LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr25 Amajjii ful. 1-11
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • AMAJJII 6-12
  • AMAJJII 13-19
  • AMAJJII 20-26
  • Albuuda Hafuuraa
  • AMAJJII 27–GURAANDHALA 2
  • GURAADHALA 3-9
  • GURAANDHALA 10-16
  • GURAANDHALA 17-23
  • GURAANDHALA 24– BITOOTESSA 2
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2025
mwbr25 Amajjii ful. 1-11

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

© 2024 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

AMAJJII 6-12

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAARFANNAA 127-134

Warri, Dhaala Keessan Isa Gatii Guddaa Qabu Kunuunsuu Keessan Itti Fufaa

w21.08 5 key. 9

Iddoo Maatii Yihowaa Keessatti Qabduuf Bakka Guddaa Kenni

9 Yihowaan ilmaan namootaatiif dandeettii ijoollee godhachuu kenneera, akka isa jaallatanii fi akka isa tajaajilan akka isaan barsiisaniifis itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. Warra yoo taatan, kennaa adda taʼe kana ni dinqisiifattuu? Maleekonni Yihowaa irraa eebba guddaa kan argatan taʼus, mirgi kun isaaniif hin kennamne. Namoonni ijoollee guddisan, kana sammuutti qabachuudhaan mirga isaanii kanaaf iddoo guddaa akka kennan argisiisuu qabu. Warri ijoollee isaanii “adabaa fi gorsa Yihowaatiin” akka guddisaniif adaraan isaanitti kennameera. (Efe. 6:4; Kes. 6:5-7; Far. 127:3) Jaarmiyaan Waaqayyoo warra gargaaruuf jecha, meeshaalee Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, kan akka barreeffamoota, viidiyoowwan, muuziqaa fi mata dureewwan intarneetii irratti baʼanii jiran hedduu qopheesseera. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Abbaan keenya inni samiis taʼe Ilmi isaa ijoollee keenya baayʼee jaallatu. (Luq. 18:15-17) Yihowaan yommuu warri isatti amanamanii fi ijoollee isaanii jaallatamoo taʼan kunuunsuuf wanta dandaʼan hundumaa godhan baayʼee gammada. Warri akkas godhan ijoolleen isaanii abdii bara baraaf kutaa maatii Yihowaa taʼanii jiraachuu akka qabaatan isaan gargaaru.

w19.12 27 key. 20

Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa

20 Ijoollee keessan sirriitti beekaa. Faarfannaan 127 ijoollee xiyya wajjin wal fakkeessa. (Faarfannaa 127:4 dubbisi.) Akkuma xiyyawwan wantoota garaa garaa irraa hojjetamanii fi hammi isaaniis adda adda taʼe ijoolleen hundis garaa gara. Kanaafuu warri tokkoon tokkoon ijoollee isaanii akkamitti akka leenjisan murteessuun isaan barbaachisa. Abbaan manaa fi haati manaa Israaʼel harʼaa keessa jiraatanii fi ijoolleen isaanii Yihowaa akka tajaajilan godhanii milkaaʼinaan guddisan tokko wanta isaan gargaare yommuu ibsan, “Tokkoon tokkoon isaanii kopha kophaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisna” jechuudhaan dubbataniiru. Dhugaadha, mataan maatii hundi karaa kanaan qoʼachiisuun barbaachisaa taʼuu isaa ykn kan dandaʼamu taʼuu isaa murteessuu qaba.

Albuuda Hafuuraa

it-1-E 543

Biqiltoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman

Faarfatichi faayidaa namoonni Yihowaa sodaatan argatan amalawwan muka ejersaa wajjin wal bira qabee yeroo ibsu, “Ilmaan kees naannoo maaddii keetti akkuma latiiwwan muka ejersaa ni taʼu” jedheera. (Fr 128:1-3) Muka ejersaa tokko muruun yeroo baayʼee mukti kan biraan akka latu godha. Kana malees, mukeen ejersaa dullooman jala isaaniitiin latuu dandaʼu; kunimmoo jireenyi isaanii akka itti fufu godha. Akkuma latiiwwan kanaa, ijoolleen abbaa isaaniitti marsanii jiran gammachuu maatii isaaniitiif gumaacha gochuu dandaʼu.

AMAJJII 13-19

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAARFANNAA 135-137

“Gooftaan keenya waaqolii kaan hundumaa caalaa guddaa[dha]”

it-2-E 661 key. 4-5

Humna, Hojiiwwan Gurguddaa

Humnoota uumamaa toʼachuun isaa adda isa godha. Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa mirkaneessuuf humnoota uumamaa toʼachuu akka dandaʼu argisiisuu akka qabu beekamaadha; kana gochuun isaas kallattiidhaan maqaa isaa wajjin wal qabata. (Fr 135:5, 6) Aduun, addeessi, pilaaneetonnii fi urjiileen yeroo hundumaa sochii walfakkaataa godhu; (qilleensi naannoo lafaa inni bubbeen, bokkaanii fi inni wantoonni kan biroon akka uumaman godhu) seerawwan isa toʼataniif ni ajajamu, akkasumas hoomaan hawaannisaa fi simbirroonni bakkaa bakkatti ni godaanu; sochiiwwan uumamaa kunii fi kan biroo hedduun mormii fi waaqeffannaa sobaa duratti maqaa waaqayyoo qulqulleessuuf gaʼaa miti.

Haa taʼu malee, Yihowaan waaqummaa isaa mirkaneessuuf humnoonni uumamaa kunii fi elemantoonni kan biroon sochiiwwan kanaan dura godhanirraa adda taʼe yeroo barbaachisaa taʼetti akka raawwatan gochuudhaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf isaanitti fayyadamuu dandaʼa. Hongeen, bokkaa yandoon ykn haalawwan qilleensaa kan biroon uumamuun isaanii waanuma jiru taʼus, wanta Yihowaan dubbate galmaan gaʼuuf yeroo hojiirra oolan adda taʼuu dandaʼu. (1Mo 17:1; 18:1, 2, 41-45 wajjin walbira qabii ilaali) Haa taʼu malee, wantoonni kun isa barame caalaa baayʼinaan haala kanaan dura dhagaʼamee hin beekneen (Bau 9:24) ykn yeroo hin eegamnetti yeroo uumaman ofuma isaaniiyyuu adda taʼuu dandaʼu.—Bau 9:24; 34:10; 1Sa 12:16-18.

w21.11 6 key. 16

Jaalalli Yihowaa Inni Amanamaan Siif Hiika Akkamii Qaba?

16 Yihowaan iddoo kooluu itti gallu yeroo nuuf taʼu tasgabbiitu nutti dhagaʼama. Taʼus, yeroo tokko tokko baayʼee dhiphanna, akkasumas miira akkasii keessaa baʼuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama. Yihowaan yeroo akkasiitti gargaarsa akkamii nuuf godha? (Faarfannaa 136:23 dubbisi.) Irree isaa nu jala kaaʼee suuta jedhee ol nu kaasuudhaan miila keenyaan akka dhaabbannu nu gargaara. (Far. 28:9; 94:18) Kana beekuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Yeroo hundumaa deggersa Waaqayyootti amanamuu akka dandeenyu beekuun keenya, eebbawwan arganne lama nu yaadachiisa. Tokkoffaa, kan jiraannu eessa iyyuu yoo taʼe iddoo amansiisaa kooluu itti gallu qabna. Lammaffaa, Abbaan keenya inni samii inni jaalala qabeessa taʼe baayʼee nuuf yaada.

Albuuda Hafuuraa

it-1-E 1248

Yaah

Maqaa gabaabaan Yaah jedhu yeroo baayʼee jajannaa, faarfannaa, kadhannaa fi wawwaannaa miiraan dhihaatu keessatti itti hojjetameera; maqaan kun yeroo baayʼee mata dureewwan gammachuu, injifannoo fi bilisa baʼuu wajjin walqabatan ykn humna Waaqayyoo ibsan keessatti itti hojjetameera. Fakkeenyonni iddoo maqaan kun itti hojjetame ibsan hedduun jiru. Gaaleen Faarfannaa 104:35​rratti bifa walalootiin ibsamee fi “Yaahiin jajadhaa!” (Halleeluyaah) jedhu ibsawwan Waaqayyoon jajachuuf galanii fi Kitaaba Faarfannaa keessatti ibsaman keessaa isa jalqabaati. Iddoowwan kan birootti jalqaba qofarratti (Fr 111, 112), darbee darbee faarfannicha gidduutti (135:3), yeroo tokko tokko dhumarratti qofa (Fr 104, 105, 115-117), yeroo baayʼeemmoo jalqabaa fi dhumarratti argamuu dandaʼa (Fr 106, 113, 135, 146-150). Kitaaba Mulʼataa keessatti maleekonni Yihowaa jajachuuf irra deddeebiʼanii jecha kanatti fayyadamaniiru.—Mul. 19:1-6.

Dabalataanis jechi “Yaah” jedhu kun jajannaa fi wawwaannaa Yihowaaf dhihaatan keessatti ni argama. Maqaan kun faarfannaa bilisa baʼuu Museen barreesse keessa jira. (Bau 15:2) Isaayyaas immoo kitaaba barreesse keessatti yaadicha jabeessee ibsuuf, “Yaah Yihowaa” jedheera. (Isa 12:2; 26:4) Hisqiyaas immoo dhibee duʼaaf isa saaxilurraa dinqiidhaan erga fayyee booda miira isaa ibsuuf, jecha Yaah jedhutti fayyadameera. (Isa 38:9, 11) Namoonni duʼan Yaahiin jajachuu akka hin dandeenye, warri lubbuudhaan jiran immoo Yaahiin jajachuuf jiraachuu akka qaban ibseera. (Fr 115:17, 18; 118:17-19) Faarfattoonni kaanis bilisa waan baʼaniif, eegumsa waan argataniif, ykn sirreeffamni waan isaanii kennameef dinqisiifannaa qaban kadhannaadhaan yeroo ibsan jecha kanatti fayyadamaniiru.—Fr 94:12; 118:5, 14.

AMAJJII 20-26

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAARFANNAA 138-139

Sodaan Duubatti Akka Si Jechisiisu Hin Heyyamin

w19.01 10 key. 10

Gumii Keessatti Yihowaa Jajadhaa

10 Yaada kennuuf harka kee baasuu yommuu yaaddu hundatti sodaa guddaan sitti dhagaʼamaa? Taanaan akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Dhugaa dubbachuuf baayʼeen keenya yommuu yaada kenninu hamma tokko sodaan nutti dhagaʼama. Kanaafuu, miira humna nama dhabsiisu kana moʼuu kee dura, wanta sodaa keetiif sababa taʼe adda baastee beekuu qabda. Wantan dubbachuu barbaade nan irraanfadha ykn wanta dogoggora taʼen dubbadha jettee sodaattaa? Yaadni ati kennitu akka yaada warra kaanii gaarii hin taʼu jettee dhiphattaa? Dhugaa dubbachuuf sodaan akkasii gaarii taʼuu dandaʼa. Kun nama gad of qabdu akka taatee fi warri kaan akka si caalan gootee akka ilaaltu argisiisa. Yihowaan amala akkasii ni jaallata. (Far. 138:6; Filp. 2:3) Haa taʼu malee, Yihowaan walgaʼii irratti akka isa jajattu akkasumas obbolootaa fi obboleettota kee akka jajjabeessitus ni barbaada. (1 Tas. 5:11) Inni si jaallata akkasumas ija jabina si barbaachisu siif kenna.

w23.04 21 key. 7

Walgaʼiiwwan Gumiirratti Wal Jajjabeessaa

7 Yaada maxxansawwan Masaraa Eegumsaa kanaan dura baʼanirratti ibsame dubbisuun si gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, akka gaariitti qophaaʼi. (Fak. 21:5) Barumsa qoʼatamu akka gaariitti beekuun kee yaada kennuun caalaatti akka siif salphatu godha. Akkasumas, deebii gabaabaa kenni. (Fak. 15:23; 17:27) Deebiin kennitu gabaabaa taʼuun isaa sodaan sitti dhagaʼamu akka hirʼatu godha. Obboloonnis deebii dheeraa yaada hedduu of keessatti qabaterra, deebii gabaabaa hima tokko ykn lama of keessatti qabate hubachuutu isaanitti salphata. Jecha mataa keetiin yaada gabaabaa kennuun kee, akka gaariitti akka qophooftee fi barumsa dhihaatu sirriitti akka hubatte argisiisa.

Albuuda Hafuuraa

it-1-E 862 key. 4

Dhiifama Gochuu

Hunda caalaammoo, Kiristiyaanni tokko namni tokko irra deddeebiʼee yoo isa mufachiisellee dhiifama isaaf gochuu qaba. (Luq 17:3, 4; Efe 4:32; Qol 3:13) Waaqayyo namoota warra kaaniif dhiifama hin gooneef dhiifama hin godhu. (Mat 6:14, 15) Haa taʼu malee, “namni hamaan” tokko cubbuu cimaa raawwatee gumii Kiristiyaanaa keessaa yoo baafamellee garaadhaa yaada yoo geeddarate yeroo booda dhiifamni isaaf godhamuu dandaʼa. Yeroo kanatti obboloonni gumii keessatti argaman hundi akka isa jaallatan ibsuufii dandaʼu. (1Qo 5:13; 2Qo 2:6-11) Haataʼu malee, Kiristiyaanonni nama hamaa taʼe jedhee cubbuu raawwatuu fi yaada hin geeddaranneef dhiifama gochuun isaanirraa hin eegamu. Namoonni akkasii diinota Waaqayyooti.—Ibr 10:26-31; Fr 139:21, 22.

AMAJJII 27–GURAANDHALA 2

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAARFANNAA 140-143

Gargaarsa Argachuuf Erga Kadhattee Booda Wanta Siif Dandaʼame Hunda Godhi

w22.02 12 key. 13-14

“Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”

13 Gorsi jaalala Waaqayyo siif qabu kan argisiisu akka taʼetti ilaali. Yihowaan wanta hunda irra wayyu akka argannu barbaada. (Fak. 4:20-22) Dubbii isaatti, barreeffama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe tokkotti ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokkotti fayyadamee yeroo gorsa nuuf kennu jaalala isaa nuuf ibsaa jira. Akka Ibroonni 12:9, 10 jedhutti, gorsa kan nuuf kennu “faayidaa keenyaaf” jedhee ti.

14 Akkaataa gorsi itti siif kenname irratti utuu hin taʼin, gorsa sana irratti xiyyeeffadhu. Yeroo tokko tokko akkaataan gorsi itti nuuf kenname gaarii akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dha, namni gorsa kennu kam iyyuu karaa fudhachuuf salphatuun kennuuf yaaluu qaba. (Gal. 6:1) Gorsi nuuf kennameera taanaan garuu, akkaataan itti nuuf kenname nu gammachiisuu baatus, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuun keenya gaarii dha. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Akkaataan itti gorsi naaf kenname natti toluu baatus, gorsa naa kenname keessaa wantin hojii irra oolchuu dandaʼu jiraa? Hirʼina nama sanaa irratti utuu hin taʼin, faayidaa gorsi inni naaf kenne qabu irratti xiyyeeffachuu nan dandaʼaa?’ Gorsi nuuf kennamu kam iyyuu akkamitti akka nu fayyadu yaaduun keenya gamnummaa dha.—Fak. 15:31.

w10 3/15 32 key. 4

Yeroo Rakkisaa Taʼe Kanatti ‘Yaada Garaa Qullaaʼaa’ Qabdan Eeggadhaa

Tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko dhiibbaa mormitootaa, rakkina dinagdeefi dhibee fayyaa cimaa taʼeen kan kaʼe abdii kutatu. Al tokko tokko garaansaaniis baayʼee dhiphata. Daawit Mootichillee haalli akkasii waan isarra gaʼeef, “Hafuurri na xinnaatee, garaan koos naʼee in hadoode” jedheera. (Far. 143:4) Haala kana moʼuuf wanti isa gargaare maalidha? Daawit wanta Waaqayyo tajaajiltootasaatiif godhee fi akkaataa inni itti isa fayyise yaadatee ture. Wanta Yihowaan maqaasaa isa guddaaf jecha raawwaterratti xiinxaleera. Daawit hojiiwwan Waaqayyoorratti xiinxaluusaa itti fufeera. (Far. 143:5) Nuyis, Uumaa keenyarratti, wanta inni nuu godheefi gara fuulduraatti nuu godhu hundarratti xiinxaluun keenya yeroo qorumsi nu mudatuttillee nu gargaara.

w15 3/15 32 key. 2

“Nama Amane” Qofa Hiriyaa Gaaʼelaa Godhachuun Yeroo Ammaattis Ni Hojjetaa?

Yeroo tokko tokko atis akkuma Daawit isa “Hafuurri koo wal qaqqabuu dadhabeera, ariifadhuu na jalaa owwaadhu, yaa Waaqayyo! . . . fuula kee achi ana irraa hin qabatin!” jechuudhaan barreessee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. (Far. 143:5-7, 10) Yeroo akkasiitti Abbaan kee inni samii maal akka sii yaadu akka sitti argisiisu yeroo kenniif. Dubbii isaa dubbisuu fi wanta dubbiste irratti xiinxaluudhaan kana gochuu dandeessa. Yoo akkas goote, abboommiiwwan isaa maalfaa akka taʼan beekuu fi wanta inni kanaan dura sabasaatiif godhe hubachuu dandeessa. Kan isa dhaggeeffattu yoo taʼe, isaaf abboomamuun faayidaa kan qabu taʼuu isaa irratti amanannaa qabaatta.

Albuuda Hafuuraa

it-2-E 1151

Summii

Fakkeenyaan Yeroo Ibsamu. Sobnii fi maqa balleessiin namoota gochi kun irratti raawwatamu waan miidhuuf summii bofaa isa nama ajjeesutti fakkeeffameera. (Fr 58:3, 4) Maqa balleessitoota ilaalchisee, “Summiin buutiis afaan isaanii keessa jira” (ykn, “hidhii isaanii duuba jira”) jedhameera; akkuma xannacha summii buutii isa hidhii isaa duuba, mangaagaa isa olii jalatti argamuuti. (Fr 140:3; Rom 3:13) Arrabni nama tokkoo maqaa balleessuuf, hamii fi barumsa sobaa babalʼisuuf ykn dubbii nama miidhu dubbachuuf hojiirra ooleera taanaan ‘summii nama ajjeesuun guutameera’ jechuudha.—Yaq 3:8.

GURAADHALA 3-9

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAARFANNAA 144-146

“Sabni Waaqni Isaa Yihowaa Taʼe Gammadaa Dha!”

w18.04 32 key. 3-4

Gaaffii Dubbistootaa

2. Hubannaan kun, caqasoota Kitaaba Qulqulluu eebba Waaqayyo saba isaa warra amanamoo taʼaniif fidu dubbatan kaan wajjin kan wal simu dha. Faarfannaan kun, Daawit Waaqayyo Israaʼeloota diinota isaanii harkaa erga furee booda gammachuu fi badhaadhina akka isaaniif argamsiisu abdii inni qabu kan argisiisu dha. (Lew. 26:9, 10; Kes. 7:13; Far. 128:1-6) Fakkeenyaaf, Keessa Deebiin 28:4 akkana jedha: “Dhalli keessan, midhaan maasii keessanii, hormaanni horii qeʼee keessanii, jabboonni, xobbaallaanis eebbifamoo in taʼu.” Dhuguma iyyuu, yeroo ilmi Daawit Solomoon bulchaa turetti sabichi nagaa fi badhaadhina guddaa argatee ture. Kana malees, bulchiinsi Solomoon bulchiinsi Masiihichaa maal akka fakkaatu kan argisiisu ture.—1 Mot. 4:20, 21; Far. 72:1-20.

w22.10 28 key. 16-17

Abdii Kee Cimsadhu

16 Abdiin jireenya bara baraa kennaa dinqisiisaa Waaqayyo nuuf kennedha. Gara fuulduraatti yeroo baayʼee dinqisiisaa taʼetu nu eeggata; yeroon kun akka dhufus mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Abdiin keenya inni qofoo dooniitti fakkeeffame qorumsa keessatti jabaannee akka dhaabbannu, ariʼatama akka dandamannuu fi duʼa akka hin sodaanne jabina nuuf kenna. Abdiin keenya baarmeexaa sibiilaattis kan fakkeeffame yeroo taʼu, sammuu keenyaaf eegumsa gochuudhaan wanta dogoggora taʼerraa fagaannee wanta gaariitti akka maxxannu nu gargaara. Abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kun Waaqayyootti dhihaachuu fi jaalalli inni nuuf qabu hammam guddaa akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Abdiin keenya ifaa fi cimaa taʼee akka itti fufu yommuu goonu faayidaa guddaa arganna.

17 Phaawulos ergamaan xalayaa warra Roomaaf barreesserratti, “Abdichatti gammadaa” jedheera. (Rom. 12:12) Phaawulos kan gammade yoo amanamaa taʼee itti fufe samii keessatti jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa waan taʼeefi. Nutis Yihowaan waadaa gale akka eegu mirkanaaʼaa waan taaneef, abdii keenyatti gammaduu ni dandeenya. Faarfatichi akka barreessetti, ‘namni Waaqa isaa Yihowaa abdatu gammadaa dha; inni yeroo hundumaa amanamaa dha.’—Far. 146:5, 6.

w18.01 26 key. 19-20

Jaalala Akkamiitu Gammachuu Dhugaa Argamsiisa?

19 Addunyaan Seexanaa waggoota 6,000f ilmaan namootaa irra rakkina geessisaa ture baduuf jedha. Lafti tun, namoota ofis taʼe maallaqa, akkasumas wantoota isaan gammachiisan garmalee jaallataniin guutamteetti. Namoonni kun, wantoota argachuu dandaʼan irratti garmalee kan xiyyeeffatanii fi hunda caalaa fedhii isaaniitiif dursa kan kennani dha. Namoonni akkanaa yoom iyyuu gammachuu dhugaa hin argatan. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni, Waaqayyo inni kan Yaaqoob gargaarsa isaa taʼeef, abdii isaas Waaqayyo isaa goofticha irra inni kaaʼate haa gammadu!”—Far. 146:5.

20 Jaalalli tajaajiltoonni Yihowaa isaaf qaban dabalaa dhufeera. Namoonni kan biraan Yihowaa beekanii fi isa jaallatan lakkoofsi isaanii waggaa waggaatti dabalaa jira. Kun immoo, Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiruu fi dhiheenyatti eebbawwan baayʼee nama gammachiisan akka fidu ragaa taʼa. Gammachuu dhugaan dhuma hin qabne, fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan, akkasumas isa hundaa ol taʼe gammachiisaa akka jirru beekuudhaan argama. Akkasumas namoonni Yihowaa jaallatan bara baraaf gammadanii jiraatu! Mata duree itti aanu irratti, amalawwan jaalala ofittummaa irratti hundaaʼeen dhufan tokko tokkoo fi amalawwan kun amalawwan tajaajiltoonni Yihowaa qaban irraa adda kan taʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.

Albuuda Hafuuraa

it-1-E 111 key. 9

Bineeldota

Kitaabni Qulqulluun bineeldonni karaa sirrii taʼee fi gara laafinaan qabamuu akka qaban irra deddeebiʼee dubbata. Yihowaan jaalalaan kakaʼee wanta jireenyaa fi nageenya isaaniitiif barbaachisu akka kennu ibseera. (Fak 12:10; Fr 145:15, 16) Seerri Musee beelladoonni kunuunfamuu akka qaban ajaja. Beelladoonni badanii argaman utuu miidhaan irra hin gaʼin, abbaa isaaniitiif deebifamuu qabu turan; baʼaa baatanii yoo kufan baʼaan sun irraa kaafamuu qaba ture. (Bau 23:4, 5) Yeroo hojii hojjetanis gara laafinaan qabamuu qabu. (Kes 22:10; 25:4) Isaanis akkuma namootaa guyyaa Sanbataatti hojiirraa boqochuu qabu. (Bau 20:10; 23:12; Kes 5:14) Beelladoonni balaa geessisan toʼatamuu ykn ajjeefamuu qabu turan. (Uma 9:5; Bau 21:28, 29) Sanyiiwwan garaa garaa walitti diqaalomsuunis dhorkaa ture.—Lew 19:19.

GURAANDHALA 10-16

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAARFANNAA 147-150

Sababa Yihowaa Itti Jajannu Hedduu Qabna

w17.07 18 key. 5-6

“Yaahiin Jajadhaa!”—Maaliif?

5 Yihowaan Israaʼeloota akka sabaatti qofa utuu hin taʼin, tokkoon tokkoon isaanii jajjabeesseera. Yeroo harʼattis haalli isaa wal fakkaata dha. Faarfatichi waaʼee Waaqayyoo, “Inni warra garaan isaanii cabe in fayyisa, madaa isaaniis walitti qabee in hidhaaf” jedhee barreesseera. (Far. 147:3) Eeyyee, Yihowaan namoota karaa qaamaas taʼe karaa miiraa rakkina qaban ni gargaara. Yeroo ammatti Yihowaan nu jajjabeesuu fi madaa karaa miiraatiin qabnu fayyisuuf hawwii guddaa qaba. (Far. 34:18; Isa. 57:15) Ogummaa fi hubannaa waan nuu kennuuf rakkoowwan nu mudatan kam iyyuu dandamachuu ni dandeenya.—Yaq. 1:5.

6 Faarfatichi xiyyeeffannaa isaa gara samii gochuudhaan, Yihowaan ‘Urjoota lakkaaʼee akka kaaʼe,’ akkasumas ‘hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan akka waamu’ dubbateera. (Far. 147:4) Ijoo dubbii isaa waan jijjiiree fakkaachuudhaan waaʼee qaamota samii kan dubbate maaliifi? Mee kana yaadi: Faarfatichi urjoota ija isaatiin arguu dandaʼa; lakkoofsi isaanii hammam akka taʼe garuu waan beeku hin qabu. Waggoota booda urjoonni arguu dandeenyu baayʼee dabalaniiru. Namoonni tokkoo tokkoo gaalaaksii keenya Miilkii Weey jedhamu qofa keessa illee urjiileen biliyoonaan lakkaaʼaman akka jiran yaadu. Akkasumas hawaa keessa gaalaaksiiwwan tiriiliyoonaan lakkaaʼamantu jiraachuu dandaʼu! Namoonni urjoota lakkaaʼanii fixuu hin dandaʼan! Inni Uumaa taʼee garuu hunda isaaniif maqaa adda isaan baasuu kenneeraaf. Kana jechuunis tokkoon tokkoon urjii Yihowaa duratti adda dha. (1 Qor. 15:41) Waaʼee ilmaan namootaa lafa irra jiranii hoo maal jechuutu dandaʼama? Waaqayyoo inni urjoota tokkoon tokkoon isaanii eessa akka jiran beeku, siinis eenyummaa kee ni beeka, jechuunis eessa akka jirtu, maal akka sitti dhagaʼamuu fi wanta yeroo sanaaf si barbaachisu sirriitti beeka!

w17.07 18 key. 7

“Yaahiin Jajadhaa!”—Maaliif?

7 Yihowaan dhuunfaatti kan siif yaadu taʼuu isaa irra iyyuu, rakkina jireenya keessatti si mudatu akka dandamattu si gargaaruuf humnaa fi gara laafina qaba. (Faarfannaa 147:5 dubbisi.) Haalli keessa jirtu baayʼee rakkisaa fi humna keetii ol akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Waaqayyo humna kee ni hubata, ‘biyyoo taʼuu kees ni yaadata.’ (Far. 103:14) Mudaa kan qabnu waan taaneef, dogoggora tokko irruma deddeebinee raawwanna. Akkuma tasaa wanta dogoggoraa dubbachuu keenyaan, fedhiin dogoggoraa waan nutti dhagaʼameef ykn wantoota warri kaan qabanitti goomachuu keenyaan akkam gaabbina! Yihowaan hirʼina akkasii kan hin qabne taʼus, hubannaan inni nuuf qabu hammana kan hin jedhamee fi qoramee kan bira hin gaʼamne dha!—Isa. 40:28.

w17.07 21 key. 18

“Yaahiin Jajadhaa!”—Maaliif?

18 Faarfatichi sabni Waaqayyoo warra durii isa duratti akkamitti fudhatama akka argatan beeka ture. Sabni ‘dubbiin’ Waaqayyoo, ‘seerranni isaa fi wanti isa duratti qajeelaa taʼee fudhatame’ kennameef saba kana qofa dha. (Faarfannaa 147:19, 20 dubbisi.) Yeroo ammaatti, namoota lafa irraa keessaa maqaa Waaqayyootiin kan waamamu nu qofa taʼuu keenyaan eebbifamneerra. Yihowaa beekuunii fi Dubbii isaa isa jireenya keenya keessatti hojjetaa jiru qabaachuu keenyaan, isaa wajjin hariiroo uumuuf mirga arganneerra. Akkuma barreessaa Faarfannaa 147, sagalee keenya guddisnee “Yaahiin jajadhaa!” jechuu fi warri kaanis akkasuma akka godhan isaan jajjabeessuuf sababii gaarii hedduu qabda mitii ree?

Albuuda Hafuuraa

it-1-E 316

Simbirroota

Faarfatichi ‘simbirroonni baallee qaban’ Yihowaa jajachuu akka qaban dubbateera. (Far 148:1, 10) Simbirroonni kana kan godhan boca qaamasaanii fi diizaayinii qaama isaanii isa walxaxaa taʼeenidha. Simbirri tokko baallee 1,000 hanga 20,000 olii qabaachuu dandeessi. Tokkoon tokkoon baalleewwan kanaa waan akka lafee dugdaa kan qaban yommuu taʼu, isarrattis baalleewwan xixinnoo dhibbaan lakkaaʼamantu maxxananii jiru. Baalleewwan xixinnoon kunis baalleewwan xixinnoo kan biraa kan ofirraa qaban yommuu taʼu, waan akka lafee xixinnootiin wal qabatanii jiru. Qoochoon gugee seentiimeetira 15 dheeratu tokko baalleewwan gara kuma dhibbaan lakkaaʼamanii qaba, tokkoon tokkoon baalleewwan kanaammoo baalleewwan xixinnoo miliyoonaan lakkaaʼaman qabu. Akkaataan qoochoonii fi qaamni simbirrootaa itti hojjetu kan xiyyaara ammayyaa caalaa wal xaxaadha taʼus, rakkina tokko malee hojjeta. Lafeen simbirrootaa keessi isaanii duwwaa taʼuunsaa qaamnisaanii akka hin ulfaanne isaan gargaara. Fakkeenyaaf lafeen simbira firgeeti jedhamtuu fi qoochoon ishee gara meetira 2 dheeratuu giraama 110 qofa ulfaata. Lafeen qoochoo allaattota guguddaa ol fagaatanii balaliʼan tokko tokkoo, keessi isaa duwwaa yommuu taʼu, akkuma qoochoo xiyyaaraa lafeewwan bifa rogsadee isa utuban of keessaa qaba.

GURAANDHALA 17-23

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 1

Dargaggootaa—Eenyuun Dhagaʼuu Qabdu?

w17.11 29 key. 16-17

Wanti Kam Iyyuu Badhaasicha Akka Isin Dhabsiisu hin Heyyaminaa

16 Dargaggeessa umurii kurnanii keessa jirtuu fi warri kee Kiristiyaana taʼan karaa dogoggoraa akka si hubatanii fi daangaa akka sitti baayʼisan kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe hoo? Abdii kutachuun kee Yihowaa tajaajiluu irraa dubbatti akka jettu si gochuu dandaʼa. Abdii kutachuun Yihowaa tajaajiluu akka si dhaabsisu yoo heyyamte garuu, utuma baayʼee hin turin warra kee Waaqayyoon sodaatanii fi gumii kee caalaa namni garaadhaa siif yaadu kan biraan akka hin jirre ni hubatta.

17 Warri kee matumaa sirreeffama siif kennanii hin beekan utuu taʼee, dhugumaan siif yaaduu isaanii hin shakkitu turtee? (Ibr. 12:8) Garuu wanti si mufachiise tarii akkaataa warri kee itti si adaban taʼuu dandaʼa. Akkaataa adabni itti siif kenname sana irratti xiinxaluu mannaa, tarii sababii itti haala kanaan si adaban akka qabaatan hubachuuf yaali. Kanaafuu tasgabbaaʼi, akkasumas adaba siif kennametti garmalee aaruu dhiisuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. Dubbiin Waaqayyoo, “Namni beekaan of qusachaa dubbata, namni hubataanis hin banbanu” jedha. (Fak. 17:27) Nama bilchaataa tasgabbiidhaan gorsa fudhatu taʼuuf carraaqi, akkasumas akkaataa adabni itti siif kenname irratti garmalee xiinxaluu mannaa faayidaa irraa argachuuf yaali. (Fak. 1:8) Warra dhugumaan Yihowaa jaallatan qabaachuun eebba dha. Isaan dhugumaan badhaasa jireenyaa akka argattu si gargaaruu barbaadu.

w05-AM 2/15 19-20 key. 11-12

Mallattoon Kiristiyaanummaa Keenya Akka Hin Badne of Haa Eeggannu

11 Nama utuu hin taʼin Waaqayyoon gammachiisuuf carraaqi. Namootaa wajjin taʼuu barbaaduun waanuma jirudha. Namni hundi michuu barbaada, namoota kaan biratti fudhatama argachuun keenyammoo miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godha. Umurii saafelummaattis taʼe waggoota sana booda jiranitti, dhiibbaan hiriyaa waan cimuuf yeroo kanatti dargaggoonni warra kaan gammachiisuu fi isaan fakkaachuuf fedhii guddaa qabaatu. Haa taʼu malee, michoonni keenya yeroo hundumaa nuuf yaadu jechuun hin dandaʼamu. Yeroo tokko tokko wanti isaan barbaadan wanta sirrii hin taane raawwachuuf nama isaan deggeru argachuu qofadha. (Fakkeenya 1:11-19) Kiristiyaanni tokko dhiibbaa hiriyaatiin yeroo moʼamu yeroo baayʼee eenyummaasaa dhoksuuf yaala. (Faarfannaa 26:4) Phaawulos ergamaan “amalli namoota sirna kana keessa jiranii dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa” jechuudhaan nu akeekkachiiseera. (Roomaa 12:2, The Jerusalem Bible) Yihowaan dhiibbaa addunyaa akka fakkaannu nurra gaʼu kamiyyuu akka dandamannu jabina nu barbaachisu nuuf kenna.—Ibroota 13:6.

12 Dhiibbaan alaa nurra gaʼu amala keenya mancaasaa akka jiru yoo nutti dhagaʼame, wanti iddoo guddaa qabu ilaalcha uummataa ykn yaada namoota baayʼee utuu hin taʼin, Waaqayyoof amanamoo taʼuu keenya akka taʼe yaadachuu qabna. Yaadni Baʼuu 23:2​rra jiruu fi “Waan hamaa raawwachuuf namoota hedduu duukaa hin buʼin” jedhu qajeelfama amansiisaa taʼee nu tajaajiluu dandaʼa. Kaaleb Israaʼeloonni baayʼeen dandeettii Yihowaan waadaa gale raawwachuuf qabu yeroo shakkanitti inni ilaalcha namoota baayʼee utuu hin fudhatin hafeera. Waadaan Yihowaan gale akka raawwatamu mirkanaaʼaa ture, kunis eebba hammana hin jedhamne isaaf argamsiiseera. (Lakkoofsa 13:30; Iyyaasuu 14:6-11) Atoo michummaan Waaqayyoo wajjin qabdu akka hin mancaane eeguuf ilaalcha namoota hedduu dandamachuudhaan tarkaanfii akkasii ni fudhattaa?

Albuuda Hafuuraa

it-1-E 846

Gowwaa

Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti itti hojjetametti jechi “gowwaa” jedhu nama sammuu dadhabaa qabu kan argisiisu miti, kanaa mannaa nama ragaa hin fudhannee fi ulaagaa qajeelinaa Waaqayyo baasee wajjin walsimee hin jiraanne argisiisa. Afaan Ibrootaa nama akkasii ibsuuf, jecha garaagaraatti fayyadama. Fakkeenyaaf, keesiil (‘nama gatii hin qabne’; Fak 1:22), ʼeewiilʹ (“nama gowwaa”; Fak 12:15), naavaalʹ (‘nama hubannaa hin qabne’; Fak 17:7), akkasumas leetis (“qoostuu”; Fak 13:1). Jechi Afaan Giriikii afroon jedhu nama “hubannaa hin qabne” (Luq 12:20), annooyitoos nama “cabbaaʼaa” (Gal 3:1), akkasumas mooroos ‘gowwaa’ ykn nama “gowwaa” argisiisa (Mat 23:17; 25:2).

GURAANDHALA 24– BITOOTESSA 2

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 2

Qoʼannaa dhuunfaa godhachuuf fedhii guddaa qabaachuu kan qabdu maaliifi?

w22.08 18 key. 16

“Dhugaa Keessa Deddeebiʼaa”

16 Dubbisuu fi qoʼachuu kan jaallatu hunda keenya miti. Taʼus, Yihowaan dhugaa caalaatti akka hubannuuf ‘barbaaduu keenya akka itti fufnu’ nu affeereera. (Fakkeenya 2:4-6 dubbisi.) Carraaqqii akkasii yommuu goonu faayidaa arganna. Kooreyi qoʼannaa dhuunfaa isaa ilaalchisee yommuu ibsu al takkatti caqasa tokkorratti akka xiyyeeffatu dubbateera. Akkana jedheera: “Miiljalee hunda nan dubbisa, caqasa biratti kenname hunda nan ilaala, akkasumas qorannaa dabalataan godha. . . . Mala kanatti fayyadamee dubbisuu kootti faayidaa guddaa argadheera.” Malli fayyadamnu kanas taʼe kan biraa dhugaa gad fageenyaan beekuuf yeroo kan ramadnuu fi carraaqqii kan goonu yoo taʼe dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabnu mulʼisaa jirra.—Far. 1:1-3.

w22.10 19 key. 3-4

Ogummaa Dhugaan Sagalee Ishii Ol Kaastee Iyyiti

3 Ogummaan dandeettii beekumsatti fayyadamanii murtoo gaarii gochuu argisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, ogummaa dhugaan kana caalaa wanta dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti, Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sana beekuunis hubannaa dha.” (Fak. 9:10) Kanaafuu, yommuu murtoo barbaachisaa taʼe tokko goonu murtoon keenya ilaalcha Yihowaarratti, jechuunis beekumsa “isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe” sanaarratti akka hundaaʼu gochuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanirratti qorannoo gochuudhaani. Yommuu akkas goonu ogummaa dhugaa akka qabnu argisiisna.—Fak. 2:5-7.

4 Ogummaa dhugaa nuuf kennuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. (Rom. 16:27) Yihowaan madda ogummaati kan jennu maaliifi? Tokkoffaa, Uumaa waan taʼeef, waaʼee uumamawwan isaa beekumsaa fi hubannaa daangaa hin qabne qaba. (Far. 104:24) Lammaffaa, gochi Yihowaa hundi ogummaa isaa calaqqisiisa. (Rom. 11:33) Sadaffaa, namoonni gorsa Yihowaa isa ogummaarratti hundaaʼe hojiirra oolchan yeroo hundumaa faayidaa argatu. (Fak. 2:10-12) Ogummaa dhugaa argachuu yoo barbaanne dhugaawwan buʼuuraa kana amannee fudhachuu, akkasumas murtoo fi gocha keenya akka nuuf qajeelchan heyyamuu qabna.

w16.09 23 key. 2-3

Dargaggootaa, Amantii Keessan Cimsadhaa

2 Akka dargaggeessa Yihowaa tajaajilu ykn akka nama waaʼee Isaa barachaa jiru tokkootti, yaada namoota baayʼee biratti fudhatama qabu kan akka, Uumaatti amanuu mannaa jijjiirama tirannaatti amanuu hordofuu akka qabdu sitti dhagaʼamaa? Taanaan, amantii kee cimsachuu fi amantiin kee cimaa taʼe akka itti fufuuf tarkaanfiin fudhachuu dandeessu jira. Tarkaanfiin inni jalqabaa dandeettii yaaduu isa ‘si eeguu’ fi Waaqayyo siif kennetti fayyadamuu dha. Falaasamoota addunyaa amantii kee si jalaa balleessuu dandaʼan irraa si eega.—Fakkeenya 2:10-12 dubbisi.

3 Amantii dhugaan Waaqayyoon ilaalchisee beekumsa sirrii argachuu irratti kan hundaaʼe dha. (1 Xim. 2:4) Kanaaf Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenya yommuu qoʼattan, irra fiiguudhaan hin dubbisinaa. Wanta dubbistan ‘hubachuu’ akka dandeessaniif dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamaa. (Mat. 13:23) Kun amantii Waaqayyo Uumaa taʼuu isaa fi Kitaaba Qulqulluu irratti qabdan cimsuuf akkamitti akka isin gargaaru haa ilaallu; mata dureewwan kana ilaalchisee “ragaa amansiisaa” hedduutu jira.—Ibr. 11:1, miiljalee.

Albuuda Hafuuraa

it-1-E 1211 key. 4

Amanamummaa

Amanamummaan akkasii kan argamu jireenya ofii keessatti amala gaarii argisiisuudhaan utuu hin taʼin, Yihowaa fi humna inni fayyisuuf qaburratti amantii cimaa qabaachuudhaani. (Fr. 25:21) Yihowaan akka ‘gaachanaa’ fi akka “dahoo” taʼuudhaan namoota amanamummaadhaan jiraatan akka eegu waadaa galeera. (Fak. 2:6-8; 10:29; Fr. 41:12) Yeroo hundumaa Yihowaa biratti fudhatama argachuuf carraaquun isaanii jireenya tasgabbii qabu jiraachuu fi daandii qajeelaa galmasaanii irra gaʼuuf isaan gargaaru hordofuuf isaan dandeessisa. (Fr. 26:1-3; Fak. 11:5; 28:18) Akkuma Iyyoob yeroo dhiphatee turetti hubate, bulchiinsa hamootaatiin kan kaʼe, namni balleessaa hin qabne rakkachuu fi hamootaa wajjin duʼuu dandaʼa. Taʼus Yihowaan jireenya nama balleessaa hin qabnee akka beeku mirkaneesseera. Akkasumas namni akkasii dhaallisaa akka itti fufu, egereen isaa naga qabeessa akka taʼuu fi wanta gaarii akka argatu waadaa galeera. (Iyo. 9:20-22; Fr. 37:18, 19, 37; 84:11; Fak. 28:10) Akkuma haala Iyyoob irraa hubannu namni tokko gatii akka qabaatuu fi kabaja akka argatu kan godhu amanamummaa isaati malee qabeenya isaa miti. (Fak. 19:1; 28:6) Ijoolleen warra akkasii qabaachuuf mirga argatan gammadoo akka taʼan (Fak 20:7), fakkeenya abbaa isaaniirraa dhaala gatii guddaa qabu akka argatan, akkasumas maqaa gaarii fi kabaja inni argaterraa akka hirmaatan ibsamaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi