, jaarraa 19ffaatii asitti umuriin namootaa kan duraa caalaa dheerateera. Haa taʼu malee, kun taʼuu kan dandaʼe, qulqullinaa eeggachuu, dhukkuba daddarbaa ittisuu, qoricha akka antiibaayotikii fi talaallii fudhachuu irratti tarkaanfii guddaan waan fudhatameefi dha. Namoonni waaʼee jiinii qoratan tokko tokko umuriin namootaa, isa namoonni jiraachuu dandaʼan irra caaluu akka hin dandeenye amanu.
Musee inni barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼe gara waggaa 3,500 dura, akkana jedheera: “Barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baayʼates waggaa saddeettama; wanti isaan keessaa guddaatti lakkaaʼamus dadhabbii fi rakkina, isaan dafanii in darbu nuyis baallee baafnee in sokkina.” (Faarfannaa 90:10) Namoonni umurii namootaa dheeressuuf yaalii godhanis, hamma Museen ibse irra baayʼee hin caalle.
Karaa biraatiin immoo, uumamawwan galaana diimaa archiin ykn sanyiiwwan kiwooyoog jedhaman keessaa inni tokko gara waggaa 200 ol jiraachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, mukeetii guguddaan akka seekooyaa jiran immoo waggoota kumaan lakkaaʼaman jiraachuu dandaʼu. Umurii keenya wantoota kanaa fi wantoota lubbuu qabeeyyii taʼan kaan wajjin wal bira qabnee yeroo ilaallu, ‘Kan jiraannu waggaa 70 ykn 80 qofa dhaa?’ jennee gaafachuun keenya hin oolu.
wp19.1 5, saanduqa
Maqaan Waaqayyoo Eenyu?
Gaaffiin kun gaaffii namoonni baayʼeen gaafatani dha. Tarii atis gaaffii akkasii qabda taʼa. Gaaffiin kun akkasitti ibsamuu dandaʼa: Hawaa fi wantoonni isa keessatti argaman hundi jalqaba ykn uumaa kan qaban erga taʼee, Waaqayyoon eenyutu uume?
Saayintistoonni wantoonni hawaa keessa jiran jalqaba akka qaban irratti walii galu. Yaada buʼuuraa kanaa wajjin haala wal simuun caqasni Kitaaba Qulqulluu inni jalqabaa, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedha.—Uumama 1:1.
Hawaan ofuma isaatiin of uumuu hin dandaʼu; wanta hin jirre irraa dhufuu hin dandaʼu. Wanti hin jirre wanta jiru argamsiisuu hin dandaʼu. Hawaan jiraachuu isaa dura homtuu hin jiru utuu taʼee, yeroo harʼaa hawaan hin jiraatu ture. Guutummaatti hubachuun kan nutti ulfaatu taʼus, qaamni hafuuraa bara baraaf jiraatuuf wantoota kana jalqabsiise jiraachuu qaba. Yihowaan inni humna guddaa qabuu fi qaama hafuuraa ogeessa taʼe isa wantoota kana jalqabsiise dha.—Yohaannis 4:24.
Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyoon ilaalchisee, “Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha” jedha. (Faarfannaa 90:2) Kanaafuu Waaqayyo yeroo hundumaa jira. Kanaafuu, “jalqabatti” hawaa kan uume isa dha.—Mulʼata 4:11.
Jaalalli Sodaa Moʼuuf kan Nu Gargaaru Akkamitti?
16 Seexanni jireenya keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu beeka. Haa taʼu malee, inni lubbuudhaan jiraachuuf jennee michummaa Yihowaa wajjin qabnullee aarsaa akka goonu dubbateera. (Iyo. 2:4, 5) Wanti Seexanni dubbate sobadha. Taʼus, inni, “isa duʼa fiduuf humna qabu sana” waan taʼeef, Yihowaa akka dhiisnu gochuuf sodaa uumamaan qabnu kanatti fayyadamuuf yaala. (Ibr. 2:14, 15) Yeroo tokko tokko bakka buutonni Seexanaa amantii isaanii yoo ganuu baatan akka isaan ajjeesan tajaajiltoota Yihowaa sodaachisu. Yeroo kan biraattimmoo, Seexanni ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf dhukkuba cimaa nu mudatetti fayyadamuuf yaala. Ogeeyyiin fayyaa fi miseensonni maatii keenya hin amanne, seera Waaqayyoo cabsinee dhiiga akka fudhannu dhiibbaa nurratti godhu taʼa. Yookiin immoo, namni kan biraan yaalii fayyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne akka fudhannu nu amansiisuuf yaala taʼa.
17 Duʼuu kan hin barbaanne taʼus Yihowaan yoo duunellee nu jaallachuu isaa akka itti fufu beekna. (Roomaa 8:37-39 dubbisi.) Yihowaan michoota isaa duʼan akka waan lubbuudhaan jiraniitti yaadata. (Luq. 20:37, 38) Gara jireenyaatti isaan deebisuufis ni hawwa. (Iyo. 14:15) ‘Jireenya bara baraa akka qabaannuufʼ jecha gatii guddaa kaffaleera. (Yoh. 3:16) Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekna. Kanaafuu, yeroo dhukkubsannutti ykn yeroo duʼaaf saaxilamnutti Yihowaarraa fagaachuu mannaa, jajjabina, ogummaa fi cimina argachuuf isatti dhihaanna. Vaalarii fi abbaan manaa ishiis kana godhaniiru.—Far. 41:3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Maleekaa Dhuunfaatti Si Eegu Qabdaa?
Kitaabni Qulqulluun tokkoon tokkoon namaa maleekaa isa eegu akka qabu hin barsiisu. Dhugaa dha, Yesuus yeroo tokko akkana jedheera: “Dhuguman isiniin jedha, maleekonni isaanii warri samii keessa jiran yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii waan ilaalaniif, warra xixinnoo kana [barattoota Kiristoos] keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa.” (Maatewos 18:10) Haa taʼu malee, Yesuus yeroo kana dubbatu tokkoon tokkoon namaa maleekaa isa eegu qaba jechuu isaa hin turre; kanaa mannaa maleekonni tokkoon tokkoon barattoota isaa xiyyeeffannaadhaan akka hordofan ibsuuf ture. Kanaaf, waaqeffattoonni dhugaa maleekonni Waaqayyoo akka isaan eegan yaaduudhaan tarkaanfii dogoggoraa balaadhaaf isaan saaxilu hin fudhatan.
Kana jechuun maleekonni ilmaan namootaa hin gargaaran jechuu dhaa? Lakki. (Faarfannaa 91:11) Namoonni tokko tokko Waaqayyo maleekota isaatti fayyadamee akka isaan eegee fi qajeelfama akka isaaniif kenne cimsanii amanu. Keeneeti inni mata duree jalqabaa irratti caqasamee ture akkas isatti dhagaʼamee ture. Mirkanaaʼoo taʼuu baannus, wanti inni dubbate sirrii taʼuu dandaʼa. Dhugaa Baatonni Yihowaa hojii lallabaa isaanii irratti yommuu hirmaatan, yeroo baayʼee gargaarsa maleekotaa akka qaban ni argu. Haa taʼu malee, maleekonni ijaan waan hin argamneef, Waaqayyo dhimmawwan gara garaa irratti namoota gargaaruuf hanga maaliitti akka isaanitti fayyadamu dubbachuu hin dandeenyu. Taʼus, gargaarsa Waaqayyo inni Hundumaa Dandaʼu nuuf godhe kamiif iyyuu isa galateeffachuun keenya dogoggora miti.—Qolosaayis 3:15; Yaaqoob 1:17, 18.
ONKOLOOLESSA 7-13
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 92-95
Yihowaa Tajaajiluun Daandii Jireenyaa Hundarra Wayyudha!
Dargaggootaa, Galmawwan Hafuuraa Irratti Xiyyeeffachaa Jirtuu?
5 Sababiin galma hafuuraa baafachuu itti qabnu inni guddaan, jaalala Yihowaan nutti argisiisee fi wanta inni nuuf godheef galateeffannaa qabnu argisiisuufi dha. Faarfatichi, “Waaqayyoof galata galchuun . . . maal maal gaarii dha! Ati yaa gooftaa, gocha keetiin na gammachiifteetta, hojii harka keetti gammadee nan faarfadha!” jedheera. (Far. 92:1, 4) Dargaggootaa, wanta Yihowaa irraa argattan hunda yaadaa. Jireenya, amantii, Kitaaba Qulqulluu, gumii fi abdii dinqisiisaa gara fuulduraa qabdan yaadaa. Wantoota hafuuraatiif dursa kennuun, karaa eebbawwan Yihowaan nuu kenne kanaaf itti galateeffannu siʼa taʼu, kunis akka isatti dhihaannu nu gargaara.
Yaada Keessan Irratti Eenyutu Dhiibbaa Gochaa Jira?
8 Akkuma warra gaarii taʼan tokkoo, Yihowaan ijoolleen isaa jireenya hunda caalaa milkaaʼina qabu akka jiraatan barbaada. (Isa. 48:17, 18) Kanaafuu, naamusaa fi amala warra kaanitti argisiisuu qabnu ilaalchisee seera buʼuuraa nuuf kenneera. Dhimmoota akkasii wajjin haala wal qabateen, yaada isaa akka qabaannuu fi ulaagaa isaatiin akka jiraannu nu afeera. Kun bilisummaa nu dhabsiisuu mannaa, dandeettii yaaduu keenya dabala, ol kaasa akkasumas ni guddisa. (Far. 92:5; Fak. 2:1-5; Isa. 55:9) Kunis eenyummaa dhuunfaa keenyaa utuu hin dhabin filannoowwan gammachuu nuuf argamsiisan gochuuf nu gargaara. (Far. 1:2, 3) Eeyyee, akka Yihowaatti yaaduun faayidaa qabeessaa fi barbaachisaa dha!
Waaqni Keessan Yihowaan Iddoo Guddaa Isiniif Kenna!
18 Yihowaan yommuu dulloomnuttis wanta hojjennu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 92:12-15) Yesuus dandeettiin keenya kan daangeffame ykn carraaqqiin nuti goonu xinnoo akka taʼe kan nutti dhagaʼamu taʼus, Yihowaan wanta tajaajila isaa keessatti goonu kamiif iyyuu iddoo guddaa akka kennu nu barsiiseera. (Luq. 21:2-4) Kanaafuu, wanta gochuu dandeessu irratti xiyyeeffadhu. Fakkeenyaaf, waaʼee Yihowaa dubbachuu, obboloota keetiif kadhachuu fi warri kaan amanamoo taʼanii akka jiraatan jajjabeessuu dandeessa. Yihowaan wanta ati raawwattuun utuu hin taʼin, isaaf ajajamuuf fedhii qabaachuu keetiin kan kaʼe isa wajjin akka hojjettutti si ilaala.—1 Qor. 3:5-9.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
“Ogummaan . . . Waaqayyoo Akkam Gad Fagoo Dha!”
18 Phaawulos ergamaan ogummaan Yihowaa adda taʼuu isaa akkamitti akka ibse qalbeeffadhu: “Badhaadhinni, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu!” (Roomaa 11:33) Phaawulos as irratti yaada “akkam gad fagoo dha!” jedhutti fayyadamuudhaan dinqisiifannaa ogummaa Yihowaatiif qabu ibseera. Jechi afaan Giriikii Phaawulos “gad fagoo” jechuuf itti fayyadame, jecha “qilee” jedhuu wajjin wal fakkaata. Kanaafuu, jechi isaa kun sammuu keenyatti fakkii nuu uuma. Ogummaan Yihowaa akka boolla fageenyii fi balʼinni isaa hangana hin jedhamnee waan taʼeef, ogummaa isaa irratti yommuu xiinxallu bira gaʼuun haa hafuutii, hammam guddaa akka taʼe tilmaamuu illee hin dandeenyu. (Faarfannaa 92:5) Maarree kun akka gad of qabnu nu hin kakaasuu?
ONKOLOOLESSA 14-20
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 96-99
“Misiraachoo . . . Labsaa”!
w11-AM 3/1 6 key. 1-2
Misiraachichi Maalidha?
KIRISTIYAANONNI ‘misiraachoo mootummichaa’ lallabuu qabu, jechuunis Mootummaan kun gara fuulduraatti qajeelummaadhaan guutummaa lafaa akka bulchu warra kaanitti himuu qabu. Haataʼu malee, Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi ‘misiraachoo’ jedhu karaa kan biraas itti hojjetameera. Fakkeenyaaf, ‘misiraachoo waaʼee fayyinaa ibsu’ (Fr 96:2), “misiraachoo Waaqayyoo” (Rom. 15:16), ‘misiraachoo waaʼee Yesuus Kiristoos’ jedhameera.—Mar. 1:1.
Gabaabumatti ibsuuf, dhugaan Yesuus dubbatee fi barattoonni isaa barreessan misiraachoo kana keessatti hammatama. Yesuus gara samiitti ol baʼuusaa dura duuka buutotasaatiin, “Dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jedheera. (Mat. 28:19, 20) Kanaafuu, hojiin Kiristiyaanota dhugaa waaʼee Mootummichaa warra kaanitti himuu qofaan daangeffamuu hin qabu. Kanaa mannaa, namoota barattoota gochuuf carraaquu qabu.
Guyyaa Firdiitti Maaltu Raawwatama?
Akkuma fakkii gara mirgaa jirurraa mulʼatutti, namoonni baayʼeen Guyyaa Firdiitti lubbuuwwan biliyoonaan lakkaaʼaman teessoo Waaqayyoo duratti dhihaatanii gocha duraan raawwataniin itti faradamuudhaan tokko tokko jireenya samiirraa argatu, kaanimmoo ibidda barabaraatiin gubatu jedhanii yaadu. Macaafni Qulqulluun garuu, kaayyoon Guyyaa Firdii namoonni murtoo qajeelaa akka argatan gochuu akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 96:13) Waaqayyo, ilmaan namootaatiif firdii qajeelaa akka kennu Yesusiin muudeera.—Isaayaas 11:1-5; Hojii Ergamootaa 17:31 dubbisi.
Nagaa Waggaa Kumaafi Sana Booda Jiru!
18 Hariiroo gaariin qaban kun yommuu Seexanni Addaamiifi Hewwaan olaantummaa Yihowaarratti akka kaʼan godhetti addaan citeera. Haataʼu malee, bara 1914 kaasee Mootummaan Masiihichaa tokkummaa addaan citee ture kana iddoosaatti deebisuuf sadarkaa sadarkaadhaan tarkaanfii fudhachaa jira. (Efe. 1:9, 10) Bulchiinsa Waggaa Kumaatti wantoonni yeroo harʼaa ‘ijaan hin argamneefi’ dinqisiisoo taʼan ni raawwatamu. Achiis “dhumni” jechuunis Barkumeen Bulchiinsa Kiristos ni raawwatama. Sana boodahoo maaltu taʼa? ‘Gooftummaan hundinuu waaqaafi lafarratti’ isaaf kennamus, Yesus iddoo Yihowaa fudhachuu hin barbaadu. Aangoo Yihowaan qabu fudhachuufis hin yaadu. Kanaa mannaa gad of deebisuudhaan “mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti [kenna].” Iddoofi aboo addaa qabu ‘ulfina Waaqayyootiif’ itti fayyadama.—Mat. 28:18; Filp. 2:9-11.
19 Yeroo sana namoonni Mootummicha jalatti bulaniifi lafarra jiraatan cubbuurraa walaba taʼu. Fakkeenya Yesus hordofu; gad of deebisuufi fedhaan olaantummaa Yihowaa deggeru. Karaa milkaaʼina qabuun qorumsa xumuraa moʼuudhaan, kana gochuuf fedhii akka qaban argisiisuuf carraa argatu. (Mul. 20:7-10) Sanaan booda, ilmaan namootaafi ergamoonni fincila kaasan hundi barabaraaf balleeffamu. Yeroon sun yeroo baayʼee nama gammachiisudha! Maatiin uumama cufaa, Yihowaa isa “hundumaaf waan hundumaa” taʼu gammachuudhaan faarfata.—Faarfannaa 99:1-3 dubbisi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 994
Faarfannaa
‘Faarfannaa haaraan’ kan caqasame kitaaba Faarfannaa keessatti qofa miti. Kanaa mannaa, kitaaba Isaayyaasii fi Yohaannis ergamaan barreessan keessattis caqasameera. (Fr 33:3; 40:3; 96:1; 98:1; 144:9; 149:1; Isa 42:10; Mul 5:9; 14:3) ‘Faarfannaa haaraan’ iddoowwan hedduutti caqasameera. Yaada naannoo iddoowwan kanaa jiranirraa akka hubannutti faarfannaan kun kan faarfatamu olaantummaa Yihowaan uumama cufarratti qabuu wajjin haala walqabateen taatee haaraan yeroo raawwatamuttidha. Faarfannaa 96:10rratti, “Yihowaan Mootii taʼeera” jedhamee gammachuudhaan labsameera. Ergaan “Faarfannaa haaraa” kanaa babalʼachuu mootummaa Yihowaa wajjin haala wal qabateen wanta haaraa raawwatamee fi wanti haaraan kun samii fi lafaaf hiika akkamii akka qabu ibsuu taʼuu hin oolu.—Fr 96:11-13; 98:9; Isa 42:10, 13.
ONKOLOOLESSA 21-27
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 100-102
Jaalala Amanamaa Yihowaadhaaf Galateeffannaa Akka Qabdan Argisiisaa
Cuuphaadhaaf Qophaaʼuu kan Dandeessu Akkamitti?
18 Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu amala hundarra caaluu fi baayʼee barbaachisaa taʼedha. (Fakkeenya 3:3-6 dubbisi.) Waaqayyoof jaalala cimaa qabaachuun kee rakkina jireenya keessatti si mudatu dandamachuuf si gargaara. Kitaabni Qulqulluun jaalala amanamaa Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu irra deddeebiʼee ibsa. Yihowaan tajaajiltoota isaatiif jaalala amanamaa qaba jechuun matumaa isaan hin gatu ykn isaan jaallachuu isaa hin dhiisu jechuudha. (Far. 100:5) Atis bifa Waaqayyootiin uumamte. (Uma. 1:26) Maarree, jaalala akkasii argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
19 Wanta Yihowaan siif godheef galateeffachuudhaan jalqabi. (1 Tas. 5:18) Guyyaa guyyaadhaan, ‘Yihowaan jaalala kan natti argisiise akkamitti?’ jedhii of gaafadhu. Achiis wanta Yihowaan siif godhe caqasuudhaan kadhannaadhaan isa galateeffadhu. Akkuma Phaawulos ergamaa Yihowaan dhuunfaatti wantoota gaggaarii kan siif godhe waan si jaallatuuf akka taʼe hubadhu. (Galaatiyaa 2:20 dubbisi.) ‘Anoo jaalalan isaaf qabu argisiisuuf fedhii qabaa?’ jedhii of gaafadhu. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu qorumsa moʼuu fi rakkina si mudatu dandamachuuf si gargaara. Yeroo hunda Yihowaa waaqeffachuu kee akka itti fuftuu fi guyyaa guyyaadhaan jaalala Abbaa keetiif qabdu argisiisuuf si kakaasa.
“Dandeettii Hubannaa Keessanii Eeggadhaa, Dammaqoo Taʼaa!”
10 Balaawwan irraa fagaachuu qabnu tokko tokko, kolomsuu, garmalee dhuguu, garmalee nyaachuu, dubbii gadhee dubbachuu, akkasumas bashannana hammina of keessatti qabatee fi poornoogiraafii ilaaluudha. (Far. 101:3) Diinni keenya Diyaabilos michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuuf yeroo hundumaa carraa barbaada. (1 Phe. 5:8) Yoo of eeggachuu baanne Seexanni sanyii hinaaffaa, amanamummaa dhabuu, sassataa, jibbaa, of tuulummaa fi haaloo qabachuu sammuu fi garaa keenya keessatti facaasuu dandaʼa. (Gal. 5:1921) Jalqabarratti amaloonni kun baayʼee cimaa taʼuu dhiisuu dandaʼu. Haa taʼu malee, of keessaa buqqisuuf dafnee tarkaanfii yoo fudhachuu baanne akkuma biqiltuu summaaʼaa nu keessatti guddachuu fi miidhaa nurraan gaʼuu dandaʼu.—Yaq. 1:14, 15.
Akeekkachiisa Ifaa Yihowaan Kenne Ni Fudhattaa?
7 Barsiisota sobduurraa fagaachuun maal dabalta? Mana keenyatti isaan hin simannu ykn nagaa isaan hin gaafannu. Barreeffamasaanii hin dubbisnu, sagantaa televijiinii yaadasaanii ittiin dabarsan hin ilaallu, Weeb Saayitiisaanii hin dubbisnu, akkasumas yaada keenya isaanii hin kennuu. Ejjennoo cimaa akkasii kan fudhannu maaliifi? Jaalala waan qabnuufidha. “Waaqa dhugaa” waan jaallannuuf, barumsa jalʼaa Dubbii dhugaa wajjin wal faallessu hin barbaannu. (Far. 31:5, hiika bara 1899; Yoh. 17:17) Jaarmiyaa Yihowaa isa dhugaawwan gammachiisaa taʼan, jechuunis maqaa Yihowaafi hiikasaa, kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu, haala namoonni duʼan keessa jiraniifi abdii duʼaa kaʼuu irraa barannes ni jaallanna. Jalqaba yeroo dhugaawwan kanaafi bakka guddaa qaban kan biraa baratte maal akka sitti dhagaʼame ni yaadattaa? Ergasuu, namni jaarmiyaa Yihowaa isa dhugaawwan kana si barsiise hadheessu kamiyyuu akka si faalu maaliif heyyamta?—Yoh. 6:66-69.
8 Barsiisonni sobduun maaliyyuu yoo jedhan isaan hin hordofnu. Gowwoomfamuufi abdii kutachuuf qofa maaliif gara boolla bishaanii gogaa taʼe kanaa dhaqna? Kanaa manaa, Yihowaafi jaarmiyaasaa isa Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessaa bishaan dhugaa qulqulluufi nama haaromsuun dheebuu nu baasuudhaan seenaa dheeraa qabuuf amanamoo taanee jiraachuuf haa murteessinu.—Isa. 55:1-3; Mat. 24:45-47.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 596
Allaattii bishaanii
Allaattiin bishaanii yeroo garmalee quufu iddoo waayyuu hin jirretti balaliʼuudhaan, mataasaa qoochoosaa keessa galchee boca waan gadde isa fakkeessu qabaatee taaʼa; yeroo kanatti waan hin sochooneef fagoodhaa yeroo ilaalamu dhagaa adii namatti fakkaachuu dandaʼa. Allaattiin kun akka kanatti saʼaatii hedduuf tura. Kanaafuu faarfatichi baayʼee akka gadde ibsuuf allaattii waan gadde fakkaatu kana akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan “Allaattii bishaanii lafa onaa keessa jirtu nan fakkaadhe” jedhee barreesseera. (Fr 102:6) Asirratti “lafa onaa” kan jedhame gammoojjii argisiisuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, iddoo bakka namoonni jiraatanirraa fagoo taʼe, tariimmoo bakka caffee taʼe argisiisuu dandaʼa. Allaattiin bishaanii ammayyuu kaaba Sulula Joordaan isa waqtiilee tokko tokkotti caffee taʼu keessa ni jiraata. Israaʼel keessa allaattii bishaanii gosa sadiitu jira. Isaan keessaa inni baayʼee beekamaa taʼe allaattii bishaanii isa naannoo bahaa jiraatudha; Allaattiin bishaanii biyya Daalmaashiyaa fi allaattiin bishaanii dugdishee halluu bildiimaa qabu garuu darbee darbee qofa mulʼatu.
Allaattonni bishaanii namoonni akka isaan hin jeeqneef iddoowwan qonnaaf hin tajaajille jiraachuu filatu. Iddoo akkasiitti mannee ijaarratu, wucii isaanii yaafatu, akkasumas qurxummii adamsaa erga turanii booda ni boqotu. Allaattiin kun iddoo namni hin jirre jiraachuu waan jaallatuuf, Kitaaba Qulqulluu keessatti iddoo namni tokkoyyuu irra hin jirre argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera. Isaayyaas, Edoom bakka namni keessa hin jiraanne akka taatu fakkeenyaan ibsuuf, allaattiin bishaanii biyyattii akka dhaaltu raajii dubbateera. (Isa 34:11) Sefaaniyaan Nanawween guutummaatti akka badduu fi bakka namni keessa hin jiraanne akka taatu argisiisuuf allaattonni bishaanii gubbee utubaawwan ishee irra akka jiraatan raajii dubbateera.—Sef. 2:13, 14.
ONKOLOOLESSA 28–SADAASA 3
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 103-104
Inni “Biyyoo Taʼuu Keenya” ni Yaadata
Yaada Ofiitti kan hin Cichine Taʼuudhaan Yihowaa Fakkaadhaa
5 Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine kan isa kakaasu kan gad of qabuu fi gara laafessa taʼuu isaati. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota hamoo Sodoom keessa turan balleessuuf yeroo jedhetti akka gad of qabu argisiiseera. Maleekota isaatti fayyadamee Loox inni nama qajeelaa taʼe gara naannoo gaarotaatti akka baqatu ajajee ture. Loox garuu achi deemuu sodaate. Kanaafuu, innii fi maatiin isaa magaalaa xinnoo Zoʼaar jedhamtuu fi Yihowaan balleessuuf murteessetti akka baqatan akka isaaniif heyyamu kadhate. Yihowaan Loox wanta ajajame akka raawwatu isatti himuu ni dandaʼa ture. Taʼus, magaalattii balleessuu dhiisuudhaan Loox achitti akka baqatu isaaf heyyameera. (Uma. 19:18-22) Jaarraawwan hedduu booda Yihowaan jiraattota Nanawweetti gara laafina argisiiseera. Magaalattiinii fi namoonni hamoon magaalattii keessa jiraatan akka balleeffaman akka isaanitti himu Yoonaasiin ajajee ture. Taʼus, namoonni Nanawwee yaada waan geddarataniif isaaniif gadduudhaan magaalattii balleessuu dhiiseera.—Yon. 3:1, 10; 4:10, 11.
Akkuma Saamson Yihowaatti Amanami
16 Saamson dogoggora raawwateen kan kaʼe miidhaa guddaan isarra gaʼus, fedhii Yihowaa raawwachuuf carraaqqii gochuurraa duubatti hin jenne. Dogoggora raawwanneen kan kaʼe adabbiin kan nuuf kenname ykn mirga tokko kan dhabne taʼus, abdii kutachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan abdii akka nutti hin kutanne yaadachuu qabna. (Far. 103:8-10) Dogoggora kan raawwannu taʼus, Yihowaan akkuma Saamsonitti fayyadame nuttis fayyadamuu dandaʼa.
17 Mee fakkeenya dargaggeessa Maayikil jedhamuu haa ilaallu. Obboleessi kun tajaajilaa gumii fi qajeelchaa yeroo hundaa waan taʼeef sochiiwwan tiʼookraasiitiin qabamee ture. Kana nama gaddisiisu garuu dogoggora raawwateen kan kaʼe mirga gumii keessatti qabu dhabe. Akkana jedheera: “Hanga yeroo sanaatti tajaajila Yihowaatiin qabameen ture. Achiis akkuma tasaa tajaajila Yihowaa keessatti homaa gochuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼame. Yihowaan akka na dhiise natti dhagaʼamee hin beeku; taʼus ‘Deebiʼee isa wajjin michummaa cimaa qabaachuu fi akka kanaan duraa gumii keessatti garaa guutuudhaan isa tajaajiluu nan dandaʼaa laata?’ jedhee yaaddaʼeen ture.”
18 Kan nama gammachiisu Maayikil abdii hin kutanne. “Yeroo hunda kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan, qoʼachuu fi xiinxaluudhaan michummaan Yihowaa wajjin qabu haaressuurrattan xiyyeeffadhe” jedheera. Yeroo booda Maayikil gumii keessatti mirga argateera. Yeroo ammaatti jaarsa gumii fi qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajilaa jira. Akkana jedheera: “Keessumaa deggersii fi jajjabinnin jaarsoliirraa argadhe Yihowaan ammayyuu akka na jaallatu hubachuuf na gargaareera. Qalbii qulqulluudhaan deebiʼee gumii keessatti tajaajiluu dandaʼeera. Yihowaan nama garaadhaa yaada geddaratu kamiifiyyuu dhiifama akka godhu muuxannoo kanarraa baradheera.” Nutis dogoggora kan raawwannu taʼus, daandii keenya sirreessuuf carraaqqii gochuu fi isatti amanamuu keenya hamma itti fufnetti Yihowaan akka nutti fayyadamuu fi akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 86:5; Fak. 28:13.
Galmawwan Hafuuraa Baafatterra Gaʼuu ni Dandeessa
2 Galma baafatte tokkorra ammayyuu hin geenye taanaan abdii hin kutatin. Galma salphaa taʼerra gaʼuufillee yeroo fi carraaqqii hedduu gaafachuu dandaʼa. Ammayyuu galma keerra gaʼuuf fedhii qabaachuun kee michummaa Yihowaa wajjin qabduuf iddoo guddaa akka kennituu fi wanta hundarra caalu isaaf kennuu akka barbaaddu argisiisa. Yihowaan carraaqqii gootuuf iddoo guddaa kenna. Inni wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Far. 103:14; Mik. 6:8) Kanaafuu, galma tokko yeroo baafattu irra gaʼuu kan dandeessu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. Galma tokko erga baafattee booda irra gaʼuuf maal gochuu dandeessa? Mee yaadawwan si fayyadan tokko tokko haa ilaallu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Humna Uumu—‘Isa Samii fi Lafa Tolche’
18 Akkaataa Yihowaan humna uumuuf qabutti fayyadame irraa maal baranna? Uumamawwan akaakuun isaanii hedduu taʼan, Yihowaa akka dinqisiifannu nu godhu. Faarfataan tokko, “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! . . . Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti” jedheera. (Faarfannaa 104:24) Kun dhugaa mitii? Hayyoonni baayooloojii sanyiin lubbu qabeeyyii lafa irratti argamanii miliyoona tokkoo ol akka taʼan hubataniiru; taʼus miliyoona hangamiitu jira yaada jedhu irratti ilaalcha gara garaatu jira. Artiistiin tokko dandeettiin inni wanta haaraa uumuuf qabu oolee bulee jalaa dhumuu dandaʼa. Faallaa kanaatiin, dandeettiin Yihowaan wantoota haaraa fi adda addaa kalaquu fi uumuuf qabu matumaa hin dhumu.