Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2024 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
CAAMSAA 6-12
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 36-37
“Namoota Hamootti hin Aarin”
Mootummaan Waaqayyoo Yommuu Dhufu Wantoota Akkamii Balleessa?
4 Namoonni hamoon dhiibbaa akkamii nu irraan geessisu? Phaawulos ergamaan wantoota ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ kanatti raawwataman ilaalchisee raajii erga dubbatee booda hafuuraan geggeeffamee akkana jedhee barreesseera: “Namoonni hamoonnii fi fakkeessitoonni . . . isa gadhee irraa gara isa caalaa gadhee taʼeetti deemu.” (2 Xim. 3:1-5, 13) Wantoonni raajiidhaan dubbataman kun yommuu raawwataman argiteettaa? Baayʼeen keenya namoota hamoo, jechuunis namoota abbaa humnaa taʼan, namoota haalaalatti nama jibbanii fi yakkamtoota gara jabeeyyii taʼaniin kallattiidhaan miidhaan nu irra gaʼeera. Isaan keessaa tokko tokko ifumatti wanta hamaa raawwatu; kaan immoo namoota kan gargaaran fakkeessanis hamoo dha. Miidhaan nu irra gaʼuu baatus namoonni hamoon akkasii dhiibbaa nu irraan geessisuun isaanii hin oolu. Gocha gara jabinaa isaan raawwatan yommuu dhageenyu baayʼee gaddina. Namoonni hamoon ijoollee, maanguddootaa fi namoota nama isaan gargaaru hin qabne akka cunqursan yommuu dhageenyu gadda guddaatu nutti dhagaʼama. Namoonni hamoon amala gocha namummaatiin ala taʼee fi kan bineensotaa, darbees kan jinniiwwanii fakkaatu argisiisu. (Yaq. 3:15) Kan nama gammachiisu garuu, Dubbiin Yihowaa oduun nama gaddisiisu kun oduu nama gammachiisuun akka bakka buufamu ibsa.
Yihowaan Warra Dhiifama Godhan ni Eebbisa
10 Haaloo qabachuun numa miidha. Haaloo qabachuun baʼaa ulfaataadha; Yihowaan haaloo qabachuu dhiisuudhaan boqonnaa akka argannu barbaada. (Efesoon 4:31, 32 dubbisi.) ‘Dheekkamsa irraa akka of dhowwinu, aariis akka dhiisnu’ nu jajjabeessa. (Far. 37:8) Gorsa kana hordofuun ogummaadha. Haaloo qabachuun qaama keenyas taʼe sammuu keenya miidhuu dandaʼa. (Fak. 14:30) Fakkeenyaaf, summii yoo dhugne nu miidha; haaluma wal fakkaatuun haaloo yoo qabannes kan miidhamu nama nu gaddisiise utuu hin taʼin numadha. Kanaafuu, yeroo dhiifama goonus ofuma fayyadaa jirra jechuudha. (Fak. 11:17) Nagaa sammuu ni qabaanna, Yihowaa tajaajiluu keenyas itti fufuu ni dandeenya.
w03-AM 12/1 13 key. 20
“Yihowaatti baayʼee gammadi”
20 “Garraamonni . . . lafa ni dhaalu.” (Faarfannaa 37:11a) ‘Garraamota’ kan jedhaman eenyufaʼi? Jechi ‘garraamii’ jedhu jecha hiika “dhiphisuu, xiqqeessuu, salphisuu” jedhu qabu irraatii argame. Namoonni ‘garraamii’ jedhaman namoota Yihowaan jalʼina haqaa isaanirratti raawwatamu akka sirreessu gad of qabuudhaan eeggatanidha. Namoonni kun “nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.” (Faarfannaa 37:11b) Yeroo harʼaattillee jannata hafuuraa gumii Kiristiyaanaa keessa jiru keessa jiraachuu keenyatti nagaa hedduu arganna.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 445
Gaara
Jabaa, dhaabbataa, ykn olkaʼaa. Gaarreen jaboo akka taʼaanii fi dhaabbatoo akka taʼanitti ibsamaniiru. (Isa 54:10; An 3:6; Fr 46:2 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kanaafuu faarfatichi qajeelummaan Yihowaa “akka gaarota guguddoo ti” yommuu jedhu qajeelummaan Yihowaa kan hin sochoone akka taʼe ibsuu barbaadee taʼuu dandaʼa. (Fr 36:6) Yookiin gaarreen baayʼee dhedheeroo waan taʼaniif qajeelummaan Waaqaa kan namootaa irra baayʼee akka caalu ibsuu barbaadee taʼuu dandaʼa. (Isa 55:8, 9 wajjin wal bira qabii ilaali.) Mulʼata 16:20 irratti dhangalaʼuu saanii dheekkamsa Waaqayyo isa torbaffaa ilaalchisee, “gaaronnis hin argamne” jedhameera. Yaadni kun wantoonni akka gaaraatti baayʼee dhedheeroo taʼanillee dheekkamsa Waaqayyo jalaa miliquu akka hin dandeenye kan argisiisudha.—Er 4:23-26 wajjin wal bira qabii ilaali.
CAAMSAA 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 38-39
Garmalee of hin Ceephaʼinaa
Yeroo Gara Fuulduraa ‘Kallattiidhaan Fuulduratti Ilaalaa’
12 1 Yohaannis 3:19, 20 dubbisi. Hundi keenya iyyuu yeroo tokko tokko miirri balleessa nutti dhagaʼama. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dhugaa barachuu isaanii dura wantoota raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. Kaan immoo erga cuuphamanii booda wantoota raawwataniin kan kaʼe miirri balleessaa isaanitti dhagaʼama. Miirri akkasii waanuma baramaa taʼe dha. (Rom. 3:23) Dhugaa dha, wanta sirrii raawwachuu barbaanna. Taʼus, “hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna” (Yaq. 3:2; Rom. 7:21-23) Miirri balleessaa nutti dhagaʼamuun isaa kan nu hin gammachiisne taʼus, faayidaa tokko tokko qaba. Maaliifi? Sababiin isaas miirri balleessaa daandii keenya akka sirreessinu nu kakaasa, akkasumas dogoggora keenya irra deebiʼuu dhiisuuf akka murteessinu nu gargaara.—Ibr. 12:12, 13.
13 Gama biraatiin immoo, miirri balleessaa guddaan nutti dhagaʼamuu, jechuunis yaada erga geddarannee fi Yihowaan dhiifama erga nuuf godhee booda illee miirri balleessaa nutti dhagaʼamuu isaa itti fufuu dandaʼa. Miirri balleessaa akkasii miidhaa geessisuu dandaʼa. (Fr. 31:10; 38:3, 4) Akkamitti? Mee fakkeenya obboleettii cubbuu kanaan dura raawwatteen miira balleessaa wajjin walʼaansoo gootu tokkoo haa ilaallu. Akkas jetteetti: “Badiisa irraa ooluu dhiisuu waanan dandaʼuuf, tajaajila Yihowaa irratti jabaadhee hojjechuun koo faayidaa akka hin qabne natti dhagaʼama ture.” Baayʼeen keenya akka obboleettii kanaa nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Miira balleessaa guddaa akkasii irraa of eeggachuun keenya barbaachisaa dha. Hunda caalaa immoo, Yihowaan erga dhiifama nuuf godhee booda illee, ofii keenyatti kan abdii kutannu yoo taʼe, Seexanni hammam akka gammadu yaadaa!—2 Qorontos 2:5-7, 11 wajjin wal biraa qabii ilaali.
w02-AM 11/15 20 key. 1-2
Yihowaa Duratti Jireenya Keenyatti Akka Gaariitti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
UMURIIN keenya gabaabaa fi akkuma gaaddidduu dafee kan darbu dha. Daawit faarfatichi jireenyi baayʼee gabaabaa taʼuu isaa irratti erga xiinxalee booda: “Yaa Yihowaa, jireenyi koo hammam gabaabaa akka taʼe akkan hubadhuuf, dhumni koo maal akka taʼe, Akkasumas, safara guyyoota kootii akkan beeku na gargaari. Dhuguma iyyuu, guyyoonni koo muraasa qofa akka taʼan ni goote” jedhee kadhateera. Wanti Daawitiin yaaddessu dubbii isaatiinis taʼe gocha isaatiin Yihowaa gammachiisuu ture. Abdii isaa Yihowaa irra akka kaaʼate yommuu dubbatu, “Abdiin koo suma” jedheera. (Faarfannaa 39:4, 5, 7) Yihowaanis kadhannaa isaa dhagaʼeera. Eeyyee, Yihowaan wanta Daawit godhu tokko tokkoon madaaluudhaan isa eebbiseera.
Yeroo hundumaa hojii hojjechuunii fi hojiidhaan qabamuun ni dandaʼama. Wanta hojjennu hedduu akka qabnuu fi yeroon akka nu hin geenye yaaduudhaan dhiphachuu dandeenya. Haataʼu malee akkuma Daawit jireenya keenya karaa Yihowaa duratti fudhatama nuuf argamsiisuun itti fayyadamuu barbaannaa? Yihowaan tokkoon tokkoon keenya akka ilaaluu fi haala keenya akka qoru beekamaadha. Iyyoob inni nama Waaqa sodaatu taʼe gara waggoota 3,600 dura Yihowaan daandii isaa akka ilaaluu fi sochii isaa hunda akka qoru hubatee ture. Iyyoob, “Yeroo inni na gaafatutti maalan isaaf deebisa?” jedhee gaafateera. (Iyyoob 31:4-6, 14) Wantoota hafuuraatiif dursa kennuudhaan, ajajawwan Waaqaatiif ajajamuudhaanii fi yeroo keenyatti ogummaadhaan fayyadamuudhaan jireenya keenya karaa Waaqayyo duratti fudhatama qabuun itti fayyadamuu dandeenya. Mee qabxiiwwan kana tokko tokkoon haa ilaallu.
Michummaa Yihowaa Wajjin Qabdu Haareffadhu
Yeroo hundumaa Yihowaa haasofsiisi. Abbaan kee Yihowaan miirri balleessaa sitti dhagaʼamu kadhachuun ulfaataa akka sitti taʼu akka godhu beeka. (Rom. 8:26) Haa taʼu malee, michuu isaa taʼuuf fedhii cimaa akka qabdu isatti himuudhaan ‘kadhannaatti jabaadhu.’ (Rom. 12:12) Andiraan, “Miirri balleessaa cimaa fi qaaniin natti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, hammuman kadhannaa dhiheesse miirri kun naaf xiqqaachaa deeme. Amma caalaatti nagaa sammuu argadheera” jedheera. Maal jettee akka kadhattu hin beektu taanaan, kadhannaawwan Daawit Mootichi inni cubbuu isaa irraa yaada geddarate dhiheessee fi Faarfannaa 51 fi 65 irratti galmeeffame irratti yaadi.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Amanamaa Taʼuu Kee Argisiisi
16 Warri kaan akka nu amananiif of toʼachuun keenya barbaachisaadha. Amalli kun yeroo iccitii nutti himame tokko dubbachuuf qoramnutti callisuuf nu gargaara. (Fakkeenya 10:19 dubbisi.) Tarii yeroo miidiyaalee hawaasaa fayyadamnu of toʼachuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Yoo of eeggachuu baanne wanta iccitii taʼe utuu nutti hin beekamin namoota hedduutti himuu dandeenya. Meeshaa elektirooniksiitti fayyadamnee oduu tokko erga babalʼisnee booda akkaataa warri kaan odeeffannoo sana itti fayyadaman ykn balaa inni geessisu toʼachuu hin dandeenyu. Of toʼachuun keenya yeroo mormitoonni odeeffannoo obboloota keenya balaadhaaf saaxilu akka isaanitti himnu nu gowwoomsuuf yaalanittis callisuuf nu gargaara. Tarii haalli akkasii biyya hojiin keenya itti dhorkame ykn daangeffame keessatti yeroo poolisiin nu qoratutti nu mudachuu dandaʼa. Haala akkasiis taʼe kan biroo keessatti qajeelfama ‘afaan keenya hiinee eeggachuuf’ nu gargaaru hordofuu dandeenya. (Far. 39:1) Maatii, michoota, obbolootaa fi obboleettota keenya dabalatee nama kamiyyuu wajjin haala wal qabateen amanamoo taʼuu qabna. Amanamoo taʼuuf immoo of toʼachuun nu barbaachisa.
CAAMSAA 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 40-41
Warra Kaan Gargaaruu kan Qabnu Maaliifi?
Namoonni Arjummaadhaan Kennan Gammadoo Dha
16 Namoonni dhugumaan arjoota taʼan, namoota deebisanii akka isaaniif kennan eeguudhaan kennan miti. Yesuus akkana jedhee kan barsiise kana yaadatti qabachuudhaan ture: “Yommuu afeerrii qopheessitu, hiyyeeyyii, warra qaamni isaanii hirʼate, warra naafatanii fi warra qaro dhabeeyyii taʼan waami; isaan gatii sii deebisuu waan hin dandeenyeef, gammachuu argatta. Yeroo duʼaa kaʼuu qajeelotaatti gatiin kee sii deebiʼa.” (Luq. 14:13, 14) Barreessaan hafuuraan geggeeffame tokko, “Namni arjaan eebbifamaa in taʼa” jedheera. Inni kan biraan immoo, “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu!” jedheera. (Fak. 22:9; Far. 41:1) Dhuguma iyyuu, warra kaan gargaaruun waan nu gammachiisuuf arjoota taʼuu qabna.
17 Phaawulos wanta Yesuus “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jechuudhaan dubbate yommuu caqasu, wanta qabnu kennuu qofa utuu hin taʼin jajjabina, gorsaa fi gargaarsa isaan barbaachisu kennuu akka dabalatu dubbachuu isaa ture. (HoE. 20:31-35) Phaawulos dubbii isaatiinis taʼe fakkeenya taʼuudhaan akka of kenninu, jechuunis yeroo, humna, xiyyeeffannaa fi jaalala keenya akka kenninu nu barsiiseera.
18 Qorattoonni saayinsii hawaasaa irratti bobbaʼanis, kennuun namootaaf gammachuu akka argamsiisu hubataniiru. Akka barreeffamni tokko jedhetti, “namoonni warra kaaniif gaarummaadhaan wanta tokko erga raawwatanii booda gammachuun isaanii guddaa akka dabale gabaasaniiru.” Akka qorattoonni jedhanitti, namoota kan biraa gargaaruun “fedhii buʼuuraa ilmaan namootaa waan guutuuf,” jireenya “kaayyoo guddaa fi hiikkaa qabu” qabaachuuf baayʼee barbaachisaa dha. Kanaaf, hayyoonni yeroo baayʼee fayyaa isaanii fi gammachuu isaanii akka dabaluuf hojii tola ooltummaa akka raawwatan namoota jajjabeessu. Kun garuu namoota Kitaaba Qulqulluu akka Dubbii Yihowaa isa Uumaa ilmaan namootaa jaalala qabeessa taʼetti fudhataniif wanta haaraa miti.—2 Xim. 3:16, 17.
Yihowaan Ol Si Qaba
7 Taʼus yoo dhukkubsanne, akkuma waaqeffattoota dhugaa kanaan dura turanii, Waaqayyo jajjabina, ogummaa fi deggersa akka nuuf kennu isa gaafachuu dandeenya. Daawit Mootichi, “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha; Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf” jedhee barreesseera. (Far. 41:1, 2) Namni bara Daawititti jiraatee fi nama dadhabeef yaadu tokko bara baraaf jiraachuu isaa akka itti hin fufne beekna. Kanaaf Daawit namni haala kanaan namootaaf yaadu tokko dinqiidhaan jiraachuu isaa itti fufuudhaan bara baraaf jiraata jechuu isaa hin turre. Jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun Waaqayyo nama amanamaa warra kaaniif yaadu ni gargaara jechuu akka taʼan hubachuu dandeenya. Akkamitti? Daawit, “Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa in kaasa” jechuudhaan ibseera. (Far. 41:3) Eeyyee, namni isa dhabaadhaaf yaadu tokko, Waaqayyo isas taʼe amanamummaa inni argisiise akka argu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandaʼa. Qaamni isaa inni Waaqayyo isaaf kennee fi ofiin of haaromsuu dandaʼu sun akka fooyyaʼus taʼe dhukkuba isaa irraa akka fayyu isa gargaaruu dandaʼa.
w17.09 12 Key. 17
Gara Laafina Yihowaa Hordofaa
17 Sababiin amala gara laafinaa horachuu itti qabdu inni guddaan, amalli kun akka si fayyaduu beekuu kee qofa taʼuu hin qabu. Sababiin inni guddaan, Yihowaa isa Madda jaalalaa fi gara laafinaa taʼe fakkaachuu fi isaaf ulfina fiduu taʼuu qaba. (Fak. 14:31) Inni fakkeenya mudaa hin qabne nu taʼeera. Kanaafuu, isaa fakkaachuuf, jechuunis obboloota keenya gidduu jaalalli hoʼaan akka jiraatu gochuu fi gara laafina argisiisuudhaan namoota kaanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabachuuf wanta nuu dandaʼame hunda haa goonu.—Gal. 6:10; 1 Yoh. 4:16
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 16
Yihowaa
Guutummaan seenaa Kitaaba Qulqulluu olaantummaan Yihowaa sirrii taʼuu isaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffata. Kunis kaayyoo Yihowaa isa guddaa nu hubachiisa; Kaayyoon isaa kunis maqaasaa qulqulleessuudha. Maqaa Waaqayyoo qulqulleessuun maqaasaa arrabsoo hundumaarraa qulqulleessuu qofa miti. Kanaa mannaa wanta kana caaluu ni dabalata; maqaa isaa qulqulleessuun uumamawwan yaaduu dandaʼanii fi samii irras taʼe lafarra jiran maqaasaaf ulfina akka kennan gochuu dabalata. Kana jechuun jaalala isaaf qabaniin kakaʼanii, fedhiidhaan olaantummaa isaa fudhachuu fi kabajuu, isa tajaajiluu barbaaduu fi gammachuudhaan fedha isaa raawwachuu jechuudha. Kadhannaan Daawit Yihowaatti dhiheessee fi Faarfannaa 40:5-10rratti ibsamee jiru yaada kanaa fi maqaa Yihowaa qulqulleessuu jechuun maal jechuu akka taʼe sirriitti ibsa. (Phaawulos Ergamaan Ibr 10:5-10rratti yaada faarfannaa kanaa hamma tokko caqasuudhaan Yesuus Kiristoos irratti akka raawwatame ibsuu isaa hubadhu.)
CAAMSAA 27–WAXABAJJII 2
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 42-44
Barumsa Waaqayyoorraa Guutummaatti Fayyadamaa
w06-AM 6/1 9 key. 4
Yaadawwan Ijoo Kutaa Lammaffaa Kitaaba Faarfannaa
Faarfannaa 42:4, 5, 11; 43:3-5. Sababa toʼannaa keenyaa ala taʼeen gumii Kiristiyaanaa irraa adda baanee jirra yoo taʼe, yeroo gammachiisaa obboloota keenyaa wajjin dabarsine irratti yoo xiinxalle ni jajjabaanna. Gara jalqabaa miirri kophummaa nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haataʼu malee yeroo gammachiisaa obboloota keenyaa wajjin dabarsine irratti yoo xiinxalle, Yihowaan iddoo kooluu itti gallu akka nuuf taʼuu fi boqonnaa argachuuf isa eeggachuu akka qabnu nu yaadachiisa.
Yeroo Qayyabannaa Caalaatti Gammachiisaafi Buʼa Qabeessa Gochuu
1 KADHACHUU: Tarkaanfiin inni jalqabaa kadhannaa gochuudha. (Far. 42:8) Akkas kan jennu maaliifi? Dubbii Waaqayyoo qayyabachuun kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼe goonee yaaduu qabna. Kanaaf, Yihowaan yaadaafi garaa gaarii qayyabannaa sana hubachuuf nu gargaaru, akkasumas hafuurasaa akka nuuf kennu isa gaafachuu qabna. (Luq. 11:13) Baarbaaraan isheen waggoota dheeraadhaaf misiyoonii taate akkas jetteetti: “Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuu ykn qayyabachuu jalqabuukoo dura kadhannaan dhiheessa. Achiis, Yihowaan akka anaa wajjin jiruufi gochakoo kanatti akka gammadu natti dhagaʼama.” Qayyabannaa jalqabuu keenya dura kadhannaa dhiheessuun sammuufi garaan keenya akka banamu gochuudhaan nyaata hafuuraa hedduu nu dura jiru guutummaatti akka hubannu godha.
‘Harki Keessan Lawwaassaʼee kan Gad Rarraʼu hin Taʼin!’
11 Kana malees, barumsi Waaqayyo biraa argamuu fi walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan guguddaa fi manneen barumsaa tiʼookraasii irratti barannus caalaatti nu jabeesseera. Leenjiin kun kakaʼumsa sirrii akka qabaannu, galmawwan hafuuraa akka baafannuu fi itti gaafatamummaa hedduu Kiristiyaanota taʼuu keenyaan qabnu raawwachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Far. 119:32) Barumsa akkasii irraa jabina argachuuf carraaqqii cimaa ni gootuu?
12 Yihowaan Israaʼeloonni Amaaleqootaa fi warra Itoophiyaa akka moʼan gargaareera; akkasumas Nahimiyaa fi namoota isaa wajjin turaniif humna dallicha deebisanii ijaaruuf gargaaru kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo hojii lallabaa raawwachuu akka dandeenyuuf jabina mormii, dantaa dhabummaa fi dhiphina damdamachuuf nu dandeessisu nuuf kenna. (1 Phe. 5:10) Yihowaan nuuf jedhee dinqii akka raawwatu hin eegnu. Kanaa mannaa, gaʼee keenya raawwachuu qabna. Kun immoo Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, walgaʼiiwwan torbaniitiif qophaaʼuu fi irratti argamuu, qoʼannaa dhuunfaa fi qoʼannaa maatiitiin sammuu keenyaa fi garaa keenya sooruu, akkasumas yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu dabalata. Barsiifannii fi hojiin kam iyyuu, karaawwan Yihowaan nu cimsuu fi nu jajjabeessuuf itti gargaaramu irraa akka hin fayyadamne akka nu godhu matumaa heyyamuu hin qabnu. Wantoota kana keessaa isa tokko irratti harki keessan lawwaasaʼee akka gad rarraʼe yoo isinitti dhagaʼame Waaqayyoon gargaarsa gaafadhaa. Achiis hafuurri isaa ‘fedha akka qabaattanii fi hojiidhaaf akka kakaataniif akkamitti akka humna isiniif kennu’ hubadhaa. (Filp. 2:13) Haa taʼu malee harka warra kaanii jabeessuuf maal gochuu dandeessu?
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 1242
Sardiida
Sardiidonni, Kitaaba Qulqulluu keessatti fakkeenyaan waa ibsuuf siʼa hedduu caqasamaniiru. Iyyoob haala baayʼee ulfaataa keessa ture yommuu ibsu, “obboleessa sardiidotaa nan taʼe” jedheera. (Iyo 30:29) Faarfatichi sabni waaqayyoo haala qaanessaa taʼeen injifatamuu isaanii ilaalchisee “bakka sardiidonni jiraatanitti nu caccabsite” jechuudhaan gaddasaa ibseera. (Fr 44:19) Kana kan jedhe tarii dirree waraanaa bakka sardiidonni reeffa nyaachuuf itti walitti qabaman ibsuuf taʼuu hin oolu. (Fr 68:23 wajjin wal bira qabi ilaali) Dh.K.D. bara 607tti Baabilononni Yerusaalemiin marsuun isaanii beela guddaa fideera; kunimmoo, haadholiin daaʼimman isaaniitti garaa akka jabaatan taasiseera. Kanaaf Ermiyaas, ‘sabni isaa’ hammuma sardiidni ilmoolee ishee kunuunsitullee ilmaan isaanii kunuunsuu akka hin dandeenye ibseera.—Fru 4:3, 10.
WAXABAJJII 3-9
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 45-47
Faarfannaa Waaʼee Cidha Mootii Tokkoo Ibsu
Cidha Hoolichaatti Gammadaa!
8 Faarfannaa 45:13, 14a dubbisi. Misirrottiin ‘kuulamtee’ cidha mootichaatiif qophoofteetti. Mulʼata 21:2rratti misirrottiin magaalaa Yerusaalem Haaraafi ‘misirroo dhirsasheetiif kuulamtetti’ fakkeeffamteetti. Magaalaan samiirra jirtu kun, “ulfina Waaqayyoo” kan qabdu yommuu taʼu, “calaqqisi ishees akka dhagaa baayʼee gati-jabeessaa, akka Yaasphis, qullaaʼaa akka cabbii tis.” (Mul. 21:10, 11) Bareedinni dinqisiisaan Yerusaalem Haaraan qabdu, Macaafa Mulʼataa keessatti haala nama hawwatuun ibsameera. (Mul. 21:18-21) Kanaaf faarfatichi, misirrottiin akka ‘kuulamte’ ibsuunsaa sirriidha. Kanarrayyuummoo, cidhi mootichaa kan geggeeffamu samiirrattidha.
9 Misirrottiin kan geeffamte gara dhirsa misirroo, jechuunis gara Mooticha isa Masiihii taʼeettidha. Yesus, ‘karaa dubbiisaa bishaaniin dhiqee qulleessuudhaan’ ishee qopheessaa tureera. Kanaaf, misirrottiin ‘xuriifi mudaa hin qabdu.’ (Efe. 5:26, 27) Kana malees, misirrottiin uffata cidhichaaf taʼu uffachuu qabdi. Dhugumasimmoo uffata akkasii uffatteetti! ‘Uffata warqeedhaan kuulame uffatteetti,’ akkasumas “uffata ishee isa kuula baayʼee qabuun gara mootichaatti in geeffamti.” Cidha Hoolichaatiif, “uffata quncee talbaa irraa hojjetame, calaqqisaa fi qullaaʼaa uffachuun isheedhaaf kennameera . . . uffanni quncee talbaa sunis hojii warra Waaqayyoof qulqullaaʼanii isa qajeelaa dha.”—Mul. 19:8.
Kitaabni Mulʼataa Waaʼee Egeree Keetii Maal Jedha?
10 Yeroo kanatti Yihowaan maal godha? “Aariin koo inni guddaan ni bobaʼa” jedheera. (His. 38:18, 21-23) Mulʼanni boqonnaan 19 wanta itti aansuudhaan taʼu dubbata. Yihowaan saba isaatiif eegumsa gochuu fi diinota isaa balleessuuf Ilma isaa erga. “Raayyaawwan samii,” jechuunis maleekonni amanamoonii fi warri kutaa 144,000 taʼan Yesuus wajjin taʼuudhaan Goog isa biyya Maagoog irratti waraana banu. (Mul. 17:14; 19:11-15) Waraanni kun buʼaa akkamii argamsiisa? Namoonnii fi jaarmiyaaleen Yihowaa morman hundi haxaaʼamanii akka balleeffaman godha!—Mulʼata 19:19-21 dubbisi.
11 Diinonni Waaqayyoo yeroo haxaaʼamanii balleeffamanitti namoota amanamoo lafa irra jiraatanitti maaltu akka dhagaʼamu yaadi! Yeroon sun yeroo baayʼee gammachiisaa taʼa! Yeroo Baabilon Guddittiin balleeffamtutti samii irra gammachuu guddaan kan jiraatu taʼus, wanti kana caalaa gammachuu argamsiisus jira. (Mul. 19:1-3) Kunis wantoota Kitaaba Mulʼataa keessatti barreeffaman keessaa isa iddoo guddaa qabu, jechuunis “[guyyaa] Hoolichi gaaʼela itti godhatu” dha.—Mul. 19:6-9.
12 Gaaʼelli kun kan hundeeffamu yoomi? Waraanni Armaagedoon jalqabuu isaa yeroo muraasa dura warri kutaa 144,000 taʼan hundi samii irratti walitti ni qabamu. Taʼus, guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu yeroo kanatti miti. (Mulʼata 21:1, 2 dubbisi.) Guyyaan Hoolichi gaaʼela itti godhatu kan dhufu waraanni Armaagedoon erga geggeeffamee fi diinonni Waaqayyoo hundi erga balleeffamanii boodadha.—Far. 45:3, 4, 13-17.
it-2-E 1169
Waraana
Waraanni kun yommuu xumuramu lafti waggaa kuma tokkoof nagaa argatti. Faarfannaan “[Yihowaan] guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa. Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa; Gaariiwwan fardaa waraanaas ibiddaan ni guba,” jedhu yeroo Yihowaan meeshaa waraanaa diinootaa caccabsuudhaan biyya Israaʼelitti nagaa fidetti raawwii isaa isa jalqabaa argateera. Waraana Armaagedoon irratti Yesuus namoota waraanaaf sababa taʼan hundumaa ni balleessa; sana booda guutummaan lafaa nagaa argata. (Fr 46:8-10) Namoonni jireenya bara baraa akka argatan isaaniif heyyamamu namoota ‘goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti jijjiiranii’ fi ‘sana booda waraana hin baranne’ dha. “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa kana dubbateera.”—Isa 2:4; Mik 4:3, 4.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
Mootummaan Waaqayyoo Yommuu Dhufu Wantoota Akkamii Balleessa?
9 Wanti dhaabbilee mancaʼan bakka buʼu maali dha? Armaagedoon booda, dhaabbanni lafa irratti hafu jiraa? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Akkuma inni abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.” (2 Phe. 3:13) Samiiwwanii fi lafti moofaan, jechuunis mootummoonni mancaʼanii fi hawaasni toʼannaa isaanii jala jiru hundi ni balleeffamu. Isaan kun maaliin bakka buufamu? Jechoonni “samiiwwan haaraa fi lafa haaraa” jedhan mootummaa haaraa fi hawaasa haaraa mootummaa sana jalatti bulu kan argisiisani dha. Mootummaan Yesuus Kiristoosiin geggeeffamu guutummaatti amala Yihowaa isa Waaqa nagaa taʼee kan argisiisu taʼa. (1 Qor. 14:33) Kanaaf ‘lafti haaraan’ ni gurmaaʼa. Namoonni gaariin dhimmawwan tokko tokko raawwachiisan ni jiraatu. (Far. 45:16) Kiristoosii fi namoota 144,000 isaa wajjin bulchantu namoota kanaaf qajeelfama kenna. Yeroo dhaabbileen mancaʼan hundi, dhaabbata tokkummaa qabuu fi hin mancaane tokkoon bakka buufamu haalli isaa maal akka fakkaatu tilmaami!
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
g-AM 12/10 22-23
Sodoomummaadhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda?
Wanta Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Sodoomummaa Dubbatu Akkamittan Ibsuu Dandaʼa?
Sirna badhaasaa qophaaʼe irratti, dubartoonni beekamoon taatota taʼan lama waltajjii irratti afaan keessa wal dhungachuudhaan nagaa yommuu wal gaafatan namoonni walitti qabaman dinqisiifannaa isaanii iyyuudhaan ibsan! Warri kaanimmoo naasuudhaan fajajanii hafan; booda garuu isaanis warra kaan deggeruudhaan gammachuu isaanii ibsuu jalqaban. Sodoomonni haala kana akka injifannoo guddaatti ilaalu. Warri kaanimmoo gochuma xiyyeeffannaa ofitti harkisuuf raawwatame akka taʼetti yaadu. Kanas taʼe sana, viidiyoon taatota wal dhungatan argisiisu kun televizyinii irratti irra deddeebiʼamee kan argisiifamu yommuu taʼu, guyyoota itti aananittimmoo intarneetii irratti waan gadhiifamuuf namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ni ilaalu jedhamee eegama.
FAKKEENYA olitti ibsamerraa akka hubannutti, namoonni beekamoon gocha sodoomota akka taʼan ykn saala lamaaniifuu miira jaalalaa akka qaban argisiisu yoo raawwatan waaʼeen isaanii miidiyaa hawaasaa irratti baayʼee odeeffama. Namoonni tokko tokko namoota kana ija jabeeyyii akka taʼanitti ilaaluudhaan isaan dinqisiifatu. Warri kaan garuu gochi isaanii jibbisiisaa akka taʼe ibsuudhaan isaan balaaleffatu. Namoonni ilaalcha yaada kana lamaanirraa adda taʼe qaban kaanimmoo sodoomummaan akkaataa jireenyaa isa barame irraa adda taʼe akka taʼe qofatti ilaalu. Daaniʼel inni umuriin isaa waggaa 21 taʼe “mana barumsaatti ijoolleen jaalalli kan isaan qabu saala faallaa irraa akka taʼe dubbatanillee, sodoomummaa yoo ati mormite jibba halaalaa akka ati qabduu fi namatti murteessuuf akka ati ariifattu isaanitti dhagaʼama” jedheera.*
Ilaalchi namoonni sodoomummaaf qaban dhalootaa gara dhalootaatti ykn biyyaa biyyatti garaa gara taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee Kiristiyaanonni ‘qilleensa barumsaa hundumaatiin asii fi achi hin daddarbataman.’ (Efesoon 4:14) Kanaa mannaa, qajeelfama Kitaaba Qulqulluu sirriitti hordofu.
Maarree Kitaabni Qulqulluun waaʼee sodoomummaa maal jedha? Seera Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee kennuun geggeeffamta taanaan, namoota jibba halaalaa akka qabdu, warra kaanitti murteessuuf akka ariifattu, darbees sodoomota akka jibbitu dubbachuudhaan maqaa kee balleessaniif deebii kennuu kan dandeessu akkamitti? Mee gaaffiiwwan armaan gadii fi deebii kennuu dandeessu ilaali.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee sodoomummaa maal jedha? Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiin dhiiraa fi dubartii wal fuudhan gidduutti qofa raawwatamuu akka qabu dubbata. (Uumama 1:27, 28; Leewwota 18:22; Fakkeenya 5:18, 19) Kitaabni Qulqulluun halalummaa yommuu dhorku, saalqunnamtii seeraan ala taʼee fi saala wal fakkaataa ykn saala faallaa gidduutti raawwatamu dhorkuu isaati.a—Galaatiyaa 5:19-21.
Namni tokko akkana yoo siin jedhehoo: “Sodoomummaaf ilaalcha akkamii qabda?”
Akkana isaan jechuu dandeessa: “Sodoomota hin jibbu, gocha isaanii garuu hin deggeru.”
✔ hubadhu: Qajeelfama Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffamta taanaan, akkaataa jireenyaa kana situ filate, kunis mirga keeti. (Iyyaasuu 24:15) Kanaaf ilaalcha kee kanatti hin qaanaʼin.—Faarfannaa 119:46.
Ilaalchi isaan saalqunnamtiidhaaf qaban maaliyyuu yoo taʼe, Kiristiyaanonni namoota hundumaa kabajuu hin qabanii? Kabajuu qabu. Kitaabni Qulqulluun, “namoota akaakuu hundumaa kabajaa” jedha. (1 Pheexiros 2:17) Kanaaf Kiristiyaanonni sodoomota hin jibban. Kanaa mannaa sodoomota dabalatee namoota hundumaatti gaarummaa argisiisu.—Maatewos 7:12.
Namni tokko akkana yoo siin jedhehoo: “Ilaalchi ati sodoomummaadhaaf qabdu namoonni kaan halaalatti akka isaan jibban waan godhu sitti hin fakkaatuu?”
Akkana isaan jechuu dandeessa: “Matumaa. Ani kanan jibbu hojii isaaniiti malee sodoomota miti.”
✔ Dabalataanis akkana isaan jechuu dandeessa: “Fakkeenyaaf, ani tamboo xuuxuu hin barbaadu. Waaʼeedhuma isaa yeroon yaadullee na jibbisiisa. Ati garuu ilaalcha ana irraa adda taʼe waan qabduuf ni xuuxxa haa jennu. Ejjennoo koo kanaan kan kaʼe halaalatti akka ati na hin jibbine beekamaadha. Sirriidha mitii? Anis ilaalcha ati qabduun kan kaʼe halaalatti si hin jibbu. Ilaalchi garaa garaa sodoomummaa ilaalchisee qabnus kanaa wajjin wal fakkaata.”
Yesuus waaʼee wal dandaʼuu barsiiseera mitii? Maarree Kiristiyaanonni sodoomummaa ilaalchisee ejjennoo cimaa akkasii qabaachuu qabu? Yesuus akkaataan jireenyaa hundi fudhatama akka qabu duuka buutota isaa hin barsiisne. Kanaa mannaa, daandiin jireenya bara baraa kan banamu nama ‘isatti akka amanu hojiidhaan argisiisuuf’ akka taʼe barsiiseera. (Yohaannis 3:16 milj.) Yesuusitti akka amanan hojiidhaan argisiisuu jechuunimmoo, saalqunnamtii ilaalchisee qajeelfama Waaqayyo baasee wajjin haala wal simuun jiraachuu jechuudha; kunimmoo sodoomummaa dabalatee gochawwan Kitaabni Qulqulluun balaaleffatu irraa fagaachuu dabalata.—Roomaa 1:26, 27.
Namni tokko akkana yoo siin jedhehoo: “Sodoomonni ilaalcha saalqunnamtiidhaaf qaban kana jijjiiruu hin dandaʼan; kun wantuma isaanii wajjin dhalatedha.”
Akkana isaan jechuu dandeessa: “Kitaabni Qulqulluun amaloonni tokko tokko nama tokko keessatti hidda gad fageeffachuu akka dandaʼan kan dubbatu taʼus, sodoomonni akkasitti akka uumaman garuu hin ibsu. (2 Qorontos 10:4, 5) Namoonni tokko tokko nama akkuma isaanii dhiira taʼe ykn durba taateef miira jaalalaa qabaachuu kan dandaʼan taʼus, Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni sodoomummaa irraa akka fagaatan ajaja.”
✔ Odeeffannoo si fayyaduu dandaʼu: Namoonni miira sodoomummaa kan qabaatan maaliifi akka taʼe kaasuudhaan falmii keessa seenuu mannaa, Kitaabni Qulqulluun sodoomummaa akka balaaleffatu ibsi. Haala isaa fakkeenyaan ibsuuf akkana jechuu dandeessa: “Namoonni hedduun dafanii kan aaran, amalli kun sanyiidhaan waan isaanitti darbeef akka taʼe dubbatu. (Fakkeenya 29:22) Yaadni kun sirriidha haa jennu. Haataʼu malee, akkuma atis beektu Kitaabni Qulqulluun garmalee aaruu ni balaaleffata. (Faarfannaa 37:8; Efesoon 4:31) Namoonni tokko tokko aariidhaan finiinuun wanuma isaan qanaʼuuf qofa yaadni Kitaaba Qulqulluu kun sirrii miti jechuun ni dandaʼamaa?”
Waaqayyo dhiira dhiiruma akka isaa jaallateen ykn dubartii dubartiima akka ishii jaallatteen dhiisi jechuun isaa gara jabina isatti hin taʼuu? Ilaalchi akkasii kan madde yaada dogoggoraa namoonni miirri saalaa isaanii kakaanaan saalqunnamtii raawwachuu qabu jedhu irraati. Kitaabni Qulqulluun namoonni miirri saalaa sirrii hin taane keessa isaanitti yoo uumameyyuu, gocha isaanii kana garaadhaa hamma hin barbaannetti miira isaanii kanaan moʼamuu dhiisuuf filachuu akka dandaʼan ibseera.—Qolosaayis 3:5.
Namni tokko yoo akkana siin jedhehoo: “Sodoomummaa yoo raawwachuu baatteyyuu, ilaalcha sodoomummaadhaaf qabdu jijjiiruu qabda.”
Akkana isaan jechuu dandeessa: “Mee ani qumaara taphachuu hin deggeruu, atimmoo ni deggerta haa jennu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman qumaara taphachuuf waan filataniif qofa, ilaalchan qumaaraaf qabu akkan sirreessu dhiibbaa narratti gochuun kee sirriidhaa?”
[Miiljaleewwan]
a Maqaawwan mataduree kana keessatti caqasaman jijjiiramaniiru
Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi halalummaa jedhu, saalqunnamtii raawwachuu qofa utuu hin taʼin, qaama saalaa nama kan biraa sukkuumuu, akkasumas karaa afaanii fi karaa munnee saalqunnamtii raawwachuu dabalata.
WAXABAJJII 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 48-50
Warri, Amantiin Maatiin Keessan Jaarmiyaa Yihowaarratti Qabu Akka Cimu Godhaa
Waaqeffannaa Dhugaan Gammachuu Siif Argamsiisa
11 Dubbii Yihowaa yeroo qoʼannuu fi waaʼee isaa ijoollee keenya yeroo barsiisnu isa waaqeffachaa jirra. Israaʼelotaaf guyyaan Sanbataa carraa hojii isaanii irraa itti boqotanii fi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qaban itti cimsatan isaaniif argamsiiseera. (Bau. 31:16, 17) Namoonni amanamoon isaan gidduutti argaman ijoollee isaanii waaʼee Yihowaa fi gaarummaa isaa ni barsiisu turan. Nutis Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduu qabna. Kun kutaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuuti, isatti dhihaachuufis nu gargaara. (Far. 73:28) Yeroo maatiidhaan qoʼannu dhaloonni haaraan, jechuunis ijoolleen keenya Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gargaarra.—Faarfannaa 48:13 dubbisi.
Sababa Itti Gammaddan Qabdu
“Mandara Xiyoon naannaʼaa, ishees marsaa, riqaa dhagaa ishee keessatti ijaaramanis lakkaaʼaa! Dhaloota dhufutti akka himtaniifis dallaa ishee yaadaan qabaa, mana ishee warra jajjaboo keessa adeemaa!” (Far. 48:12, 13) Asirratti faarfatichi Israaʼeloonni Yerusaalemiin akka gaariitti akka ilaalan isaan jajjabeesseera. Maatiiwwan Israaʼel ayyaana waggaa waggaadhaan kabajamurratti argamuuf gara Yerusaalem dhaqanii mana qulqullummaa dinqisiisaa taʼe yommuu argan, gammachuun akkamii akka isaanitti dhagaʼamu tilmaamuu dandeessaa? Waan kana “dhaloota dhufutti” himuuf akka kakaʼan hin shakkisiisu.
Mootuu biyya Sheebaa, ishee jalqabarratti bulchiinsa gaariifi ogummaa guddaa Solomoon qabu shakkitee turte yaadi. Wantoonni isheen dhageesse dhugaa taʼuusaanii akka amantu kan ishee godhe maalidha? Mootuun tun, “Hamma ani ofii kootii dhufee isa argutti wanta anatti himame sana amanuu hin dandeenye” jettee turte. (2 Sen. 9:6) Eeyyee, wanta tokko ija keenyaan ‘arguun’ jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa.
Ijoolleen keessan jaarmiyaa Yihowaa isa dinqisiisaa taʼe ijasaaniitiin akka ‘argan’ gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keessan jira taanaan, dhaqxanii daawwachuuf carraaqqii godhaa. Fakkeenyaaf, Maandiiniifi Betaaniin bakki isaan itti guddatan Betʼel biyyasaaniitti argamurraa kiilomeetira 1,500 fagaata. Taʼus, warrisaanii ijoollee durbaa kanaa wajjin xinnummaasaaniitii kaasanii irra deddeebiʼanii daawwachuuf sagantaa baafatan. “Betʼeliin daawwachuu keenya dura, bakki kun baayʼee kan namatti ulfaatuufi maanguddoonni qofti keessa kan jiraatan nutti fakkaata ture” jedhaniiru. “Haataʼu malee, dargaggoota garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaniifi gammachuudhaan hojjetan argineerra! Jaarmiyaan Yihowaa naannoo xiqqoo nuti jiraannurra balʼaa akka taʼe hubanneerra. Akkasumas, daawwannaan Betʼelitti goone karaa hafuuraa akka jabaannu nu gargaareera.” Maandiiniifi Betaaniin jaarmiyaa Waaqayyoo ilaaluunsaanii, qajeelchaa akka taʼan kan isaan kakaase yommuu taʼu, Betʼel keessatti yeroodhaaf tajaajiluufis mirga argataniiru.
Akka Lammii Mootummichaatti Jiraadhaa!
5 Seenaa barachuu. Namni lammii biyya tokkoo taʼuu barbaadu tokko, hamma tokko seenaa biyyichaa barachuu qaba. Namoonni lammii Mootummaa Waaqayyoo taʼuu barbaadanis hamma isaanii dandaʼame waaʼee Mootummichaa barachuu qabu. Fakkeenya ilmaan Qoraahi warra Israaʼel durii keessatti tajaajilaa turanii ilaalaa. Yerusaalemiifi bakka waaqeffannaashee, akkasumas seenaa magaalattii dubbachuun isaan gammachiisa ture. Wanti caalaatti isaan dinqisiise akkaataa manneen achi jiran itti ijaaraman utuu hin taʼin, magaalichaafi bakka waaqeffannaa sana ture. Yerusaalem handhuura waaqeffannaa dhugaa waan taateef, “mandara mootii guddichaa” jechuunis mandara Yihowaa turte. Waaʼee Seera Yihowaa barumsi kan kennamu iddoo kanattidha. Yihowaan gaarummaa kan argisiise namoota Mootii Yerusaalem jalatti bulaniif ture. (Faarfannaa 48:1, 2, 9, 12, 13 dubbisi.) Isinoo, akkasaanii waaʼee kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarra jiruu qayyabachuufi dubbachuuf fedhii qabduu? Waaʼee jaarmiyaa Waaqayyoofi akkaataa itti Yihowaan sabasaa deggeru caalaatti yommuu barattan, Mootummaan Waaqayyoo caalaatti isinii dhugooma. Kunis fedhiin misiraachoo Mootummichaa labsuuf qabdan akka guddatu godha.—Er. 9:24; Luq. 4:43.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-2-E 805
Qabeenya
Israaʼelonni sooreyyii waan turaniif nyaataa fi dhugaatii gaʼaa qabu turan. (1Mo 4:20; Lal 5:18, 19) Akkasumas qabeenyi isaanii rakkoowwan sababii hiyyumaatiin dhufanirraa isaan eeguu dandaʼa ture. (Fak 10:15; Lal 7:12) Yihowaan Israaʼelonni jabaatanii hojjechuudhaan akka sooroman kaayyoo isaa ture. (Fak 6:6-11; 20:13; 24:33, 34 wajjin wal bira qabii ilaali) Taʼus, Waaqa isa madda qabeenya isaanii taʼe irraanfachuu fi qabeenya isaaniitti amanamuu akka hin jalqabne isaan akeekkachiisee ture. (Kes 8:7-17; Fr 49:6-9; Fak 11:4; 18:10, 11; Er 9:23, 24) Akkasumas, qabeenyi yeroo muraasaa akka turu (Fak 23:4, 5), akka furiitti Waaqayyoof kennamuudhaan duʼarraa isaan oolchuu akka hin dandeenye (Fr 49:6, 7), yeroo duʼanitti isaan fayyaduu akka hin dandeenye isaan yaadachiisee ture. (Fr 49:16, 17; Lal 5:15) Akkasumas, qabeenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuun sobuu fi gowwoomsuutti akka nama geessu, darbees Yihowaa duratti fudhatama akka nama dhabsiisu isaanitti himameera. (Fak 28:20; Er 5:26-28 wajjin wal bira qabii ilaali; Er 17:9-11.) ‘Qabeenya isaanii isa gatii guddaa qabuun, Yihowaadhaaf ulfina akka kennanis’ jajjabeeffamaniiru.—Fak 3:9.
WAXABAJJII 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 51-53
Dogoggora Cimaa Akka hin Raawwanneef Tarkaanfiiwwan Fudhachuu Dandeessu
w19.01 15 Key. 4-5
Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?
4 Fakkeenya 4:23 irratti, jechi “garaa” jedhu “keessa namummaa namaa” argisiisuuf itti hojjetameera. (Faarfannaa 51:6 dubbisi.) Karaa kan biraatiin, ‘garaan’ yaada dhuunfaa, miira, kakaʼumsaa fi fedhii keenya argisiisa. Garaan wanta alaan fakkaachuuf yaallu utuu hin taʼin, keessa keenyatti dhugumaan nama akkamii akka taane argisiisa.
5 Fayyummaan qaama keenyaa, barbaachisummaa keessa namummaa keenyaa kan ibsu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Tokkoffaa, qaamni keenya haala gaarii irra akka jiraatu eeguuf, nyaata gaarii filachuu fi yeroo hundumaa sochii qaamaa gochuu qabna. Haaluma wal fakkaatuun, garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame fayyaa taʼee akka itti fufu gochuuf, yeroo hundumaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu fi Yihowaa irratti amantii akka qabnu argisiisuu qabna. Sochii akkasii gochuun wanta baranne hojii irra oolchuu fi waaʼee amantii keenyaa namootatti himuu dabalata. (Rom. 10:8-10; Yaq. 2:26) Lammaffaa, wanta alaan mulʼatu irratti hundaaʼuudhaan keessi keenya dhukkubsataa taʼus, fayyaa akka taanetti yaaduu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, sochii tiʼookraasii guyyaa guyyaadhaan goonu irratti hundaaʼuudhaan, amantiin keenya cimaa akka taʼe yaaduu kan dandeenyu taʼus, hawwiin dogoggoraa keessa keenyatti guddachaa jiraachuu dandaʼa. (1 Qor. 10:12; Yaq. 1:14, 15) Seexanni yaada isaatiin nu faaluu akka barbaadu yaadachuu qabna. Keessumaa kana gochuuf kan yaalu akkamitti? Of eeguu kan dandeenyu hoo akkamitti?
Qulqulluu Taanee Jiraachuu Ni Dandeenya
5 Karaan Yihowaatti guutummaatti akka amanamnu itti argisiisnu inni guddaan, yaada xuraaʼaa moʼuuf akka nu gargaaru isa kadhachuu dha. Yihowaan kadhannaadhaan gara isaatti ennaa dhihaannu innis nutti dhihaata. Arjummaadhaan kakaʼee hafuura isaa waan nuu kennuuf, murtoon yaadawwan addaggummaa irraa fagaachuu fi qulqulluu taanee jiraachuuf goonu ni cima. Kanaafuu, wanta garaa keenya keessatti yaadnuun isa gammachiisuuf fedhii akka qabnu isatti haa himnu. (Far. 19:14) “Karaa nama miidhu,” jechuunis fedhii sirrii hin taanee fi gara cubbuutti nu geessu kam iyyuu adda baasnee akka beeknuuf akka nu qoru gad of qabnee isa ni gaafannaa? (Far. 139:23, 24) Qorumsi yeroo nu mudatu amanamummaa keenya eeguuf akka nu gargaaru yeroo hunda isa ni kadhannaa?—Mat. 6:13.
6 Akkaataan guddinaa keenya ykn amalli kanaan dura qabnu, amalawwan Yihowaan balaaleffatu akka jaallannu dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼa. Yeroo akkasiittis taanaan, Yihowaan karaa fudhatama qabuun isa tajaajiluu keenya akka itti fufnu jijjiirama barbaachisaa gochuuf nu gargaaruu dandaʼa. Daawit Mootichi kana hubatee ture. Baat-Sheebaa wajjin ejja erga raawwatee booda, “Garaa qullaaʼaa anaaf uumi, . . . Hafuura dhaabataas ana keessatti haaressi!” jechuudhaan Yihowaa kadhateera. (Far. 51:10, 12) Cubbuun, foon keenya isa dadhabaa gar malee hawwachuu kan dandaʼu taʼus, Yihowaan isaaf ajajamuuf fedhii akka qabaannu gochuu ni dandaʼa. Yaadni dogoggoraa nu keessatti yoo guddatee fi yaada keenya isa qulqulluu toʼachuu yoo barbaade illee, ajaja isaa akka fudhannuu fi ittiin jiraachuudhaan milkaaʼina akka argannu Yihowaan adeemsa keenya nuu qajeelchuu dandaʼa. Yihowaan wanti miidhaa geessisu kam iyyuu akka nu hin toʼanne gochuu ni dandaʼa.—Far. 119:133.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 644
Doʼeeg
Doʼeeg nama biyya Edoom ajajaa tiksitoota Saaʼol turedha. (1Sa 21:7; 22:9) Doʼeeg, amantii Yihudii fudhachuu hin oolu. Tarii wareega waan qabuuf, gama taʼe tokkoon qulqulluu waan hin taaneef, ykn dhukkuba nadaayiitiin waan shakkameef taʼuu hin ooluu, ‘Yihowaa duraa akka hin deemnee’ fi Noob keessa akka turu godhamee ture; kanaan kan kaʼes yeroo Ahimelek inni luba olaanaa taʼe Daawitiif daabboo ilaalchaa fi goraadee Goliyaad kenneefitti arguu dandaʼeera. Yeroo booda yommuu Saaʼol tajaajiltoonni isaa isa irratti akka mariʼatan dubbatetti, Doʼeeg wanta Noobitti arge sana saaxileera. Achiis Saaʼol luba olaanaa fi luboota Noobitti argaman erga waamsisee fi Ahimelekiin erga gaafatee booda, tajaajiltoonni isaa luboota sana akka ajjeesan ajaje. Tajaajiltoonni isaa kun yommuu didanitti, Doʼeeg ajaja Saaʼolin mamii tokko malee luboota 85 ajjeese. Gocha hamaa kana erga raawwatee booda, Doʼeeg, dargaggoota, maanguddootaa fi beeyiladoota magaalaa Noob hundumaa balleesseera, akkasumas magaalatti barbadeesseera.—1Sa 22:6-20.
Daawit Faarfannaa 52rratti kan barreesse waaʼee Doʼeeg akka taʼe, ibsa jalqabaa Faarfannichaa irraa hubachuu dandeenya. Akkana jedheera: “Arrabni kee akka haadduu kan qarame dha, hammina ni qopheessa, gowwoomsaas ni raawwata. Wanta gaarii caalaa wanta hamaa, wanta sirrii dubbachuu caalaas sobuu jaallatta. Yaa arraba gowwoomsituu taate nana, ati dubbii nama miidhu hundumaa ni jaallatta!”—Fr 52:2-4.
WAXABAJJII 24-30
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU FAARFANNAA 54-56
Waaqni Si Cina Jira
Waaqayyoon Sodaachuudhaan Ogeeyyii Taʼaa!
10 Yeroo tokko, Daawit baqatee gara magaalaa Gaat bakka dhaloota Goliyaad taateefi mootii Filisxeemotaa kan taʼe Akiishiin geggeeffamtuutti kooluu galee ture. (1 Saamuʼel 21:10-15) Tajaajiltoonni mootichaas Daawit diina sabasaanii akka taʼe dubbachuudhaan isa himatan. Daawit haala sodaachisaa akkasii kana keessatti tarkaanfii akkamii fudhata laata? Wanta garaasaa keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaaf ibse. (Faarfannaa 56:1-4, 11-13) Daawit rakkoo kana jalaa baʼuuf nama maraate of fakkeessuyyuu, carraaqqiisaa eebbisuudhaan kan isa oolchu Yihowaa taʼuusaa beeka ture. Guutummaatti Yihowaatti amanamuunsaa dhugumaan nama Waaqayyoon sodaatu taʼuusaa kan argisiisudha.—Faarfannaa 34:4-6, 9-11.
11 Akkuma Daawit, nutis yeroo rakkoon nurra gaʼutti akka nu gargaaru abdii inni nuu kennetti amanuudhaan Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuu dandeenya. Daawit “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata” jechuudhaan dubbateera. (Faarfannaa 37:5) Kana jechuun garuu, rakkoowwan hundumaa harka Yihowaatti kennuudhaan, wanta gochuun nurra jiru utuu hin godhin furmaata akka nuu kennu eegna jechuu miti. Daawit kadhachuu qofaan harkasaa maratee hin teenye. Humnaafi dandeettii Yihowaan isaaf kennetti fayyadamee, rakkoo isarra gaʼe moʼuu dandaʼeera. Taʼuyyuu, Daawit carraaqqiin namootaa qofti injifannoo akka hin argamsiisne hubatee ture. Nutis kana hubachuu qabna. Wanta gochuu dandeenyu hundaa erga goone booda, isa hafemmoo Yihowaatti dhiisuu qabna. Dhugaadha, yeroo baayʼee Yihowaatti amanamuudhaan alatti wanti gochuu dandeenyu hin jiru taʼa. Yeroon kun dhuguma Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuuf carraa nuu bana. Jecha Daawit: “Waaqayyo warra isa sodaatanitti, yaada isaa isa dhokataa iyyuu in beeksisa” jechuudhaan dubbaterraa jajjabina arganna.—Faarfannaa 25:14.
Wanti Kam Iyyuu ‘Jaalala Waaqayyoo Irraa Gargar Nu hin Baasu’
9 Yihowaan jabaannee dhaabachuu keenyaafis iddoo guddaa kenna. (Maatewos 24:13) Seexanni, Yihowaa irraa akka fagaattu akka barbaadu yaadadhu. Guyyaa guyyaadhaan amanamaa taatee jiraachuun kee, Yihowaan arrabsoo Seexanaatiif deebii akka kennu godha. (Fakkeenya 27:11) Jabaatanii dhaabachuun yeroo tokko tokko salphaa miti. Dhibeen fayyaa, rakkinni dinagdee, dhiphinnii fi rakkinni kan biraan guyyaa guyyaadhaan qorumsa sitti taʼuu dandaʼa. Abdiin lafa irra harkifamus gammachuu si dhabsiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 13:12) Rakkoowwan akkasii keessatti jabaattee dhaabachuun kee Yihowaa biratti gatii guddaa qaba. Daawit Mootichi Yihowaan imimmaan isaa “qalqalloo” keessatti akka walitti isaaf qabu erga gaafatee booda, “inni kitaaba kee keessatti galmeeffameera mitii?” jechuudhaan amanannaa qabu ibseera. (Faarfannaa 56:8) Eeyyee, Yihowaan carraaqqii isaaf amanamoo taʼuuf goonuu wajjin haala wal qabateen, imimmaan dhangalaasnuu fi rakkina dabarsinu hunda ni yaadata; bakka guddaas ni kennaaf. Wantoonni kun Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu.
Jaalalli Sodaa Moʼuuf kan Nu Gargaaru Akkamitti?
16 Seexanni jireenya keenyaaf iddoo guddaa akka kenninu beeka. Haa taʼu malee, inni lubbuudhaan jiraachuuf jennee michummaa Yihowaa wajjin qabnullee aarsaa akka goonu dubbateera. (Iyo. 2:4, 5) Wanti Seexanni dubbate sobadha. Taʼus, inni, “isa duʼa fiduuf humna qabu sana” waan taʼeef, Yihowaa akka dhiisnu gochuuf sodaa uumamaan qabnu kanatti fayyadamuuf yaala. (Ibr. 2:14, 15) Yeroo tokko tokko bakka buutonni Seexanaa amantii isaanii yoo ganuu baatan akka isaan ajjeesan tajaajiltoota Yihowaa sodaachisu. Yeroo kan biraattimmoo, Seexanni ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf dhukkuba cimaa nu mudatetti fayyadamuuf yaala. Ogeeyyiin fayyaa fi miseensonni maatii keenya hin amanne, seera Waaqayyoo cabsinee dhiiga akka fudhannu dhiibbaa nurratti godhu taʼa. Yookiin immoo, namni kan biraan yaalii fayyaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal hin simne akka fudhannu nu amansiisuuf yaala taʼa.
17 Duʼuu kan hin barbaanne taʼus Yihowaan yoo duunellee nu jaallachuu isaa akka itti fufu beekna. (Roomaa 8:37-39 dubbisi.) Yihowaan michoota isaa duʼan akka waan lubbuudhaan jiraniitti yaadata. (Luq. 20:37, 38) Gara jireenyaatti isaan deebisuufis ni hawwa. (Iyo. 14:15) ‘Jireenya bara baraa akka qabaannuuf’ jecha gatii guddaa kaffaleera. (Yoh. 3:16) Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi akka nuuf yaadu beekna. Kanaafuu, yeroo dhukkubsannutti ykn yeroo duʼaaf saaxilamnutti Yihowaarraa fagaachuu mannaa, jajjabina, ogummaa fi cimina argachuuf isatti dhihaanna. Vaalarii fi abbaan manaa ishiis kana godhaniiru.—Far. 41:3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 857-858
Dursanii Beekuu, Dursanii Murteessuu
Gochi gantummaa Yihudaa Asqorotuun raawwate, raajiin Waaqni dubbate raawwii isaa akka argatu taasiseera. Yihowaa fi ilmi isaa wanta tokko dursanii beekuu akka dandaʼanis argisiiseera. (Fr 41:9; 55:12, 13; 109:8; HoE 1:16-20) Garuu Waaqni dursee Yihudaan gantuu akka taʼu murteesseera jechuun hin dandaʼamu. Raajiiwwan dubbataman michuun Yesuus tokko akka isa ganu dubbatu malee, michuun isaa isa ganu eenyu akka taʼu hin dubbatan. Kana malees yaadni, Waaqni gocha Yihudaa dursee murteesseera jedhu qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin walitti buʼa. Phaawulos qajeelfama Waaqayyoo ilaalchisee, “Nama kam irra iyyuu ariifattee harka kee hin kaaʼin; cubbuu namoota kaanii irrattis hin hirmaatin; qulqullummaa kee eeggadhu” jedhee barreesseera. (1Xi 5:22; 3:6 wajjin wal bira qabii ilaali) Yesuus ergamoota isaa 12n filachuu isaa dura halkan guutuu gara Abbaa isaatti kadhannaa dhiheessaa buluunsaa, filannaan inni godhe ogummaarratti kan hundaaʼee fi sirrii taʼuu isaa mirkaneeffachuuf carraaqqii cimaa akka inni godhe argisiisa. (Luq 6:12-16) Yihudaan gantuu akka taʼuuf dursee murteeffameera yoo taʼe, qajeelfama Waaqayyoo wajjin wal faallessaa, akkasumas akka seerichaatti cubbuu namni sun raawwate irratti hirmaachuu taʼa.
Kanaafuu Yihudaan, ergamaa akka taʼuuf yommuu filatametti wanti garaa gantuu akka qabu argisiisu hin jiru. Yihudaan ‘hiddi summaaʼaan keessa isaatti biqiluudhaan’ akka isa mancaasu heyyameera. Kanaan kan kaʼes qajeelfama Waaqayyoo dhiisee, qajeelfama Diyaabilos fudhachuudhaan hattuu fi gantuu taʼeera. (Ibr 12:14, 15; Yoh 13:2; HoE 1:24, 25; Yaq 1:14, 15; YIHUDAA Lakk. 4 [JUDAS No. 4] isa jedhu ilaali.) Ilaalchi dogoggoraa Yihudaan qabu kun sadarkaa taʼe irra yommuu gaʼu, Yesuus garaa isaa dubbisuudhaan gantuu akka inni taʼu dursee dubbateera.—Yoh 13:10, 11.