LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Fulbaana ful. 5-16
  • Fulbaana 16-22

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fulbaana 16-22
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Fulbaana ful. 5-16

FULBAANA 16-22

FAARFANNAA 85-87

Faarfannaa 41 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Daawit Mootichi cimsee kadhachaa jira.

1. Kadhannaan Jabaannee Dhaabbachuuf nu Gargaara

(Daq. 10)

Yihowaan gammachuu akka isiniif kennu gaafadhaa (Fr 86:4)

Yihowaan amanamoo taatanii akka jiraattan akka isin gargaaru gaafadhaa (Fr 86:11, 12; w12 5/15 25 key. 10)

Yihowaan kadhannaa keessaniif deebii akka kennu amanaa (Fr 86:6, 7; w23.05 13 key. 17-18)


AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Yeroo qorumsi narra gaʼu kadhannaa dheeraa irra deddeebiʼee nan dhiheessaa?’ —Fr 86:3.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 86:11—Kadhannaan Daawit, garaa namaa ilaalchisee maal nu hubachiisa? (it-1-E 1058 key. 5)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 86:1–87:7 (th qoʼannaa 12)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 3 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama kanaan dura taateewwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiran akka isa yaaddessan dubbate Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 7 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa 15 qabxii 5. Torbee dhufu ati kan hin jirre taʼus qoʼannaa isaa akkamitti itti fufuu akka dandaʼu barataa keessan waliin mariʼadhaa. (lmd barumsa 10 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 83

7. Abdii hin Kutatin

(Daq. 5) Mareedhaan kan dhihaatu.

VIIDIYICHA taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yeroo tokko tokko tajaajila keenyatti abdii kan kutannu maaliif taʼuu dandaʼa?

  • Abdii kutachuu kan hin qabnehoo maaliifi?

8. Kitaaba Qulqulluu Akka Qoʼatan Affeeruu Keessan Itti Fufaa!

(Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu.

Obboleettiin takka bakka taaksii qabatanitti dubartii tokkoof dhugaa b⁠a⁠ʼaa jirti.
Hiriyoonni ga⁠a⁠ʼelaa lallaba Addabaabayiirra jiran dubartii achiin darbaa jirtu tokkootti Taappeellaa “Kaffaltii Malee Kitaaba Qulqulluu Baradhu” jedhamuu argisiisaa jiru.
Hiriyoonni ga⁠a⁠ʼelaa manaa gara manaatti tajaajilaa jiran tokko, birooshura “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamu dargaggeessa tokkoof kennaa jiru

Duula addaa jiʼa kanatti godhamaa jirurratti birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamuudhaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiistanittuu? Taanaan baayʼee gammaddanii taʼuu qaba! Tarii namoonni kaanis buʼaa argattanitti gammadanii taʼuu dandaʼa. Tarii hanga ammaatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu hin jalqabsiisne taanaanimmoo carraaqqiin keessan gatii akka hin qabne isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Qoʼannaa dhabuun keessan abdii yoo isin kutachiise maal gochuu dandeessu?

DIRAAMAA ‘Obsuudhaan Akka Tajaajiltoota Waaqayyootti Of Dhiheessina’—Yeroo Lallabnu jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Tajaajilli keenya “dhadhaa ibidda buʼe” akka taʼe yoo nutti dhagaʼame 2 Qorontos 6:4, 6 kan nu gargaaru akkamitti?

  • Carraaqqiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf gootan buʼaa akka hin qabne yoo isinitti dhagaʼame sirreeffama akkamii gochuu dandeessu?

Gammachuun keenya baayʼina qoʼannaa jalqabsiisnee ykn geggeessinee irratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadadhaa. Kanaa mannaa Yihowaan carraaqqii nuti goonetti gammaduusaa beekuun keenya nu gammachiisa. (Luq 10:17-20) Kanaafuu “Gooftaa wajjin haala wal qabateen, dadhabbiin keessan gatii kan hin qabne akka hin taane” beekuudhaan duula addaa kanarratti garaa guutuudhaan hirmaachuu keessan itti fufaa!—1Qo 15:58.

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 15 key. 13-14 fi saanduqa ful. 137​rra jiru

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 39 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi