Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
ADOOLESSA 7-13
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 21
Qajeelfamoota Ogummaarratti Hundaaʼanii fi Gaaʼelaaf Gammachuu Argamsiisan
Milkaaʼinaan Wal Qorachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
13 Yeroo hammamiitiif wal qorachuu qabdu? Ariifatanii murteessuun yeroo baayʼee miidhaa qaba. (Fak. 21:5) Kanaafuu, yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan akka gaariitti wal beekuuf kan isin dandeessisu taʼuu qaba. Garuu utuu hin barbaachisin yeroo wal qorachuudhaan dabarsitan dheeressuu hin qabdan. Kitaabni Qulqulluunis, “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa” jedha. (Fak. 13:12) Kana malees, yeroon wal qorachuudhaan dabarsitan hammuma dheerate fedhii saalaa keessan toʼachuun caalaatti isinitti ulfaachuu dandaʼa. (1 Qor. 7:9) Wal qorachuudhaan yeroo hammamii akka dabarsitanirratti xiyyeeffachuu mannaa, ‘Murtoo gochuuf waaʼee nama sanaa ammayyuu wanti beekuun na barbaachisu jiraa?’ jettanii of gaafachuu dandeessu.
Hamma Yaaduu Qabdan Caalaa Waaʼee Ofii Keessanii hin Yaadinaa
3 Yihowaan gaaʼela kan hundeesse, abbaa manaa fi haadha manaatiif madda gammachuu akka taʼuufi. Taʼus, hundi keenya iyyuu mudaa kan qabnu waan taaneef, walitti buʼuun keenya hin oolu taʼa. Siruma iyyuu, Phaawulos warri gaaʼela godhatan hamma tokko rakkinni akka isaan irra gaʼu akka eegan barreesseera. (1 Qor. 7:28) Namoonni tokko tokko yeroo hunda hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin wal falmu, akkasumas nuti namoota waliif taanu hin turre jedhanii yaadu. Addunyaan dhiibbaa isaan irratti gochaa jira yoo taʼe immoo, furmaanni isaa wal hiikuu akka taʼe yaadu. Ofii isaanii qofa irratti xiyyeeffatu, akkasumas gammachuu argachuu kan dandaʼan yoo wal hiikan qofa akka taʼe yaadu.
4 Gaaʼelli keenya milkaaʼina akka hin qabne goonee yaadu irraa fagaachuu qabna. Akka Kitaaba Qulqulluutti wal hiikuuf sababa kan taʼu ejja qofa akka taʼe beekna. (Mat. 5:32) Kanaafuu, yommuu rakkinni Phaawulos waaʼee isaa barreesse nu mudatu, of tuuluun, ‘Gaaʼelli kun fedhiiwwan koo naaf guutaa jiraa? Jaalalan argachuu qabu argachaan jiraa? Nama kan biraa wajjin yoon gaaʼela godhadhe gammachuu kana caalu nan argadhaa?’ jennee yaaduu akka jalqabnu akka nu taasisu heyyamuu hin qabnu. Gaaffiiwwan kunneen keessatti kan xiyyeeffatame of irratti akka taʼe hubadhaa. Ogummaan addunyaa wanta garaan keessan jedhu akka hordoftanii fi gaaʼela keessan diiguu yoo taʼe illee, wanta isin gammachiisu akka gootan isinitti hima. Ogummaan Waaqayyoo, ‘faayidaa warra kaaniis malee, faayidaa ofii keenyaa qofa yaaduu’ akka hin qabne dubbata. (Filp. 2:4) Yihowaan gaaʼela keessan akka diigdan utuu hin taʼin, akka oolchitan isin irraa barbaada. (Mat. 19:6) Inni ofii keessan utuu hin taʼin, jalqaba isa akka yaaddan barbaada.
5 Abbaan manaa fi haati manaa jaalalaa fi kabaja walitti argisiisu qabu. (Efesoon 5:33 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluu fudhachuu irra kennuu irratti akka xiyyeeffannu nu barsiisa. (HoE. 20:35) Hiriyoonni gaaʼelaa jaalalaa fi kabaja akka walitti argisiisan amala kamtu isaan gargaara? Deebiin isaa gad of qabuu kan jedhu dha. Abbaan manaa fi haati manaa gad of qaban, faayidaa ofii isaanii utuu hin taʼin, faayidaa “nama kaanii” barbaadu.—1 Qor. 10:24.
“Haadha Manaa Qeerrummaa Keetii Wajjin Gammadi!”
13 Akkaataa hiriyoonni gaaʼelaa itti wal qabaniin kan kaʼe jireenyi gaaʼelaa dhiphinaan kan guutame yoo taʼehoo? Furmaata argachuun carraaqqii guddaa gaafata. Fakkeenyaaf, jecha gadhee walitti dubbachuun kan barame taʼee, walitti dhufeenyisaaniis kanaan beekama taʼa. (Fakkeenya 12:18) Mataduree darberratti akkuma baranne, amalli akkasii badiisa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu tokko akkas jedha: “Dubartii qoccoltuu fi aartuu wajjin jiraachuu irra, lafa onaa keessa jiraachuu wayya.” (Fakkeenya 21:19) Haadha manaa gaaʼela akkasii qabdu yoo taate akkas jedhii of gaafadhu: ‘Amallikoo abbaan manaakoo anaa wajjin taʼuu akka jibbu kan godhudhaa?’ Macaafni Qulqulluun abbootii manaatiin, “Haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!” jedha. (Qolosaayis 3:19) Abbaa manaa yoo taatemmoo, ‘Jaalala isheedhaaf dhabuudhaan, haati manakoo gammachuu argachuuf bakka biraa akka dhaqxu gochaan jiraa?’ jedhii of gaafadhu. Waan fedhe yoo taʼe, ejja raawwachuuf wanti sababii taʼu hin jiru. Haataʼu malee, wanti gaddisiisaan akkasii uumamuu akka dandaʼu amanuun, dhimmasaarratti ifatti mariʼachuuf sababii taʼa.
Albuuda Hafuuraa
w05-AM 1/15 17 key. 9
Mulʼanni Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Ibsu Dhugaa Taʼe
9 Yesuus, amma nama ilmoo harree irra taaʼee deemu utuu hin taʼin, Mootii humna guddaa qabudha. Farda gulufaa akka jirutti ibsameera; Fardimmoo Kitaaba Qulqulluu keessatti waraana argisiisa. (Fakkeenya 21:31) Mulʼanni 6:2 akkana jedha, “kunoo, fardi adiin tokko jira ture; inni isa irra taaʼes iddaa qaba ture; gonfoon isaaf ni kenname, innis injifachaa fi injifannoo isaa xumuruuf baʼe.” Dabalataanis, Daawit faarfatichi, Yesuusiin ilaalchisee akkana jedhee barreesseera, “Yihowaan, ‘Diinota kee gidduutti bulchi’ jedhee, ulee mootii aangoo kee argisiisu Xiyoon keessaa ni hiixata.”—Faarfannaa 110:2.
ADOOLESSA 14-20
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 22
Qajeelfamoota Ogummaarratti Hundaaʼanii fi Ijoollee Guddisuuf Gargaaran
Ijoolleen Keessan Yommuu Guddatan Waaqayyoon ni Tajaajiluu?
7 Hiriyoota gaaʼelaa ijoollee godhachuu barbaaddan yoo taatan akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Nuti namoota gad of qabanii fi Yihowaa fi Dubbii isaa jaallatanidhaa? Daaʼima gatii guddaa qabu akka kunuunsinuuf Yihowaan nu filataa?’ (Far. 127:3, 4) Warra yoo taatan immoo akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Barbaachisummaa jabaatanii hojjechuu ijoollee koo barsiisaan jiraa?’ (Lal. 3:12, 13) ‘Balaa karaa qaamaa fi naamusaa addunyaa Seexanaa keessatti ijoollee koo mudachuu dandaʼu irraa isaan eeguuf wanta naaf dandaʼame hunda gochaan jiraa?’ (Fak. 22:3) Rakkina isaan mudatu hundumaa irraa ijoollee keenya eeguu hin dandeenyu. Kana gochuun wanta hin dandaʼamne dha. Haa taʼu malee, gorsa argachuuf Dubbii Waaqayyotti akkamitti akka fayyadaman barsiisuudhaan, suutuma suutaa fi jaalalaan rakkoowwan jireenya keessatti isaan mudataniif qopheessuu ni dandeessu. (Fakkeenya 2:1-6 dubbisi) Fakkeenyaaf, firri tokko waaqeffannaa dhugaa dhiisuuf yoo filate, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa Dubbii Waaqayyoo irraa akka baratan ijoollee keessan gargaaraa. (Far. 31:23) Yookiin namni jaallatan tokko yoo duʼe, gadda isaanii dandamachuu fi nagaa argachuuf Dubbii Waaqayyootti akkamitti akka fayyadaman isaanitti argisiisaa.—2 Qor. 1:3, 4; 2 Xim. 3:16.
Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa
17 Hamma dandaʼametti ijoollee keessan daaʼimummaa isaaniitti leenjisuu jalqabaa. Warri ijoollee isaanii daaʼimummaa isaaniitii kaasanii leenjisuun isaanii gaarii dha. (Fak. 22:6) Mee Ximotewos isa yeroo booda Phaawulos ergamaa wajjin adeeme haa ilaallu. Haati isaa Ewunqee fi akkoon isaa Looyis ‘daaʼimummaa isaatii jalqabanii’ isa leenjisaniiru.—2 Xim. 1:5; 3:15.
18 Hiriyoonni gaaʼelaa kan biraan Koot Diivuwaar keessa jiraatanii fi Jiin Kilaawudii fi Piis jedhaman ijoolleen isaanii jaʼan hundi Yihowaa akka jaallatanii fi akka tajaajilan godhanii guddisuu dandaʼaniiru. Maarree milkaaʼina argachuuf maaltu isaan gargaare? Fakkeenya Ewunqee fi Looyis hordofaniiru. Akkana jedhaniiru: “Ijoolleen keenya erga dhalatanii utuma baayʼee hin turin jechuunis daaʼimummaa isaaniitii kaasnee Dubbii Waaqayyoo isaan keessatti bocneerra.”—Kes. 6:6, 7, NW.
19 Ijoollee keessan keessatti Dubbii Yihowaa ‘bocuu’ jechuun maal jechuu dha? ‘Bocuu’ jechuun “barsiisuu fi yeroo baayʼee irra deddeebiʼuudhaan yaadachiisuu” jechuu dha. Kana gochuuf immoo warri yeroo hunda ijoollee isaanii xixinnoo taʼan wajjin yeroo dabarsuun isaan barbaachisa. Yeroo tokko tokko ijoolleedhaaf qajeelfamoota irra deddeebiʼuun abdii kan nama kutachiisu fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee warri, kun karaa ijoolleen isaanii Dubbii Waaqayyoo akka hubatanii fi hojii irra oolchan itti gargaaran akka taʼetti ilaaluuf carraaqu.
Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Tajaajilan Leenjisaa
6 Ijoollee keessan adabuudhaan jaalala isaaniif qabdan ibsaafii. Yeroo tokko tokko sababii wanti tokko sirrii ykn dogoggora itti taʼe ibsuun qofti gaʼaa dha. Yeroo kan biraa immoo mucaan keessan wanta itti himtan hojii irra hin oolchu taʼa. (Fak. 22:15) Haalli akkasii yeroo uumamu fakkeenya Yesus hordofaa. Yeroo fi iddoo sirrii taʼetti, obsaan qajeelfama, leenjii fi sirreeffama isaaf kennuudhaan karaa jaalalaa fi garraamummaa argisiisuun mucaa keessan adabaa. Obboleettiin Afriikaa Kibbaatti argamtuu fi Iilaan jedhamtu akkana jetteetti: “Warri koo adabbii kennuu wajjin haala wal qabateen yaada isaanii hin jijijjiiran turan. Amala hin taane argisiisuun maal akka na irraan gaʼu erga na akeekkachiisanii booda, yeroo hunda wanta jedhan hojii irra oolchu. Taʼus, aariidhaan ykn sababan itti adabamu utuu naaf hin ibsin na hin adaban. Kun immoo nageenyi akka natti dhagaʼamu godheera. Daangaa koo beekeera; wanti na irraa eegamu maal akka taʼes hubadheera.”
Albuuda Hafuuraa
Mirga Qabdutti Gammadi
11 Haaluma wal fakkaatun, nutis hojii tajaajila Yihowaa keessatti nuuf kennamu kam iyyuu ciminaan hojjechuudhaan gammachuun keenya akka dabalu gochuu ni dandeenya. Hojii lallabaatti ‘guutummaatti qabami,’ sochiiwwan gumii irrattis hirmaannaa guutuu godhi. (HoE. 18:5; Ibr. 10:24, 25) Walgaʼii irratti yaada nama jajjabeessu kennuu akka dandeessuuf wanta qoʼatamu akka gaariitti qophaaʼi. Kutaa barataa siif kennamu kam iyyuu akka gaariitti qophaaʼi. Gumii keessatti hojii tokko irratti gargaarsa akka gootu yoo gaafatamte hojii siif kenname yeroo isaatti xumuri, akkasumas amanamaa taʼi. Hojii siif kennamu kam iyyuu hin tuffatin. Dandeettii kee guddifachuuf carraaqqii godhi. (Fak. 22:29) Sochiiwwan hafuuraa irratti akka gaariitti kan hirmaattuu fi hojiiwwan siif kennaman ciminaan kan hojjettu yoo taʼe, saffisaan guddina hafuuraa goota, gammachuun kees ni dabala. (Gal. 6:4) Yeroo warri kaan mirga ati argachuu barbaaddu argatanitti isaanii wajjin gammaduunis sitti hin ulfaatu.—Rom. 12:15; Gal. 5:26.
ADOOLESSA 21-27
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 23
Qajeelfamoota Ogummaarratti Hundaaʼanii fi Dhugaatii Alkoolii Ilaalchisee nu Gargaaran
Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Waaqayyo Qabu Qabaadhaa
Namoonni tokko tokko hamma hin machoofnetti dhugaatii alkoolii baayʼee dhuguu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Ilaalchi akkasii garuu balaa guddaa qaba. Kitaabni Qulqulluun namoonni “daadhii wayinii hedduudhaaf garboota” taʼan karaa naamusaas taʼe karaa hafuuraa miidhaan akka isaanirra gaʼu ifatti dubbata. (Tit. 2:3; Fak. 20:1) Yesuusiyyuu namni tokko ‘garmalee dhuguun’ isaa mirga addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuu isa dhabsiisuu akka dandaʼu akeekkachiiseera. (Luq. 21:34-36) Maarree, Kiristiyaanni tokko miidhaa dhugaatii alkoolii dhuguun geessisurraa of eeguu kan dandaʼu akkamitti?
Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Waaqayyo Qabu Qabaadhaa
Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni Uumaa isaanii isa jaalala qabeessa taʼerraa qajeelfama jaalalarratti hundaaʼe argataniiru. Fakkeenyaaf, garmalee dhuguun miidhaa hedduu akka geessisu nutti himeera. Fakkeenyi 23:29-35 nama dhugduu taʼee fi miidhaa dhugaatiin geessisu ilaalchisee ibsa tokko tokko nuuf kenna.a Daaniʼel inni Awurooppaa keessatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu jireenya Kiristiyaana taʼuu isaa dura jiraachaa ture yaadachuudhaan akkana jedheera: “Dhugaatii alkoolii garmalee dhugaa waanan tureef, murtoo gaarii hin taane garaagaraa godheera. Kanaan kan kaʼes rakkinni hedduun narra gaʼeera, ammayyuu baayʼeen gaabba.”
Albuuda Hafuuraa
w04-AM 11/1 31 key. 2
Gaaffii Dubbistootaa
Fakkeenyaaf, garmalee furdachuun mallattoo albaadhummaa taʼuu dandaʼa, garuu yeroo hundumaa akkas jechuudha jechuu miti. Namni tokko garmalee kan furdate sababa dhukkubaatiin taʼuu dandaʼa. Garmalee furdachuun sanyiidhaan dhufus ni dandaʼa. Kana malees garmalee furdachuun qaama namaa wajjin kan wal qabatu taʼuusaa fi albaadhummaan immoo ilaalcha sammuu taʼuusaa yaadachuu qabna. Garmalee furdachuun “qaamni keenya coomuusaatiin kan kaʼe wanta uumamu”, albaadhummaan immoo “sassatuu ykn abbaa garaa taʼuu” jedhamee hiikameera. Kanaaf, albaadhummaan qaama nama sanaarratti utuu hin taʼin ilaalcha inni nyaataaf qaburratti hundaaʼee murteeffama. Namni qaamnisaa gidduu galeessa ykn qalʼoo taʼellee albaadhessa taʼuu dandaʼa. Kana malees, qaama namaa gaariidha jedhamu ilaalchisee naannoo garaa garaatti ilaalcha garaa garaatu jira.
ADOOLESSA 28–HAGAYYA 3
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 24
Rakkina Isin Mudatuuf Of Cimsaa
“Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa”
15 Dubbii Waaqayyoo qoʼadhu, akkasumas irratti xiinxali. Akkuma mukti tokko hidda gadi fageeffachuun isaa cimee dhaabbachuuf isa gargaaru, nutis Dubbii Waaqayyoorratti amantii cimaa qabaachuun keenya cimnee dhaabbachuuf nu gargaara. Mukti tokko guddachaa yeroo deemu hiddi isaa gara gadiittii fi gara maddiitti babalʼachaa deema. Yeroo qoʼannuu fi xiinxallu karaan Waaqayyoo hundarra kan caalu taʼuu isaa ilaalchisee amantiin qabnu caalaatti cima. (Qol. 2:6, 7) Yihowaan bara duriitti tajaajiltoota isaatiif gorsaa fi qajeelfama kennuun isaa fi eegumsa isaaniif gochuun isaa kan isaan fayyade akkamitti akka taʼe xiinxali. Fakkeenyaaf, Hisqiʼel mulʼata arge tokkorratti yeroo maleekaan tokko mana qulqullummaa of eeggannoodhaan safaru xiyyeeffannaadhaan hordofaa ture. Mulʼanni kun Hisqiʼeliif cimina argamsiiseera, ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa dhugaatiif baase deggeruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes nu hubachiiseera. (His. 40:1-4; 43:10-12) Nutis wantoota gadi fagoo Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman qoʼachuu fi xiinxaluuf yeroo kan ramannu yoo taʼe faayidaa guddaa arganna.
Yeroo Rakkinaatti Gammachuu Keenya Eegnee Jiraachuu
12 Fakkeenyi 24:10, “Ati bara rakkinaatti yoo raafamte, humni kee muraasa” jechuudhaan dhugaasaa dubbata. Fakkeenyi kan biraanimmoo, “Namni garaan isaa gadda qabu garuu yaadni isaa cabaa dha” jedha. (Fak. 15:13) Kiristiyaanonni tokko tokko, dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluu hamma dadhabanitti abdii kutataniiru. Kadhannaa kan godhan maqumaaf yommuu taʼu, waaqeffattoota hidhatasaanii taʼanirraas adda of baasu taʼa. Dhugumayyuu, yeroo dheeraadhaaf gadduun miidhaa geessisa.—Fak. 18:1, 14.
13 Karaa biraammoo, ilaalcha ni taʼa jedhu qabaachuun bifa jireenya keenyaa isa gammachuu irraa argannurratti xiyyeeffachuuf nu gargaara. Daawit, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola” jechuudhaan barreesseera. (Far. 40:8) Jireenya keenya keessatti rakkinni ennaa nurra gaʼu, wanti gochuu qabnu inni guddaan, sochii waaqeffannaa keenyaa wajjin wal qabate itti fufuudha. Gadda moʼuuf qorichisaa, sochiiwwan gammachuu argamsiisanirratti hirmaachuudha. Yihowaan, yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuufi gadi fageenyaan qoruudhaan gammachuu argachuu akka dandeenyu nutti hima. (Far. 1:1, 2; Yaq. 1:25) Caaffata Qulqullaaʼoorraas taʼe walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarraa, ‘dubbii baʼeessa’ nu jajjabeessuufi nu gammachiisuu dandaʼu ni arganna.—Fak. 12:25; 16:24.
Gaaffii Dubbistootaa
Fakkeenyi 24:16, “Namni qajeelaan siʼa torba kufuu dandaʼa; deebiʼees ni kaʼa” jedha. Kun nama irra deddeebiʼee cubbuutti kufu, garuu immoo Waaqayyo dhiifama isaaf godhu argisiisaa?
Yaadni caqasni kun dabarsu kana miti. Kanaa mannaa, nama rakkinni isa mudachuu isaatiin kufuu fi bayyannachuudhaan deebiʼee kaʼu argisiisa.
Eeyyee, Fakkeenyi 24:16 “kufuu” yommuu jedhu cubbuutti kufuu utuu hin taʼin, rakkinni irra deddeebiʼee nama irra gaʼuu argisiisa. Sirna hamaa amma jiru keessatti namni qajeelaan tokko dhibeen fayyaa ykn rakkinni kan biraan isa mudachuu dandaʼa. Mootummaa irraa illee ariʼatamni cimaan isa irra gaʼuu dandaʼa. Taʼus, Waaqayyo akka isa deggeruu, akkasumas akka dandamatuu fi milkaaʼina akka argatu akka isa gargaaru isatti amanamuu dandaʼa. ‘Saba Waaqayyootiif wantoonni tokko tokko yommuu milkaaʼan argee hin beekuu?’ jedhii of gaafadhu. Maaliifi? ‘Yihowaan warra kufuuf jedhan hundumaa akka deggeru, Warra gombifaman hundumaas akka ol kaasu’ mirkanaaʼoo dha.—Fr. 41:1-3; 145:14-19.
Albuuda Hafuuraa
Gaaffii Dubbistootaa
Bara duriitti, namni tokko gaaʼela godhachuudhaan ‘mana dhaabbachuu’ ykn maatii godhachuu yoo barbaade, ‘Ani haadha warraafi ijoollee fuulduratti godhannu bulchuuf qophaaʼaadhaa?’ jedhee of gaafachuu qaba ture. Maatii godhachuusaa dura, hojii hojjetu, maasii qotatu ykn midhaan qabaachuu qaba. “Maasii qopheeffattee, waan ittiin jiraattu hamma argattutti mana hin dhaabbatin!” jedhamuusaa hubadhaa. Seerri buʼuuraa kun harʼas ni hojjettaa?
Eeyyee. Namni fuudhuu barbaadu tokko dirqama kana baʼachuuf akka gaariitti qophaaʼuu qaba. Qaamaan gaʼumsa qabaannaanis hojjechuu qaba. Haataʼu malee, carraaqqiin namni tokko maatiisaa gargaaruuf godhu, wantoota qaama maatii tokkoof barbaachisan dhiʼeessuu qofatti kan daangeffamu miti. Dubbiin Waaqayyoo namni tokko fedha qaamaa, miiraafi hafuuraa maatiisaa kan hin guunne yoo taʼe, amantii kan hin qabne caalaa hamaa akka taʼe argisiisa! (1 Xim. 5:8) Kanaafuu, dargaggeessi tokko mana dhaabbachuufi maatii godhachuuf yommuu qophaaʼu, gaaffiiwwan kanaa gadii of gaafachuu qaba: ‘Hangan dandaʼetti maatii koof wantoota barbaachisan dhiheessuuf qophaaʼaadhaa? Dhimmawwan waaqeffanna wajjin wal qabataniin mataa maatii taʼee geggeessuuf qophaaʼaadhaa? Haadha warraafi ijoollee koo wajjin yeroo hunda qayyabannaa Macaafa Qulqulluu karooraan geggeessuuf qophaaʼaadhaa?’ Dubbiin Waaqayyoo dirqammaawwan baayʼee barbaachisaa taʼan kanaaf bakka guddaa kenna.—Kes. 6:6-8; Efe. 6:4.
Kanaaf, dargaggeessi gaaʼela godhachuu barbaadu tokko, seera buʼuuraa Fakkeenya 24:27rratti argamu kana of eeggannoodhaan itti yaaddu qaba. Haaluma walfakkaatuun, shamarreen tokko yommuu heerumuu barbaaddu, haadha warraafi haadhaa taʼuuf itti gaafatamummaa qabdu baʼachuuf qophaaʼuushee of gaafachuu qabdi. Dargaggoonni gaaʼela godhatanis ijoollee godhachuusaanii dura gaaffiiwwan walfakkaatan of gaaffachuu dandaʼu. (Luq. 14:28) Sabni Waaqayyoo qajeelfama geggeessaa hafuuraatiin barreeffame akkasii hordofuunsaanii, gadda dhufu hambisuufi jireenya maatii milkaaʼaa taʼe jiraachuuf isaan gargaara.
HAGAYYA 4-10
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 25
Qajeelfamoota Ogummaarratti Hundaaʼanii fi Dubbii Keenyarratti nu Gargaara
Humna Arrabni Keessan Qabu Wanta Gaariidhaaf Itti Fayyadamaa
6 Yaanni Fakkeenya 25:11, (NW) irra jiru, dubbachuuf yeroo sirrii taʼe filachuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibsu siʼa taʼu caqasichi, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka poomii warqii qodaa meetii irra kaaʼamee ti” jedha. Poomiin warqii, mataa isaatti baayʼee bareedaa dha. Taʼus qodaa meetii irra kaaʼamuun isaa immoo caalaatti bareedina isaa isaaf dabala. Haaluma wal fakkaatuun, dubbachuu keenya dura yeroo mijaaʼaa taʼe of eeggannoodhaan filachuun keenya wanti dubbannu caalaatti kan nama hawwatuu fi buʼa qabeessa akka taʼu gochuu dandaʼa. Akkamitti?
7 Dubbiin keenya dhugumaan wanta namoota nu dhaggeeffataniif barbaachisu taʼuu dandaʼa; taʼus dubbachuuf yeroo caalaatti mijaaʼaa taʼe yoo filachuu banne wanti jechuu barbaanne dogoggoraan hubatamuu dandaʼa. (Fakkeenya 15:23 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Bitootessa 2011 kirkirri lafaa fi sunaamiin kutaawwan baha Jaappaan rukutuudhaan magaalota achi jiran hunda haxaaʼee balleessee ture. Namoonni 15,000 ol taʼanis lubbuu isaanii dhabaniiru. Yeroo kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa naannoo sana jiran, akkuma namoota naannoo isaanii jiranii kan miidhaman taʼanis, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii namoota gaddan jajjabeessuuf carraa argatan hundatti fayyadamaniiru. Haa taʼu malee, namoonni naannoo sana jiran hedduun amantii Budihistii cimsanii kan hordofan waan taʼaniif waaʼee Kitaaba Qulqulluu xinnoo xinnoo qofa beeku ykn matumaa hin beekan turan. Obboloonni keenya kana waan beekaniif, balaa sana booda namoota gaddaaf saaxilaman sanatti yeruma sana waaʼee duʼaa kaʼuu dubbachuun yeroo sirrii akka hin taane hubataniiru. Kanaa mannaa kennaa dubbachuuf qabanitti fayyadamanii, jajjabina kennuu irratti, akkasumas wantoonni gaddisiisoon akkasii namoota qulqulluu taʼan irra kan gaʼan maaliif akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa ibsa kennuu irratti xiyyeeffatan.
Humna Arrabni Keessan Qabu Wanta Gaariidhaaf Itti Fayyadamaa
15 Akkaataan wanta tokko itti dubbannu, akkuma wanta dubbannu sanaa barbaachisaa dha. Yesus mana sagadaa bakka dhalootaa isaa Naazireet jiru keessatti yommuu dubbate, namoonni sun, ‘dubbii gaarii afaan isaa keessaa baʼu dinqifatanii’ turan. (Luq. 4:22) Dubbii gaariin garaa namaa kan gammachiisu taʼuu isaa irra iyyuu, karaa kamiin iyyuu humna arrabni keenya qabu hin busheessu. Dhugaa dubbachuuf dubbii gaariin wanti dubbannu caalaatti namoota akka amansiisu gochuu dandaʼa. (Fak. 25:15) Nutis nama gaarii taʼuu, nama kabajuu fi miira warra kaaniitiif yaaduudhaan, dubbii gaarii dubbachuu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya. Yesus tuutni namootaa sun isa dhaggeeffachuuf carraaqqii gochuu isaanii ilaalee isaaniif gadduudhaan, “waan baayʼees isaan barsiisuutti kaʼe.” (Mar. 6:34) Yesus yeroo arrabsametti illee, dubbii nama miidhu dubbachuuf hin yaalle.—1 Phe. 2:23.
16 Namni wajjin dubbannu sun nama akka gaariitti beeknu yoo taʼe, garraamummaa fi malaan dubbachuun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Akka barbaannetti dubbachuuf bilisummaa akka qabnu nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Miseensa maatii keenyaa ykn michuu keenya gumii keessa jiruu wajjin yeroo dubbannu akkana gochuu dandeenya. Yesus barattoota isaa wajjin walitti dhihaachuun isaa karaa nama miidhuun dubbachuuf bilisummaa akka isaaf kennu itti dhagaʼamee turee? Matumaa! Duuka buutonni isaa warri isatti dhihaatan, isaan keessaa eenyu akka caalu wal falmuu isaanii yommuu itti fufan, Yesus mucaa xinnoo tokko fakkeenya gochuudhaan, akkasumas gaarummaadhaan isaan sirreesseera. (Mar. 9:33-37) Jaarsoliin, “hafuura garraamummaatiin” gorsa kennuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandaʼu.—Gal. 6:1.
“Caalaatti” wal Jajjabeessaa
10 Warra kaan jajjabeessuun itti gaafatamummaa jaarsolii qofa miti. Phaawulos, “akkuma barbaachisummaa isaatti wanta warra dhagaʼan ijaaruuf gaarii taʼe” akka dubbatan Kiristiyaanota hunda gorseera. (Efe. 4:29) Hundi keenya iyyuu ‘wanta warra kaan barbaachisu’ hubachuuf dammaqoo taʼuu qabna. Phaawulos, “Harka laafee fi jilba dadhabe hunda jabeessaa; inni naafate akka fayyuuf malee, iddoo isaatii akka hin buqqaaneef miilla keessaniif daandii qajeelaa qopheeffachuu keessan itti fufaa” jedhee Kiristiyaanota Ibroota taʼan gorseera. (Ibr. 12:12, 13) Dargaggoota dabalatee, hundi keenya iyyuu dubbiidhaan wal jajjabeessuu ni dandeenya.
Albuuda Hafuuraa
Garraamota Taʼuudhaan Cimina Keessan Argisiisaa
3 Namoonni garraamii taʼan cimoodha malee dadhaboo miti. Haala rakkisaa taʼe keessatti tasgabbaaʼuun cimina gaafata. Garraamummaan kutaa ‘firii hafuuraati.’ (Gal. 5:22, 23) Jechi Afaan Giriikii “garraamii” jedhamee hiikame, darbee darbee farda bosonaa madaqfame argisiisuufis itti hojjetameera. Mee waaʼee farda bosonaa madaqfame tokkoo yaaduuf yaalaa. Fardi sun kan madaqfame taʼus, ammayyuu cimaadha. Nuti namoonni amala garraamummaa argisiisuu fi cimina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Carraaqqii keenyaan qofa kana gochuu hin dandeenyu. Waaqayyo hafuura isaa akka nuuf kennuu fi amala baayʼee gaarii taʼe kana horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Muuxannoowwan kun taʼuu akka dandaʼu argisiisan hedduun jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo namoonni isaan mormanitti garraamummaadhaan deebii kennan hedduun jiru. Kunis namoonni tokko tokko ilaalcha nuuf qaban akka jijjiiran godheera. (2 Ximotewos 2:24, 25 dubbisi.) Maarree, amala garraamummaa horachuu kan dandeessu akkamitti?
HAGAYYA 11-17
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 26
“Nama Gowwaa” Irraa Fagaadhu
it-2-E 729 key. 6
Bokkaa
Waqtiilee. Waqtiileen Biyyattii Abdachiifamtee warri guguddoon lamaan, bonaa fi gannadha, waqtiileen kun waqtii roobni itti hin jirree fi waqtii roobaati. (Fr 32:4; Wed 2:11, milj. wajjin wal bira qabii ilaali) Walakkeessa jiʼa Eblaatii hanga walakkeessa jiʼa Onkoloolessaatti rooba baayʼee xinnootu jira. Yeroo hojiin haamaa itti raawwatamu kanatti bokkaan carraan itti roobu baayʼee xiqqoodha. Fakkeenyi 26:1 yeroo makaraatti bokkaan roobuun wanta iddoo isaa malee dhufe akka taʼetti akka ilaalamu argisiisa. (1Sa 12:17-19 wajjin wal bira qabii ilaali.) Waqtii roobaatti roobni dhaabbataadhaan hin roobu; takka takka ni rooba takka takkammoo caamee ifa taʼa. Dabalataanis tibba kanatti baayʼee waan qorruuf, bokkaan namatti roobuunsaa baayʼee nama hollachiisa. (Iz 10:9, 13) Kanaaf, bakki mijataan dahoo itti argatan baayʼee barbaachisaadha.—Isa 4:6; 25:4; 32:2; Iyo 24:8.
w87-E 10/1 19 key. 12
Adabni Nagaa Argamsiisa
12 Akkuma Fakkeenya 26:3 irratti, “alangaan fardaaf, luugamni harreedhaaf, uleenis dugda gowwootaatiif taʼa” jedhame; nama tokko tokkoof adabni cimaan barbaachisuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko Yihowaan sabni Israaʼel rakkina ofitti fidaniin akka miidhaman heyyamee ture; “isaan dubbii Waaqayyoo irratti fincilaniiru; gorsa isa Hundaa Oliis tuffataniiru. Kanaafuu, inni rakkinaan garaa isaanii gad qabe; isaan ni gufatan, namni isaan gargaarus hin turre. Yeroo dhiphina isaaniitti gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti iyyatan; innis rakkina isaanii irraa isaan oolche.” (Faarfannaa 107:11-13) Haa taʼu malee, namoonni gowwaan tokko tokko mata jabeeyyii taʼuudhaan sadarkaa adaba kamiiniyyuu fayyuu hin dandeenyerra gaʼu; “namni yeroo baayʼee erga ifatamee booda boquu isaa jabeessu akkuma tasaa ni caba, fayyuus hin dandaʼu.”—Fakkeenya 29:1.
it-2-E 191 key. 4
Naafachuu
Fakkeenyaan kan itti hojjetame akkamitti? Solomoon Mootichi inni ogeessa taʼe, “namni nama gowwaatti imaanaadhaan waa kennatu akkuma nama miila isaa naaffisee of miidhuu ti” jedheera. Dhugumayyuu, namni nama gowwaa taʼe qacaree hojii tokko akka raawwatuuf itti kennu, faayidaasaa miidha. Hojiinsaa yommuu baduu fi miidhaan yommuusarra gaʼu arguunsaa hin oolu.—Fak 26:6.
Albuuda Hafuuraa
it-1-E 846
Gowwaa
Yaada gad aanaa namni gowwaan dhiheesse akka deggeru, jechuunis isaa wajjin akka walii gallu haala argisiisuun ykn “akka gowwummaa isaatti” deebii kennuun sababa gowwummaarratti hundaaʼee fi sirrii hin taane kan namni gowwaan sun dhiheesserratti walii galuudha. Gama kanaan akka nama gowwaa sanaa akka hin taaneef, fakkeenyarratti, “nama gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti isaaf hin deebisin” jedhamnee gorfamneerra. Karaa kan biraatiinimmoo, Fakkeenyumitti 26:4, 5 “akka gowwummaa isaatti” akka isaaf deebisnu nutti hima. Akkas jechuun yaada inni dhiheessu sirriitti madaaluu, qoostuu akka taʼe saaxiluu, yaada inni dhiheesse nama tokko xumura inni jedherraan akka hin geenye ibsuun faayidaa qaba jechuudha.
HAGAYYA 18-24
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 27
Michoonni Dhugaan kan nu Gargaaran Akkamitti?
Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna
12 Namni gad of qabu tokko gorsa isaaf kennamu ni dinqisiifata. Kana fakkeenyaan ibsuuf, walgaʼii gumii irra jirta haa jennu. Obboloota hedduu wajjin erga haasoftee booda, obboloota keessaa inni tokko kophaatti si waamee ilkaan kee irratti nyaanni xinnoon akka hafe sitti hime. Yeroo kanatti akka qaanoftu beekamaa dha. Haa taʼu malee, obboleessi sun sitti himuu isaatiif isa hin galateeffattuu? Namni tokko dursee utuu natti himeera taʼee jettee yaaduun kee hin oolu! Haaluma wal fakkaatuun, obboloota keenya warra yeroo gorsi nu barbaachisutti ija jabinaan nu gorsan gad of qabuudhaan galateeffachuu qabna. Nama sana akka diina keenyaatti utuu hin taʼin akka michuu keenyaatti ilaalla.—Fakkeenya 27:5, 6; Gal. 4:16 dubbisi.
it-2-E 491 key. 3
Ollaa
Haa taʼu malee kitaabni Fakkeenyaa michuu keenya akka amannuu fi yeroo gargaarsi nu barbaachisu waammachuun gaarii akka taʼe nu gorsa. “Michuu kee yookiin michuu abbaa keetii hin dhiisin, guyyaa badiisni sitti dhufuttis mana obboleessa keetti hin seenin; obboleessa fagoo jiru mannaa ollaa [sha·khenʹ] dhihoo jiru wayya” jedha. (Fak 27:10) Barreessaan kun asirratti michuun maatii iddoo guddaan kennamuufi akka qabuu fi fira dhihoo kan akka obboleessaa caalaa yeroo gargaarsi nu barbaachisutti garasaa deemuu akka qabnu dubbachaa jira. Obboleessi fagoo jiraachuu dandaʼa ykn immoo hamma michuu maatii tokkoo gargaarsa gochuuf qophaaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa ykn haala mijataa akkas itti godhurratti hin argamu taʼa.
Dargaggoota, Jireenya Akkamii Jiraachuu Barbaaddu?
7 Murtoo dogoggoraa Yoʼaas godherraa barumsi argannu tokko kanadha: Michoota dhiibbaa gaarii nurratti godhan, jechuunis michoota Yihowaa jaallatanii fi isa gammachiisuu barbaadan filachuu qabna. Namoota umurii keenyarratti argaman qofa michuu godhachuu hin qabnu. Yehoyaadaan umuriidhaan michuu isaa Yoʼaasiin baayʼee akka caalu yaadadhaa. Michoota filattu ilaalchisee akkana jedhii of gaafadhu: ‘Amantiin Yihowaarratti qabu cimsachuuf na gargaaruu? Ulaagaalee Waaqayyoo akkan hordofu na jajjabeessuu? Waaʼee Yihowaa fi waaʼee dhugaawwan isaa ni dubbatuu? Ulaagaalee Waaqayyootiif kabaja qabuu? Wantuman dhagaʼuu barbaadu natti himumoo yeroon dogoggoru na sirreessuuf ija jabina qabu?’ (Fak. 27:5, 6, 17) Dhugaa dubbachuuf michoonni kee Yihowaa hin jaallatan taanaan homaa si hin fayyadan. Yihowaa kan jaallatan yoo taʼe garuu yeroo hundumaa si gargaaru.—Fak. 13:20.
Albuuda Hafuuraa
Qorumsa Keessatti Illee Gad Of Deebisuu ni Dandeessu
11 Kana malees, namoonni yommuu garmalee nu jajan kan gad of deebisnu taʼuun keenya qoramuu dandaʼa. Mee haalawwan akka tasaa jijjiiramaniif deebii gaarii Asteer kennite haa ilaallu. Baayʼee bareedduu kan turte taʼuu ishii irra iyyuu, waggaa tokkoof dibatawwan gatii guddaa qabaniin kunuunsa argachaa turte. Shamarran hedduu guutummaa Bulchiinsa Faares keessa dhufanii fi xiyyeeffannaa mootichaa argachuuf wal dorgoman gidduu jiraatti turte. Taʼus nama kabaja qabduu fi tasgabboofte turte. Mootichi, mootuu isaa akka taatu erga ishii filatee booda illee of hin jajne ykn of hin gurguddisne.—As. 2:9, 12, 15, 17.
12 Gad of deebisuun, namootaafis taʼe ofii keenyaaf karaa kabaja akka qabnu argisiisuun akka uffannuu fi amala gaarii akka qabaannu nu gargaara. Garaa namootaa tuquu kan dandeenyu, of jajuudhaan ykn xiyyeeffannaa isaanii gara keenyatti harkisuudhaan utuu hin taʼin, “tasgabbii fi hafuura garraamummaa” argisiisuudhaan akka taʼe beekna. (1 Pheexiros 3:3, 4 dubbisi; Er. 9:23, 24) Yaanni sirrii hin taane garaa keenya keessa yoo jiraate, oolee bulee gocha keenya irratti ni mulʼata. Fakkeenyaaf, mirga tajaajilaa adda taʼe akka qabnu, odeeffannoo namoonni kaan hin beekne akka beeknu ykn obboloota itti gaafatamummaa qabanii wajjin hariiroo addaa akka qabnu dubbachuudhaan kana argisiisna taʼa. Kana malees, yaanni ykn hojiin namoonni kaan irratti hirmaatan kan keenya qofa akka taʼe goonee dubbanna taʼa. Gama kanaanis Yesuus fakkeenya gaarii taʼa. Wanti inni dubbate baayʼeen isaa, kallattiidhaan ykn al kallattiidhaan Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessaa kan fudhatame ture. Yesuus karaa akka gad of deebisu argisiisuun kan dubbate, dhaggeeffattoonni isaa wanti inni dubbatu beekumsaa fi ogummaa ofii isaa irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, Yihowaa biraa kan dhufe akka taʼe akka beekan waan barbaaduuf ture.—Yoh. 8:28.
HAGAYYA 25-31
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 28
Garaagarummaa Nama Hamaa fi Nama Qajeelaa Gidduu Jiru
w93-AM 5/15 26 key. 2
Guutummaatti Yihowaa ni Hordoftaa?
“QAJEELONNI garuu akkuma leencaa onnatoo dha.” (Fakkeenya 28:1) Amantii akka qaban ni argisiisu, Dubbii Waaqayyootti guutummaatti amanamu, akkasumas haala balaadhaaf isaan saaxilu akkamiiyyuu keessatti ija jabinaan Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufu.
it-2-E 1139 key. 3
Hubannaa
Namoota madda isaarraa badan. Namni cubbuu hojjechuu jalqabe tokko yeroo murtoo murteessuu fi karoora baafatu fedha Waaqayyoo tilmaama keessa galchuu dhiisa. (Iyo 34:27) Namni akkasii garaansaa daandii dogoggoraarra deemaa akka jiruu fi hubannaasaa akka dhabe akka hin hubanne akka isa taasisu ni heyyama. (Fr 36:1-4) Waaqayyoon akka waaqeffatu kan dubbatu taʼullee, ilaalcha Waaqayyoo caalaa ilaalcha namootaatiif iddoo guddaa kenna; ilaalcha kanas ni filata. (Isa 29:13, 14) Gocha namuusaan ala taʼerratti hirmaachuun fudhatama akka qabutti ilaala, akkasumas salphisee ‘tapha’ dha jedha. (Fak 10:23) Dabalataanis gocha gadhee raawwata, gara jabeessadha, Waaqayyo gocha dogoggoraa inni raawwatu akka hin arginetti ykn akka hin hubannetti yaaduudhaan dandeettiin arguu Waaqayyoo akkuma waan badeettillee ni yaada; kunis sababa inni dhiheessu gowwaa akka taʼe akka argisiisu mulʼisa. (Fr 94:4-10; Isa 29:15, 16; Er 10:21) Gocha isaatiin kan kaʼe akkuma waan, “Yihowaan hin jiru” jedheetti ilaalama, (Fr 14:1-3) akkasumas ‘tilmaama keessa isa hin galchu.’ Qajeelfama Waaqayyootiin waan hin geggeeffamneef, murtoo sirrii kennuu, dhimmoota garaa garaaf ilaalcha sirrii qabaachuu, wantoota dhimma tokkoo wajjin wal qabatan sirriitti madaaluu, akkasumas filannoo sirrii gochuu hin dandaʼu.—Fak 28:5.
it-1-E 1211 key. 4
Amanamummaa
Haala kanaan amanamoo taʼanii jiraachuun cimina mataa ofiitiin hin dandaʼamu; haa taʼu malee Yihowaa fi humna Inni oolchuuf qaburratti amantii cimaa qabaachuudhaan ni dandaʼama. (Fr 25:21) Waaqayyo warra amanamoo taʼanii jiraataniif ‘gaachanaa’ fi “dahoo” akka taʼu, jechuunis eegumsa akkasaaniif godhu waadaa galeera. (Fak 2:6-8; 10:29; Fr 41:12) Yeroo hundumaa Yihowaa gammachiisuuf carraaqqii gochuunsaanii jireenya tasgabbii qabu jiraachuu fi galma isaanirratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessisa. (Fr 26:1-3; Fak 11:5; 28:18) Namoonni balleessaa hin qabne bulchitoota hamoodhaan kan kaʼe miidhamuu dandaʼu, akkasumas hamootaa wajjin duʼuu dandaʼu, kana arguunsaa Iyyoobiin burjaajessee ture. Haa taʼu malee, Yihowaan jireenya nama balleessaa hin qabnee sirriitti ilaala, akkasumas dhaalasaa akka itti fufsiisu, egereensaa naga qabeessa akka taʼee fi wanta gaarii akka dhaalu waadaa galeera. (Iyo 9:20-22; Fr 37:18, 19, 37; 84:11; Fak 28:10) Akkuma haala Iyyoobirraa hubannu, wanti barbaachisaan nama tokkoof kabaja argamsiisu qabeenyasaa utuu hin taʼin amanamaa taʼuusaadha. (Fak 19:1; 28:6) Ijoolleen warrisaanii namoota akkasii taʼan gammadoodha (Fak 20:7), fakkeenyummaa abbaasaanii itti fufsiisuu dandaʼu, akkasumas maqaa gaarii fi kabaja inni qaburraa isaanis fayyadamoodha.
Albuuda Hafuuraa
w01-AM 12/1 12 key. 1
Karaa Hafuuraa Dhukkubni Onnee Akka Isin hin Mudanne Gochuu ni Dandeessu
Garmalee ofitti amanamuu. Namoonni dhukkuba onneedhaan qabaman hedduun dhukkubni kun isaan jalqabuusaa dura baayʼee fayyaa akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Yeroo baayʼee utuu hin dhukkubsatin ilaalamuun ykn qorannoo yaalii fayyaa taasisuun iddoon hin kennamuuf ykn barbaachisaa akka hin taanetti yaadama. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni tokko tokko erga Kiristiyaana taʼanii waggoonni hedduun waan darbaniif, wanti tokkollee akka isaanirra hin geenye isaanitti dhagaʼama taʼa. Hamma balaan tokko isaanirra gaʼutti karaa hafuuraa hin ilaalaman ykn of hin qoran taʼa. Garmalee ofitti amanamuurraa fagaachuu ilaalchisee gorsa Phaawulos ergamaan kenne yeroo hunda yaadachuun barbaachisaadha; akkana jedheera: “Namni, ‘Ani dhaabbadheera’ jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu.” Mudaa akka qabnu amannee fudhachuunii fi karaa hafuuraa yeroo yerootti of qoruun keenya ogummaadha.—1 Qorontos 10:12; Fakkeenya 28:14.
[Miiljalee]
a Wiirtuun Toʼannaa fi Ittisa Dhibee Yuunaayitid Isteetis dhugaatii alkoolii garmalee dhuguun miidhaa yeroo gabaabaa keessatti geessisu keessaa tokko tokko lubbuu balleessuu, of ajjeesuu, miidhaa saalaa geessisuu, hiriyaa baayʼee itti dhihaatan miidhuu, gama saalqunnamtiitiin amala balaa qabu argisiisuu, akkasumas ulfa baasuu akka dabalatu gabaaseera.