Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
CAAMSAA 5-11
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 12
Jabaatanii Hojjechuun Nama Kiisa
Amala Almaazii Caalaa Gatii Guddaa Qabu
Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko wanta isaan barbaachisu argachuun baayʼee isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus, amanamummaa isaanii hirʼisanii salphaatti rakkina keessaa baʼuu mannaa, ciminaan hojjechuuf carraaqqii godhu. Kanaan kan kaʼes, qabeenya kam iyyuu caalaa amanamummaa dabalatee amalawwan Waaqayyoo warra hunda irra caalaniif iddoo guddaa akka kennan argisiisu—Fak. 12:24; Efe. 4:28.
w15-AM 2/1 5 key. 4-6
Jabaatanii Hojjechuun Gammachuu kan Argamsiisu Akkamitti?
Hojii keenyarraa caalaatti gammachuu argachuu kan dandeenyu warra kaan akkamitti akka fayyadu yommuu hubannu waan taʼeef, keessumaa gaaffii dhumaarratti yaaduun keenya gaariidha. Yesuusiyyuu, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera. (Hojii Ergamootaa 20:35) Jabaannee hojjechuun keenya maamiltootaa fi hojjettoota kallattiidhaan hojii keenyarraa faayidaa argataniin alattis namoota fayyadu qaba. Kunimmoo miseensota maatii keenyaa fi namoota gargaarsi isaan barbaachisu dabalata.
Miseensota maatii keenyaa. Mataan maatii tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuuf jabaatee hojjechuunsaa yoo xinnaate karaa lamaan isaan gargaara. Tokkoffaa, wantoota buʼuuraa kan akka nyaataa, uffannaa fi mana jireenyaa akka qabaatan godha. Akkas yommuu godhu ‘miseensota maatiisaatiif wanta barbaachisu dhiheessuudhaan’ itti gaafatamummaa Waaqayyo isaaf kenne baʼa. (1 Ximotewos 5:8) Lammaffaa, jabaatee hojjechuunsaa miseensonni maatiisaa barbaachisummaa jabaatanii hojjechuun qabu akka baratan godha. Sheen inni mata duree darberratti caqasame akkana jedheera: “Abbaan koo jabaatanii hojjechuurratti fakkeenya guddaa naa taʼa. Inni nama amanamaa umuriisaa guutuu jabaatee hojjetedha; anaaxii taʼee yeroo dheeraa hojjeteera. Wanta isaan fayyadu hojjetanii namootaaf kennuun hammam akka nama fayyadu isarraa baradheera.”
Warra gargaarsa barbaadan kaan. Phaawulos ergamaan ‘nama rakkateef wanta kennan akka qabaataniif harka isaaniitiin jabaatanii hojii gaarii akka hojjetan’ Kiristiyaanota gorseera. (Efesoon 4:28) Wanta nuufis taʼe maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf jabaannee yommuu hojjennu warra kaan gargaaruufis carraa argachuu dandeenya. (Fakkeenya 3:27) Kanaafuu, jabaannee hojjechuun keenya gammachuu kennuudhaan argamu nuuf argamsiisa.
Albuuda Hafuuraa
ijwyp mata duree 95 key. 10-11
Hammamin Cimina Qaba?
● Rakkinni si mudate hangam ulfaataa akka taʼe madaaluu baradhu. Rakkoowwan xixinnoo fi guguddaa addaan baasii beeki. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan aarii isaa yeruma sana ibsa, Namni abshaalli garuu arrabsoo tuffatee bira darba” jedha. (Fakkeenya 12:16) Rakkinni xinnoon waan si irra gaʼeef qofa gar malee gadduu hin qabdu.
“Mana barumsaatti, ijoolleen waaʼee rakkoowwan xixinnoo gar malee arbeessanii dubbatu. Hiriyoonni isaanii weebsaayitii hawaasaa irratti yommuu wal harkaa fuudhanii afarsanitti immoo isaanitti caalaa; kun immoo rakkinichi hangam akka taʼe madaaluun akka isaanitti ulfaatu godha.”—Jooʼaan.
CAAMSAA 12-18
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 13
‘Ibsaa Hamootaatiin’ hin Gowwoomfaminaa
it-2-E 196 key. 2-3
Ibsaa
Fakkeenyota kan biroo. Wanti namni tokko daandiinsaa akka ifu akka isaaf godhutti yaadu ibsaatti fakkeeffameera. Kitaabni Fakkeenyaa nama qajeelaa fi nama hamaa wal bira qabee yeroo ibsu, “Ifni qajeelotaa akka gaariitti ni ifa, ibsaan hamootaa garuu ni dhaama” jedha. (Fak 13:9) Ifni qajeelotaa caalaatti ifuusaa ittuma fufa; ibsaan hamootaa garuu akka gaariitti kan ifu fakkaatus, daandiinsaaniis gaarii fakkaatee mulʼatus Waaqayyo garuu dhumnisaanii dukkana akka taʼuu fi miillisaanii akka gufatu beeka. Nama abbaa fi haadhasaa abaarurra wanta akkasiitu gaʼa.—Fak 20:20.
Yaanni, “Ibsaan isaa ni dhaama” jedhu namni sun abdii akka hin qabnes ni argisiisa. Fakkeenyi kan biraan, “Namni hamaan hundi egereen isaa gaarii hin taʼu; ibsaan hamootaas ni dhaama” jedha.—Fak 24:20.
Waaqa Birmadummaa Namaa Kennu Tajaajilaa
3 Seexanni ergamoota hedduu dabaltee namoonni mudaa hin qabne lama olaantummaa Waaqayyo akka tuffatan gochuu erga dandaʼee, nuunis gowwoomsuu dandaʼa. Malli inni itti fayyadamu isa kanaan duraa wajjin kan wal fakkaatudha. Seerri Waaqayyoo baʼaa ulfaataa akka taʼeefi gammachuu kan nama dhabsiisu goonee akka yaannu nu amansiisuuf yaala. (1 Yoh. 5:3) Yeroo baayʼee ilaalcha akkasiitiif yoo saaxilamne dhiibbaa guddaa nurraan gaʼuu dandaʼa. Shamarreen umrii waggaa 24 ejja raawwatte tokko, “Hiriyoota koorraa ilaalcha adda taʼe qabaachuu baayʼee waanan sodaadhuuf michoomni gadheen dhiibbaa guddaa narraan gaʼee ture” jetteetti. Tarii atis hiriyoonnikee dhiibbaa akkasii sirraan gaʼanii beeku taʼa.
w04-AM 7/15 31 key. 6
“Namni Abshaalli Beekumsaan Hojjeta”
Namni of eeggataa fi qajeelaa taʼe beekumsa dhugaadhaan waan hojjetuuf ni eebbifama. Solomoon, “Namni qajeelaan ni nyaata, fedhii nyaataa isaas ni guuttata, garaan nama hamaa garuu duwwaa dha” jedheera. (Fakkeenya 13:25) Yihowaan maatii keenya, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu, tajaajila keenya ykn adaba nuuf kennamu dabalatee kallattii jireenya keenyaa hundumaarratti wanta nuuf wayyu beeka. Gorsa Dubbiisaa keessatti argamu hojiirra oolchuun jireenya hundarra wayyu jiraachuuf akka nu gargaaru hin shakkisiisu.
Albuuda Hafuuraa
‘Mataan Dhiira Hundumaa Kiristoosi Dha’
Barumsa argannu. Mataan maatii tokko waan hundumaa jaalalaan kakaʼee gochuu qaba. Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa [ykn maatii isaa] isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jechuudhaan deebii isaa kenneera. (1 Yoh. 4:11, 20) Keessumaa dhiirri maatii isaa jaallatuu fi fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu barbaadu tokko wanta karaa hafuuraa, miiraa fi qaamaa maatii isaatiif barbaachisu ni guuta. (1 Xim. 5:8) Ijoollee isaa ni leenjisa, adabas isaaniif ni kenna. Murtoo Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi maatii isaa fayyadu akkamitti akka godhu barachuu isaas itti fufa. Mee wantoota kana tokko tokkoon haa qorru, akkasumas mataan maatii fakkeenya Yihowaa fi Yesuus akkamitti hordofuu akka dandaʼu haa ilaallu.
CAAMSAA 19-25
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 14
Yeroo Balaan Uumamutti Tarkaanfii Fudhattanirratti Of Eeggannoodhaan Yaadaa
Jireenya Isa Kennaa Waaqayyoo Taʼe Dinqisiifadhu
10 Yeroo tokko tokko haalawwan balaa geessisan akka hin uumamne gochuu hin dandeenyu. Keessumaa balaan uumamaa, weerarri dhibee fi jeequmsi akka hin uumamne gochuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, rakkinni akkasii yeroo uumamutti ajaja naannoo keenya dhiisnee akka deemnu nuuf kennamuu fi qajeelfamoota kan biroo abbootiin taayitaa nuuf kennaniif ajajamuudhaan nageenya keenya eeggachuu fi balaa gaʼu hirʼisuuf yaaluu dandeenya. (Rom. 13:1, 5-7) Balaan tokko tokko gaʼuu isaa dura beekuun waan dandaʼamuuf, qajeelfama abbootiin taayitaa nuuf kennan hojiirra oolchuudhaan qophaaʼuu dandeenya. Fakkeenyaaf, bishaanii fi nyaata hin badne, akkasumas wantoota yaalii fayyaa jalqabaatiif taʼan qabaachuun kee gaariidha.
11 Naannoo keenyatti dhukkubni daddarbaan yoo kaʼe maal gochuu qabna? Irra deddeebinee harka keenya dhiqachuu, fageenya keenya eeggachuu, maaskii godhachuu fi warra kaanirraa adda of baasuu dabalatee qajeelfama mootummaan nuuf kennuuf ajajamuu qabna. Akkas yoo goone jireenya Waaqayyo nuuf kenneef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna.
12 Yeroo balaan uumamutti michoota keenya, olloota keenyaa fi miidiyaarraa odeeffannoo dogoggoraa dhagaʼuu dandeenya. “Wanta dubbatamu hundumaa” amanuu mannaa, odeeffannoo amansiisaa mootummaanii fi dhaabbileen fayyaa kennan hordofuun keenya gaariidha. (Fakkeenya 14:15 dubbisi.) Qaamni Olaanaanii fi waajjiroonni damee walgaʼiiwwan gumii fi hojii lallabaa ilaalchisee qajeelfama kennuu isaanii dura odeeffannoo sirrii taʼe argachuuf carraaqqii godhu. (Ibr. 13:17) Qajeelfama kana hojiirra oolchuudhaan ofii keenyas taʼe warra kaan balaarraa eeguu dandeenya. Namoonni naannoo sanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatanis gumaacha goona.—1 Phe. 2:12.
Akkuma Saadoq Ija Jabeeyyii Taʼaa
11 Haala balaadhaaf nama saaxilu keessatti obboloota keenya akka gargaarru yoo gaafatamne akkuma Saadoq ija jabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti? (1) Qajeelfama hordofi. Haala akkasii keessatti tokkummaa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Qajeelfama waajjirri damee kennu hordofi. (Ibr. 13:17) Jaarsoliin yeroo hunda balaadhaaf qophaaʼuu fi yeroo balaatti wanta gochuu qaban ilaalchisee qajeelfamoota kennaman irra deebiʼanii ilaaluu qabu. (1 Qor. 14:33, 40) (2) Ija jabeessa, garuummoo of eeggataa taʼi. (Fak. 22:3) Tarkaanfii fudhachuu kee dura irratti yaadi. Utuu hin barbaachisin wanta balaadhaaf si saaxilu hin godhin. (3) Yihowaatti amanami. Yihowaan nageenyi kees taʼe kan obboloota keetii akka isa yaaddessu yaadadhu. Utuu balaadhaaf of hin saaxilin obboloota kee akka gargaartu si gargaaruu dandaʼa.
Albuuda Hafuuraa
it-2-E 1094
Dandeettii Yaaduu
Haa taʼu malee, namni dhugumaan dandeettii yaaduusaatti fayyadamu jibbamuus ni dandaʼa. Kunimmoo yaada Fakkeenya 14:17 fi miiljalee isaarratti ibsame wajjin wal sima; caqasichi, “Namni dandeettii yaaduu qabu . . . ni jibbama” jedha. Namoonni sammuusaaniitti sirriitti fayyadaman yeroo baayʼee namoota dandeettii yaaduusaaniitti sirriitti hin fayyadamne biratti fudhatama hin argatan. Akkasumas, namoonni fedhii Waaqayyoo raawwachuuf sammuusaaniitti fayyadaman akka jibbaman beekamaadha. Yesuus Kiristoos, “Anatu addunyaa keessaa isin filate malee, isin kutaa addunyaa waan hin taaneef, addunyaan isin jibba” jedheera. (Yoh 15:19) Dhugaadha, yaanni Fakkeenya 14:17 irratti “dandeettii yaaduu” jedhamee hiikame yaada hamaa qabaachuus argisiisuu dandaʼa. Kanaafuu, caqasni kun hiika namni hammeenya karoorfatu ni jibbama jedhus qabaachuu dandaʼa; hiikkaawwan tokko tokko, “Namni hameenya karoorfatu ni jibbama” jedhu.—JP, Ro.
CAAMSAA 26–WAXABAJJII 1
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 15
Warri Kaan Garaa Gammade Akka Qabaatan Gargaaraa
Amanamummaadhaan ni Deddeebina!
16 Iyoob nama keessummoota simatu ture. (Iyo. 31:31, 32) Sooressoota taʼuu baannus, gorsa “Keessummoota simachuutti dhimmaa!” jedhu hordofuu dandeenya. (Rom. 12:13) ‘Lafa jibbi jiruu, cooma sangaa nyaachuu irra, lafa jaalalli jiruu, raafuu nyaachuu akka wayyu’ yaadachuudhaan, nyaata xinnoo qabnu warra kaaniif hiruu dandeenya. (Fak. 15:17) Haala jaalalaan guutame keessatti, obboloota keenya amanamoo taʼanii wajjin nyaata salphaa taʼe nyaachuunillee, nyaatichi gammachiisaa akka taʼuufi haallisaa karaa hafuuraa kan nama jajjabeessu akka taʼu gochuu dandaʼa.
“Caalaatti” wal Jajjabeessaa
16 Namaa wajjin salphaatti walii galuu waan hin dandeenyeef warra kaan jajjabeessuu hin dandeenyu jennee kan yaannu yoo taʼe dogoggora dha. Madda jajjabinaa taʼuun carraaqqii guddaa kan gaafatu miti; tarii yeroo nama tokko nagaa gaafannutti seequun keenya qofti gaʼaa taʼuu dandaʼa. Innis deebisee yoo seequu baate, kun rakkinni tokko akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa; kanaafuu yeroo kanatti nama sana dhaggeeffachuun qofti jajjabina isaaf kennuu dandaʼa.—Yaq. 1:19.
17 Obboleessi dargaggeessi Heenarii jedhamu abbaa isaa isa jaarsa kabajamaa ture dabalatee firoonni isaa dhugaa yeroo dhiisanitti baayʼee dhiphatee ture. Heenariin ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko buna isa afeeruuf gara kaaffeetti isa geessuudhaan wanta garaa isaa keessa jiru akka dubbatu carraa isaaf kennuu isaatiin jajjabina argateera. Heenariin maatiin isaa gara dhugaatti akka deebiʼan gargaaruu kan dandaʼu amanamummaa isaa eegee yoo jiraate qofa akka taʼe hubateera. Faarfannaa 46, Sefaaniyaa 3:17 fi Maarqos 10:29, 30 dubbisuu isaatiin jajjabina guddaa argateera.
18 Fakkeenya Maartaa fi Heenarii irraa akka hubannutti, nutis obboleessa ykn obboleettii jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu ni dandeenya. Solomoon Mootichi, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu maal maal baʼeessa! Fuulli ifaan nama gammachiisa, oduun gaariin lafee namaa in cimsa” jedhee barreesseera. (Fak. 15:23, 30) Kana malees, namni abdii kutate tokko Masaraa Eegumsaa ykn weebsaayitii keenya irraa dubbisuun isaa isa jajjabeessuu dandaʼa. Phaawulos faarfannaa Mootummichaa waliin faarfachuun madda jajjabinaa taʼuu akka dandaʼu ibseera. “Faarfannaadhaan, galateeffannaa Waaqayyoof dhihaatuun, faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamuun wal barsiisuu fi wal jajjabeessuu keessan itti fufaa; garaa keessanittis Yihowaa faarfadhaa” jedhee barreesseera.—Qol. 3:16; HoE. 16:25.
Albuuda Hafuuraa
Kiristiyaanni Tokko Yaalii Fayyaa Fudhachuu ni Dandaʼaa?
2. Filannaa isa lammaffaa moo isa sadaffaa naa wayya? Keessumaa haalli keessa jirtu cimaadha taanaan yaanni ‘gorsitoonni hedduun’ kennan baayʼee si fayyaduu dandaʼa.—Fakkeenya 15:22.
WAXABAJJII 2-8
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 16
Gaaffilee Murtoo Gaarii Gochuuf Gargaaran Sadii
Umrii Dargaggummaatti Filannaa Ogummaarratti Hundaaʼe Gochuu
11 Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. (Fak. 16:20) Baaruk inni barreessaa Ermiyaas ture yeroo taʼe tokkotti, Yihowaa tajaajiluutti gammaduu hin dandeenye ture. Kanaan kan kaʼes Yihowaan, “Ati immoo ofii keetii . . . wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin! Iddoo dhaqxu hundumaatti garuu miliqxee lubbuu kee akka oolfattu nan godha” isaan jedhee ture. (Er. 45:3, 5) Atoo maal sitti fakkaata? Baarukiif gammachuu kan argamsiisu, wanta guddaa argachuuf fedhuumoo tajaajilaa Waaqayyoo amanamaa taʼuudhaan badiisa Yerusaalemirra gaʼu jalaa ooluu ture?—Yaq. 1:12.
12 Obboloota warra kaan tajaajiluudhaan gammachuu argatan keessaa tokko Raamiiroodha. Obboleessi kun akkas jedheera: “Kanan guddadhe maatii harka qalleeyyii taʼaniifi mandara Gaarreen Aandiis keessa jiraatan keessattidha. Obboleessikoo inni angafaa yunivarsiitii galee akkan baradhu qarshii akka naa kaffalu yommuu natti himu kun anaaf carraa guddaa ture. Yeruma kanattimmoo, qajeelchaan tokko magaalaa xinnoo tokko keessatti isaa wajjin akkan tajaajilu na afeere. Yaanni kun lamaan yommuu naaf dhihaatetti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee reefuu cuuphamuukoo ture. Qajeelchaa sanaa wajjin tajaajiluuf bakka sana kanan dhaqe yommuu taʼu, akka itti rifeensa sirreessan nan baradhe; achiis of dandaʼee jiraachuuf mana rifeensaan banadhe. Namoonni baayʼeen Macaafa Qulqulluu akka baratan yommuu isaan afeerru gammachuudhaan fudhatu. Yeroo booda, gumii haaraa afaan dhalootaa kootiin geggeeffamu keessatti tajaajiluun jalqabe. Amma tajaajila yeroo guutuu ergan jalqabee waggaa kudhan guuteera. Namoonni afaan dhalootaasaaniitiin misiraachicha akka dhagaʼan gargaaruu caalaa hojiin gammachuu anaaf argamsiisu hin jiru.”
Jijjiirama Gootaniittuu?
AKKAATAAN guddinaa ykn haalli naannoo hunduma keenyarratti dhiibbaa cimaa godheera. Akkaataa uffannaa mataa keenyaa qabna, nyaata gosa addaddaa filanna, akkasumas amala addaddaa qabna. Maaliif? Sababiisaa keessaa muraasni, namoonni naannoo keenya jiran dhiibbaa waan nurraan ga’aniifi jireenya keenya keessatti haalawwan tokko tokko waan nu mudataniifidha.
2 Haata’u malee, wantoonni nyaata filannu ykn akkaataa uffannaa keenya caalaa barbaachisaa taʼan jiru. Fakkeenyaaf, wantoonni tokko tokko sirriifi fudhatama kan qaban, kaanimmoo dogoggoraafi fudhatama kan hin qabne akka taʼanitti akka ilaallu godhamnee guddanne taʼa. Wantoonni akkasii filannaa dhuunfaa si’a taʼan, kunis namaa gara namaatti garaagaradha. Filannaan keenya ilaalcha wanta tokkoof qabnu kan mulʼisu taʼuu danda’a. Macaafni Qulqulluun, yeroo baayʼee ‘warri seericha hin qabne [“saboonni biyya lafaa,” NW] uumama isaaniitiin waan seerichi isaanirraa barbaadu akka hojjetan’ dubbata. (Rom. 2:14) Kana jechuun garuu, dhimma tokko ilaalchisee seerri kallattiidhaan Waaqayyo biraa nuuf kennamne yeroo hin jirretti, akkaataa guddinaa keenya ykn haala naannoo keenyatti baramaa taʼe hordofuu ni dandeenya jechuudhaa?
3 Yoo xinnaate sababiiwwan lamaan kan kaʼe Kiristiyaanonni haala kana hordofuu hin qaban. Sababa isa tokkoffaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, “Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa duʼaa ti” jechuudhaan nu yaadachiisa. (Fak. 16:25) Cubbuu kan dhaallee waan taaneef, dandeettii guutuu karaa qajeelaan isa kam akka taʼe addaan baasnee beekuuf nu gargaaru hin qabnu. (Fak. 28:26; Er. 10:23) Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun amalaafi akkaataa jireenyaa namoota biyya lafaa kan mancaasuufi kan toʼatu, Seexana isa ‘waaqayyicha bara siʼanaa’ akka taʼe ibsa. (2 Qor. 4:4; 1 Yoh. 5:19) Kanaafuu, eebba Yihowaa, akkasumas isa duratti fudhatama argachuu yoo barbaanne, gorsa Roomaa 12:2rratti nuu kenname hojiirra oolchuu qabna.—Dubbisi.
Albuuda Hafuuraa
it-1-E 629
Adaba
Faayidaa Fudhachuun Argamsiisuu fi Miidhaa Diduun Geessisu. Hamoonni, gowwoonnii fi namoonni gatii hin qabne adaba Yihowaa fudhachuu diduudhaan adabicha akka jibban argisiisu. (Fr 50:16, 17; Fak 1:7) Gochi gowwummaa akkasii adabbii dabalataa geessisa; adabbiin kunis yeroo baayʼee isa duraarra ni hammaata. Kitaabni Fakkeenyaa, “Gowwoonni . . . gowwummaa isaaniitiin ni adabamu” jedha. (Fak 16:22) Namoonni akkasii hiyyummaa, salphinaa fi dhibee ofitti fiduu, darbees umuriisaanii gabaabsuu dandaʼu. Seenaan Israaʼelotaa miidhaa gochi gowwummaa qabu sirriitti ibsa. Israaʼelonni gorsaa fi sirreeffama karaa raajotaa isaaniif kennameef xiyyeeffannaa hin kennine. Gorsa Yihowaa waan hin fudhanneef eegumsaa fi eebbasaa utuu hin argatin hafaniiru. Dhumarrattis, adabbii cimaan raajiidhaan dubbatame isaanirra gaʼeera, jechuunis weeraramuu fi boojiʼamuu dandaʼaniiru.—Er 2:30; 5:3; 7:28; 17:23; 32:33; Hos 7:12-16; 10:10; Sef 3:2.
WAXABAJJII 9-15
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 17
Gaaʼela Keessan Keessatti Nagaa Qabaadhaa
g-AM 9/14 11 key. 2
Haaloo Qabachuu Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Haqaan of qori. Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko ‘dafanii akka aaranii’ fi ‘dheekkamsa akka jaallatan’ dubbata. (Fakkeenya 29:22) Ati nama akkasiitii? Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Aariin koo dafee narraa hin galuu? Dafeen mufadhaa? Dhimmoota sasalphaa taʼan nan arbeessaa?’ Kitaabni Qulqulluun, ‘Namni dhimma tokko irra deddeebiʼee dubbatu michoota walitti dhihaatan gargar baasa’ jedha. (Fakkeenya 17:9; Lallaba 7:9) Haalli akkasii gaaʼela keessattis uumamuu dandaʼa. Kanaaf, haaloo qabachuuf kan qoramtu yoo taʼe, ‘Caalaatti hiriyaa gaaʼelaa kootiif obsuu nan dandaʼaa?’ jedhii of gaafadhu.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: 1 Pheexiros 4:8.
w08-AM 5/1 ful. 10 key. 6–ful. 11 key. 1
Rakkina Furuu
1. Dhimmicharratti haasaʼuuf yeroo ramadaa. “Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba, . . . calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba.” (Lallaba 3:1, 7) Falmii olitti ibsamerraa hubachuun akkuma dandaʼamutti rakkinni tokko tokko miira cimaa nu keessatti uumuu dandaʼa. Haalli akkasii yoo uumame, aariidhaan finiinuu kee dura of toʼachuudhaan dhimmicha yeroodhaaf dhaabuuf, jechuunis ‘calluma jechuuf’ yaali. Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Lola kaasuun akkuma hidha bishaanii cabsuu ti; lolli kaʼuu isaa dura bakka sanaa deemi” jedhu yoo hojiirra oolchite michummaan warra kaanii wajjin qabdu hin badu.—Fakkeenya 17:14.
Haa taʼu malee, “dubbachuunis yeroo qaba.” Rakkoowwan tokko tokko bakkuma jiranitti yoo dhiifaman akkuma aramaatti babalʼachuu dandaʼu. Kanaafuu, dhimmi tokko akkasumatti irraanfatama jettanii callistanii hin dhiisinaa. Dhimma tokko dhiisuuf yoo murteessitan, yeroo gabaabaa keessatti dhimmicharratti haasaʼuuf yeroo ramaduudhaan hiriyaa gaaʼelaa keessan akka kabajjan argisiisaa. Akkas gochuun keessan gorsa Kitaaba Qulqulluu, “Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin” jedhu hojiirra oolchuuf isin gargaara. (Efesoon 4:26) Yeroo ramaddan sanas dabarsuu hin qabdan.
Albuuda Hafuuraa
it-1-E 790 key. 2
Ija
Mallattoon namni tokko ijasaatiin argisiisu miira nama sanaa sirriitti ibsuu dandaʼa. Gara laafina akka qabu ykn akka hin qabne argisiisuu dandaʼa (Kes 19:13); namoonni tokko tokko tuffiidhaan ykn shira yaadanii ‘ijasaaniitiin ni dubbatu.’ (Fr 35:19; Fak 6:13; 16:30) Namni dhimma tokkoof xiyyeeffannaa kennuu hin barbaanne ykn namni namaaf waa gochuu hin barbaanne ijasaa akka dunuunfatutti ilaalamuu dandaʼa. (Mat 13:15; Fak 28:27) Namni gowwaan ijjisaa wanta tokkorratti akka xiyyeeffatu, jechuunis yaannisaa iddoo tokko akka taʼu gochuu mannaa, “hamma handaara lafaatti” asii fi achi akka jooru heyyama. (Fak 17:24) Fayyaa, ciminaa fi gammachuu nama tokkoollee ijasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (1Sa 14:27-29; Kes 34:7; Iyo 17:7; Fr 6:7; 88:9) Yoshaafaax Mootichi Yihowaadhaan, “Ijji keenya gara kee ni ilaala” jedheera.—2Se 20:12.
WAXABAJJII 16-22
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 18
Warra Dhukkubaa Wajjin Walʼaansoo Gochaa Jiran Jajjabeessaa
Ogummaa Dhugaan Sagalee Ishii Ol Kaastee Iyyiti
17 Dubbachuu kee dura irratti yaadi. Of hin eeggannu taanaan, wanta dubbannuun miidhaa guddaa geessisuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatamu akkuma goraadee nama waraana, arrabni ogeessotaa garuu nama fayyisa.” (Fak. 12:18) Dogoggora warri kaan raawwatan namoota kaanitti himuudhaan babalʼisuurraa yommuu of qusannu nagaa uumna. (Fak. 20:19) Wanti dubbannu warra kaan kan miidhu utuu hin taʼin, kan ijaaru akka taʼu gochuuf, garaa keenya beekumsa Dubbii Waaqayyootiin guutuu qabna. (Luq. 6:45) Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhurratti yoomuu xiinxallu, wanti dubbannu ‘burqaa ogummaa’ warra kaan haaromsu taʼa.—Fak. 18:4.
mrt mata duree 19 saanduqa
Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
Akka gaariitti dhaggeeffadhu. Karaa gaariin michuu kee sirriitti gargaaruu itti dandeessu tokko yeroo dubbachuu barbaadutti isa dhaggeeffachuudha. Wanta inni dubbatu hundaaf deebii kennuu akka qabdu sitti hin dhagaʼamin. Yeroo baayʼee dhaggeeffachuun kee qofti ni gaʼa. Ilaalcha balʼaa qabaadhu, isatti hin murteessin. Keessumaa dhukkubnisaa wanta alaan mulʼatu miti taanaan miirri isatti dhagaʼamu akka siif galetti hin yaadin.—Fakkeenya 11:2.
Yaada isa jajjabeessu dubbadhu. Yeroo wanta dubbattu wallaaltuttillee jechoota haalasaa akka isaaf hubatte argisiisan muraasa dubbachuun kee qoftillee baayʼee isa jajjabeessuu dandaʼa. Wanta dubbattu yoo wallaalte jecha salphaa garuummoo garaadhaa madde dubbachuuf yaali; fakkeenyaaf, “Maal akkan siin jedhu hin beeku, garuummoo garaadhaan siif yaada” isaan jechuu dandeessa. “Haalli kee hammaachaa deemuu dandaʼa” ykn “Yoo xinnaate ati . . . hin qabdu” akka isaan hin jenne of eeggadhu.
Waaʼee dhukkuba michuun kee qabuu beekuuf yaaluudhaan akka isaaf yaaddu argisiisuu dandeessa. Innis carraaqqii wanta isarra gaʼaa jiru beekuuf gootu dinqisiifachuu dandaʼa, yaanni ati kennitus caalaatti kan isa fayyadu taʼa. (Fakkeenya 18:13) Haa taʼu malee, gorsa barbaachisaa hin taane akka hin kennine of eeggadhu.
Gargaarsa qabatamaa isaaf godhi. Maal akka isa gargaartu akka beektutti yaaduu mannaa maal isaaf gochuu akka dandeessu isa gaafadhu. Haa taʼu malee, baʼaa sitti taʼuu waan hin barbaanneef, gargaarsi akka isa hin barbaachisne dubbachuu akka dandaʼus yaadadhu. Akkas taanaan, gargaarsa qabatamaa kan akka gabaa isaaf dhaquu, mana qulqulleessuu ykn wantoota kan biroo jiran isaaf gochuu akka dandeessu yaada isaaf dhiheessi.—Galaatiyaa 6:2.
Abdii hin kutatin. Michuun kee dhukkubasaatiin kan kaʼe yeroo tokko tokko beellama sii wajjin qabate haquu ykn sii wajjin haasaʼuuf fedhii dhabuu dandaʼa. Obsa qabaadhu, akkasumas miirasaa isaaf hubadhu. Gargaarsa isa barbaachisu isaaf gochuu kee itti fufi.—Fakkeenya 18:24.
wp23.1 ful. 14 key. 3–ful. 15 key. 1
Namoota Dhibee Sammuu Qaban Gargaaruu
‘Warra dhiphatan jajjabeessaa.’—1 TASALONQEE 5:14.
Michuun kee baayʼee dhiphatee ykn gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Maal jechuu akka qabdu yeroo hin beeknettillee, akka isaaf yaaddu argisiisuudhaan isa jajjabeessuu dandeessa.
“Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa.”—FAKKEENYA 17:17.
Gargaarsa qabatamaa isaaf godhi. Akkamitti akka isa gargaartu akka beektu yaaduu mannaa gargaarsa akkamii akka barbaadu isa gaafadhu. Michuun kee wanta isa barbaachisu ibsuun kan isa rakkisu yoo taʼe, isa faana wanta isa fayyadu tokko gochuu akka dandeessu isaaf ibsuuf yaali; fakkeenyaaf, waliin taatanii miilaan deemuu akka dandeessan itti himi. Yookiinimmoo gabaa dhaquu, mana qulqulleessuu fi hojii kan biraa hojjechuurratti isa gargaaruu akka dandeessu itti himuu dandeessa.—Galaatiyaa 6:2.
‘Obsa argisiisi.’—1 TASALONQEE 5:14.
Michuun kee yeroo hunda haasaʼuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandaʼa. Yeroo inni dubbachuu barbaadutti isa dhaggeeffachuuf qophaaʼaa akka taate isaaf mirkaneessi. Dhibee isaatiin kan kaʼe wanta si gaddisiisu dubbachuu ykn raawwachuu dandaʼa. Beellama si wajjin qabate haquu ykn dafee aaruu dandaʼa. Gargaarsa isa barbaachisu yeroo isaaf gootu obsa qabaadhu, akkasumas miira isaa isaaf hubadhu.—Fakkeenya 18:24.
Albuuda Hafuuraa
it-2-E 271-272
Carraa, 1
Bara duriitti carraa buusuun gaaffii ykn dhimma tokko murteessuuf fayyada ture. Carraan kan buufamu dhagoota ykn mukkeen xixiqqoo walitti qabanii huccuu ykn miʼa keessatti raasuudhaan ture. Achiis isa lafa buʼe ykn isa keessaa fudhametu filatama. Carraan kan buufamu akkuma yeroo kakatamu godhamu kadhannaan erga dhihaatee booda ture; kadhannaan kan dhihaatu Yihowaan gidduu akka galu argisiisuuf ykn gaafachuuf ture. Carraan (Afaan Ibrootaatiin, gooraal) kallattiidhaanis taʼe fakkeenyaan yeroo itti hojjetamu yaada “qooda” ykn “gaʼee” jedhu dabarsa.—Iya 15:1; Fr 16:5; 125:3; Isa 57:6; Er 13:25.
Faayidaasaa. Fakkeenyi 16:33, “Carraan gudeeda irratti buufama, wanti karaa isaa murteeffamu hundi garuu Yihowaa biraa dhufa” jedha. Israaʼel durii keessatti carraan karaa sirrii taʼeen yommuu buufamu falmiin akka dhaabbatu godha; “carraa buusuun falmiin akka xumuramu godha, namoota cimsanii wal morkatan gidduuttis murtii kenna.” (Fak 18:18) Carraan ispoortiif, taphaaf ykn qumaaraaf hojiirra hin oolu ture. Wal dorgomuun ykn maallaqa qabsiisuun, jechuunis moʼamuun ykn moʼuun hin jiru ture. Mana qulqullummaaf ykn lubootaaf qabeenya argamsiisuuf ykn tola ooltummaadhaaf hojiirra hin oolu ture. Kanarraa haala adda taʼeen, akkuma Faarfannaa 22:18 irratti raajiidhaan dubbatametti loltoonni Roomaa ofittummaadhaan kakaʼanii uffata Yesuusirratti carraa buufataniiru.—Mat 27:35.
WAXABAJJII 23-29
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 19
Obboloota Keessaniif Michuu Dhugaa Taʼaa
Jaalala Waliif Qabnu Cimsachuu Keenya Itti haa Fufnu
16 Dadhabina obboloonni kee qabanirratti utuu hin taʼin amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffadhu. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Obboloota muraasa wajjin yeroo dabarsaa akka jirtu godhii yaadi. Yeroo gaarii erga waliin dabarsitanii booda dhumarratti suuraa wajjin kaʼuuf yaadde. Suuraan inni jalqabaa gaarii taʼuu dhiisuu waan dandaʼuuf, maalumaafuu suuraa sadii kaaste. Kanaafuu, amma suuraa sadii qabda. Suuraa isa tokkorratti garuu obboleessi tokko nyaara guuree akka jiru hubatte. Maarree, suuraa kana maal goota? Suuraa obboleessa sana dabalatee hundi keessaniyyuu seeqxanii kaatan kan biraa lama waan qabduuf suuraa sana ni balleessite.
17 Mee ammammoo suuraa filatte sana wanta yaadachuu barbaannu wajjin wal bira haa qabnu. Yeroo baayʼee yeroo obboloota keenya wajjin dabarsine yaadachuun nu gammachiisa. Haa taʼu malee, yeroowwan akkasii keessaa isa tokkorratti obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta nu mufachiisu dubbatanii ykn raawwatanii taʼuu dandaʼa. Maarree, maal gochuu qabna? Akkuma suuraa gaarii hin taane sana balleessinutti yaadannoo gaarii hin taane kanas sammuu keenya keessaa balleessuuf yaaluu hin qabnuu? (Fak. 19:11; Efe. 4:32) Yeroo nama sana wajjin dabarsine ilaalchisee wanta gaarii yaadannu hedduu waan qabnuuf, balleessaa xinnoo raawwate sana irraanfachuu ni dandeenya. Yaadannoowwan akkasiitiif iddoo guddaa waan kenninuuf sammuu keenya keessaa balleessuu hin barbaannu.
Jaalala Kee Guddifadhu
10 Nutis karaa obbolootaa fi obboleettota keenya gargaaruu itti dandeenyu ni barbaaddanna. (Ibr. 13:16) Mee muuxannoo Aanaa ishii mata duree darberratti ibsamtee haa ilaallu. Balaan obomboleettii cimaan erga gaʼee booda ishiinii fi abbaan manaa ishii maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan tokko gaafachuuf mana isaanii dhaqanii turan; baaxiin mana maatii sanaa obomboleettiidhaan miidhamee ture. Kanaafuu, uffata qulqulluu hin qaban turan. Aanaan akkana jetteetti: “Uffata isaanii fuunee erga miiccinee booda, tokkosneefii dadachaasnee isaaniif deebisne. Kun nuuf hojii salphaa ture; taʼus, michummaa cimaa hamma yoonaatti itti fufe horachuuf nu dandeessiseera.” Aanaa fi abbaan manaa ishii jaalalli obbolootaa fi obboleettota isaaniitiif qaban gargaarsa qabatamaa isaaniif gochuuf isaan kakaaseera.—1 Yoh. 3:17, 18.
11 Warri kaan jaalalaa fi gaarummaa yeroo isaanitti argisiisnu, yaadaa fi gocha keenyaan fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqqii goonu ni hubatu. Gaarummaa isaanitti argisiisnus isa yaannu caalaa ni dinqisiifatu. Kahaan ishiin olitti ibsamte waaʼee obboloota ishii gargaaranii yeroo yaaddu gammachuu guddaatu ishiitti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Obboleettota jaallatamoo tajaajila na fuudhanii baʼan hundumaa baayʼeen galateeffadha. Mana dhufanii na fudhatu, wanta nyaatamu na affeeru, akkasumas manatti na deebisu turan. Akkas gochuun carraaqqii guddaa akka gaafatu hubadheera. Jaalalaan kakaʼanii na gargaaraa turan.” Dhugaadha, wanta isaaniif gooneef kan nu galateeffatan namoota hunda miti. Kahaan waaʼee obboloota ishii gargaaranii yeroo dubbattu akkana jetteetti: “Gaarummaa guddaa natti argisiisaniif oolmaa isaanii utuun deebisee natti tola; taʼus bakka isaan jiraatan hin beeku. Yihowaan garuu beeka; kanaafuu, oolmaa isaanii akka isaaniif deebisu nan kadhadha.” Wanti Kahaan dubbatte dhugaadha. Yihowaan baayʼee xinnoo yoo taʼellee wanta gaarii namootaaf goonu ni hubata. Yihowaan gaarummaa akkasii akka aarsaa gatii guddaa qabuuttii fi akka waan isaaf liqeessineetti ilaala.—Fakkeenya 19:17 dubbisi.
Jaalala Amanamaa Walitti Argisiisuu Keessan Itti Fufaa
6 Namni dhaabbata tokko keessatti waggoota hedduudhaaf hojjete, hojjetaa amanamaa akka taʼetti ilaalama. Haa taʼu malee, waggoottan kana keessatti abbaa qabeenyichaa wajjin wal argee hin beeku taʼa. Yeroo tokko tokko immoo qajeelfamni dhaabbatichi kennu isa hin amansiisu taʼa. Dhaabbaticha kan hin jaallanne taʼus, hojii qarshii isaaf argamsiisu qabaachuu isaatti ni gammada. Iddoo biraatii hojii kana irra wayyu hamma hin argannettii fi hanga sooroma baʼutti dhaabbata sana keessatti hojjechuu isaa itti fufa.
7 Wanti amanamummaa isa keeyyata 6 irratti ibsamee fi jaalala amanamaa gargar godhu kakaʼumsa nama sanaa ti. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara duriitti turan jaalala amanamaa argisiisuuf maaltu isaan kakaase? Namoonni jaalala amanamaa argisiisan, amala kana kan argisiisan waan isaan irraa eegamuuf utuu hin taʼin, argisiisuu waan barbaadaniifi. Mee seenaa Daawit haa ilaallu. Abbaan Yonaataan Daawitiin ajjeesuu kan barbaadu taʼus, Daawit michuu isaa Yonaataanitti jaalala amanamaa argisiisuuf kakaʼeera. Yonaataan erga duʼee waggoota hedduu booda illee Daawit ilma isaa Mefibosheetitti jaalala amanamaa argisiisuudhaan Yonaataanitti jaalala amanamaa argisiisuu isaa itti fufeera.—1 Sam. 20:9, 14, 15; 2 Sam. 4:4; 8:15; 9:1, 6, 7.
Albuuda Hafuuraa
it-1-E 515
Gorsa, Gorsaa
Yihowaan ogummaa gita hin qabne qaba. Gorsi eenyuuyyuu kan isa hin barbaachisne isa qofadha. (Isa 40:13; Rom 11:34) Yesuus gorsaa fi hafuura Abbaasaa waan argateef “Gorsaa Dinqii” qajeelfama kennuu dandaʼu taʼeera. (Isa 9:6; 11:2; Yoh 5:19, 30) Kun gorsi tokko buʼa qabeessa akka taʼuuf Yihowaa tilmaama keessa galchuun barbaachisaa akka taʼe addeessa. Gorsi isa Hundaa Olii mormu kamiyyuu gatii hin qabu.—Fak 19:21; 21:30.
WAXABAJJII 30–ADOOLESSA 6
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 20
Wal Qorachuurratti Milkaaʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Milkaaʼinaan Wal Qorachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
3 Wal qorachuun gammachiisaa taʼus, tarkaanfii barbaachisaa gara gaaʼelaatti geessuu dandaʼudha. Namoonni wal qorachaa turan guyyaa cidha isaaniitti hamma lubbuudhaan jiranitti wal jaallachuu fi wal kabajuuf Yihowaa duratti kakuu galu. Kakuu akkamiiyyuu galuu keenya dura dhimmicharratti of eeggannoodhaan yaaduu qabna. (Fakkeenya 20:25 dubbisi.) Kakuu gaaʼelaa yeroo gallus akkasuma gochuu qabna. Namoonni lama wal qorachuunsaanii caalaatti akka wal beekanii fi murtoo gaarii akka godhan isaan gargaara. Yeroo tokko tokko murtoon isaan godhan gaaʼela dhaabbachuu taʼuu dandaʼa; yeroo tokko tokkommoo walitti dhufeenyasaanii addaan kutuu taʼuu dandaʼa. Namoonni wal qorachaa turan yoo gargar baʼan dogoggora raawwataniiru jechuu miti. Kanaa mannaa, kaayyoo itti wal qorachaa turan galmaan gaʼaniiru jechuudha; wal qorachuunsaanii murtoo gaarii gochuuf isaan gargaareera.
4 Wal qorachuu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namoonni qeenxee taʼan ilaalcha sirrii yoo qabaatan nama hiriyaa gaaʼelaasaanii akka taʼu hin barbaanne wajjin wal qorachuu hin jalqaban. Ilaalcha sirrii qabaachuu kan qaban garuu namoota qeenxee taʼan qofa miti. Hundi keenyayyuu wal qorachuudhaaf ilaalcha sirrii qabaachuu qabna. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko namoonni wal qorachaa jiran dirqama gaaʼela dhaabbachuu qabu jedhanii yaadu. Ilaalchi kun Kiristiyaanota qeenxee taʼanirratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Obboleettii qeenxeen Meliisaa jedhamtuu fi Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu akkana jetteetti: “Dhugaa Baatota wal qorachaa jiranirra dhiibbaa hedduutu gaʼa. Kanaan kan kaʼes namoonni wal qorachaa turan tokko tokko akka waliif hin taane utuma beekanii hariiroo isaanii addaan kutuu ni sodaatu. Kiristiyaanonni qeenxee taʼan kaanimmoo wal qorachuurraa of qusatu. Dhiibbaan akkasii dhiphina guddaa namatti fida.”
Nama Hiriyaa Gaaʼelaa Siif Taʼu Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
8 Nama tokko malaan beekuuf yaaluu kan dandeessu akkamitti? Walgaʼii gumiirratti ykn yeroo waliin taatanii yeroo dabarsitanitti wantoota haala hafuuraa nama sanaa, eenyummaasaa fi amalootasaa argisiisan hubachuu dandeessa. Michoonnisaa eenyufaʼi? Waaʼee maalii haasaʼuu jaallata? (Luq. 6:45) Galmisaa galma kee wajjin tokkodhaa? Jaarsolii gumiisaa ykn Kiristiyaanota bilchina qabanii fi sirriitti isa beekan kan biroo haasofsiisuu dandeessa. (Fak. 20:18) Maqaa akkamii akka qabuu fi waaʼee amalootasaa isaan gaafachuu dandeessa. (Rut. 2:11) Malaan waaʼeesaa beekuuf yeroo yaaltu wanta isa dhiphisu akka hin goone of eeggadhu. Miirasaa isaaf kabaji, yeroo hunda isa hordofuuf hin yaalin.
Milkaaʼinaan Wal Qorachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
7 Eenyummaa nama sanaa isa dhugaa beekuu kan dandeessan akkamitti? Karaa gaariin inni tokko iftoominaa fi amanamummaadhaan waliin haasaʼuu, akkasumas gaaffii gaafachuu fi sirriitti dhaggeeffachuudha. (Fak. 20:5; Yaq. 1:19) Sochiiwwan waliin haasaʼuuf isin gargaaran kanneen akka waliin nyaachuu, bakka namoonni baayʼatanitti miilaan deemuu fi waliin tajaajiluu jiranirratti hirmaachuun keessan kana gochuuf isin gargaaruu dandaʼa. Yeroo michootaa fi maatii keessan wajjin taatanittis waaʼee walii keessanii caalaatti baruu dandeessu. Kana malees, sochiiwwan namni wajjin wal qorachaa jirtan sun haalawwan garaagaraa keessattii fi namoota garaagaraa wajjin yeroo taʼutti amaloota akkamii akka argisiisu hubachuuf isin gargaaranirratti hirmaachuuf karoora baafadhaa. Wanta Aashwiin inni Neezarlaandi keessa jiraatu godhe hubadhaa. Yeroo Aliishiyaa wajjin wal qorachaa turanitti wanta godhan yeroo ibsu akkana jedheera: “Sochiiwwan waaʼee walii keenyaa caalaatti beekuuf nu gargaaranirratti hirmaachuuf yaallee turre. Yeroo baayʼee sochiiwwan kun wantoota sasalphaa kan akka nyaata waliin qopheessuu ykn hojii mana keessaa waliin hojjechuu taʼuu dandaʼu. Sochiiwwan akkasiirratti yeroo hirmaannu ciminaa fi dadhabina walii keenyaa hubachuu dandeenyeerra.”
8 Wantoota hafuuraa waliin qoʼachuudhaanis caalaatti wal beekuu dandeessu. Gaaʼela yoo dhaabbattan Waaqayyo gaaʼela keessan keessatti iddoo guddaa akka qabaatuuf waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramaduu qabdu. (Lal. 4:12) Kanaafuu, amma yeroo wal qorattanitti waliin qoʼachuuf maaliif sagantaa hin baafattan? Dhugaadha, namoonni wal qorachaa jiran maatii hin taane; obboleessi sunis mataa obboleettii qorachaa jiru sanaa hin taane. Taʼus, yeroo hunda waliin qoʼachuudhaan haala hafuuraa walii keessanii beekuu dandeessu. Hiriyoonni gaaʼelaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatanii fi Maaksii fi Layiisaa jedhaman akkas gochuudhaan faayidaa kan biraas argataniiru. Maaksi akkana jedheera: “Akkuma wal qorachuu jalqabneen barreeffamoota waaʼee wal qorachuu, gaaʼelaa fi jireenya maatii ibsan waliin qoʼachuu jalqabne. Barreeffamoonni kun dhimmoota barbaachisoo ofii keenyaan kaasuun nutti ulfaatu hedduurratti mariʼachuuf carraa nuuf baneera.”
Albuuda Hafuuraa
it-2-E 196 key. 7
Ibsaa
Akka Fakkeenya 20:27 irratti ibsametti, “hafuurri namni baafatu ibsaa Yihowaa ti, keessa namichaa akka gaariitti ni qora.” “Hafuurri namni” tokko baafatu, jechuunis wanti inni dubbatu, gaariis taʼe hamaa eenyummaasaa isa keessaa ifatti mulʼisa.—HoE 9:1 wajjin wal bira qabi.