LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr25 Fulbaana ful. 1-15
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FULBAANA 1-7
  • FULBAANA 8-14
  • FULBAANA 15-21
  • FULBAANA 22-28
  • FULBAANA 29–ONKOLOOLESSA 5
  • ONKOLOOLESSA 6-12
  • ONKOLOOLESSA 13-19
  • ONKOLOOLESSA 20-26
  • ONKOLOOLESSA 27–SADAASA 2
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2025
mwbr25 Fulbaana ful. 1-15

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

FULBAANA 1-7

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 29

Amantiiwwanii fi Aadaawwan Kitaaba Qulqulluurratti hin Hundoofnerraa Fagaadhaa

wp16.06 6, saanduqa

Mulʼatawwan Qaamota Samii Isa Ijaan Hin Argamne Keessa Jiranii

Akkuma yakkamaa fuuncaadhaan hidhamee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman duudhaan tokko tokkoo fi sodaan hafuurota hamoo hidhaa isaanitti taʼeera. Balaa irraa of eeguuf kudhaamaa fi wantoota garaa garaatti fayyadamu. Ati garuu akkas gochuun si hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jechuudhaan nu jajjabeessa. (2 Seenaa 16:9) Yihowaa inni Waaqa isa dhugaa taʼe Seexana caalaa humna qaba; kanaaf, Isa irratti amantii yoo qabaatte si eega.

Eegumsa Yihowaa argachuuf wanta isa gammachiisu beekuu fi hojii irra oolchuu qabda. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti magaalaa Efesoon keessa turan kitaabota gocha hafuura hamaa ittiin raawwatan walitti qabanii gubaniiru. (Hojii Ergamootaa 19:19, 20) Haaluma wal fakkaatuun, eegumsa Waaqayyoo argachuuf calleewwan, kudhaama, kitaabota gocha hafuura hamaa, wantoota nama eegu jedhamanii fi wantoota gocha jinniiwwanii wajjin walitti dhufeenya qaban hunda balleessuu qabda.

w19.04 17 key. 13

Dhugaa Waaʼee Duʼaa Ibsu Deggeraa

13 Aadaa ykn gocha tokko tokko ilaalchisee yoo mirkanaaʼaa taʼuu baatte Yihowaan ogummaa akka siif kennu amantiidhaan kadhadhu. (Yaaqoob 1:5 dubbisi.) Achiis barreeffamoota keenya irratti qorannaa gochuudhaan deebii argattu hordofi. Barbaachisaa yoo taʼe immoo jaarsolii gumii kee keessa jiran mariisisi. Isaan maal gochuu akka qabdu sitti hin himan, garuu qajeelfama Kitaaba Qulqulluu dhimmichaa wajjin wal qabatan, kan akka as irratti ibsaman jiranii sitti argisiisuu dandaʼu. Tarkaanfiiwwan kana yommuu fudhattu, “dandeettii hubannaa” kee leenjista, dandeettiin kun immoo “wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf” si gargaara.—Ibr. 5:14.

w18.11 11 key. 12

“Ani Dhugaa Kee Keessa Nan Deddeebiʼa”

12 Aadaawwanii fi gochawwan deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne. Miseensonni maatii keenya, namoonni waliin hojjennuu fi waliin barannu guyyoota ayyaanaatti akka isaanii wajjin dabarsinu gochuuf yaaluu dandaʼu. Aadaawwanii fi ayyaanota Yihowaadhaaf ulfina hin fidne irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti godhamu moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Ilaalcha Yihowaan gochawwan akkasiitiif qabu sammuu keenyatti qabachuudhaan kana gochuu dandeenya. Madda ayyaanota beekamoo taʼanii ilaalchisee yaadawwan barreeffamoota keenya irratti baʼan dubbisuun keenya nu gargaaruu dandaʼa. Ayyaanota akkasii irratti hirmaachuu dhiisuuf sababiiwwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yommuu yaadannu, karaa “Gooftaa biratti fudhatama qabu” irra deddeebiʼaa akka jirru mirkanaaʼaa taʼuu dandeenya. (Efe. 5:10) Yihowaa fi Dubbii isaa isa dhugaa amanachuun “nama sodaachuu” irraa nu eega.—Fak. 29:25.

Albuuda Hafuuraa

w17.10 9 key. 11

“Hojii fi Dhugaadhaan Wal Jaallachuu”

11 Obboloota keenya garaadhaa galateeffadhaa. “Warra dhagaʼan ijaaruuf gaarii” waan taʼeef, wal galateeffachuuf carraa arganne hundatti fayyadamuu qabna. (Efe. 4:29) Haa taʼu malee, galateeffannaan keenya garaadhaa taʼuu qaba. Kana taʼuu baannaan garuu, nama sana saaduu ykn gorsa barbaachisu kennuuf itti gaafatamummaa qabnu utuu hin raawwatin hafuu dandeenya. (Fak. 29:5) Nama tokko fuulleetti galateeffatanii, isa duubaan immoo ceephaʼuun fakkeessitummaa dha. Phaawulos ergamaan kiyyoo akkasii irraa fagaateera, akkasumas namoota kaan galateeffachuu irratti jaalala dhugaa argisiisuudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Fakkeenyaaf, amala gaarii Kiristiyaanonni Qorontos qaban tokko tokko ilaalchisee garaadhaa isaan galateeffatee ture. (1 Qor. 11:2) Gochi isaanii kan isaan hin galateeffachiisne yeroo taʼutti garuu, gaarummaa fi iftoominaan sababii isaa isaaniif ibseera.—1 Qor. 11:20-22.

FULBAANA 8-14

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 30

“Hiyyeessas Taʼe Sooressa Na hin Godhin”

w18.01 24-25 key. 10-12

Jaalala Akkamiitu Gammachuu Dhugaa Argamsiisa?

10 Hundi keenya qarshiin akka nu barbaachisu beekamaa dha. Qarshiin hamma tokko eegumsa namaaf godha. (Lal. 7:12) Haa taʼu malee, namni tokko wanta jireenyaaf isa barbaachisu qofa qabaachuudhaan gammachuu dhugaa argachuu dandaʼaa? Eeyyee ni dandaʼa! (Lallaba 5:12 dubbisi.) Aguur ilmi Yaaqee, “Soora harʼaa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!” jechuudhaan kadhateera. Garmalee hiyyeessa akka hin taane kan kadhate maaliif akka taʼe sirriitti nuu gala. Itti aansuudhaan akka dubbatetti, hatuuf qoramee wanta Waaqayyoof ulfina hin argamsiisne akka hin raawwanne waan barbaadeefi. Sooressa taʼuu kan hin barbaanne garuu maaliifi? “Quufee akkan si hin wallaalletti. ‘Waaqayyo eenyu inni?’ akka ani hin jennetti” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 30:8, 9) Isinis namoota Waaqayyotti utuu hin taʼin qabeenya isaaniitti amanaman beektu taʼa.

11 Namoonni qarshii jaallatan Waaqayyoon gammachiisuu hin dandaʼan. Yesuus akkana jedheera: “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata; yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.” Kana dubbachuu isaa dura akkana jedhee ture: “Bakka biliin nyaatuu fi ligidni balleessutti, akkasumas bakka hattuun cabsee hatuu dandaʼutti ofii keessaniif lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa. Kanaa mannaa, bakka biliin nyaachuu fi ligidni balleessuu, akkasumas hattuun cabsee hatuu hin dandeenyetti ofii keessaniif samii irratti qabeenya kuufadhaa.”—Mat. 6:19, 20, 24.

12 Obboloonni baayʼeen jireenya salphaa jiraachuun isaanii gammachuu argachuuf qofa utuu hin taʼin, Yihowaa tajaajiluuf yeroo dabalataa argachuufis akka isaan gargaare hubataniiru. Jaak inni Yunaayitid Isteetis jiraatu, mana isaa fi dhaabbata hojii isaa yoo gurgure innis taʼe haati manaa isaa qajeelchaa taʼuuf yeroo dabalataa akka argatan waan hubateef, mana isaa fi dhaabbata hojii isaa ni gurgure. Akkana jedheera: “Mana keenya isa bareedaa fi qabeenya keenya iddoo bareedaatti argamu dhabuun ulfaataa ture. Garuu waggoota hedduudhaaf rakkina bakka hojiitti uumamuun kan kaʼe, aareen manatti deebiʼa ture. Haati manaa tiyya qajeelchaa yeroo hundaa waan taateef yeroo hunda gammachuu qabdi turte. ‘Ani hogganaa hunda irra caalun qaba!’ jetti turte. Amma anis qajeelchaa waanan taʼeef, lamaan keenya iyyuu Yihowaadhaaf hojjechaa jirra.”

w17.5 25-26 key. 15-17

“Isaan Kana Caalaa Na Jaallattaa?”

15 Yeroo harʼaatti namoonni hedduun faashinoota, meeshaalee elektirooniksii fi wantoota kana fakkaatan ilaalchisee wantoota ammayyaa qabaachuu irratti xiyyeeffatu. Kanaaf, Kiristiyaanonni hundi gaaffiiwwan armaan gadiitiin yeroo hunda fedhii isaanii qoruu qabu: ‘Walgaʼii gumiitiif qophaaʼuu mannaa, konkolaataawwan haaraa ykn uffatawwan faashinii taʼan irratti qorannaa gochuu fi yaaduudhaan saʼaatii dheeraan dabarsaa? Sochiiwwan jireenya guyyaa guyyaatiin baayʼee waanan muddameef, kadhachuuf ykn Kitaaba Qulqulluu dubbisuu irratti yeroo xinnoon dabarsaa?’ Jaalalli qabeenyaaf qabnu jaalala Kiristoosiif qabnu irra akka caalu yoo hubanne, wanta Yesuus “sassata hundumaa irraa of eegaa” jechuudhaan dubbate irratti xiinxaluu qabna. (Luq. 12:15) Yesuus akeekkachiisa cimaa akkasii kan kenne maaliif ture?

16 Yesuus, “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru” jedheera. Itti dabaluudhaan, “Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan” jedheera. Kun kan taʼe ‘gooftoliin’ lamaanuu xiyyeeffannaa guutuu akka isaaniif kenninu waan barbaadaniifi dha. Yesuus ‘isa tokko jibbinee isa kan biraa akka jaallannu’ ykn ‘isa tokkotti maxxannee isa kan biraa immoo akka tuffannu’ dubbateera. (Mat. 6:24) Namoota mudaa qabnu waan taaneef, hundi keenya qabeenya jaallachuu dabalatee “fedhii foonii . . . keenyaa” wajjin qabsoo gochuu keenya itti fufuu qabna.—Efe. 2:3.

17 Namoonni ilaalcha foonii qaban qabeenyaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun isaanitti ulfaata. Maaliif? Miirri hafuuraa isaanii waan hadoodeefi dha. (1 Qorontos 2:14 dubbisi.) Dandeettiin hubachuu isaanii takkaa waan dukkanaaʼeef, wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼe addaan baasanii beekuun caalaatti ulfaataa isaanitti taʼeera. (Ibr. 5:11-14) Kanaan kan kaʼes, namoonni tokko tokko qabeenyaaf fedhii toʼannaa hin qabne qabu; fedhiin kun immoo matumaa guutamuu hin dandaʼu. (Lal. 5:10) Qorichi jaalala qabeenyaa balleessuu dandaʼu jiraachuu isaatiif ni galateeffanna: Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe guyyaa guyyaadhaan dubbisuu dha. (1 Phe. 2:2) Yesuus dhugaa Waaqayyo biraa dhufe irratti xiinxaluun isaa qorumsa moʼuuf akkuma isa gargaare, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun qabsoo jaalala qabeenyaa wajjin goonu irratti nu gargaara. (Mat. 4:8-10) Akkas gochuudhaan, qabeenya kam iyyuu caalaa Yesuusiin akka jaallannu isaaf mirkaneessina.

g19 Lakk. 3 10 key. 4-5

Itti Fayyadama Maallaqaa

Baajata baafadhu. Baasii kee hunda galmeessi; achiis fakkeenyaaf, nyaata, uffataa fi mana jireenyaa jedhii qoqqoodi. Wantoota kanaaf maallaqa hammamii akka ramaddu murteessi. Wantoota qoqqoodde keessaa isa tokkorratti maallaqa isa karoorfatterra caalu yoo baaste maallaqa isa kaaniif ramadderraa fayyadami. Fakkeenyaaf, geejjibaaf maallaqa isa karoorfatterra caalu yoo baaste maallaqa wantoota baayʼee barbaachisoo hin taaneef ramadderraa, fakkeenyaaf, maallaqa nyaata alaa bituuf ramadderraa fayyadami.

Liqii hin barbaachisnerraa fagaadhu. Hamma siif dandaʼametti liqii keessa hin seenin. Kanaa mannaa, maallaqa wantoota si barbaachisan ittiin bitattu qusadhu. Maallaqa liqeeffachuun yoo si barbaachise, liqii kan biraa keessa akka hin galleef dafii kaffali. Liqiin sirra jira taanaan akkamitti akka kaffaltu karoora baafadhu, achiis karoora kee hordofi.

w24.06 13 key. 18

Barabaraaf Keessummaa Yihowaa Taʼi!

18 Ilaalcha maallaqaaf qabnu qoruun keenya baayʼee nu fayyada. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yeroo baayʼee waaʼee maallaqaa fi waaʼee wantootan bitadhuu nan yaadaa? Maallaqa yeroon liqeeffadhu namni naa liqeesse sun maallaqichi akka isa hin barbaachisne yaaduudhaan utuun hin kaffalin baayʼee nan turaa? Maallaqa qabaachuun koo warra kaanirra akkan caalu akka natti dhagaʼamu godhaa? Arjummaa argisiisuun natti ulfaataa? Obboloonni koo maallaqa waan qabaniif qofa namoota maallaqa jaallatan akka taʼanittan isaan ilaalaa? Namoota sooreyyii taʼanitti siqee namoota hiyyeeyyii taʼanirraa nan fagaadhaa?’ Keessummoota Yihowaa taʼuudhaan mirga guddaa arganneerra. Jireenyi keenya jaalala maallaqaarraa walaba akka taʼu gochuudhaan mirga kana eeggannee itti fufuu dandeenya. Akkas kan goonu yoo taʼe, Yihowaan yoomiyyuu nu hin dhiisu!—Ibroota 13:5 dubbisi.

Albuuda Hafuuraa

w09 4/15 17 key. 11-13

Uumamni Ogummaa Yihowaa Mul’isa

11 Uumamni garabiraan xinnoonimmoo osolee yommuu taatu, uumama kanarraas barumsa gaarii arganna. (Fakkeenya 30:26 dubbisi.) Osoleen, hamma tokko illeettii kan fakkaattu si’a taʼu, gurra gabaabaa geengoo fakkaatuufi miilla gabaabaa qabdi. Uumamni xinnoon kun naannoo kattaa jiraatti. Iji osolee inni fagootti argu, balaarraa akka of eegdu ishee gargaara; holqa kattaa keessa jiraachuunsheemmoo diinarraa ishee eega. Tuutaan jiraachuunshee diinaaf saaxilamuurraa kan ishee eegu taʼuusaarrayyuu, yeroo gannaatti wal hoʼisuuf ishee gargaara.

12 Osoleerraa barumsa akkamii arganna? Jalqaba bineensi kun balaadhaaf akka of hin saaxille qalbeeffadhu. Kanaa mannaa, ijashee isa akka gaariitti ilaalutti fayyadamtee diinotashee fagootti kan argitu yommuu ta’u, holqa kattaatti dhihaattee jiraachuunsheemmoo balaarraa ishee eega. Nuyis, ija hafuuraa balaawwan biyya lafaa isa Seexanni seerraturraa nutti dhufan akka gaariitti ilaaluuf nu gargaaru qabaachuun nu barbaachisa. Phexros, “Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (1 Phe. 5:8) Yesus yommuu lafarra ture, yaalii Seexanni amanamummaasaa balleessuuf godhe hundumaa ofirraa ittisuuf dammaqee jiraateera. (Mat. 4:1-11) Yesus duuka buutotasaatiif fakkeenya gaarii kaa’eera.

13 Karaan dammaqoo taanee itti jiraannu keessaa inni tokko, qophiiwwan Yihowaan eegumsa hafuuraa nuu gochuuf godhetti akka gaariitti fayyadamuudha. Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaarratti argamuu matumaa dhiisuu hin qabnu. (Luq. 4:4; Ibr. 10:24, 25) Akkuma osoleen tuutaan jiraachuunshee ishee gargaaru, nuyis ‘amantii waliitiin jajjabeeffamuuf,’ namoota hidhata amantaa keenya taʼanii wajjin walitti dhihaannee jiraachuun nu barbaachisa. (Rom. 1:12) Eegumsa Yihowaan balaarraa nu eeguuf godhetti fayyadamuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan, yaada Daawit faarfatichaa wajjin akka walii gallu argisiisuu dandeenya. Daawit akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo kattaa koo, masaraa koo, oolchaa koo tis; Waaqayyo koo daʼoo dhagaa isa ani kooluu itti galuu dha; gaachana koo, isa akka gaanfaa fayyina koof faccisu, iddoo dhokannaa koo isa ol jedhaa dhas.”—Far. 18:2.

FULBAANA 15-21

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 31

Barumsa Gorsa Haati Tokko Ilma Ishiitiif Kenniterraa Argannu

w11 4/1 19 key. 7-8

Ijoolleen Keessan Amala Gaarii Akka Qabaatan Irra Deddeebiʼaa Barsiisaa

Waaʼee saalqunnamtii dhugaa jiru hundumaa isaan barsiisaa. Akeekkachiisa isaaniif kennuun barbaachisaadha. (1 Qorontos 6:18; Yaaqoob 1:14, 15) Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun adda durummaadhaan saalqunnamtiin kennaa Waaqayyoo akka taʼetti malee, kiyyoo Seexanaa akka taʼetti hin ibsu. (Fakkeenya 5:18, 19; Weedduu Weedduu Caalu 1:2) Ijoollee keessan umrii waggoota kurnanii keessa jiranitti waaʼee balaasaa qofa kan himtan yoo taʼe, dhimma kana ilaalchisee yaada sirrii hin taaneefi Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessu qabaachuu dandaʼu. Shamarreen biyya Faransaayi keessa jiraattuufi Koriinaa jedhamtu, “Warrikoo saalqunnamtii seeraan ala taʼerratti garmalee xiyyeeffatu. Kunimmoo saalqunnamtiidhaaf ilaalcha dogoggoraa akkan qabaadhu na godheera” jetteetti.

Ijoolleen keessan waaʼee saalqunnamtii dhugaa jiru hundumaa akka beekan godhaa. Haati biyya Meeksikoo jiraattuufi Naadiyaa jedhamtu tokko akkas jetteetti: “Yeroo hunda ijoolleekoo umrii waggoota kurnanii keessa jiranitti, saalqunnamtiin waan gammachiisaa uumamaan jiruufi kennaa Yihowaan ilmaan namootaatiif kenne akka taʼe isaanitti himuufan yaala. Taʼuyyuu iddoo mataasaa akka qabuufi kunis gaaʼela keessatti akka taʼe, akkasumas gammachuu nuu argamsiisuun ykn miidhaa nurra geessisuunsaa akkaataa itti fayyadamnurratti kan hundaaʼe akka taʼen isaanitti hima.”

ijwhf mata duree 4 key. 11-13

Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Ijoollee Barsiisuu

Dhimmicha irratti mariʼachuuf dursa fudhadhaa. Abbaan Maark jedhamuu fi Biritaaniyaa jiraatu akkana jedheera: “Itti fayyadamni dhugaatii alkoolii ijoollee burjaajessuu dandaʼa. Ilma koo isa umuriin isaa waggaa saddeet taʼe dhugaatii alkoolii dhuguun sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee yaada inni qabu gaafadheen ture. Haala isa hin dhiphisneen mariʼachuun keenya ilaalcha isaa ifatti akka ibsu isa gargaareera.”

Yeroo adda addaatti waaʼee dhugaatii alkoolii mariʼachuun ijoolleen keessan caalaatti dhimmicha akka hubatan isaan gargaara. Umurii ijoollee keessanii tilmaama keessa galchuudhaan yeroo waaʼee jireenya isaanii kan akka balaa konkolaataa irraa of eeguu fi barumsa saalaa mariʼattan waaʼee dhugaatii alkoolii barsiisuu dandeessu.

Fakkeenya taʼaa. Ijoolleen akkuma ispoonjii ti; wanta naannoo isaanii jiru salphaatti qabatu. Akkasumas warri ijoollee isaanii irratti caalaatti dhiibbaa geessisuu akka dandaʼan qorannoon ni argisiisa. Kana jechuun tasgabbaaʼuuf ykn dhiphina irraa furmaata argachuuf dhugaatii alkoolii kan dhugdan yoo taʼe, ijoolleen keessan dhugaatiin alkoolii dhiphina jireenya keessatti mudatuuf furmaata akka taʼe godhanii yaadu. Kanaafuu, fakkeenya gaarii taʼaa. Dhugaatii alkooliitti yommuu fayyadamtan itti gaafatamummaan kan isinitti dhagaʼamu taʼaa.

g17.6 9 key. 5

Akka Gad Of Qaban Ijoollee Barsiisuu

Arjaa akka taʼan isaan jajjabeessaa. ‘Fudhachuu irra kennuun caalaatti akka nama gammachiisu’ mucaa keessaniif mirkaneessaa. (Hojii Ergamootaa 20:35) Akkamitti? Waliin taatanii, namoota gabaadhaa waa bituu, geejjiba ykn hojii suphaa irratti gargaarsi isaan barbaachisu galmeessuu dandeessu. Achiis namoota akkasii yeroo gargaartan mucaa keessanii wajjin deemaa. Mucaan keessan namoota kaan yeroo gargaartanitti gammachuu guddaa argachuu keessan akka hubatu godhaa. Akkas yoo gootan, fakkeenya isaaniif taʼuudhaan gad of qabuu ilaalchisee karaa hunda irra caaluun isaan barsiisuu dandeessu.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Luqaas 6:38.

Albuuda Hafuuraa

w23.12 21 key. 12

Obboleettonni Dargaggoonni, Kiristiyaanota Bilchina Qabdan Taʼaa

12 Dandeettii warra kaan wajjin walii galuu horadhu. Kiristiyaanonni warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu qabu. Yaaqoob baratichi gorsa gaarii, “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa . . . haa taʼu” jedhu nuuf kenneera. (Yaq. 1:19) Warri kaan yeroo dubbatan xiyyeeffannaadhaan kan dhaggeeffattu yoo taʼe ‘miira isaanii akka isaaniif hubattu’ argisiista. (1 Phe. 3:8) Wanta namni tokko dubbatu ykn miira isaa hubachuun yoo si rakkise gaaffii tokko tokko isa gaafadhu. Achiis dubbachuu kee dura takka irratti yaadi. (Fak. 15:28, milj.) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wantin dubbachuuf jedhu dhugaa fi kan nama jajjabeessudhaa? Kabajaa fi gaarummaa kan argisiisudhaa?’ Obboleettota bilchaatoo warra kaan wajjin walii galuurratti dandeettii qabanirraa baradhu. (Fakkeenya 31:26 dubbisi.) Wanta isaan dubbatanii fi akkaataa itti dubbataniif xiyyeeffannaa kenni. Dandeettii kana caalaatti horachaa yeroo deemtu, hariiroon warra kaan wajjin qabdus caalaatti fooyyaʼa.

FULBAANA 22-28

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU LALLABA 1-2

Dhaloota Ittaanu Leenjisuu Keessan Itti Fufaa

w17.01 27-28 key. 3-4

‘Wantoota Sana Namoota Amanamoo Taʼaniitti Imaanaadhaan Kenni’

3 Baayʼeen keenya mirga tajaajilaa keenya kan jaallannu siʼa taʼu, yeroo hunda hojjechuu keenya utuu itti fufnee illee nutti tola. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni yeroo dullooman wanta dargaggummaa isaaniitti hojjechaa turan hunda hojjechuu hin dandaʼan. (Lal. 1:4) Yeroo dhihoodhaa asitti, jijjiiramni kun Kiristiyaanota dhugaatiif qorumsa addaa isaanitti taʼeera. Yeroo harʼaatti hojiin lallabaa guddachaa jira; akkasumas jaarmiyaan Yihowaa misiraachichi hamma dandaʼametti namoota hunda bira akka gaʼuuf teknoolojii ammayyaatti fayyadamaa jira. Haa taʼu malee, obboloota maanguddoo taʼan tokko tokkoof guddina kanaa wajjin qixxee deemuun isaan rakkisa taʼa. (Luq. 5:39) Kun yoo taʼuu baate illee, dargaggoonni maanguddoota caalaa ciminaa fi humna qabu taʼa. (Fak. 20:29) Kanaaf, maanguddoonni, dargaggoonni itti gaafatamummaa guguddaa akka fudhatan isaan qopheessuun isaanii barbaachisaa dha.—Faarfannaa 71:18 dubbisi.

4 Obboloonni aangoo qaban dargaggootaaf itti gaafatamummaa tokko tokko kennuun isaanitti ulfaata taʼa. Warri tokko tokko mirga jallatan dhabuu sodaatu. Tokko tokko immoo yoo isaan toʼatan malee dargaggoonni hojicha sirriitti hojjechuu akka hin dandeenye yaadu. Kaanis, warra kaan leenjisuuf yeroo akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Gama biraatiin immoo, dargaggoonni hojiin dabalataa waan isaaniif hin kennamneef abdii kutachuu hin qaban.

Albuuda Hafuuraa

w18.12 22 key. 14

Dargaggoota, Uumaan Keessan Gammadoo Akka Taatan Barbaada

14 Solomoon baayʼee sooressaa fi aangoo guddaa kan qabu waan tureef, ‘gammachuu qoree, wanta gaarii [dhufu] ilaaluuf’ yaalii godhee ture. (Lal. 2:1-10) Inni manneen ijaareera, iddoo biqiltuu qopheesseera, iddoo bashannanaa dhaabeera, akkasumas wanta barbaade hunda raawwachuuf yaalii godheera. Haa taʼu malee, erga kana godhee booda maaltu isatti dhagaʼame? Itti gammadee turee? Milkaaʼina akka argate isatti dhagaʼameeraa? Kana tilmaamuun nu hin barbaachisu. Solomoon ofii isaatii iyyuu nutti hima. “Wanta harki koo hojjete . . . hundumaa garagalee yommuun ilaalu, wanti kun hundinuu waaʼee hin baasu . . . wanti buʼaa qabu hin jiru” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 2:11) Kun barumsa guddaa dha! Kana ogummaadhaan yaadatti ni qabattuu?

FULBAANA 29–ONKOLOOLESSA 5

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU LALLABA 3-4

Wadaroo Keessan Isa Foʼaa Sadiin Foʼame Cimsadhaa

ijwhf mata duree 10 key. 2-8

Meeshaa Elektirooniksiitiif Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

● Ogummaadhaan meeshaa elektirooniksiitti fayyadamuun gaaʼelaaf fayyaduu dandaʼa. Fakkeenyaaf, abbootiin manaa fi haadhotiin manaa tokko tokko guyyaatti yeroo bakka adda addaa taʼanitti hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin haasaʼuuf itti fayyadamu.

“Ergaan gabaabaa akka ‘siin jaaladha’ ykn ‘waa’ee kee yaadaan jira’ jedhan illee caalaatti walitti akka dhihaattan gochuu danda’a.”—Yonaataan.

● Meeshaa elektirooniksii karaa ogummaa hin qabneen fayyadamuun gaaʼela miidhuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko meeshaa elektirooniksii isaanii karaa dhaabataa taʼeen itti fayyadamu, kunis yeroo fi xiyyeeffannaa hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif kennan xiqqeessa.

“Abbaan manaa koo yeroo ani bilbila kootti fayyadamaa hin jirreetti caalaatti na wajjin dubbachuuf yeroon isatti dhagaʼamu akka jiru beekamaa dha.”—Juulisaa.

● Namoonni tokko tokko meeshaa elektirooniksii isaanii utuma fayyadamaa jiranii hiriyaa gaaʼelaa isaanii wajjin haasaa gaarii gochuun akka dandaʼamu isaanitti dhagaʼama. Sheerii Taarkiil ishiin soosiyoloji irratti qorannoo gootu akkana jettetti, “namoonni al tokkotti wantoota lamaa fi lamaa ol taʼan sirriitti hojjechuun akka dandaʼamu isaanitti dhagaʼama.” Haa taʼu malee, namoonni hojiiwwan hedduu al tokkotti hojjechuun akka dandaʼamu isaanitti kan dhagaʼamu taʼus, kuni garuu sirrii miti. Sheeriin akkana jettetti, “hojii hojjechaa jirru irratti hojii kan biraa yeroo daballu dandeettiin hojjechuu keenya hirʼachaa deema.”

“Abbaa manaa koo wajjin haasaʼuun na gammachiisa, kuni garuu kan taʼu yeroo inni hojii hedduu hojjetu qabutti miti. Inni hojii hedduu yeroo hojjetutti ani achii jiraachuu fi dhiisuun koo akka isa hin yaaddessine natti dhagaʼama.”—Saaraa.

Yaada ijoo: Akkaataan meeshaa elektirooniksii keessan itti fayyadamtan gaaʼela keessan fayyaduu ykn miidhuu dandaʼa.

w23.05 23-24 key. 12-14

‘Laboobni Yaah’ Bobaʼuu Isaa Akka Itti Fufu Godhaa

12 Hiriyoonni gaaʼelaa fakkeenya Aqiilaa fi Phirisqiilaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Wantoota isinis taatan hiriyaan gaaʼelaa keessan hojjechuun isin barbaachisan hedduu yaadaa. Hojiiwwan kana keessaa muraasa isaanii kophaatti utuu hin taʼin, waliin hojjechuu ni dandeessuu? Fakkeenyaaf, Aqiilaa fi Phirisqiilaan waliin tajaajilaniiru. Isinoo sagantaa dhaabbataa waliin itti tajaajiltan qabduu? Aqiilaa fi Phirisqiilaan waliin ni hojjetu turan. Tarii isin hojii wal fakkaatu hin qabdan taʼa; garuu hojii mana keessaa waliin hojjechuu ni dandeessuu? (Lal. 4:9) Yeroo waliin taatanii hojii tokko hojjettan garee tokko akka taatan isinitti dhagaʼama, carraa itti haasoftanis ni argattu. Roobartii fi Liindaan gaaʼela erga dhaabbatanii waggaa 50 ol taʼeera. Roobarti akkana jedheera: “Dhugaa isaa dubbachuuf, yeroo waliin taanee bashannanarratti dabarsinu hedduu hin qabnu. Haa taʼu malee, yeroon ani miʼa dhiqu ishiin ni qoorsiti, akkasumas yeroon biqiltoota kunuunsu dhuftee na faana hojjetti; kun baayʼee na gammachiisa. Waliin taanee waa hojjechuun keenya walitti nu dhiheessa. Jaalalli keenyas guddachuu isaa itti fufa.”

13 Haa taʼu malee, waliin taʼuun keessan qofti tokkummaa cimaa akka qabaattan gochuu dhiisuu akka dandaʼu yaadadhaa. Haati manaa Biraaziil keessa jiraattu takka akkana jetteetti: “Yeroo ammaatti, wantoonni xiyyeeffannaa keenya hihiran hedduun waan jiraniif, mana tokko keessa waan jiraanneef qofa yeroo waliin dabarsaa akka jirru nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Waliin taʼuun qofti gaʼaa akka hin taane baradheera. Hiriyaa gaaʼelaa kootiif xiyyeeffannaa kennuun na barbaachisa.” Biruunoo fi haati manaa isaa Taayis xiyyeeffannaa kan waliif kennan akkamitti akka taʼe hubadhaa. Biruunoon akkana jedheera: “Yeroo waliin taanutti bilbila keenya of biraa fageessinee, yeroo waliin dabarsinutti gammaduuf yaalla.”

14 Haa taʼu malee, yeroo waliin dabarsuun isin hin gammachiisu yoo taʼehoo? Tarii fedhiin qabdan garaa gara taʼuu dandaʼa ykn walitti aartu taʼa. Maarree, maal gochuu dandeessu? Ibidda olitti caqasne yaadadhaa. Ibiddi bobaʼuu kan jalqabu akkuma tasaa miti. Bobaʼuu isaa akka itti fufuuf qoraan guguddaa itti dabaluu keessan itti fufuu qabdu. Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan yeroo gabaabaa waliin dabarsuuf maaliif hin yaaltan? Yeroo waliin taatanitti wanta walitti isin buusu utuu hin taʼin, wanta lamaan keessaniyyuu gammachiisu gochuuf yaalaa. (Yaq. 3:18) Wantoota xixinnoo gochuudhaan jaalalli keessan cimaa akka deemu gochuu dandeessu.

w23.05 21 key. 3

‘Laboobni Yaah’ Bobaʼuu Isaa Akka Itti Fufu Godhaa

3 ‘Laboobni Yaah’ gaaʼela isaanii keessatti bobaʼuu isaa akka itti fufu gochuuf abbaan manaas taʼe haati manaa Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuuf carraaqqii gochuu qabu. Michummaan kun gaaʼela isaanii keessatti kan isaan fayyadu akkamitti? Hiriyoonni gaaʼelaa michummaa Abbaa isaanii isa samii wajjin qabaniif iddoo guddaa kan kennan yoo taʼe gorsa isaa dafanii hojiirra oolchu; kunimmoo rakkoowwan jaalala waliif qaban qabbaneessan hambisuuf ykn mooʼuuf isaan gargaara. (Lallaba 4:12 dubbisi.) Namoonni karaa hafuuraa cimoo taʼan fakkeenya Yihowaa hordofuu fi amaloota isaa kanneen akka gaarummaa, obsaa fi dhiifama gochuu jiran horachuuf carraaqqii godhu. (Efe. 4:32–5:1) Hiriyoonni gaaʼelaa amaloota kana yeroo argisiisan jaalalli waliif qaban salphaatti guddata. Obboleettiin Liinaa jedhamtuu fi gaaʼela keessatti waggaa 25 ol dabarsite, “Nama hafuuraa kabajuu fi jaallachuun salphaadha” jetteetti.

Albuuda Hafuuraa

w22.12 4 key. 7

Bara Baraaf Jiraachuu ni Dandeenya

7 Yihowaan jiraachuuf fedhii cimaa akka qabaannu godhee nu uume. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “garaa namootaa keessa bara baraaf jiraachuu [akka] kaaʼe” dubbata. (Lal. 3:11) Duʼa akka diina keenyaatti kan ilaallu kanaafi. (1 Qor. 15:26) Dhibee cimaan yoo nu qabe hamma duunutti calluma jennee eegnaa? Lakki. Yeroo baayʼee ogeessa yaalii fayyaa bira deemna, akkasumas qoricha dhukkubicharraa bayyanachuuf nu gargaaru fudhanna. Kana malees, duʼarraa ooluuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona. Dargaggeessas taʼe maanguddoo, namni jaallannu tokko yeroo duʼu baayʼee gaddina. (Yoh. 11:32, 33) Uumaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe ilmaan namootaa bara baraaf akka jiraatan kaayyoo hin qabu utuu taʼee, dandeettii bara baraaf barachuu fi fedhii bara baraaf jiraachuu nuuf hin kennu ture. Haa taʼu malee, sababii guddaa bara baraaf jiraachuu akka dandeenyu itti amannu kan biraas qabna. Mee gochawwan Yihowaan kaayyoo isaa isa jalqabaa akka hin jijjiirre argisiisanii fi kanaan dura raawwatee fi yeroo ammaatti raawwachaa jiru tokko tokko haa ilaallu.

ONKOLOOLESSA 6-12

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU LALLABA 5-6

Waaqa Keenya Isa Guddaadhaaf Kabaja Guddaa Akka Qabnu Argisiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?

w08 8/15 15-16 key. 17-18

Karaa Ulfina Qabuun Jiraachuudhaan Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

17 Macaafni Qulqulluun, keessumaa yeroo waaqeffannaatti ulfina argisiisuu akka qabnu ibsa. Lallabni 5:1 “Mana Waaqayyootti yommuu ol lixxu miilla kee eeggadhu!” jedha. Museefi Iyaasuun yommuu bakka qulqullaaʼaa dhaabatanii turan kopheesaanii akka ofirraa baasan abboomamaniiru. (Bau. 3:5; Iya. 5:15) Kana kan godhan ulfina argisiisuuf ture. Israaʼeloonni luboota taʼan “qullaa isaanii dhoksuudhaaf” uffatasaanii jalatti qumxaa quncee talbaarraa tolfame uffachuun dirqamasaanii ture. (Bau. 28:42, 43) Kana gochuunsaanii bakka aarsaatti yommuu tajaajilan qullaansaanii akka hin argamne godha. Miseensonni maatii lubootaa hundi, ulaagaa Waaqayyo ulfinaaf baase eeguu qabu turan.

18 Waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef, jireenya keenya hundaan ulfina argisiisuu qabna. Ulfina argachuu yoo barbaanne, karaa ulfina qabuun jiraachuun keenya barbaachisaadha. Ulfinni argisiisnu fakkeessuudhaaf ykn maqumaaf kan godhamu taʼuu hin qabu. Kanaa mannaa, garaa keenya isa Waaqayyo argurraa kan madde taʼuu qaba. (1 Sam. 16:7; Fak. 21:2) Yeroo hundumaa ulfina qabeeyyii haa taanu. Kunimmoo amala keenya, fedhii keenya, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuufi ilaalcha ofiif qabnurratti dhiibbaa gaarii geessisuu qaba. Dhugumayyuu, yeroo hundumaa, wanta jennuufi wanta goonu hundumaan ulfina argisiisuun keenya barbaachisaadha. Amala keenya, uffannaafi akkaataa miidhaginaa keenya ilaalchisee jechoota Phaawulos yaadatti qabachuu qabna. Phaawulos, “Ergaan keenya maqaa gadhee akka hin arganneef nama tokko iyyuu matumaa hin gufachiifnu. Haa taʼu iyyuu malee, nuyi karaa hundumaan akka hojjetoota Waaqayyootti of in dhiʼeessina” jedheera. (2 Qor. 6:3, 4) “Barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mulʼatu” goona.—Tit. 2:10.

w09 11/15 11 key. 21

Macaafa Qulqulluu Qayyabachuudhaan Kadhannaakee Fooyyeffadhu

21 Kadhannaan Yesus ulfina guddaafi amantii guutuu akka qabu kan argisiisu ture. Fakkeenyaaf Alaazaariin duʼaa kaasuusaa dura, “Ol ilaalee, ‘Yaa abbaa! Anaaf dhagaʼuu keetiif sin galateeffadha. Akka ati yeroo hundumaa anaaf dhageessu, ani beekeera’” jedheera. (Yoh. 11:41, 42) Kadhannaankee, ulfina guddaafi amantii akkasii akka qabdu kan argisiisudhaa? Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti kenneefi ulfina guddaa argisiisu xiyyeeffannaadhaan qoʼadhu; kadhannaa kanarratti wantoonni akka gaariitti addeeffaman maqaan Yihowaa qulqulluu taʼee eegamuu, Mootummaansaa dhufuufi jaalallisaa akka raawwatamu gochuu akka taʼe ilaaluu dandeessa. (Mat. 6:9, 10) Mee kadhannaankee maal akka fakkaatu yaadi. Kadhannaankee Mootummaa Yihowaatiif, jaalallisaa akka raawwatamuufi maqaansaa qulqulluu taʼee akka eegamuuf xiyyeeffannaa guddaa akka kennitu kan argisiisudha? Eeyyee kana kan argisiisu taʼuu qaba.

w17.04 6 key. 12

“Wanta Wareegde Raawwadhu!”

12 Haa taʼu malee, cuuphaan tarkaanfii jalqabaa qofa dha. Yeroo sanaa kaasee, murtoo tajaajila Waaqayyoo keessatti goonee wajjin haala wal simuun jiraachuu keenya itti fufuu barbaanna. Kanaaf akkana jennee of gaafanna taʼa: ‘Ergan cuuphamee kaasee hariiroon Yihowaa wajjin qabu guddachaa kan adeeme akkamitti? Garaa koo guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu koo itti fufeeraa? (Qol. 3:23) Yeroo hunda nan kadhadhaa? Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaatti nan dubbisaa? Walgaʼiiwwan gumii irratti yeroo hunda nan argamaa? Hamma naaf dandaʼame hoo tajaajila irratti nan hirmaadhaa? Moo hirmaannaan sochiiwwan hafuuraa kana irratti godhu hirʼateera?’ Pheexiros ergamaan, amantii keenya irratti beekumsa, jabaatanii dhaabachuu fi Waaqayyoof buluu kan daballu yoo taʼe, sochii tajaajila irratti goonu akka hin hirʼisne akka nu gargaaru dubbateera.—2 Pheexiros 1:5-8 dubbisi.

Albuuda Hafuuraa

w20.09 31 key. 3-5

Gaaffii Dubbistootaa

Lallabni 5:8 bulchaa hiyyeessa cunqursuu fi haqa isaan dhowwatu argisiisa. Bulchaan kun namni aangoo isa caalu qabu ykn mootummaa keessatti aangoodhaan isa caalu akka jiruu fi isa ilaaluu akka dandaʼu yaadachuu qaba ture. Warri aangoo guddaa qaban kaanis jiraachuu dandaʼu taʼa. Kan nama gaddisiisu, bulchitoonni mootummoota ilmaan namootaa keessa jiran kun hundi haqa kan jalʼisan taʼuu dandaʼu, kanaan kan kaʼes, namoonni kaan jalʼina haqaa sadarkaa hedduutti raawwatamu dandaʼanii jiraachuuf dirqamu.

Taʼus, haalli isaa hammam iyyuu abdii kan hin qabne yoo fakkaate, Yihowaan ‘hojjetaa mootummaa isa gararraa jiru’ sana illee akka ilaalu beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Waaqayyotti iyyannoo dhiheessuu fi baʼaa keenya isa irratti gatuu ni dandeenya. (Far. 55:22; Filp. 4:6, 7) ‘Waaqayyo guutummaa biyya lafaa akka ilaalu, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan akka gargaaru’ beekna.—2 Sen. 16:9.

Kanaafuu, Lallabni 5:8 haala qabatamaa namoonni aangoo mootummaa qaban keessa jiranii fi yeroo hundumaa qaamni aangoo guddaa qabu tokko akka jiru nu yaadachiisa. Hunda caalaa immoo caqasni kun Yihowaan hundumaa akka caalu, jechuunis Aangoo Ol Aanaa kan qabu taʼuu isaa akka xiinxallu nu gargaaruu dandaʼa. Inni yeroo ammaa karaa Ilma isaa, Yesuus Kiristoos isa Mootii Mootummichaa taʼeen bulchaa jira. Inni Hundumaa Dandaʼuu fi hundumaa ilaalu, guutummaatti haqa qabeessa dha, Ilmi isaas akkasuma dha.

ONKOLOOLESSA 13-19

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU LALLABA 7-8

‘Gara Mana Gaddaa Deemaa’

w17.07 14 key. 12

“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”

12 Namoota gaddi isaan irra gaʼeef wanti madda jajjabinaa taʼe inni biraan gumii Kiristiyaanaa ti. (1 Tasalonqee 5:11 dubbisi.) Namoota ‘yaadni isaanii cabe’ cimsuu fi jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti? (Fak. 17:22) Yaada, “calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedhu yaadadhaa. (Lal. 3:7) Daaliin ishiin abbaan manaa ishii duʼe akkana jetteetti: “Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban yaada isaanii fi miira isaanii ibsuu barbaadu. Kanaaf, nama gaddeef wanti gochuu dandeessan inni guddaan gidduutti utuu isa hin kutin isa dhaggeeffachuu dha.” Yuuniyaa ishii obboleessi ishii of ajjeesses akkana jetteetti: “Gadda isaanitti dhagaʼamu guutummaatti hubachuu baattanis, wanta isaanitti dhagaʼamu hubachuu kan barbaaddan taʼuun keessan qofti isaan jajjabeessa.”

w19.06 23 key. 15

Warri Kaan Dhiphina Akka Dandamatan Gargaaraa

15 Wiiliyaam inni haati manaa isaa waggoota hedduu dura jalaa duute akkas jedheera: “Namoonni wanta haati manaa koo raawwatte yommuu dubbatan nan dinqisiifadha; kun ishiin jaallatamtuu fi kabajamtuu akka taate waan naaf mirkaneessuuf na jajjabeessa. Deggersi akkasii gargaarsa guddaa naaf godha. Haadha manaa koo baayʼee waanan jaalladhuu fi ishiin jireenya koo keessatti iddoo guddaa waan qabduuf, kun baayʼee na gammachiisa.” Biyaankaa ishiin abbaan manaa ishii irraa duʼe akkas jetteetti: “Namoonni kaan yommuu na wajjin kadhatanii fi caqasa tokko ykn lama naaf dubbisan nan jajjabaadha. Waaʼee abbaa manaa koo dubbachuun isaanii fi yommuu ani waaʼee isaa dubbadhu na dhaggeeffachuun isaanii na gargaara.”

w17.07 15-16 key. 16

“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”

16 Kiristiyaana namni jalaa duʼee wajjinis taʼe, waaʼee isaa caqasanii kadhachuun faayidaa inni qabu salphistanii hin ilaalinaa. Haala akkasii keessatti miirri keessan waan jeeqamuuf, yaada keessan kadhannaadhaan ibsuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. Taʼus, sagaleen keessan ciccitaa fi booʼaa illee kadhannaan garaadhaa waaʼee nama sanaa dhiheessitan, jajjabeessuuf humna guddaa qaba. Daaliin akkana jechuudhaan waan yaadattu dubbatti: “Al tokko tokko obboleettonni na jajjabeessuu yommuu dhufan, akka anaaf kadhatan isaanan gaafadha ture. Yeroo baayʼee jalqaba irratti yaada isaanii ibsuun kan isaan rakkisu taʼus, sagaleen isaanii suutuma suuta tasgabbaaʼaa adeema; achiis kadhannaa garaadhaa madde dhiheessu. Amantiin isaanii inni cimaan, jaalalli isaanii fi kan anaaf yaadan taʼuu isaanii arguun koo amantii koo baayʼee naaf cimseera.”

w17.07 16 key. 17-19

“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”

17 Yeroon namni tokko gadda isaa irraa itti jajjabaachuuf fudhatu, isa kaan irraa baayʼee adda taʼuu dandaʼa. Kanaaf, namoota gadda irra jiran jajjabeessuuf guyyoota muraasa jalqabaa yeroo michoonnii fi firoonni isaanii jiranitti qofa utuu hin taʼan, jiʼoota itti aanan yommuu namoonni kun gara hojii hojii isaaniitti deebiʼan dhaqxanii isaan jajjabeessuu dandeessu. “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, innis obboleessa yeroo rakkinaatiif dhalate dha.” (Fak. 17:17, NW) Gadda isaa irraa jajjabaachuuf yeroo hangamii kan fudhatu taʼu iyyuu, Kiristiyaanonni hidhata amantii isaa taʼan isa cinaa akka jiran beekuun isaa guddaa isa jajjabeessuu dandaʼa.—1 Tasalonqee 3:7 dubbisi.

18 Namni nama jaallatu jalaa duʼe guyyaa gaaʼela itti godhatan yommuu yaadatu, muuziqaa, suuraa, hojiiwwan ykn urgaa, sagalee ykn tibba tokko tokkotti gaddi isatti dhagaʼamu akka dandaʼu yaadadhaa. Keessumaa wantoota hedduu namni hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼe yeroo jalqabaatiif kophaa isaa raawwatu, jechuunis akka walgaʼii guddaa ykn Ayyaana Yaadannoo irratti kophaa isaa yommuu taʼu gaddi guddaan isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Erga haati manaa koo duutee booda guyyaan gaaʼela itti godhannetti yeroo jalqabaatiif kophaa taʼuun koo baayʼee kan na jeequ akka taʼu eegeen ture; dhuguma iyyuu salphaa hin turre. Kophaa koo akkan hin taaneef garuu obboloonni muraasni, michoota koo wajjin yeroo akkan dabarsuuf qophii xinnoo godhanii turan.”

19 Taʼus, namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban jajjabinni kan isaan barbaachisu qophii adda taʼe irratti qofa akka hin taane yaadadhaa. Yuuniyaan akkana jetteetti: “Qophiin adda yeroo hin jirrettis nu gargaaruu fi nuu wajjin taʼuun isaanii yeroo baayʼee faayidaa guddaa qaba. Wantoonni sagantaa malee raawwataman akkasii faayidaa guddaa fi jajjabina hangana hin jedhamne argamsiisu.” Gadda hunda hambisuu ykn qaawwa sababii nama duʼe sanaatiin uumame guutummaatti duuchuu kan hin dandeenye taanus, wantoota tokko raawwachuudhaan namni gaddi irra gaʼe sun hamma tokko jajjabina akka argatu gochuu dandeenya. (1 Yoh. 3:18) Gabeen akkana jetteetti: “Yihowaan jaarsolii gumii jaalala qabanii fi rakkina koo hunda keessatti utuu na biraa hin hafin na gargaaran waan naa kenneef isan galateeffadha. Dhugaadhumatti, harki Yihowaa akka na hammate akka natti dhagaʼamu godhaniiru.”

Albuuda Hafuuraa

w23.03 31 key. 18

“Namoonni Hundi Akka Isin Barattoota Koo Taatan Kanaan ni Beeku”

18 Yeroo tokko tokko obboleessa nu aarse sana haasofsiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Jalqaba garuu, akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Wanti uumame guutummaatti naa galeeraa?’ (Fak. 18:13) ‘Utuu itti hin yaadin akkas godhee laata?’ (Lal. 7:20) ‘Anoo dogoggora akkasii raawwadhee beekaa?’ (Lal. 7:21, 22) ‘Nama sana haasofsiisuun koo furmaata argamsiisuu mannaa, rakkinichi akka hammaatu godhaa laata?’ (Fakkeenya 26:20 dubbisi.) Yeroo fudhannee gaaffilee akkasiirratti yoo yaanne, jaalalli obboleessa keenyaaf qabnu dhimmicha calluma jennee irra darbuuf nu kakaasuu dandaʼa.

ONKOLOOLESSA 20-26

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU LALLABA 9-10

Qorumsa Isin Mudatuuf Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa

w13 8/15 14 key. 20-21

Matumaa ‘Yihowaa Hin Komatinaa’

20 Abbuma balleesse komadhaa. Akkas gochuu kan qabnu maaliifi? Rakkoowwan nurra gaʼan tokko tokkoof kan itti gaafatamu numa taʼuu danda’a. Nutu balleesse taanaan, balleessaa keenya amannee fudhachuu qabna. (Gal. 6:7) Rakkoowwan isinirra gaʼaniif Yihowaa hin komatinaa. Akkas gochuun sirrii kan hin taane maaliifi? Fakkeenya kana haa ilaallu: Konkolaataan tokko saffisa guddaadhaan deemuu danda’a. Konkolaachisaan tokko daandii jalʼataarra saffisa isaaf heyyamameera darbee utuu oofuu konkolaatichi ni garagale. Balaa ga’e kanaaf warshaan konkolaaticha oomishe itti gaafatamuu qabaa? Matumaa itti gaafatamuu hin qabu! Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan mirga filannaa akka qabaannu godhee kan nu uume taʼus, akkamitti murtoo gaarii gochuu akka dandeenyu qajeelfama nuu kenneera. Kanaaf, dogoggora ofii keenya raawwanneef maaliif Uumaa keenya komanna?

21 Rakkinni nurra ga’u hundi sababii dogoggora ykn cubbuu keenyaatiin kan nutti dhufu akka hin taane beekamaadha. Wantoonni tokko tokko kan nurra gaʼan sababii ‘yeroofi walitti dhufuutiin’ kan kaʼedha. (Lal. 9:11) Haata’u malee, adda durummaadhaan maddi hamminaa Seexana taʼuusaa dagachuu hin qabnu. (1 Yoh. 5:19; Mul. 12:9) Diinni keenya Seexanadha malee Yihowaa miti!—1 Phe. 5:8.

w19.09 5 key. 10

Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna

10 Kana malees amalli gad of qabuu jireenyi keenya salphaa akka taʼu godha. Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti wantoota sirrii akka hin taane nutti dhagaʼaman arguu akka dandeenyu beekamaa dha. Nama ogeessa kan ture Solomoon Mootichi akkana jedheera: “Garboonni fardaan utuu adeemanii, bulchitoonni biyyaa immoo akka garbootaa lafa utuu adeemanii ani argeera.” (Lal. 10:7) Namoonni dandeettii guddaa qaban yeroo hunda beekamtii hin argatan. Yeroo tokko tokko immoo namoonni dandeettii guddaa hin qabne caalaatti ulfina argatu. Taʼus, Solomoon haalawwan rakkisoo jireenya keessatti uumamaniin garmalee dhiphachuu mannaa dhugaa jiru amannee fudhachuu akka qabnu hubatee ture. (Lal. 6:9) Kan gad of qabnu yoo taʼe wantoota nuti hin jaallannee fi jireenya keenya keessatti nu mudatan amannee fudhachuun nuuf salphata.

w11 10/15 8 key. 1-2

Wanti Itti Bashannantan Faayidaa Qabaa?

YIHOWAAN akka jiraannu qofa utuu hin taʼin, akka gammannu kan barbaadu taʼuusaa guutummaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsameera. Fakkeenyaaf, Faarfannaa 104:14, 15​rratti Yihowaa ilaalchisee akkas jedhameera: “Horiidhaaf margi akka biqilu in goota; namnis ittiin haa hojjetuuf, lafa irraas midhaan akka argatuuf biqila in laattaaf. Wayniin garaa namaa akka gammachiisuuf, fuulli dhadhaadhaan akka calaqqisuuf, buddeennis namaaf humna akka taʼuuf in goota.” Yihowaan midhaanni biqilee oomisha, zayitiifi wayinii jireenyaaf nu barbaachisan akka argannu godha. Wayiniin jireenyaaf dirqama barbaachisuu baatullee, “gammachuu” argamsiisa. (Lal. 9:7; 10:19) Eeyyee, Yihowaan garaan keenya “gammachuudhaan” akka guutamu barbaada.—HoE. 14:16, 17.

2 Kanaaf, yeroo tokko tokko “simbirroota qilleensa keessa balaliʼaniifi]” ‘daraarota bakkee ilaaluuf’ sagantaa baafachuun ykn sochiiwwan gaarii kan biraarratti hirmaachuudhaan gammaduun dogoggora akka taʼetti yaaduu hin qabnu. (Mat. 6:26, 28; Far. 8:3, 4) Jireenyi gaariin gammachuu qabu “kennaa Waaqayyooti.” (Lal. 3:12, 13) Yeroon itti bohaarru kennaa Waaqayyoo keessaa tokko waan taʼeef karaa isa gammachiisuun itti fayyadamuu qabna.

Albuuda Hafuuraa

lv 137 key. 11, 12

Dubbii ‘Ijaarsaaf Tolu’ Dubbadhaa

11 Waa’ee namootaa dubbachuu, maqaa balleessuu. Namoonni waa’ee namootaafi waa’ee jireenyasaanii dubbachuu jaallatu. Haata’u malee, waa’ee namootaa dubbachuun yeroo hundaa gadheedha jechuudhaa? Eenyu akka cuuphame, jajjabina argachuun kan isa barbaachisu eenyu akka taʼeefi oduu nama gammachiisu dubbachuuf taanaan, wanti dubbanne gadheedha jechuu miti. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan waliisaaniitiifi nageenya warra kaaniif waan yaadaniif, odeeffannoo waa’ee namoota hidhata amantiisaanii ni dubbatu turan. (Efesoon 6:21, 22; Qolosaayis 4:8, 9) Haata’u malee, wanti dubbannu dhugaa jiru kan jalʼisu ykn iccitii namootaa kan baasu yoo taʼe hamii waan taʼeef miidhaa geessisuu danda’a. Wanti kana caalaa ulfaataa taʼemmoo, hamiin akkasii gara maqaa balleessuutti kan nama geessu taʼuusaati. Maqaa balleessuun, “nama tokko sobaan hadheessuudhaan maqaa gaarii inni qabu xureessuu” jechuudha. Fakkeenyaaf Fariisonni Yesusiin namoota kaan biratti fudhatama dhabsiisuuf hamminaan maqaasaa balleessaniiru. (Maatewos 9:32-34; 12:22-24) Maqaa namaa balleessuun yeroo baayʼee walitti buʼiinsa uuma.—Fakkeenya 26:20.

12 Yihowaan namoota dandeettii dubbachuu isaaniif kennameen maqaa warra kaanii balleessuuf ykn gargar baʼuun akka uumamu gochuuf itti fayyadaman callisee hin ilaalu. Yihowaan nama “gargar baʼuu obboloota gidduutti facaasu” ni jibba. (Fakkeenya 6:16-19) Jechi afaan Giriikii “kan maqaa balleessu” jedhamee hiikame, diiyaaboloos kan jedhu yommuu taʼu, jechumti kun maqaa Seexanaa taʼee tajaajileera. Inni hamminaan kakaʼee maqaa Waaqayyoo waan balleesseef “Diiyaabilos” jedhamee waamameera. (Mulʼata 12:9, 10) Maqaa warra kaanii balleessuudhaan Diiyaabilosiin fakkaachuu waan hin barbaanneef akka of eegnu beekamaadha. Hojii foonii inni ‘qoccolloofi yaadaan gargar baʼuun’ akka uumamu godhu gumii keessatti iddoo hin qabu. (Galaatiyaa 5:19-21) Kanaaf, dubbii dhageesse tokko dubbachuukee dura akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dubbichi dhugaadhaa? Dabarsee yoon dubbadhe gaarummaa taʼaa? Kana dubbachuun barbaachisaafi faayidaa kan qabudhaa?’—1 Tasalonqee 4:11.

ONKOLOOLESSA 27–SADAASA 2

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU LALLABA 11-12

Fayyaa Keessan Eeggachuudhaan Gammachuudhaan Jiraadhaa

w23.03 25 key. 16

Waaʼee Yihowaa Ijoollee Keessan Barsiisuuf Uumamatti Fayyadamaa

16 Maatiiwwan wantoota Yihowaan uume ilaalaa gammaduu fi yeroo gaarii waliin dabarsuu dandaʼu; kunimmoo jaalalli isaan gidduu jiru akka cimu godha. Kitaabni Qulqulluun, ‘kolfuun yeroo akka qabu,’ akkasumas ‘burraaquun yeroo akka qabu’ dubbata. (Lal. 3:1, 4, milj.) Yihowaan lafarratti iddoowwan babbareedoo itti bashannanuu dandeenyu nuuf uumeera. Maatiiwwan hedduun naannoowwan fincaaʼaan, gaarreen ykn haroon jiranitti waliin yeroo dabarsuun isaan gammachiisa. Ijoolleen tokko tokko paarkii keessa fiiguu fi taphachuun, bineeldota ilaaluun ykn lagaa fi haroo daakuun isaan gammachiisa. Wantoota Yihowaan uumetti gammaduuf carraa hedduu qabna.

w23.02 21 key. 6-7

Jireenya Isa Kennaa Waaqayyoo Taʼe Dinqisiifadhu

6 Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa ykn kitaaba waaʼee sirna nyaataa dubbatu taʼuu baatus, wantoota kana ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu ni dubbata. Fakkeenyaaf, wantoota ‘qaama keenya’ miidhanirraa akka fagaannu gorsa nuuf kenna. (Lal. 11:10) Kitaabni Qulqulluun garmalee nyaachuu fi garmalee dhuguu ni balaaleffata; wantoonni kun duʼaafillee nu saaxiluu dandaʼu. (Fak. 23:20) Yihowaan wanta nyaannuu fi wanta dhugnu wajjin haala wal qabateen akka of toʼannu nurraa eega.—1 Qor. 6:12; 9:25.

7 Murtoo yeroo goonutti dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamuudhaan jireenya isa kennaa Waaqayyoo taʼeef dinqisiifannaa guddaa akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Far. 119:99, 100; Fakkeenya 2:11 dubbisi.) Fakkeenyaaf, wanta nyaannu ilaalchisee filannaa gaarii goona. Nyaata tokko kan jaallannu taʼus, nyaatichi akka nu dhukkubsu yoo beekne nyaachuurraa of qusanna. Hirriba gaʼaa rafuuf ykn sochii qaamaa gochuuf, akkasumas qulqullina qaama keenyaa fi mana keenyaa eeggachuuf carraaqqii gochuun keenyas ogeeyyii akka taane argisiisa.

w24.09 2 key. 2-3

“Dubbicha Hojii Irra kan Oolchitan Taʼaa”

2 Nuti tajaajiltoonni Yihowaa saba gammadoodha. Maaliif? Sababiiwwan hedduu qabna; sababii guddaan tokko yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi wanta baranne hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuu keenyadha.—Yaaqoob 1:22-25 dubbisi.

3 ‘Dubbicha hojii irra kan oolchinu taʼuun’ keenya faayidaa hedduu nuuf argamsiisa. Tokkoffaa, wanta baranne hojiirra oolchuun keenya Yihowaa gammachiisa. Kana beekuun keenyammoo nu gammachiisa. (Lal. 12:13) Wanta Dubbii Waaqayyoorraa baranne hojiirra yeroo oolchinu, walitti dhufeenyi miseensota maatii keenyaa fi obboloota gumii keenyaa wajjin qabnu ni fooyyaʼa. Atis kana jireenya kee keessatti akka argite hin shakkisiisu. Hunda caalaammoo, rakkina namoota daandii Yihowaa hin hordofnerra gaʼu hedduurraa ni baraaramna. Kanaafuu, wanta Daawit Mootichi dubbaterratti walii galla. Daawit faarfannaasaarratti seera, qajeelfamaa fi murtii Yihowaa erga caqasee booda, “Isaaniin eeguunis badhaasa guddaa argamsiisa” jedheera.—Far. 19:7-11.

Albuuda Hafuuraa

w18.05 16 key. 16-18

Yihowaan Namoota ‘Jabaatanii Dhaabachuudhaan Firii Godhatan’ ni Jaallata

16 Ergaan Mootummichaa nuti lallabnu garaa namootaa kan hin tuqne kan fakkaatu taʼu illee, dhiibbaa hojii facaasuu nuti raawwannu qabu salphisnee ilaaluu hin qabnu. (Lallaba 11:6 dubbisi.) Namoonni hedduun kan nu hin dhaggeeffanne taʼu illee, akka nu ilaalan beekamaa dha. Uffata qulqulluu uffanne, amala keenya isa gaarii fi garaadhaa seequu keenya ni hubatu. Oolee bulee, amalli keenya namoonni tokko tokko ilaalchi dogoggoraa nuuf qaban sirrii akka hin taane akka hubatan isaan gargaaruu dandaʼa. Sargiyee fi Oliindaan olitti caqasamanii turan, kun dhugaa taʼuu isaa hubataniiru.

17 Sargiyeen akkana jedheera: “Sababii dhukkubaatiin yeroo muraasaaf walakkaa magaalaa bakka namoonni itti baayʼatan sana hin deemne turre. Yommuu deebinu namoonni achi irra darban, ‘Maal taatan? Baayʼee isin yaadne’ nuun jedhan.” Oliindaanis seequudhaan akkana jetteetti: “Konkolaachiftoonni atoobisii harka nutti raasan, kaan immoo sagalee isaanii guddisanii ‘Jabaadhaa!’ nuun jedhan. Barreeffamoota keenya fudhachuuf kan nu gaafatanis jiru.” Namichi tokko gaarii isaan ittiin lallaban bira dhufee, abaaboo qabaa tokko isaaniif kennuudhaan, hojii isaan hojjetaniif isaan galateeffachuun isaa isaan dinqisiisee ture.

18 Dhuguma iyyuu, ‘harki keenya’ sanyii Mootummichaa ‘facaasuuttii hamma hin boqonnetti,’ hirmaannaa ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼamuuf’ godhamu irratti gaʼee guddaa qabaanna. (Mat. 24:14) Hunda caalaa garuu, gammachuu guddaa Yihowaa duratti fudhatama akka qabnu beekuudhaan argamu qabaanna; Yihowaan namoota ‘jabaatanii dhaabachuudhaan firii godhatan’ hunda ni jaallata!

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi