LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr24 Adoolessa ful. 1-14
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • ADOOLESSA 1-7
  • ADOOLESSA 8-14
  • ADOOLESSA 15-21
  • ADOOLESSA 22-28
  • ADOOLESSA 29–HAGAYYA 4
  • HAGAYYA 5-11
  • HAGAYYA 12-18
  • HAGAYYA 19-25
  • HAGAYYA 26–FULBAANA 1
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2024
mwbr24 Adoolessa ful. 1-14

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

© 2024 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

ADOOLESSA 1-7

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 57-59

Yihowaan Warra Sabasaa Morman Abdii Kutachiisa

bt 252 key. 14-15

“Hanga Andaara Lafaatti”

14 Isxifaanos diinoota isaatiin ajjeefamuusaa dura ija jabinaan dhugaa baʼeera. (HoE. 6:5; 7:54-60) ‘Ariʼatama guddaa’ yeroo sanatti kaʼeen kan kaʼe, ergamootarraa kan hafe barattoonni hundi guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti bittinnaaʼanii turan. Haataʼu malee, kun dhugaa akka hin baane isaan hin goone. Filiphoos waaʼee ‘Kiristoos lallabuuf’ gara Samaariyaa kan dhaqe siʼa taʼu, buʼaa gaariis argateera. (HoE. 8:1-8, 14, 15, 25) Dabalataanis seenaansaa akkas jedha: “Namoonni ariʼatama Isxifaanos irra gaʼeen kan kaʼe bittinnaaʼan hanga Fiinqee, Qophrosii fi Anxokiyaatti deemanii turan; taʼus, isaan dubbicha kan himan Yihudoota qofatti ture. Haa taʼu malee, isaan keessaa namoonni Qophrosii fi Qareenaadhaa gara Anxokiyaa dhufan tokko tokko, namoota Afaan Giriikii dubbatanii wajjin mariʼachuudhaan misiraachoo waaʼee Gooftaa Yesuus ibsu lallaban.” (HoE. 11:19, 20) Kanaaf, yeroo sanatti ariʼatamni ergaan Mootummichaa akka babalʼatu godheera.

15 Bara keenyattis haalli kanaa wajjin wal fakkaatu Tokkummaa Sooviyeet durii keessatti uumameera. Keessumaa bara 1950n keessa Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼaman gara Saayibeeriyaatti geeffamanii turan. Erga achi gaʼanii booda qubsuma garaagaraatti bittinnaaʼuun isaanii misiraachichi naannoo balʼaa kanatti akka babalʼatu godheera. Utuu akkas taʼuu baatee, Dhugaa Baatonni hedduun qarshii kiiloo meetira 10,000 imalanii misiraachicha babalʼisuuf isaan gargaaru argachuu dhiisuu dandaʼuu turan. Haataʼu malee, mootummaan, ofuma isaatiin biyyatti keessatti bakka garaa gaaraatti isaan ergeera. Obboleessi tokko, “Kanaan kan kaʼes abbootiin taayitaa ofuma isaaniitiin namoonni Saayibeeriyaa garaa qajeelaa qabanii fi kumaan lakkaaʼaman misiraachicha akka dhagaʼan godhaniiru” jedheera.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w23.07 18-19 key. 16-17

“Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa”

16 Garaan kee cimaa akka taʼu godhi. Daawit Mootichi, “Yaa Waaqayyo, garaan koo cimaa dha” jechuudhaan Yihowaadhaaf jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. (Far. 57:7) Nutis guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan garaan keenya cimaa akka taʼu gochuu ni dandeenya. (Faarfannaa 112:7 dubbisi.) Boob inni olitti ibsame akkas gochuun isaa kan isa fayyade akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Boob akka tasaa yoo barbaachise dhiiga akka qopheessan yeroo isatti himamu, carraan dhiigni itti isaaf kennamu yoo jiraate hospitaalicha dhiisee akka baʼu yeruma sana dubbate. Boodas Boob, “Mamii tokkollee hin qabun ture, homaa hin yaaddofne” jedheera.

17 Boob garaan isaa cimaa taʼuu kan dandaʼe hospitaala galuu isaa yeroo dheeraa dura murtoo akkasii waan godheefi. Tokkoffaa, Yihowaa gammachiisuu barbaadee ture. Lammaffaa, qulqullummaa lubbuu fi dhiigaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluunii fi barreeffamoonni keenya jedhan gadi fageenyaan qoʼateera. Sadaffaa, qajeelfama Yihowaa hordofuun eebba guddaa akka isaaf argamsiisu mirkanaaʼaa taʼeera. Nutis qorumsi akkamiiyyuu yoo nu mudate garaan keenya cimaa akka taʼu gochuu ni dandeenya.

ADOOLESSA 8-14

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 60-62

Yihowaan nu Tasgabbeessa, nu Eega, Akkasumas Akka Nuti hin Raafamne Godha

it-2-E 1118 key. 7

Masaraa

Fakkeenyaan Yeroo Itti Hojjetamu. Akkuma Daawit, “Ati iddoo ani kooluu itti galu, masaraa cimaa diina irraa na eegu dha” jedhee faarfate namoonni Yihowaatti amananii fi isaaf ajajaman tasgabbii guddaa qabu. (Fr 61:3) ‘Maqaan Yihowaa masaraa cimaa namni qajeelaan itti fiigee eegumsa argatu’ waan taʼeef namoonni hiika maqaa isaa beekan maqaa kanatti amanamanii fi amanamummaadhaan maqaa kana beeksisan sababii itti sodaatan tokkollee hin qaban.—Fak 18:10; 1Sa 17:45-47 wajjin wal bira qabii ilaali.

it-2-E 1084 key. 8

Dunkaana

‘Dunkaanni’ wanta kan biraa argisiisuuf bakka hedduutti fakkeenyaan itti hojjetameera. Dunkaanni bakka namni tokko itti boqotuu fi wantoota garaa garaarraa eegumsa itti argatu ture. (Uma 18:1) Keessummaa simachuun aadaa waan taʼeef, namni tokko dunkaana nama tokkoo keessatti yommuu simatamu, akka kunuunfamuu fi akka kabajamu ni amana. Kanaan kan kaʼes, Mulʼanni 7:15 tuuta uummataa guddaa ilaalchisee Waaqayyo “dunkaana isaa isaan irra ni diriirsa” yommuu jedhu kunuunsaa fi eegumsa akka isaaniif godhu argisiisa. (Fr 61:3, 4) Isaayyaas, Xiyoon ishiin haadha manaa Waaqayyoo taate, ilmaan fuulduratti godhattuuf qophii akka gootu dubbateera. “Iddoo dunkaana keetii caalaatti balʼisi” jedhamteetti. (Isa 54:2) Kun bakka ijoolleen ishii eegumsa itti argatan akka balʼifattu argisiisa.

w02-AM 4/15 16 key. 14

Seerri Waaqayyoo Kan nuu Kenname Faayidaa Keenyaafidha

14 Seerri Waaqayyoo matumaa hin jijijjiiramu. Addunyaa yeroodhaa gara yerootti jijjiiramu kana keessatti, kan hin jijjiiramnee fi bara baraa hamma bara baraatti jiraatu Waaqayyo qofadha. (Faarfannaa 90:2) Inni “ani Yihowaa dha; ani hin jijjiiramu” jedheera. (Miilkiyaas 3:6) Qajeelfamoonni Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman yaada namootaa isa yeroo yerootti jijjiiramurraa haala adda taʼeen amansiisoodha. (Yaaqoob 1:17) Fakkeenyaaf hayyoonni xiinsammuu waggoota hedduudhaaf ijoollee, bilisummaa daangaa hin qabne kennanii guddisuun sirrii akka taʼe jajjabeessaa kan turan taʼus, yeroo booda isaan keessaa tokko tokko yaada isaanii jijjiiruudhaan gorsi isaanii dogoggora akka taʼe amananiiru. Qajeelfamoonni addunyaan gama kanaan kennu yeroodhaa gara yerootti ni jijjiiramu. Dubbiin Yihowaa garuu hin jijjiiramu. Kitaabni Qulqulluun ijoollee akkamitti jaalalaan guddisuun akka dandaʼamu waggoota hedduudhaaf gorsaa tureera. Phaawulos Ergamaan: “Isin abbootiin, ijoollee keessan hin aarsinaa; kanaa mannaa, adabaa fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa” jedhee barreesseera. (Efesoon 6:4) Qajeelfamoota Yihowaa warra matumaa hin jijjiiramnetti amanamuu akka dandeenyu beekuun keenya baayʼee nama jajjabeessa!

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 6/1 11 key. 6

Yaadawwan Ijoo Kutaa Lammaffaa Kitaaba Faarfannaa

Fr 62:11. Waaqayyo gargaarsi qaama kamiiyyuu isa hin barbaachisu. Inni ofuma isaayyuu madda humnaati. ‘Jabinni kan isaati.’

ADOOLESSA 15-21

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 63-65

‘Jaalalli Kee Inni Amanamaan Jireenya Irra Wayya’

w01-AM 10/15 15-16 key. 17-18

Jaalala Waaqayyoorraa Maaltu Adda Nu Baasa?

17 Jaalala Waaqayyoof iddoo guddaa ni kennitaa? Akkuma Daawit isa: “Jaalalli kee inni amanamaan jireenya irra waan wayyuuf, afaan koo ulfina siif ni kenna. Kanaafuu, umurii koo guutuu sin jajadha; maqaa keetiinis harka koo ol nan kaasa” jedhee sitti dhagaʼamaa? (Faarfannaa 63:3, 4) Addunyaa kana keessaa jaalalaa fi michummaa isa Waaqayyoo irraa argamuu wajjin wal gitu argachuu ni dandeenyaa? Fakkeenyaaf hojii galii gaarii argamsiisu hojjechuun, nagaa sammuu fi gammachuu Waaqayyotti michoomuudhaan argamurra ni caalaa? (Luqaas 12:15) Kiristiyaanonni tokko tokko qorumsi Yihowaa ganuu fi duʼuu keessaa tokko akka filatan isaan dirqisiisu isaan mudatee ture. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Dhugaa Baatota Yihowaa kaampii uggurraa Naazii keessa turan haalli akkasii mudatee ture. Namoota muraasaan alatti obboloonni keenya hedduun jaalala Waaqayyoo keessaa baʼuu mannaa duʼuu filataniiru. Namoonni amanamummaadhaan jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuu filatan gara fuulduraatti jireenya bara baraa isa addunyaan kun kennuu hin dandeenye akka argatan amanannaadhaan eeggachuu dandaʼu. (Maarqos 8:34-36) Haa taʼu malee, wanti isaan argatan jireenya bara baraa qofa miti.

18 Qajeelfama Yihowaa irraa fagaatanii bara baraaf jiraachuun kan hin dandaʼamne taʼus, Waaqayyorraa fagaatanii umurii dheeraa jiraachuun maal fakkaachuu akka dandaʼu tilmaami. Jireenya kaayyoo fi hiika hin qabne jiraanna turre. Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti sabasaatiif hojii gammachiisaa kenneera. Yihowaan inni Waaqa Guddaa kaayyoodhaan geggeeffamu taʼe jireenya bara baraa yommuu nuu kennutti wantoota barannuu fi hojii gammachiisaa akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Lallaba 3:11) Waggaa kuma fuuldura keenya jirutti, ‘badhaadhina, ogummaa fi beekumsa Waaqayyoo isa gad fagoo’ qorannee xumuruu akka hin dandeenye beekamaadha.—Roomaa 11:33.

w19.12 28 key. 4

“Waan Hundumaatiif Galateeffadhaa”

Keessumaa Waaqayyoon galateeffachuun barbaachisaa dha. Yeroo tokko tokko kennaawwan hedduu inni karaa hafuuraas taʼe karaa foonii siif kennuu fi kennuu isaa itti fufu akka yaaddu beekamaa dha. (Kes. 8:17, 18; HoE. 14:17) Haa taʼu malee, gaarummaa Waaqayyo irratti xinnuma yaaduu mannaa, eebbawwan hedduu inni sii fi namoota jaallattu irratti roobse irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Arjummaa Uumaan kee sitti argisiise irratti xiinxaluun kee, dinqisiifannaa isaaf qabdu siif cimsa, akkasumas inni hangam akka si jaallatuu fi si dinqisiifatu caalaatti mirkanaaʼaa akka taatu si gargaara.—1 Yoh. 4:9.

w15 10/15 24 key. 7

Dhimmoota Hafuuraa Irratti Xiinxaluu Keessan Itti Fufaa

7 Dubbisuun carraaqqii hedduu kan hin gaafanne siʼa taʼu, xiinxaluun garuu xiyyeeffannaa barbaada. Sammuun ilmaan namootaa cubbamoo taʼanii wantoota salphaa taʼan irratti yaaduu kan filatu kanaafi. Kanaafuu, yeroo hin dadhabnetti, wanti si jeequu fi xiyyeeffannaa kee hihhiru utuu hin jiraatin xiinxaluun gaarii dha. Faarfatichi halkan siree isaa irra utuu jiruu xiinxaluun gaarii akka taʼe hubatee ture. (Far. 63:6) Yesus inni sammuun isaa mudaa hin qabne iddoo jeequmsi hin jirretti xiinxaluu fi kadhachuun faayidaa akka qabu beeka ture.—Luq. 6:12.

w09 7/15 16 key. 6

Fakkeenya Yesus Hordofuudhaan Jaalalaan Barsiisaa

6 Waaʼee wantoota jaallannuu dubbachuun nu gammachiisa. Waaʼee wanta jaallannuu yommuu dubbannu gammachuun keenyas taʼe jaalalli nuti wanta sanaaf qabnu ifatti namootatti mulʼachuu dandaʼa. Keessumaa waaʼee nama jaallannuu yommuu dubbannu wanti kun dhugaa taʼuunsaa ifatti mulʼata. Yeroo baayʼee waaʼee nama sanaa wanta beeknu warra kaanitti himuun nu gammachiisa. Nama sana ni jajna, ni kabajna, akkasumas ni falminaaf. Kana kan goonu warri kaanis nama sanaatti akka dhihaataniifi akkuma keenya amalawwansaa akka jaallatan waan barbaannuufidha.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w07-AM 11/15 15 key. 6

Warra Kaan ni Haaressitaa?

Gamoo tokko ijaaruurra diiguutu salphata. Dubbiidhaan nama ijaaruurras nama miidhuutu salphata. Cubbuu kan dhaalle waan taaneef hundi keenyayyuu ni dogoggorra, akkasumas hirʼina qabna. Solomoon Mootichi, “Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii godhuu fi matumaa cubbuu hin hojjenne tokkollee lafa irratti hin argamu” jedheera. (Lallaba 7:20) Hirʼina nama tokkoo beekuu fi dubbii nama miidhuun isa madeessuun salphaadha. (Faarfannaa 64:2-4) Faallaa kanaatiin dubbii nama ijaaru dubbachuun carraaqqii gaafata.

ADOOLESSA 22-28

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 66-68

Yihowaan Guyyaa Guyyaadhaan Baʼaa Keenya Nuuf Baata

w23.05 12 key. 15

Yihowaan Kadhannaa Keenyaaf Deebii kan Kennu Akkamitti?

15 Kadhannaan keenya karaa dinqisiisaa taʼeen deebii kan argatu yeroo baayʼee miti. Taʼus, deebiin argannu wantuma Abbaa keenya isa samiitiif amanamoo taʼuuf nu barbaachisudha. Kanaafuu, Yihowaan kadhannaa keetiif deebii kan kennu akkamitti akka taʼe hubachuuf dammaqaa taʼi. Obboleettiin Yookoo jedhamtu Yihowaan kadhannaa ishiitiif deebii akka hin kennine ishiitti dhagaʼamee ture; sana booda garuu wanta kadhattu barreeffachuu jalqabde. Yeroo muraasa booda yaadannoo ishii deebitee yeroo ilaaltu Yihowaan wantoota ishiin irraanfatte dabalatee kadhannaa ishii hedduudhaaf deebii akka kenne hubatte. Darbee darbee yeroo fudhannee Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kenne akkamitti akka taʼe xiinxaluun keenya barbaachisaadha.—Far. 66:19, 20.

w10-AM 12/1 23 key. 6

Abbaa ykn Haadha Kophaasaanii Ijoollee Guddisaniif Akka Yaaddan Argisiisaa

Yihowaan faarfannaan Israaʼeloonni yeroo waaqeffannaatti faarfatan, hafuura isaatiin akka barreeffamu godhee ture. Dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼanii fi ijoolleen abbaa hin qabne, faarfannaawwan Yihowaan “abbaa” isaanii fi “abbaa murtii” isaanii akka taʼe, akkasumas gargaarsa isaan barbaachisu akka isaaniif godhu isaan yaadachiisan yommuu faarfatan hammam akka jajjabaatan tilmaamuu dandeessa. (Faarfannaa 68:5 milj; 146:9) Nutis yaada abbaan ykn haati kophaasaanii ijoollee guddisan yeroo dheeraaf yaadachuu dandaʼan, dubbachuu dandeenya. Haati kophaashee ijoollee guddistuu fi Ruut jedhamtu yaada abbaan muuxannoo qabu tokko, “Ilmaan kee lamaan haala gaariidhaan guddisaa jirta. Akkasumaan itti fufi” jechuudhaan isheetti dubbate waggaa 20 boodallee akka yaadattu dubbatteetti. Ruut, “Yaada kana isarraa dhagaʼuun koo jijjiirama guddaa akkan godhu na gargaareera” jetteetti. Dhugumayyuu, “Arrabni tasgabbaaʼaan muka jireenyaa” waan taʼeef, abbaa ykn haadha kophaasaanii ijoollee guddisan isa nuti yaadnu caalaa jajjabeessuu dandaʼa. (Fakkeenya 15:4) Wanta haadha kophaashee ijoollee guddistu tokko ittiin galateeffachuu dandeessu yaaduu dandeessaa?

w09-AM 4/1 31 key. 1

Abbaa Ijoollee Abbaa hin Qabnee

“WAAQNI inni iddoo jireenyaa isaa isa qulqulluu keessa jiru, Ijoollee abbaa hin qabneef abbaa dha.” (Faarfannaa 68:5) Jechoonni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kun waaʼee Waaqa keenya Yihowaa barumsa garaa namaa tuqu nu barsiisu; inni warra gargaarsi isaan barbaachisuuf baayʼee ni yaada. Seera Yihowaan Israaʼelootaaf kennee irraa inni ijoollee abbaa ykn haadha isaanii duʼaan dhabaniif hammam akka yaadu hubachuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu keessatti waaʼee ‘ijoollee abbaanii fi haati irra hin jirree’ yeroo jalqabaatiif kan caqasame Baʼuu 22:22-24 irratti dha; mee yaada kana haa qorru.

w23.01 19 key. 17

Yihowaan Akka Milkooftu Si Gargaara

17 Faarfannaa 40:5 dubbisi. Namni gaara baʼu tokko kaayyoon isaa fiixee gaarichaarra gaʼuudha. Haa taʼu malee, namni gaara baʼu kun bakka garaagaraatti dhaabbatee wantoota babbareedoo taʼan ilaala. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan qorumsa keessattillee milkaaʼina akka argattu si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe yeroo ramaduudhaan takka dhaabbadhuu irratti yaadi. Yeroo hundumaa galgala rafuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Harʼa eebba Yihowaa kanan arge karaa kamiini? Ammayyuu rakkina keessa kanan jiru taʼus, Yihowaan haala isaa dandamachuuf na gargaaraa kan jiru akkamitti?’ Yoo xinnaate eebba Yihowaan sii kennee fi milkaaʼina argachuuf si gargaare tokko adda baafachuuf yaali.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 6/1 10 key. 4

Yaadawwan Ijoo Kutaa Lammaffaa Kitaaba Faarfannaa

Fr 68:18—‘Namoonni kennaa’ taʼan eenyufaa turan? Dhiironni kun Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamte yeroo weeraranitti warra boojiʼaman keessaa turan. Dhiironni kun yeroo booda Leewwota hojii akka gargaaran ramadamanii turan.—Iz 8:20.

ADOOLESSA 29–HAGAYYA 4

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 69

Raajiiwwan Faarfannaa 69 Irratti Ibsaman Yesuus Irratti Raawwatamaniiru

w11 8/15 11 key. 17

Masiihicha Eeggachaa Turaniiru

17 Masiihichi sababii malee jibbama. (Far. 69:4) Yohaannis ergamaan, Yesus, “Utuu hojii namni biraa tokko illee hin hojjetin kana hundumaa, ani isaan [namoota] gidduutti hin hojjenne taʼee, cubbuu isaanitti hin taʼu ture; amma garuu hojii kana hundumaa utuma arganii, anas abbaa koos in jibban. Kana gochuun isaaniis, dubbiin seera isaanii keessatti, ‘Sababiidhuma malee na jibban’ jedhamee caafame akka raawwatamuuf” jechuusaa caqaseera. (Yoh. 15:24, 25) “Seera” jechuun yeroo baayʼee guutummaa Caaffata Qulqullaaʼoo kan argisiisudha. (Yoh. 10:34; 12:34) Seenaawwan Wangeelarra jiran, Yesus keessumaa geggeessitoota amantii Yihudootaatiin akka jibbame mirkaneessu. Kana malees, Yesus bartootasaatiin, “Biyyi lafaa isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu, hojiin isaa hamaa akka taʼe waanan dhugaa itti baʼuuf, in jibba” jedheera.—Yoh. 7:7.

w10 12/15 8 key. 7-8

Waaqeffannaa Dhugaadhaaf Kan Hinaaftan Taʼaa

7 Wanti yeroo tokko jireenya Yesus keessatti raawwatame hinaaffaa guddaa inni qabu kan argisiisu ture. Yeroonsaa Dh.K.B. bara 30 yommuu Ayyaanni Faasikaa kabajamutti ture. Yesusiifi bartoonnisaa gara Yerusaalem yommuu dhufan, mana qulqullummaa keessatti “namoota iddoo sana taaʼanii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaran” argan. Yeroo kanatti Yesus maal godhe? Kunoo bartootasaarratti dhiibbaa akkamii geessisee ture?—Yohaannis 2:13-17 dubbisi.

8 Wanti Yesus yeroo sanatti raawwateefi dubbate bartoonnisaa raajii Daawit faarfatichi, “Mana keetiif hinaafuun na gube” jechuudhaan dubbate akka yaadatan godheera. (Far. 69:9) Maaliif? Wanti Yesus raawwate rakkinaafi balaa guddaadhaaf kan isa saaxilu waan tureefidha. Kana malees, abbootiin taayitaa mana qulqullummaa jechuunis luboonni, barsiisonni seeraa, akkasumas namoonni kaan daldala seeraan alaa bakka kanatti geggeeffamuufi buʼaa argamsiisu kana ni deggeru turan. Yesus isaan saaxiluufi kaayyoosaanii fashaleessuuf jecha diina geggeessitoota amantii yeroo sana turanii of godheera. Akkuma bartoonnisaa haala kana sirriitti hubatanii turan, Yesus ‘mana Waaqayyootiif’ ykn waaqeffannaa dhugaadhaaf kan hinaafu taʼuunsaa mulʼateera. Haataʼu malee, hinaaffaan maalidha? Ariifannaa wajjinoo garaagarummaa qabaa?

it-2-E 650

Biqiltuu Summaaʼaa

Masiihicha ilaalchisee, akka nyaatuuf ‘biqiltuu summaaʼaan’ akka isaaf kennamu raajiin dubbatameera. (Fr 69:21 milj.) Kun kan raawwatame Yesuus Kiristoos waraanamuusaa dura yeroo wanti hadhaaʼu wayiniidhaan makamee isaaf kennamettidha. Tarii kana kan godhan, dhukkubbii isatti dhagaʼamu hirʼisuuf taʼuu dandaʼa. Inni garuu dhugaatii hadhaaʼu sana erga dhamdhamee booda dhuguu dideera. Maatewos, Maatewos 27:34 irratti raawwii raajii kanaa yeroo galmeessu, jecha afaan Giriikii kho·leʹ (hadhooftuu) jedhamuu fi hiika Saptuujantii Giriikii Faarfannaa 69:21 irratti argamu wajjin wal fakkaatu fayyadameera. Haa taʼu malee, Maarqos Wangeela isaarratti jecha qumbii jedhutti fayyadameera. (Mar 15:23) Kunimmoo ‘biqiltuu summaaʼaan’ ykn ‘wanti hadhaaʼaan’ sun ‘Qumbiidha’ yaanni jedhu akka babalʼatu godheera. Tariimmoo dhugaatiin hadoochu kun wanta hadhaaʼus qumbiis qabaachuu dandaʼa.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w99-AM 1/15 18 key. 11

Harka Qulqulluu Ol Kaasaa Kadhadhaa

11 Namoonni baayʼeen kan kadhatan wanta taʼe tokko argachuuf qofadha. Haa taʼu malee, jaalalli Yihowaaf qabnu kophaattis taʼe namoota duratti yeroo kadhannu akka isa jajannu nu kakaasuu qaba. Phaawulos, “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa; nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega” jedheera. (Filiphisiyus 4:6, 7) Eeyyee, kadhannaa fi wawwaannaa malees, eebbaa karaa hafuuraa fi karaa foonii arganneef Yihowaa galateeffachuu qabna. (Fakkeenya 10:22) Faarfatichi, “Waaqayyoof galata akka aarsaatti dhiheessi, wareega Isa Hundaa Oliitiif wareegdes raawwadhu” jedhee faarfateera. (Faarfannaa 50:14) Dabalataanis Daawit kadhannaa faarfannaadhaan dhiheesse irratti, “Maqaa Waaqayyootiif faarfannaa galataa nan faarfadha, galata dhiheessuudhaanis isaaf ulfina nan kenna” jechuudhaan jechoota garaa namaa tuqanitti fayyadamee faarfateera. (Faarfannaa 69:30) Nutis dhuunfaattis taʼe namoota duratti yeroo kadhannu akkas gochuu hin qabnuu?

HAGAYYA 5-11

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 70-72

Waaʼee Humna Waaqayyoo ‘Dhaloota Itti Aanutti Himaa’

w99-AM 9/1 18 key. 17

Dargaggootaa, Dandeettii Hubannaa Keessan Leenjisaa!

17 Kiyyoo Seexanaarraa fagaachuuf yaalii walirraa hin cinne gochuu, darbee darbeemmoo, ija jabina qabaachuun isin barbaachisa. Yeroo tokko tokkommoo hiriyoota keessan qofaa wajjin utuu hin taʼin, guutummaa addunyaa wajjinillee akka walii hin galle isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Daawit faarfatichi, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, abdiin koo suma; ijoollummaa kootii jalqabee sitti amanameera. Yaa Waaqayyo, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiisteetta, anis hamma yoonaatti hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan labsuu koo itti fufeera” jedhee kadhateera. (Faarfannaa 71:5, 17) Daawit ija jabina isaatiin beekama ture. Ija jabina kana kan horate garuu yoomidha? Yeroo dargaggeessa turettidha! Daawit balʼinaan kan beekamu Goliyaadiin ajjeesuudhaan injifannoo argateenidha. Taʼus sana durayyuu yeroo hoolota abbaasaa eegutti Leencaa fi Amaaketa ajjeesuudhaan ija jabina guddaa argisiiseera. (1 Saamuʼel 17:34-37) Haa taʼu malee, Daawit, “ijoollummaa kootii jalqabee sitti amanameera” jechuudhaan injifannoo argate hundumaaf Yihowaa galateeffateera. Daawit Yihowaatti amanamuunsaa qorumsawwan isa mudatan hunda akka gaariitti dandamachuuf isa gargaareera. Isinis Yihowaatti yoo amanamtan jabinaa fi ija jabina ‘addunyaa moʼuuf’ isin gargaaru isiniif ni kenna.—1 Yo 5:4.

g04-AM 11/8 23 key. 3

Maanguddootaaf Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabna?

Faarfatichi, “Bara dulluma kootti na hin gatin; yommuu humni koo dhumu na hin dhiisin” jedhee kadhateera. (Faarfannaa 71:9) Waaqayyo tajaajiltoonni isaa amanamoon dulloomuu isaaniitiin kan kaʼe gatii akka hin qabne yoo isaanitti dhagaʼameyyuu isaan ‘hin gatu.’ Faarfatichi Yihowaan akka isa gate isatti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, yeroo dulloomaa deemu uumaasaatti amanamuu akka qabu hubateera. Yihowaan nama isatti amanamu umurii isaa guutuu deggersa isaaf gochuudhaan isa kiisa. (Faarfannaa 18:25) Yeroo baayʼee deggersa akkasii kan argatan Kiristiyaanota akka isaanii irraati.

w14 1/15 23 key. 4-5

Barri Hamaan Utuu Hin Dhufin Yihowaa Tajaajiluu

4 Nama muuxannoo umrii dheeraa qabu yoo taate, ‘Ammayyuu humnaafi dandeettii muraasa waanan qabuuf, jireenyakoo keessatti maalfaa gochuun dandaʼa?’ jettee of gaafachuunkee gaariidha. Kiristiyaana muuxannoo qabu waan taateef, carraa namoonni kaan hin arganne qabda. Wanta Yihowaarraa baratte dargaggootaaf dabarsuu ni dandeessa. Muuxannoo yommuu Waaqayyoon tajaajiltu argatte warra kaaniif hiruudhaan isaan jajjabeessuu dandeessa. Daawit Mootichi carraa kana gochuu itti dandaʼu argachuuf kadhateera. Akkas jedhee barreesseera: “Yaa Waaqayyo, mucummaa kootii jalqabdee ati ana barsiifteetta; . . . irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo taʼe illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!”—Far. 71:17, 18.

5 Ogummaa waggoota hedduudhaaf kuufatte warra kaaniif hiruu kan dandeessu akkamitti? Tajaajiltoota Waaqayyoo dargaggoota taʼan manakeetti afeeruudhaan yaada isaan jajjabeessu maaliif itti hin himtu? Tajaajila akka si faana baʼan isaan afeeruudhaan, gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argatte isaanitti argisiisuu dandeessaa? Eliihuun, “Waggoonni in dubbatu, barri baayʼeenis ogummaa nama barsiisu” jechuudhaan dubbatee ture. (Iyo. 32:7) Phaawulos ergamaan, dubartoonni maanguddoon Kiristiyaanota taʼan, dubbiidhaan, akkasumas fakkeenya taʼuudhaan warra kaan akka jajjabeessan isaan gorsee ture. “Dubartoonni dullooman . . . wanta gaarii taʼe haa barsiisan” jechuudhaan barreesseera.—Tit. 2:3.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 768

Efraaxis

Daangaa Biyya Israaʼelootaaf Kennamee. Waaqayyo lafa “laga Gibxiitii jalqabee hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti” jiru sanyii isaatiif akka kennu Abrahaamiif waadaa galee ture. (Uma 15:18) Yihowaan waadaa kana irra deebiʼee saba Israaʼelittis himeera. (Bau 23:31; Kes 1:7, 8; 11:24; Iya 1:4) Tokkoffaa Seenaa Baraa 5:9 irratti sanyiiwwan Ruuben tokko tokko bara bulchiinsa Daawit dura daangaa isaanii ‘hamma jalqaba gammoojjii Laga Efraaxisitti’ balʼifatanii akka turan ibsameera. Haa taʼu malee Efraaxis “baha Giiliyaad” irraa gara kiilomeetira 800 fagaata. (1Se 5:10) Kanaafuu yaadni kun gosti Ruuben daangaa isaa isa kallattii baha Giliyaaditti argamu hanga qarqara Gammoojjii Sooriyaa isa hanga laga Efraaxisitti itti fufutti balʼifatee akka ture argisiisa. (Hiikni Kitaaba Qulqulluu Riivaayizid Istaandaardi jedhamu yaada kana, “hanga qarqara gammoojjii isa Efraaxis garanaan jirutti” jedha; Hiikni Kitaaba Qulqulluu Jerusaalem Baayibil jedhamummoo, “hanga qarqara gammoojjii isa laga Efraaxis bira gaʼutti” jedha.) Kanaafuu waadaan Yihowaan gale guutummaatti kan raawwatame bara bulchiinsa Daawitii fi Solomoonitti taʼuu hin oolu. Yeroo kanatti daangaan Israaʼel hanga bulchiinsa Zoobaa isa kan warra Armeeniyaatti balʼatee ture. Kanaafuu daangaan Israaʼel hanga qarqara laga Efraaxis isa kaaba Sooriyaa dabalatuutti balʼatee ture jechuudha. (2Sa 8:3; 1Mo 4:21; 1Se 18:3-8; 2Se 9:26) Lagni kun baayʼee beekamaa waan taʼeef utuu maqaa isaayyuu hin waamin yeroo baayʼee “Lagicha” jedhamee waamama ture.—Iya 24:2, 15; Fr 72:8.

HAGAYYA 12-18

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 73-74

Namoota Yihowaa hin Tajaajilletti Yoo Hinaafne Maal Gochuu Qabna?

w20.12 19 key. 14

‘Yihowaan Warra Abdii Kutatan ni Oolcha’

14 Barreessaan Faarfannaa boqonnaa 73 nama gosa Leewwii ture. Kanaafuu, mirga guddaa iddoo waaqeffannaa Yihowaatti tajaajiluu qaba ture. Taʼus, jireenya isaa keessatti yeroo tokko abdii kutatee ture. Maaliifi? Namoota hamoo fi of tuulanitti hinaafuu jalqabee ture; taʼus kan hinaafe hammina isaanitti utuu hin taʼin, badhaadhota taʼuu isaaniitti ture. (Fr. 73:2-9, 11-14) Isaan waan hundumaa, jechuunis qabeenya, jireenya gaarii fi yaaddoo irraa bilisa taʼe waan qaban fakkaatu turan. Milkaaʼina kan argatan fakkaachuun isaanii faarfaticha baayʼee waan abdii kutachiiseef, “Dhuguma iyyuu, garaa koo qulqulluu kanan godhe, Harka koos qulqullummaadhaan kanan dhiqadhe akkanumaan ture” jedheera. Kanaafuu, karaa hafuuraa balaadhaaf saaxilamee ture.

w20.12 19-20 key. 15-16

‘Yihowaan Warra Abdii Kutatan ni Oolcha’

15 Faarfannaa 73:16-19, 22-25 dubbisi. Leewwichi kun, ‘Iddoo qulqulluu Waaqayyoo isa guddaatti seeneera.’ Iddoo kanatti waaqeffattoota kaan gidduu taʼee, waaʼee haala isaa tasgabbiidhaan, sirriittii fi kadhannaadhaan yaadee taʼuu hin oolu. Kanaan kan kaʼes, yaadni isaa gowwummaa akka taʼee fi daandii hamaa Yihowaa irraa adda isa baasu irra deemuu akka eegale hubachuu jalqabe. Dabalataanis hamoonni “lafa mucucaatu irra” akka jiranii fi ‘badiisni guddaan’ akka isaan irra gaʼu hubateera. Leewwichi faarfataa taʼe kun hinaaffaa fi abdii kutannaa isaa irraa fayyuuf, wantoota akka Yihowaan ilaalutti ilaaluu qaba ture. Yommuu akkas godhu deebisee nagaa fi gammachuu argateera. Inni, “Lafa irrattis [Yihowaa] malee homaa hin barbaadu” jedheera

16 Barumsa argannu. Namoota hamoo badhaadhota fakkaatanitti matumaa hinaafuu hin qabnu. Gammachuun isaanii irra keessa kan taʼee fi yeroo muraasaaf qofa kan turu dha. (Lal. 8:12, 13) Isaanitti hinaafuu jechuun abdii of kutachiisuu fi badiisa hafuuraa ofitti fiduu jechuu dha. Kanaafuu, hamoonni milkaaʼina kan argatan fakkaachuu isaanitti kan hinaaftu yoo taʼe, wanta Leewwichi godhe raawwadhu. Gorsa Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaaʼe hordofi, akkasumas namoota fedhii Yihowaa raawwatan kaanitti michoomi. Wanta kam iyyuu caalaa yommuu Yihowaa jaallattu gammachuu dhugaa argatta. Daandii “jireenya isa dhugaa” irra deemuu kees itti fufta.—1 Xi. 6:19.

w14 4/15 4 key. 5

Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa

5 ‘Gammachuu yeroo gabaabaadhaaf cubbuudhaan argamurraa’ fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gammachuun hawwii foonii yeroo muraasaaf qofa kan turu taʼuusaa matumaa hin dagatinaa. ‘Biyyi lafaafi hawwiinsaa hundinuu kan darbu’ taʼuusaa ija amantiitiin ilaalaa. (1 Yoh. 2:15-17) Wanta namoota cubbuu hojjetaniifi yaada garaa hin geddarannerra gaʼurratti xiinxalaa. Namoonni akkasii, ‘lafa mucucaaturra dhaabatanii waan jiraniif dhidhimanii naasuu guddaadhaan xaph jedhu.’ (Far. 73:18, 19) Cubbuu taʼe tokko raawwachuuf yommuu qoramnu, ‘Gara fuulduraatti jireenya akkamii jiraachuun barbaada?’ jennee of haa gaafannu.

w13 2/15 25-26 key. 3-5

Homtinuu Ulfina Argachuu Isin Hin Dhowwin

3 Faarfatichi, Yihowaan harkasaa mirgaa qabee ulfinatti akka isa geessu amantii qaba ture. (Faarfannaa 73:23, 24 dubbisi.) Yihowaan akkas kan godhu akkamitti? Tajaajiltootasaa warra gad of deebisan karaa hedduudhaan kabajuudhaan ulfinatti isaan geessa. Fedhasaa akka hubatanis isaan gargaara. (1 Qor. 2:7) Namoonni dubbiisaa dhagaʼanii isaaf ajajaman, dhuunfaatti isaa wajjin akka michooman gochuudhaan ulfina isaanii kenna.—Yaq. 4:8.

4 Kana malees, Yihowaan hojii lallabaa ulfina qabeessa taʼe tajaajiltootasaatti adaraadhaan kenneera. (2 Qor. 4:1, 7) Tajaajilli kunimmoo ulfina argamsiisa. Yihowaan, “Warra ulfina anaaf kennaniif ulfina nan kenna” jechuudhaan, namoota mirga tajaajilaasaaniitti fayyadamanii isaaf ulfina kennaniifi warra kaan fayyadaniif waadaa galeera. (1 Sam. 2:30) Namoonni akkasii Yihowaa biratti maqaa gaarii qabaachuudhaan ulfina argatu; yeroo baayʼeemmoo tajaajiltoota Waaqayyoo warra kaan birattis maqaa gaarii qabaatu.—Fak. 11:16; 22:1.

5 Namoonni ‘Waaqayyoon abdiidhaan eeggataniifi karaa isaarraa akka hin jalʼanne eeggatan’ abdii akkamii qabu? Abdiin akkas jedhu isaaniif kennameera: “[Yihowaan] biyya akka qabaattuuf [“lafa akka dhaaltuuf,” hiika bara 1899] ulfina siif in kenna, lafa irraa balleeffamuu warra jalʼootaas argitee in gammadda.” (Far. 37:34) Namoonni kun, jireenya barabaraa jiraachuudhaan ulfina gita hin qabne abdiidhaan eeggatu.—Far. 37:29.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 240

Lewaataan

Faarfannaan 74 akkaataa Waaqayyo sabasaa itti oolche ibsa. Lakkoofsa 13 fi 14 irrattimmoo wanti inni saba isaa Gibxii jalaa oolchuuf raawwate fakkeenyaan ibsameera. Caqasoota kana irratti jechi afaan Ibrootaa taaniim [danuudhaan taaniin] jedhuu fi “uumamawwan galaanaa” jedhamee hiikame Lewaataaniin argisiisuufis itti hojjetameera. Kanaafuu mataa Lewaataan caccabsuu yaanni jedhuu yeroo Israaʼelonni Gibxii baʼanitti Faraʼoonii fi loltoonni isaa akka caccaban kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Hiikni Kitaaba Qulqulluu Aramaayik Targam jedhamu bakka “Mataawwan Lewaataan” jedhametti “jajjaboota Faraʼoon” jedheera. (His 29:3-5, bakka Faraʼoon “uumama galaanaa guddaa” lageen Abbayyaa keessa ciisutti itti fakkeeffamee wajjin wal bira qabii ilaali; dabalataanis His 32:2 ilaali.) Isaayyaas 27:1 irratti Lewaataan bulchiinsa guddaa tokko akka argisiisu fakkeenyaan ibsameera. Bulchiinsa guutummaa addunyaa toʼatu kana kan geggeessuus ‘bofaa’ fi “jawwee” jedhameera. (Mul 12:9) Raajiin kun Israaʼeloonni biyya isaanitti akka deebiʼan waan ibsuuf, yaanni Yihowaan ‘xiyyeeffannaa isaa gara Lewaataanitti’ ni deebisa jedhu Baabiloniinis kan dabalatu taʼuu qaba. Haa taʼu malee lakkoofsi 12 fi 13 waaʼee Asoorii fi Gibxiis ni ibsa. Kanaafuu Lewaataan inni as irratti caqasame Jaarmiyaa ykn bulchiinsa addunyaa maraa Yihowaa fi waaqeffattoota isaa mormu kan argisiisu taʼuu qaba.

HAGAYYA 19-25

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 75-77

Of hin Jajinaa—Maaliif?

w18.01 28 key. 4-5

Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa

4 Phaawulos namoonni baayʼeen ofittoo akka taʼanii fi maallaqa akka jaallatan erga dubbatee booda, kan of jajan, kan of tuulanii fi kooraan kan of bokoksan akka taʼanis ibseera. Yeroo baayʼee namni tokko amalawwan kana qabaachuun isaa dandeettii, bareedina, qabeenyaa fi sadarkaa isaatiin warra kaan irra akka caalu akka itti dhagaʼamu argisiisa. Namoonni amalawwan akkanaa qaban dinqisiifannaa fi kabaja guddaa argachuu hawwu. Hayyuun tokko nama koorri isa toʼate ilaalchisee, “[Namni akkanaa] garaa isaa keessatti iddoo aarsaa xiqqoo ofii isaatiif itti sagadu qaba” jechuudhaan barreesseera. Namoonni tokko tokko, koorri daangaa isaa darbe jibbisiisaa fi namumti kooru sun illee warra kaan irratti kan jibbu akka taʼe dubbatu.

5 Yihowaan kooraaf jibba guddaa akka qabu beekamaa dha. Inni “nama waan guddaatti of ilaalu” ni jibba. (Fak. 6:16, 17) Koorri, Waaqatti akka hin dhihaanne nu dhoowwa. (Far. 10:4) Amala Diyaabilos ittiin beekamu dha. (1 Xim. 3:6) Kan nama gaddisiisu garuu, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo turan tokko tokko illee koorri isaan toʼatee ture. Mootii Yihudaa kan ture Uziyaan waggoota baayʼeedhaaf nama amanamaa ture. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Uziyaan nama jabaa erga taʼee booddee, of gurguddisee kufaatii ofitti in fide; inni ofuma isaatiin gara mana qulqullummaatti ol galee, aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu irratti aarsaa ixaanaa dhiʼeessuu barbaaduu isaatiin Waaqayyoon gooftaa isaa in yakke.” Booda immoo Hisqiyaas Mootichis yeroodhaaf qofa taʼus koorri isa toʼatee ture.—2 Sen. 26:16; 32:25, 26.

w06-AM 7/15 11 key. 3

Yaadawwan Ijoo Kutaa Sadaffaa fi Arfaffaa Kitaaba Faarfannaa

Fr 75:4, 5, 10 milj.—‘Gaanfi’ asirratti caqasame maal argisiisa? Beeladootaaf gaanfi isaanii meeshaa cimaadha. Kanaafuu jechi “gaanfa” jedhu humna ykn jabina argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera. Yihowaan gaanfa sabasaa ol ol gochuudhaan akka gammadan godha. ‘gaanfa hamootaa garuu ni kuta.’ Of tuulummaa fi koorri akka nuu hin toʼanneef gorsi “gaanfa kee ol hin kaasin” jedhu nuuf kennameera. Kan ol ol nu qabu Yihowaa waan taʼeef mirgoota gumii keessatti arganne akka isa irraa arganneetti yaaduu qabna.—Faarfannaa 75:7.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 7/15 11 key. 4

Yaadawwan Ijoo Kutaa Sadaffaa fi Arfaffaa Kitaaba Faarfannaa

Fr 76:10—“Dheekkamsi namaa” Yihowaan akka jajamu kan godhu akkamitti? Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef namoonni akka nutti dheekkaman heyyamuun isaa buʼaa gaarii argamsiisuu dandaʼa. Rakkinni nurra gaʼu kamiyyuu karaa taʼe tokkoon nu leenjisa. Yihowaan rakkinni akka nurra gaʼu kan heyyamu leenjii akkasii hamma argannutti qofadha. (1 Pheexiros 5:10) Dheekkamsa kanarra darbee deemu garuu ofuma isaatiin dhaaba. Rakkinni duʼaaf nu saaxilu yoo nurra gaʼehoo? Namoonni amanamummaa keenya argan Yihowaa waan jajataniif kunis Yihowaan ulfina akka argatu taasisa.

HAGAYYA 26–FULBAANA 1

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 78

Israaʼeloonni Amanamoo Utuu hin Taʼin Hafan Fakkeenya Akeekkachiisaa Nuuf Taʼu

w96-AM 12/1 29

Baroota Darban Yaadachuu kan Qabnu Maaliifi?

Israaʼelonni irra deddeebiʼanii irraanfatu turan; kunimmoo cubbuu ture. Kana gochuun isaanii maalitti isaan geesse? “Irra deddeebiʼanii Waaqayyoon ni qoran, isa Qulqulluu kan Israaʼelis ni gaddisiisan. Humna isaa hin yaadanne, guyyaa itti diina jalaa isaan oolche sana” irraanfataniiru. (Faarfannaa 78:41, 42) Abboommiiwwan Yihowaa irraanfachuun isaanimmoo isa duratti fudhatama akka dhaban isaan taasiseera.—Maatewos 21:42, 43.

Gama kanaan faarfatichi inni akkas jechuudhaan barreesse fakkeenya gaarii nuuf taʼa: “Hojiiwwan Yaah nan yaadadha; Gochawwan kee warra dinqisiisoo bara duriitti raawwatte nan yaadadha. Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala, wantoota ati raawwatte irrattis nan yaada.” (Faarfannaa 77:11, 12) Tajaajila kanaan dura amanamummaadhaan raawwannee fi jaalala Yihowaan nutti argisiise irratti xiinxaluun keenya jajjabina akka argannuu fi dinqisiifannaan keenya akka guddatu gochuu dandaʼa. Kana malees, baroota darban yaadachuun keenya dadhabbii kan hambisu taʼuusaa irrayyuu amanamummaadhaan jabaannee dhaabachuudhaaf wanta dandeenye hunda akka goonu nu kakaasuu dandaʼa.

w06 8/1 6 key. 16

‘Guungumuurraa Fagaadhaa’

16 Amalli guungumuu waaʼee mataa keenyaafi waaʼee rakkoo keenyaa qofa akka yaannu gochuu, akkasumas eebbawwan baayʼee Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenyaan arganne nu dagachiisuu dandaʼa. Amala kana kan qabnuufi moʼuu kan barbaannu yoo taʼe, eebbawwan tajaajiltoota Yihowaa taʼuu keenyaan arganne yaadachuu qabna. Fakkeenyaaf, hundi keenyayyuu maqaa Yihowaatiin waamamuuf mirga arganneerra. (Isaayaas 43:10) Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii kan qabnu taʼuu keenyarrayyuu, Yihowaa isa yeroo kamittiyyuu ‘kadhata namaa dhagaʼutti’ kadhannaadhaan dhihaachuu dandeenyeerra. (Faarfannaa 65:2; Yaaqoob 4:8) Olaantummaa inni uumama cufarratti qabu ilaalchisee gaaffii kaʼe waan beeknuufi Waaqayyoof amanamoo taanee dhaabachuuf mirga waan qabnuuf, gammachuu dhugaa qabna. (Fakkeenya 27:11) Yeroo hundaa wangeela Mootummichaa namoota kaaniif hiruurratti hirmaachuu dandeenya. (Maatewos 24:14) Amantaan nuti aarsaa furii Yesus Kiristosirratti qabnu yaada garaa qullaaʼaa akka qabaannu nu gargaara. (Yohaannis 3:16) Rakkoon akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe, eebbawwan akkasii argachaa jirra.

w11-AM 7/1 10 key. 3-4

Yihowaan Miira Qabaa?

Faarfatichi, “Isaan lafa onaa keessatti siʼa meeqa isa irratti fincila kaasan” jedheera. (Lakkoofsa 40) Lakkoofsa itti aanu irrattimmoo, “Irra deddeebiʼanii Waaqayyoon ni qoran” jedheera. (Lakkoofsa 41) Faarfatichi Israaʼelonni irra deddeebiʼanii fincilaa akka turan ibsuusaa hubadhu. Amala gadhee akkasii argisiisuu kan jalqaban akkuma Gibxii keessaa baʼaniin lafa onaa keessatti ture. Sabichi dandeettii fi fedhii Waaqayyo isaan kunuunsuuf qabu shakkuudhaan, isarratti finciluu jalqabe. (Lakkoofsa 14:1-4) Barreeffamni hiiktota Kitaaba Qulqulluu gargaaruuf qophaaʼe tokko yaanni “isa irratti fincila kaasan” jedhu “mata jabeeyyii taʼan” ykn “Waaqayyoon didan” jedhamee hiikamuu akka dandaʼu ibseera. Inni garuu yeroo isaan yaada geeddaratan garaa isaaniif laafuudhaan dhiifama isaaniif godha ture. Isaan garuu jireenya isaanii isa duraaniitti deebiʼuudhaan ammas isarratti fincila kaasu turan; kanas irra deddeebiʼanii godhaniiru.—Faarfannaa 78:10-19, 38.

Sabni ejjennoo dhaabbataa hin qabne kun yeroo isarratti fincilu Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Lakkoofsi 40 “isa gaddisiisan” jedha. Hiikni Kitaaba Qulqulluu kan biraanimmoo “gadda guddaadhaaf isa saaxilan” jedheera. Barreeffamni Kitaaba Qulqulluurratti qorannaa gochuuf gargaaru tokko dhimma kana yeroo ibsu, “Yaanni kun akkuma wanti mucaan hin ajajamne tokko raawwatu warra isaa gaddisiisu, gochi Ibroota kanaas Waaqayyoon akka gaddisiise kan argisiisudha” jedheera. Akkuma mucaan baayʼee jeequ tokko warra isaa aarsu, Israaʼelonni finciltoota taʼan kunis ‘Isa Qulqulluu kan Israaʼel gaddisiisaniiru.’—Lakkoofsa 41.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 7/15 11 key. 5

Yaadawwan Ijoo Kutaa Sadaffaa fi Arfaffaa Kitaaba Faarfannaa

Fr 78:24, 25; miiljalee—Mannaan “midhaan samii” fi “nyaata maleekotaa” kan jedhame maaliifi? Yaanni lamaanuu maleekonni mannaa akka nyaatan kan argisiisan miti. Mannaan samiirraa waan argameef “midhaan samii” jedhameera. (Faarfannaa 105:40) Maleekonni immoo samii keessa jiraatu. Kanaafuu “nyaata maleekotaa” yaanni jedhu mannaan Yihowaa isa samii keessa jiraatu biraa akka argame kan ibsudha. (Faarfannaa 11:4) Gama biraatiinimmoo Yihowaan mannaa kana Israaʼelotaaf kennuuf maleekotatti fayyadamee taʼuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi