LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb24 Sadaasa ful. 4-5
  • Sadaasa 18-24

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sadaasa 18-24
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2024
mwb24 Sadaasa ful. 4-5

SADAASA 18-24

FAARFANNAA 107-108

Faarfannaa 7 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. ‘Waaqayyo Gaarii Waan Ta’eef Isaaf Galata Galchaa!’

(Daq. 10)

Yihowaan akkuma Israaʼeloota Baabilon jalaa oolche, nuunis addunyaa Seexanaarraa nu oolcha (Fr 107:1, 2; Qol 1:13, 14)

Yihowaadhaaf galata qabaachuun keenya gumii keessatti isa jajachuuf nu kakaasa (Fr 107:31, 32; w07 4/15 20 key. 2)

Hojiiwwan Yihowaan jaalalaan kakaʼee hojjete xiyyeeffannaadhaan qoruun keenya garaa galateeffatu qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa (Fr 107:43; w15 1/15 9 key. 4)

Fakkii: Karaawwan Yihowaa itti jajannu. 1. Obboloonnii fi obboleettonni walgaʼii gumiirratti faarfataa jiru. 2. Obboleessi tokko walgaʼiirratti yaada kennaa jira. 3. Obboleettonni lamaa manaa gara manaa tajaajilaa jiru.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 108:9—Moʼaab “miʼa dhiqannaa” Waaqayyootti fakkeeffamuun isaa maal kan argisiisu taʼuu dandaʼa? (it-2-E 420 key. 4)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fr 107:1-28 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Maree Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 1 qabxii 4)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Qophii Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf goone ibsiif, akkasumas kaardii teessoo qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf gargaaru kenniif. (lmd barumsa 9 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) ijwyp 90—Mata duree: Ilaalcha Sirrii hin Taane Qabaachuu Irraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti? (th qoʼannaa 14)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 46

7. Yihowaa Galateeffachuuf ni Faarfanna

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Yihowaan galaana diimaa biratti Israaʼelota sodaatanii turan raayyaa gibxii warra humna guddaa qabanirraa erga oolchee booda sabichi galateeffannaa qabu ibsuuf faarfateera. (Bau 15:1-19) Faarfannaa haaraa kana faarfachuurratti dursa kan fudhatan dhiirota turan. (Bau 15:21) Yesuusii fi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas faarfannaadhaan Waaqayyoon jajatanii turan. (Mat 26:30; Qol 3:16) Nutis walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan guguddaa fi walgaʼiiwwan naannoorratti faarfachuudhaan dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu ibsuu keenya itti fufna. Fakkeenyaaf, faarfannaan amma faarfannee fi “Yihowaa si Galateeffanna” jedhu, bara 1966 kaasee walgaʼiiwwan irratti faarfatamaa tureera.

Aadaawwan tokko tokko keessatti dhiironni uummata duratti faarfachuu ni qaanaʼu taʼa. Kaanimmoo sagaleen isaanii akka hin bareenne waan isaanitti dhagaʼamuuf faarfachuurraa duubatti jedhu. Haa taʼu malee, walgaʼiiwwan keenyarratti faarfachuun kutaa waaqeffannaa keenya akka taʼe yaadachuu qabna. Jaarmiyaan Yihowaa faarfannaawwan gaggaarii qopheessuu fi tokkoon tokkoon walgaʼii keenyaarratti warra faarfataman filachuurratti carraaqqii guddaa godha. Nuti wanti gochuun nurraa eegamu warra kaanii wajjin taanee jaalalaa fi dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu ibsuudha.

VIIDIYOO Imala Seenaa Keenyaa—Kennaa Faarfannaa, Kutaa 2 jedhu taphachiisi. Achiis akkas jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

    Viidiyoo “Imala Seenaa Keenyaa​—⁠Kennaa Faarfannaa, Kutaa 2” kutamee kan fudhatame. Obboleessi Fireedriik Firaanz Kitaaba “Kitaaba Faarfannaa Tajaajila Mootummichaa” jedhamu beeksisaa jira.
  • Bara 1944​tti taatee iddoo guddaa qabu akkamiitu raawwatame?

  • Viidiyoo “Imala Seenaa Keenyaa​—Kennaa Faarfannaa, Kutaa 2” kutamee kan fudhatame. Obboleessi Saayibeeriyaa jiru tokko faarfannaa obboloonnii fi obboleettonni utuu faarfatanii waraabame gabarii kootii isaa keessa dhoksaa jira.
  • Obboloonni keenya Saayibeeriyaa jiran dinqisiifannaa faarfannaawwan Mootummichaatiif qaban kan ibsan akkamitti ture?

  • Viidiyoo “Imala Seenaa Keenyaa​—⁠Kennaa Faarfannaa, Kutaa 2” kutamee kan fudhatame. Obboloonnii fi obboleettonni walg⁠a⁠ʼii koonyaarratti garee faarfattootaa hordofanii faarfataa jiru.
  • Faarfannaan Dhugaa Baatota Yihowaatiif barbaachisaa kan ture maaliifi?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) bt boq. 18 key. 6-15

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 73 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi