Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa
© 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
SADAASA 3-9
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU WEEDDUU WEEDDUU CAALU 1-2
Seenaa Jaalala Dhugaa Argisiisu
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
9 Gaaʼelli, walii galtee utuma jaalala waliif hin qabaatin waliin jiraachuudhaaf godhamu miti. Gaaʼelli Kiristiyaanotaa jaalalaan beekama. Haa taʼu malee, jaalalli kun jaalala akkamii ti? Jaalala seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamu dhaa? (1 Yoh. 4:8) Jaalala uumamaa miseensonni maatii waliif qabani dhaa? Walitti dhufeenya cimaa fi jaalala hiriyoonni dhugaan waliif qabanii wajjin wal fakkaatu kan dabalatu dhaa? (Yoh.11:3) Jaalala saala faalaa gidduu jiraatu dhaa? (Fak. 5:15-20) Jaalalli hiriyoota gaaʼelaa dhugaa fi cimaa taʼe akaakuuwwan jaalalaa armaan olitti caqasne hunda ni dabalata. Namni tokko jaalala akka isaaf qabdan kan beeku yeroo isaaf ibsitani dha. Hiriyoonni gaaʼelaa sochiin jireenyaa guyyaa guyyaatti raawwatan jaalala isaanii akka waliif hin ibsine akka isaan godhu heyyamuu hin qaban! Jaalala walii ibsuun gaaʼela keessa nageenyaa fi gammachuun akka jiraatu gochuu irratti gahee guddaa qaba. Aadaawwan warri ijoollee isaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa itti filatan keessatti, warri wal fuudhan wal beekuu iyyuu dhiisuu dandaʼu; namoonni akkasii afaaniin jaalala walii ibsuun barbaachisaa taʼuu isaa hubachuun isaanii, jaalalli isaanii akka guddatuu fi gaaʼelli isaanii milkaaʼina akka qabaatu godha.
10 Hiriyoonni gaaʼelaa jaalala isaanii waliif ibsuun isaanii faayidaa kan biraas qaba. Solomoon Mootichi, intala mandara Shuleem sanaaf ‘dirata warqee guroon meetii itti rarraafame’ akka hojjechiisuuf dubbatee ture. ‘Akka jiʼaa miidhagduu, akka aduu iftuu’ taʼuu ishee dubbachuudhaan baayʼee ishee jaje. (Wed. 1:9-11; 6:10) Haa taʼu malee, intalattiin tiksee jaallattu sanaaf amanamtuu taatee itti fufteetti. Yeroo isaa wajjin gargar baʼanii turan sanatti wanti jabina isheedhaaf kenne maali dha? Mee ishumti nutti haa himtu. (Wed. 1:2, 3) ‘Ibsa jaalalaa’ tiksichaa yaadachuu ishee ti. Ibsawwan jaalalaa inni itti fayyadame isheedhaaf, “daadhii wayinii” isa garaa namaa gammachiisu ni “caalu” turan; maqaan isaa dhaʼamuun isaas akka “urgooftuu” mataa namaa irratti ‘dhangalaʼuu’ kan nama qabbaneessu ture. (Far. 23:5; 104:15) Eeyyee, ibsa jaalalaa gammachiisaa kanaan dura dhageenye yaadachuun, jaalalli keenya caalaatti rakkina kan dandamatu akka taʼu godha. Hiriyoonni gaaʼelaa, yeroo hunda jaalala waliif qaban walii ibsuun isaanii baayʼee barbaachisaa dha!
Albuuda Hafuuraa
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
11 Weedduun Weedduu Caalu, Kiristiyaanota qeentee taʼaniif, keessumaa warra hiriyaa gaaʼelaa barbaadaa jiraniifis barumsa gaarii dabarsa. Intalattiin Shuleem sun Solomooniif jaalala hin qabdu turte. “Hamma inni ofiin kaʼutti jaalala na keessatti dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa” jechuudhaan intaloota Yerusaalem kakachiisteetti. (Wed. 2:7, NW; 3:5, NW) Maaliif? Abbuma arganiif fedhii jaalalaa qabaachuun sirrii waan hin taaneefi dha. Kiristiyaanni gaaʼela godhachuuf fedhii qabu, hanga nama garaadhaa jaallachuu dandaʼu argatutti obsaan eeguu qaba.
SADAASA 10-16
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU WEEDDUU WEEDDUU CAALU 3-5
Miidhaginni Keessaa Baayʼee Barbaachisaadha
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
8 Ibsa jaalalaa weedduu kana keessatti ibsame keessaa waaʼee bareedina qaamaa kan dubbatu hunda isaa miti. Dubbii intalattii ilaalchisee wanta tiksichi dubbate ilaalaa. (Weedduu Weedduu Caalu 4:7, 11 dubbisi.) Hidhiin ishee ‘dhaaba dammaa nadhii coccophsu’ akka taʼetti ibsameera. Maaliif? Dammi dhaaba isaa keessa jiru damma qilleensi itti seene caalaa miʼaawaa waan taʼeefi dha. “Arraba [ishee] jalaas dammaa fi aannantu yaaʼa” jedhamuun isaa dubbiin ishee akkuma dammaa fi aannanii kan nama gammachiisuu fi gaarii taʼuu isaa argisiisa. Tiksichi intalattiidhaan, “Ati guutummaadhumatti miidhagduu dha, mudaa tokko illee hin qabdu” yeroo jedhetti, waaʼee bareedina qaama ishee qofa dubbachaa akka hin turre beekamaa dha.
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
15 Weedduu Weedduu Caalu 4:12 dubbisi. Tiksichi jaalallee isaa ‘iddoo dhaabaa cufametti’ kan fakkeesse maaliifi? Iddoo dhaabaa dallaa ykn masaraa qabu keessa abbaan fedhe seenuu hin dandaʼu. Achi seenuun kan dandaʼamu karaa balbala isa cufamee jiruu qofa dha. Intalli Shuleem sun jaalala ishee kan ibsitu tiksicha isa kaadhima ishee taʼeef qofa waan taʼeef akkuma iddoo dhaabaa kanaa turte. Sossobbii mootichaatiif moʼamuu diduudhaan, akka “balbala” salphaatti banamuu utuu hin taʼin, akka “masaraa” taʼuu ishee argisiisteetti. (Wed. 8:8-10) Haaluma wal fakkaatuun, dhiironnii fi dubartoonni qeenteen Waaqayyoof bulan, jaalala isaanii hiriyaa gaaʼelaa isaanii gara fuulduraatiif tursuu qabu.
g05-AM 2/8 9 key. 2-5
Miidhagina Iddoo Guddaa Qabu
Miidhaginni keessaa warra kaan hawwachuu ni dandaʼaa? Joorjiinaan ishiin erga heerumtee gara waggaa kudhanii taʼe akkana jetteetti: “Waggoottan kana hunda keessatti, abbaan manaa koo amanamaa fi dhugaa kan dubbatu taʼuunsaa caalaatti akkan isatti dhihaadhu na taasiseera. Jireenyasaa keessatti hundumaa caalaa Waaqayyoon gammachiisuuf iddoo guddaa kenna. Kunimmoo caalaatti kan namaaf yaaduu fi jaalala qabeessa akka taʼu isa gargaareera. Yeroo murtoo godhu anaan tilmaama keessa waan galchuuf iddoo guddaa akka naaf kennu natti dhagaʼama. Garaadhaa akka na jaallatu beeka.”
Daaniʼel inni bara 1987tti gaaʼela dhaabbate akkana jedheera: “Haati manaa koo anaaf baayʼee bareedduudha. Kan na hawwatu bifa ishii qofa miti; caalaatti akkan ishii jaalladhu kan na taasisu amala ishiiti. Yeroo hunda waaʼee warra kaanii yaaddi, warra kaan gammachiisuun baayʼee ishii gammachiisa. Amaloota gaggaarii qabdi. Kanaafuu, ishii wajjin jiraachuun baayʼee na gammachiisa.”
Addunyaa wanta alaan mulʼaturratti xiyyeeffatu kana keessatti, wantoota alaan hin mulʼanne arguun carraaqqii gaafata. Bifa bareedaa jedhamu qabaachuun matumaa kan hin dandaʼamne taʼuu baatus, baayʼee rakkisaadha, faayidaansaas baayʼee muraasadha. Amaloota gaggaarii keessa namummaa bareechan horachuun garuu wanta dandaʼamudha. Kitaabni Qulqulluun, “Simboon soba dha, miidhaginnis wanta badu dha, dubartiin Yihowaa sodaattu garuu ni jajamti” jedha. Akeekkachiisa, “Dubartii bareedduun hubannaa tuffattu, akkuma amartii warqii funyaan booyyee irra jiruu ti” jedhus nuuf kenna.—Fakkeenya 11:22; 31:30.
Dubbiin Waaqayyoo wanta Waaqayyo iddoo guddaa kennuuf, jechuunis miidhagina keessa namummaa isa dhokataa, isa hin mancaane mulʼisu qabaachuuf, akkasumas tasgabbii fi garraamummaadhaan of miidhagsuuf iddoo guddaa akka kenninu nu gargaara. (1 Pheexiros 3:4) Dhugumayyuu, miidhaginni keessaa miidhagina alaa caalaa iddoo guddaa qaba. Namni hundi miidhagina kana qabaachuu ni dandaʼa.
Albuuda Hafuuraa
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
11 Weedduun Weedduu Caalu, Kiristiyaanota qeentee taʼaniif, keessumaa warra hiriyaa gaaʼelaa barbaadaa jiraniifis barumsa gaarii dabarsa. Intalattiin Shuleem sun Solomooniif jaalala hin qabdu turte. “Hamma inni ofiin kaʼutti jaalala na keessatti dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa” jechuudhaan intaloota Yerusaalem kakachiisteetti. (Wed. 2:7, NW; 3:5, NW) Maaliif? Abbuma arganiif fedhii jaalalaa qabaachuun sirrii waan hin taaneefi dha. Kiristiyaanni gaaʼela godhachuuf fedhii qabu, hanga nama garaadhaa jaallachuu dandaʼu argatutti obsaan eeguu qaba.
SADAASA 17-23
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU WEEDDUU WEEDDUU CAALU 6-8
Balbala Utuu hin Taʼin, Dallaa Taʼaa
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
15 Weedduu Weedduu Caalu 4:12 dubbisi. Tiksichi jaalallee isaa ‘iddoo dhaabaa cufametti’ kan fakkeesse maaliifi? Iddoo dhaabaa dallaa ykn masaraa qabu keessa abbaan fedhe seenuu hin dandaʼu. Achi seenuun kan dandaʼamu karaa balbala isa cufamee jiruu qofa dha. Intalli Shuleem sun jaalala ishee kan ibsitu tiksicha isa kaadhima ishee taʼeef qofa waan taʼeef akkuma iddoo dhaabaa kanaa turte. Sossobbii mootichaatiif moʼamuu diduudhaan, akka “balbala” salphaatti banamuu utuu hin taʼin, akka “masaraa” taʼuu ishee argisiisteetti. (Wed. 8:8-10) Haaluma wal fakkaatuun, dhiironnii fi dubartoonni qeenteen Waaqayyoof bulan, jaalala isaanii hiriyaa gaaʼelaa isaanii gara fuulduraatiif tursuu qabu.
16 Tiksichi birraa keessa guyyaa tokko intalli Shuleem sun isaa wajjin miilla akka hiikkattu yeroo ishee gaafatetti obboloonni ishee isheedhaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, dhaaba wayinii akka eegdu ishee ajajan. Maaliif? Waan ishee hin amanneefii? Isaa wajjin wanta sirrii hin taane raawwachuuf fedhii qabdi jedhanii yaadaniitii? Obboleettiin isaanii haala ishee qoruu dandaʼu keessa akka hin galleef eegumsa isheedhaaf gochuu barbaadanii ti. (Wed. 1:6; 2:10-15) Kiristiyaanonni qeentee taʼan kana irraa barumsa ni argatu; yeroo gaaʼelaaf wal qorattanitti, walitti dhufeenyi keessan qulqulluu akka taʼuuf of eeggachuu qabdu. Bakka namni tokko iyyuu isin argu hin dandeenyetti waliin taʼuu hin qabdan. Karaa qulqulluu taʼeen jaalala walii ibsuun sirrii taʼuu dandaʼus, haala isin qoruu dandaʼu irraa fagaadhaa.
yp-AM 188 key. 2
Gaaʼela Dura Saalqunnamtii Raawwachuun Rakkina Qabaa?
Dargaggoonni qulqullummaasaanii eeggatanii jiraachuunsaanii miidhaa hedduurraa isaan oolchuu malees faayidaa isaaniif argamsiisu qaba. Kitaabni Qulqulluun waaʼee shamarree jaalallee ishiitiif jaalala cimaa utuma qabduu qulqullummaa ishii eeggatte tokkoo ni dubbata. Kanaan kan kaʼes, ofitti boonuudhaan, “Ani dallaa dha, harmi koos akkuma masaraa ti” jechuu dandeesseetti. Shamarreen kun akka “balbala” dhiibbaa sirrii hin taaneef salphaatti ‘banamuu’ hin turre. Karaa naamusaa akkuma dallaa masaraa cimaa bira gaʼamuun hin dandaʼamnee turte! Kanaafuu, “qulqulluu” jedhamuun ishii ishiidhaaf mala; dargaggeessa gara fuulduraatti abbaa manaa ishii taʼu ilaalchisees, “Ani ija isaa duratti akkuma nama nagaa argatee nan taʼe” jechuu dandeesseetti. Sammuu nagaa qabu qabaachuun ishii lamaansaaniiyyuu gammadoo akka taʼan gumaacha godheera.—Weedduu Weedduu Caalu 6:9, 10; 8:9, 10.
yp2 33
Nama Fakkeenya Taʼu—Shulaamittii
Shulaamittiin hariiroo jaalalaa wajjin haala walqabateen miiraan oofamuu akka hin qabne beekti. Hiriyoota ishiitiin akkana jetteetti: “Isin nan kaksiisa: Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.” Shulaamittiin miirri nama tokkoo dandeettii yaaduu isaarratti salphaatti dhiibbaa akka godhu beekti. Fakkeenyaaf, warri kaan nama ishiidhaaf hin taane wajjin hariiroo jaalalaa akka jalqabdu dhiibbaa ishiirratti gochuu akka dandaʼan hubatteetti. Miirri ishiillee dandeettii yaaduu ishiirratti dhiibbaa gochuu akka dandaʼu hubatteetti. Shulaamittiin akkuma “dallaa” taatee itti fufuu kan dandeesse kanaafi.—Weedduu Weedduu Caalu 8:4, 10.
Ilaalchi ati jaalalaaf qabdu akkuma Shulaamittii bilchinarratti kan hundaaʼedhaa? Garaa kee qofa utuu hin taʼin sammuu kees dhaggeeffachuu ni dandeessaa? (Fakkeenya 2:10, 11) Yeroo tokko tokko warri kaan qophaaʼaa taʼuu kee dura hariiroo akkasii akka jalqabdu dhiibbaa sirratti gochuuf yaalu taʼa. Tariimmoo dhiibbaa akkasii ofuma keetiin ofitti fiduu dandeessa. Fakkeenyaaf, dhiirrii fi durbi tokko harka wal qabatanii yeroo deeman yommuu argitu, atis jaalallee qabachuuf ni hawwitaa? Nama amantaa kee hin hordofne wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuuf walii galtaa? Shulaamittiin hariiroo jaalalaa wajjin haala wal qabateen bilchina qabdi turte. Atis akkuma ishii taʼuu ni dandeessa!
Albuuda Hafuuraa
Jaalala Hin Badne Qabaachuun Ni Dandaʼamaa?
3 Weedduu Weedduu Caalu 8:6, NW dubbisi. Yaadni “labooba Yaah” jedhuu fi jaalala ibsuuf gale, yaada hedduu of keessatti kan qabate dha. Jaalala akkasii kan uume Yihowaa waan taʼeef, jaalalli dhugaan “labooba Yaah” akka taʼetti ibsameera. Yihowaan, namoota dandeettii jaallachuu akka qabaatan godhee akka fakkaattii isaatti uume. (Uma. 1:26, 27) Waaqayyo dubartii ishee jalqabaa kan taate Hewwaaniin gara Addaam nama isa jalqabaatti yeroo fidetti, Addaam walaloodhaan gammachuu isaa ibse. Hewwaanis, Addaam isa isheen irraa ‘fudhatamtee’ wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabdu isheetti dhagaʼamee akka ture hin shakkisiisu. (Uma. 2:21-23) Yihowaan namootaaf dandeettii jaalala argisiisuu waan kenneef, dhiiraa fi dubartiin tokko jaalala cimaa fi hin badne waliif qabaachuu ni dandaʼu.
SADAASA 24-30
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 1-2
Abdii Namoonni ‘Dogoggorri Isaanii Itti Ulfaate’ Qaban
ip-1-AM 14 key. 8
Abbaa Tokkoo fi Ijoolleesaa Finciltoota Taʼan
8 Isaayyaas akkana jechuudhaan saba Yihudaatti ergaa cimaa taʼe dubbachuusaa itti fufe: “Saba cubbamaadhaaf, uummata dogoggorri isaa itti ulfaateef, sanyii namoota hamootiif, ijoollee mancaʼoo taʼaniif wayyoo! Isaan Yihowaa dhiisaniiru; Isa Qulqulluu kan Israaʼel tuffataniiru; isa irraas garagalaniiru.” (Isaayyaas 1:4) Gochi hamaan walitti kuufamee akkuma baʼaa baayʼee ulfaatuu taʼuu dandaʼa. Yihowaan bara Abrahaamitti cubbuun Sodoomii fi Gomoraa “baayʼee ulfaataa” akka taʼe dubbateera. (Uumama 18:20) Haalli saba Yihudaas kanaa wajjin wal fakkaata; Isaayyaas, sabichi ‘dogoggorri isaanii akka itti ulfaate’ dubbateera. Kana malees, ‘sanyii namoota hamoo, ijoollee mancaʼoo’ jedhee isaan waameera. Eeyyee, Yihudoonni akkuma ijoollee mata jabeeyyii taʼaniiti. Isaan Yihowaarraa “garagalaniiru” ykn akkuma Kitaabni Qulqulluun za Niiwu Istaandaardi Varshin ibsetti Abbaa isaaniirraa “guutummaatti citaniiru.”
Yihowaan Hundumtuu Yaada Akka Geddaratan Barbaada
6 Yihowaan yeroo baayʼee sabasaa akeekkachiisuu fi sirreessuuf raajotasaatti fayyadameera. Fakkeenyaaf, karaa Ermiyaas akkana isaaniin jedheera: “Yaa Israaʼel ishii gantuu taate nana, deebiʼi . . . Ani amanamaa waanan taʼeef, aariidhaan gad si hin ilaalu . . . Ani bara baraaf hin mufadhu. Ati Waaqa kee Yihowaa irratti waan fincilteef, yakkuma kee qofa amanii fudhadhu.” (Er. 3:12, 13) Yihowaan Yooʼelitti fayyadamee, “Garaa keessan guutuudhaan gara kootti deebiʼaa” isaaniin jedheera. (Yoe. 2:12, 13) Isaayyaas, “Of qulqulleessaa; gochawwan hamminaa keessan na duraa balleessaa; wanta hamaa raawwachuu keessan dhiisaa” jedhee akka labsu godheera. (Isa. 1:16-19) Karaa Hisqiʼelis akkana jedhee isaan gaafateera: “Ani namni hamaan duʼuu isaatti nan gammadaa? Inni daandii isaa irraa deebiʼee lubbuudhaan akka jiraatun filadha mitii? . . . Ani namni kam iyyuu duʼuu isaatti hin gammadu. Kanaafuu, deebiʼaa, lubbuudhaanis jiraadhaa.” (His. 18:23, 32) Yihowaan barabaraaf akka jiraatan waan barbaaduuf, yeroo namoonni yaada geddaratan baayʼee gammada! Haa taʼu malee, Yihowaan namoota cubbamoota taʼan gargaaruuf hamma yaada geddaratanitti hin eegu. Mee fakkeenyota kana argisiisan muraasa haa ilaallu.
Albuuda Hafuuraa
‘Waaʼee Mana Qulqullummaa Ibsi’
16 Waaqeffannaan Yihowaa iddoo isaa isa sirriitti deebiʼuuf hunda caalee mulʼachuu qaba. Gara jaarraa tokkoo dura Isaayyaas raajichi geggeessaa hafuuraatiin akkana jedhee barreesseera: “Guyyoota dhumaatti, gaarri mana Yihowaa fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata, tabbawwanii olittis ol ni kaafama.” (Isa. 2:2) Isaayyaas waaqeffannaan Yihowaa inni qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamuu fi akka waan gaarreen dhedheeroo taʼan irra taaʼeetti ol kaʼee akka mulʼatu dursee dubbateera. Hisqiʼel yeroo mulʼata Waaqayyo biraa dhufe kana argetti eessa ture? “Gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko irra” dhaabbatee mana Yihowaa ilaalaa ture. (His. 40:2) Kanaafuu mulʼanni Hisqiʼel waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu mirkaneessa.
17 Wanta Hisqiʼel argee fi Hisqiʼel boqonnaa 40 hanga 48 irratti galmeeffamee jiru kana gabaabumatti haa ilaallu. Hisqiʼel maleekaan sun karrawwan, dallaa, mooraawwanii fi iddoo qulqulluu mana qulqullummaa sanaa yommuu safaru arge. (His. 40-42) Sana booda wanti nama dinqisiisu tokko ni raawwatame. Ulfinni Yihowaa mana qulqullummaa sana irra buʼe. Yihowaan saba isaa warra ajajamoo hin taaneef, lubootaa fi geggeessitootaaf sirreeffamaa fi qajeelfama kenne. (His. 43:1-12; 44:10-31; 45:9-12) Hisqiʼel lagni iddoo qulqulluu keessaa gara Galaana Duʼaatti yaaʼu tokko jireenyaa fi eebba yommuu argamsiisu arge. (His. 47:1-12) Yommuu biyyichi qixxeetti hihiramu, waaqeffannaa qulqulluun walakkaa biyyattii bira iddoo isaa irra taaʼee arge. (His. 45:1-8; 47:13–48:35) Yaanni ijoo ergaa kanaa maali dha? Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamuu fi hunda irra caalee akka mulʼatu saba isaatiif mirkaneessaa ture. Inni achitti argamuudhaan mana waaqeffannaa isaa ni eebbisa; akkasumas eebbi mana qulqullummaa sana keessaa akka yaaʼu gochuudhaan biyyattii deebitee hundeeffamtu sanaaf fayyina, jireenyaa fi nagaa argamsiisa.
MUDDEE 1-7
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 3-5
Yihowaan Tajaajiltoonnisaa Akka Isaaf Ajajaman ni Eega, Isaaf Malas
ip-1-AM 73-74 key. 3-5
Maasii Wayinii Amanamaa hin Taaneef Wayyoo!
3 Isaayyaas fakkeenya kana dhaggeeffattotasaatiif kallattiidhaan faarfatee taʼus taʼuu baatus, fakkeenyichi xiyyeeffannaasaanii akka harkise hin shakkisiisu. Baayʼeensaanii maasii wayiniirratti hojjechuu beekuu hin oolan; kanaafuu, wanta Isaayyaas dubbate sirriitti hubatu. Akkuma namoonni yeroo harʼaatti muka wayinii dhaaban godhan, abbaan maasii wayinii kunis kan dhaabe sanyii wayinii utuu hin taʼin, “muka wayinii diimaa filatamaa” ykn gaarii taʼe, jechuunis damee muka wayinii kan biraarraa kutamedha. Maasiin wayinii kun kan jiru “tabba lalisaa irra,” jechuunis iddoo biqiltuu kanaaf mijataa taʼerradha.
4 Maasiin wayinii oomisha gaarii akka argamsiisu gochuun hojii cimaa gaafata. Isaayyaas abbaan maasichaa ‘laficha akka qotee fi dhagaa keessaa akka guure’ dubbateera; kunimmoo hojii nama nuffisiisuu fi nama dadhabsudha! ‘Masaraa ijaaruuf’ dhagoota sana keessaa warra guguddaa taʼan fayyadamuu hin oolu. Bara duriitti waardiyyoonni masaraa akkasiirra taʼanii midhaan hattootaa fi bineensotarraa eegu turan. Kana malees, maasii wayinii sanaaf dallaa dhagaa ykn daagaa ijaareera. (Isaayyaas 5:5) Kunis wanta biyyoon akka hin dhiqamneef yeroo baayʼee godhamudha.
5 Abbaan maasichaa maasii wayiniisaa kunuunsuuf jabaatee hojjechaa waan tureef, firii akka godhatu eeguuf mirga qaba. Kana abdachuudhaan iddoo wayinii itti cuunfan qopheeffate. Garuu akka abdate taʼeeraa? Lakki, maasiin wayinii sun firii wayinii bosonaa godhate.
ip-1-AM 76 key. 8-9
Maasii Wayinii Amanamaa hin Taaneef Wayyoo!
8 Isaayyaas Yihowaa isa abbaa maasii wayinii sanaa taʼe, “isan jaalladhu sana” jedhee waameera. (Isaayyaas 5:1) Isaayyaas Waaqayyoon akkasitti kan ibse isaa wajjin hariiroo cimaa waan qabuufi. (Iyyoob 29:4; Faarfannaa 25:14 wajjin wal bira qabi.) Haa taʼu malee, jaalalli raajichi Waaqayyoof qabu jaalala Waaqayyo “maasii wayinii” isaa, jechuunis saba inni ‘dhaabeef’ qabuu wajjin kan wal gitu miti.—Baʼuu 15:17; Faarfannaa 80:8, 9 wajjin wal bira qabi.
9 Yihowaan sabasaa biyya Kanaʼaan keessa erga ‘dhaabee’ booda seerawwanii fi dambiiwwan isaa warra akka isaan saboota kaaniin hin mancaaneef akka dallaatti isaan eegan isaaniif kennee ture. (Baʼuu 19:5, 6; Faarfannaa 147:19, 20; Efesoon 2:14) Kana malees, akka isaan barsiisaniif abbootii murtii, lubootaa fi raajota isaaniif kennee ture. (2 Mootota 17:13; Miilkiyaas 2:7; Hojii Ergamootaa 13:20) Yommuu diinonni isaanii isaan doorsisan namoota isaan oolchan isaaniif kaasa ture. (Ibroota 11:32, 33) Kanaafuu Yihowaan gaaffii, “Wantin maasii wayinii kootiif gochuu qabuu fi utuun hin godhin hafe jiraa?” jedhu kaasuunsaa sirriidha.
w06-AM 6/15 18 key. 1
“Muka Wayinii Kana Kunuunsi”!
Isaayyaas “mana Israaʼel” maasii wayinii suutuma suuta “firii wayinii bosonaa” ykn goraa tortore godhatetti fakkeesseera. (Isaayyaas 5:2, 7) Firiin wayinii bosonaa firii wayinii maasiirra baayʼee xinnaata, foonsaas baayʼee xinnoodha, guutummaa iddoo firichaa kan qabate ijasaati. Firiin wayinii bosonaa daadhii wayinii qopheessuufis taʼe nyaataaf ooluu hin dandaʼu; kanaafuu, saba gantuu qajeelummaa raawwachuu mannaa seera Yihowaa cabseef fakkeenya gaarii taʼa. Firiin faayidaa hin qabne kun kan biqile qaamni muka wayinii sana dhaabe waan dogoggoreef miti. Yihowaan sabichi firii akka godhatuuf wanta dandaʼu hunda godheera. “Wantin maasii wayinii kootiif gochuu qabuu fi utuun hin godhin hafe jiraa?” jedheera.—Isaayyaas 5:4.
w06-AM 6/15 18 key. 2
“Muka Wayinii Kana Kunuunsi”!
Yihowaan mukti wayinii Israaʼel firii waan hin godhanneef, dallaa eegumsaa sabasaatti naanneessee ijaare akka diigu isaan akeekkachiiseera. Muka wayinii kana hin gondolu ykn jalasaa hin qotu. Bokkaan arfaasaa midhaaniif barbaachisaa taʼe hin roobu; maasiin wayinii sun harangamaa fi aramaadhaan ni liqimfama.—Isaayyaas 5:5, 6.
Albuuda Hafuuraa
Dukkanarraa Fagaachuudhaan Ifa Keessa Jiraadhaa
10 Addunyaan Seexanaa nu gowwoomsee wanta Yihowaan naamusaan ala ykn xuraaʼaa akka taaʼetti dubbate raawwachuun dogoggora akka hin taane nu amansiisuuf yaala. (2 Phe. 2:19) Kun nu hin dinqisiisu! Malli Seexanni yeroo dheeraadhaaf namoota gowwoomsuuf itti fayyadamaa ture tokko, wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baasanii akka hin beekne isaan burjaajessuudha. (Isa. 5:20; 2 Qor. 4:4) Fiilmiiwwan, agarsiisawwan televizyinii fi weebsaayitoonni hedduun yaada ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo faallessu kan babalʼisan taʼuun isaa nu hin ajaaʼibsiisu! Seexanni nu gowwoomsuudhaan gochawwan xuraaʼoonii fi akkaataan jireenyaa qulqulluu hin taane fudhatama kan qabu qofa utuu hin taʼin, gammachiisaa fi miidhaa kan hin qabne akka taʼanitti akka yaannu gochuuf yaala.—Efesoon 5:6 dubbisi.
MUDDEE 8-14
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 6-8
“Kunoo Ani Jira! Ana Ergi!”
Fedhiidhaan of Dhiheessuun Keessan Yihowaan Akka Jajamu Taasisa!
5 Yihowaan, Isaayaas raajichi bakka isaa buʼee akka dubbatu isa afeeruudhaan, namoonni amanamoo taʼan kaayyoo Isaa raawwachuu irratti akka hirmaatan akka barbaadu argisiiseera. (Isa. 6:8-10) Isaayaas fedhiidhaan afeerraa kana fudhateera. Yeroo harʼaattis, namoonni kumaan lakkaaʼaman tajaajila Yihowaa keessatti hojiiwwan ulfaatoo taʼan fudhachuudhaan, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jechaa jiru. Taʼus, gaaffiiwwan akkanaa gaafanna taʼa: ‘Dhuguma carraaqqiin koo jijjiirama fidu qabaa? Yihowaan arjummaadhaan kakaʼee, fedhii kootiin akkan hojii isaa irratti hirmaadhu kan naaf heyyame taʼus, tajaajila isaa keessatti hojii akkamii iyyuu yoon filadhe, Dubbii isaa raawwachiisuuf wanta barbaade hunda gochuu hin dandaʼuu?’ Mee gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf, wanta bara Deboraa fi Baaraaqitti raawwatame haa qorru.
Tajaajilatti Jabaachuu Kan Dandeessu Akkamitti
Raajii garabiraan fakkeenyisaa namoonni baayʼeen tajaajilasaaniitti akka jabaatan gargaarummoo Isaayaasidha. Waaqayyo, lammiiwwansaallee akka isa hin dhaggeeffanne dursee itti himee ture. Yihowaan, saba kana “gurra isaa cuqqaali, ija isaas dununfachiisi!” jedheenii ture. Kana jechuun garuu, Isaayaas milkaaʼina hin argatu jechuudhaa? Akka ilaalcha Waaqayyootti akkas jechuu miti. Raajii akka taʼu yommuu itti himame, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedheera. (Isa. 6:8-10) Isaayaas hojii isaa kenname hojjechuusaa itti fufeera. Atoo hojii lallabaa nuu kennameef ilaalcha akkasii qabdaa?
“Dubbii Koo Dhagaʼaa, Hubadhaas”
2 Namoonni baayʼeen hiika wanta Yesus dubbatee hubachuu kan dadhaban maaliifi? Tokko tokko durumayyuu ilaalcha mataasaaniifi yaada dogoggoraa qabu turan. Yesus namoota kanaan, “Seera muka abbaa keessanii jabeessuudhaaf jettanii abboommii Waaqayyoo diiguudhaaf mala baʼeessa argattan” jedhee ture. (Mar. 7:9) Namoonni kun wanta inni dubbate hubachuuf carraaqqii hin goone. Barsiifataafi ilaalchasaanii jijjiiruu hin barbaadan turan. Gurrisaanii banaa taʼus garaansaanii cufaa ture! (Maatewos 13:13-15 dubbisi.) Nutoo, barumsa Yesusirraa faayidaa argachuu akka dandeenyutti, garaan keenya akka hin cufamne gochuu kan dandeenyu akkamitti?
Albuuda Hafuuraa
Hiriyoonni Gaaʼelaa Dhiheenyatti Gaaʼela Dhaabbattan Yihowaa Tajaajiluu Irratti Xiyyeeffadhaa
9 Isaayyaas raajichii fi haati manaa isaa jireenyi isaanii Yihowaa tajaajiluu irratti kan xiyyeeffate ture. Isaayyaas raajii ture; haati manaa isaas “raajittii” waan jedhamteef ishiinis raajii dubbachuu hin ooltu. (Isa. 8:1-4) Isaayyaasii fi haati manaa isaa hiriyoota gaaʼelaa jireenyi isaanii Yihowaa waaqeffachuu irratti akka xiyyeeffatu godhan akka taʼan beekamaa dha. Hiriyoota gaaʼelaa yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya guddaa taʼu!
10 Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo harʼaa jiran tajaajila Yihowaa keessatti wanta dandaʼan hundumaa gochuudhaan jireenyi isaanii isa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu gochuu dandaʼu. Waliin taʼanii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan, akkasumas raajiiwwan kun akkamitti akka raawwataman hubachuudhaan amantii Yihowaa irratti qaban cimsachuu dandaʼu. (Tit. 1:2) Raajiiwwan tokko tokko raawwii isaanii akka argatan gochuu irratti gaʼee isaanii baʼachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe irratti yaaduu dandaʼu. Fakkeenyaaf, raajiin Yesuus dhumni dhufuu isaa dura guutummaa lafaa irratti misiraachichi akka lallabamu dubbate akka raawwatamu gochuu irratti gaʼee isaanii baʼachuu dandaʼu. (Mat. 24:14) Hiriyoonni gaaʼelaa raajiin Kitaaba Qulqulluu tokko akka raawwatamu yoo amanan Yihowaa tajaajiluuf wanta dandaʼan hundumaa gochuuf kakaʼu.
MUDDEE 15-21
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 9-10
Raajii ‘Ifni Guddaan’ Akka Dhufu Dubbatame
Masiihicha Eeggachaa Turaniiru
13 Galiilaa akka taʼe raajiidhaan dubbatameera. Isaayaas, “Biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem . . . Galiilaa isa kan saba warra kaanii” ilaalchisee, “Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa isaa in arga, warra gaadidduu duʼaa jala jiraataniifis ifni in baʼa” jedhee barreesseera. (Isa. 9:1, 2) Yesus tajaajilasaa kan jalqabe Qifirnaahom ishee Galiilaa keessatti argamtutti yommuu taʼu, achitti jiraattonni Zaabilooniifi Niftaalem hedduun ifa hafuuraa isaanii dhuferraa fayyadamaniiru. (Mat. 4:12-16) Yesus Galiilaatti, Lallaba Gaaraarraa miira namaa kakaasu kenneera; duuka buutotasaa filateera; dinqiisaa isa jalqabaa raawwateera; erga duʼaa kaʼee boodas namoota gara 500 taʼanitti kan mulʼate iddoo kanatti taʼuu hin oolu. (Mat. 5:1–7:27; 28:16-20; Mar. 3:13, 14; Yoh. 2:8-11; 1 Qor. 15:6) Kanaan kan kaʼes raajiin Isaayaas, Masiihichi “biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem[itti]” akka lallabu dubbate raawwatameera. Haataʼu malee, Yesus Israaʼel keessa bakka biraattis ergaa Mootummichaa lallabeera.
ip-1-AM 128 key. 18-19
Waadaa Bulchaan Nagaa Akka Dhufu Galame
18 Namoonni ificha fudhatan gammaduuf sababii guddaa qabu. Isaayyaas itti fufuudhaan akkana jedheera: “Ati sabicha baayʼisteetta; gammachuun isaaniis guddaa akka taʼu gooteetta. Akkuma namoonni yeroo makaraatti gammadanitti, akkuma namoota gammachuudhaan boojuu hirataniittis isaan si duratti ni gammadu.” (Isaayyaas 9:3) Lallaba Yesuusii fi duuka buutonnisaa raawwataniin kan kaʼe namoonni garaa qajeelaa qaban hafuuraa fi dhugaadhaan Yihowaa waaqeffachuu akka barbaadan argisiisuuf carraa argataniiru. (Yohaannis 4:24) Waggaa afur utuu hin guutin namoonni hedduun Kiristiyaanota taʼaniiru. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti namoonni kuma sadii taʼan cuuphamaniiru. Sana booda utuu baayʼee hin turin, “lakkoofsi [dhiirotaa] gara 5,000 taʼe.” (Hojii Ergamootaa 2:41; 4:4) Barattoonni hinaaffaadhaan ificha calaqqisiisaa waan turaniif, “lakkoofsi barattootaa Yerusaalemitti baayʼee dabalaa deeme; luboonni hedduunis amantoota taʼan.”—Hojii Ergamootaa 6:7.
19 Akkuma namoonni yeroo oomisha hedduu galfatan ykn injifannoo waraanaa booda yeroo boojuu gatii guddaa qabu hiratan gammadanitti, duuka buutonni Yesuus guddina argametti gammadaniiru. (Hojii Ergamootaa 2:46, 47) Yeroo booda, Yihowaan ifichi saboota kaan gidduutti akka ifu godhe. (Hojii Ergamootaa 14:27) Kanaafuu, namoonni sanyii hundumaa keessaa dhufan karaan Yihowaatti dhihaachuu itti dandaʼan isaaniif banamuusaatti ni gammadan.—Hojii Ergamootaa 13:48.
ip-1-AM 128-129 key. 20-21
Waadaa Bulchaan Nagaa Akka Dhufu Galame
20 Wanta Isaayyaas ittaansuudhaan dubbaterraa akka hubannutti buʼaan tajaajila Masiihichaa dhaabbataadha: “Akkuma guyyaa Miidiyaanitti taʼetti, ati waanjoo baʼaa isaanii, ulee gateettii isaanii irra jiruu fi harcummee nama isaan hojjechiisu sanaa caccabsiteetta.” (Isaayyaas 9:4) Bara Isaayyaas jaarraawwan hedduu dura warri Miidiyaan warra Moʼaabii wajjin taʼuudhaan Israaʼelota dogoggorsanii cubbuu akka hojjetan gochuuf mala qopheessanii turan. (Lakkoofsa 25:1-9, 14-18; 31:15, 16) Boodas Miidiyaanonni gandeenii fi lafa qonnaa Israaʼelotaa weeraruu fi saamuudhaan waggaa torbaaf isaan dhiphisaa turaniiru. (Abbootii Murtii 6:1-6) Booda garuu Yihowaan tajaajilaasaa Giidewonitti fayyadamee raayyaa waraanaa Miidiyaanotaa injifateera. “Guyyaa Miidiyaan” sana booda ragaan Miidiyaanonni saba Yihowaa akka dhiphisan argisiisu hin jiru. (Abbootii Murtii 6:7-16; 8:28) Giidewon guddicha kan taʼe Yesuus Kiristoos yeroo dhihootti diinota saba Yihowaa ni balleessa. (Mulʼata 17:14; 19:11-21) Achiis “akkuma guyyaa Miidiyaanitti taʼetti” humna namaatiin utuu hin taʼin humna Yihowaatiin injifannoon guutuu fi dhaabbataa taʼe ni argama. (Abbootii Murtii 7:2-22) Sana booda sabni Waaqayyoo lammata waanjoo hacuuccaatiin hin dhiphatan!
21 Humni Waaqayyoo karaa kanaan mulʼachuunsaa waraanni akka leellifamu kan argisiisu miti. Yesuus inni duʼaa kaafame Bulchaa Nagaati; diinotasaa haxaaʼee balleessuudhaan nagaa bara baraa fida. Isaayyaas meeshaaleen waraanaa hundi akka balleeffaman yeroo ibsu akkana jedheera: “Kopheen yeroo duulaatti lafa sochoosu hundi, uffanni dhiigaan laaqame hundis ibiddaan ni nyaatama.” (Isaayyaas 9:5) Sagaleen kophee loltootaa yeroo duulaatti lafa sochoosuu lammata hin dhagaʼamu. Uffanni loltoota gara jabeeyyii dhiigaan laaqames lammata hin jiraatu. Waraanni hin jiraatu!—Faarfannaa 46:9.
Albuuda Hafuuraa
Furicha Dinqisiifachuu Keessan Itti Fufaa
ADDAAM inni gonka qabeessa taʼe yeroo cubbuu hojjetetti, ofii isaa qofa utuu hin taʼin ijoollee isaa gara fuulduraatti dhalatanis carraa jireenya bara baraa isaan dhabsiiseera. Addaam wanta raawwateef dhiifama argachuu hin dandaʼu. Cubbuu kan hojjete taʼe jedheeti. Haa taʼu malee, ijoolleen isaa hoo? Isaan cubbuu Addaam raawwate irratti hirmaannaa tokko illee hin qaban. (Rom. 5:12, 14) Addaam cubbuu hojjeteef duuti isaaf mala. Maarree, Yihowaan ilmaan Addaam jireenya bara baraa akka argataniif wanti godhu jiraa? Eeyyee! Yihowaan akkuma Addaam cubbuu hojjeteen ilmaan Addaam miliyoonaan lakkaaʼaman, abaarsa cubbuu fi duʼaa jalaa akkamitti akka oolchu ifa godheera. (Uma. 3:15) Yihowaan yeroo murteessetti Ilmi isaa lubbuu isaa ‘bakka namoota hedduu furii godhee akka kennuuf’ samiidhaa ni erga.—Mar. 10:45; Yoh. 6:51.
2 Furiin maalidha? Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii keessatti furiin gatii Yesuus wanta Addaam dhabe deebisee bituuf kaffale argisiisa. (1 Qor. 15:22) Furiin kan nu barbaachisu maaliifi? Ulaagaan haqaa Seericha keessatti ibsame bakka lubbuu lubbuun kennamuu akka qabu waan argisiisuufi. (Bau. 21:23, 24) Addaam lubbuu isaa isa mudaa hin qabne dhabeera. Haaqa Waaqayyoo raawwachuudhaaf Yesuus lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhe. (Rom. 5:17) Akka kanaan namoota furichatti akka amanan argisiisan hundumaaf “Abbaa Bara Baraa” taʼa.—Isa. 9:6; Rom. 3:23, 24.
MUDDEE 22-28
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 11-13
Kitaaba Qulqulluu Keessatti Waaʼee Masiihichaa Raajiin Akkamii Dubbatameera?
Yesus Eessaa Dhufe?
Macaafni Qulqulluun jaarraa hedduu dura, Masiihichi “Naaziricha” akka jedhamu raajii dubbatee ture. Barreessaa Wangeelaa kan taʼe Maatewos, maatiin Yesus wanti “Raajonni waaʼee Yesusiif, ‘Inni “Naaziricha” in jedhama’ jedhanii kan dubbatan akka raawwatamuuf, mandara Naazireet jedhamtu tokko keessa” jiraachuu akka dhaqe dubbateera. (Maatewos 2:19-23) Maqaan Naazireet jedhu jecha afaan Ibrootaa “latii” jedhuu wajjin walitti dhufeenya kan qabu utuu hin taʼin hin oolu. Kanaaf, Maatewos yeroo akkas jedhu, raajii Isaayaas isa waaʼee Masiihicha “latii” hidda Iseyi keessaa baʼu ibsu caqasuusaa taʼuu hin oolu; kunimmoo Masiihichi karaa sanyii Iseyi abbaa Daawit Mootichaa akka dhufu kan argisiisudha. (Isaayaas 11:1) Dhugumayyuu, Yesus karaa Daawit hidda dhalootaa Iseyirraa dhufe.—Maatewos 1:6, 16; Luqaas 3:23, 31, 32.
ip-1-AM 159 key. 6
Fayyinaa fi Gammachuu Bulchiinsa Masiihichaa Jalatti Argamu
6 Masiihichi bulchaa akkamii taʼa? Akka Asooricha gara jabeessa, ofiin geggeeffamuu fi mootummaa Israaʼel gosoota kurnan of keessatti qabate balleesse sanaa taʼaa laata? Matumaa. Isaayyaas Masiihicha ilaalchisee akkana jedheera: “Hafuurri Yihowaa isa irra ni buufata, hafuurri ogummaa fi hafuurri hubannaa, hafuurri gorsaa fi hafuurri jabinaa, hafuurri beekumsaa fi hafuurri Yihowaa sodaachuu isa irra ni buufata. Yihowaa sodaachuuttis ni gammada.” (Isaayyaas 11:2, 3a) Masiihichi kan dibame zayitiidhaan utuu hin taʼin hafuura Waaqayyootiini. Kunis kan taʼe yeroo Yesuus cuuphamettidha; Yohaannis Cuuphaan hafuurri Waaqayyoo bifa gugeetiin yeroo Yesuusirra buʼu argeera. (Luqaas 3:22) Hafuurri Yihowaa Yesuusirra ‘buufateera’; kunis yeroo inni ogummaadhaan, hubannaadhaan, gorsaan, jabinaan, akkasumas beekumsaan tarkaanfii fudhatetti ifatti mulʼateera. Kunneen amaloota gaggaarii bulchaan tokko qabaachuu qabudha!
Yihowaa Sodaachuu kan Qabnu Maaliifi?
5 Namni Waaqayyoof sodaa sirrii taʼe qabu isa ni jaallata, wanta michummaa isa wajjin qabu jalaa balleessu kamiyyuu raawwachuus hin barbaadu. Yesuus Waaqayyoof sodaa akkasii qaba ture. (Ibr. 5:7) Garmalee isa hin sodaatu ture. (Isa. 11:2, 3) Kanaa mannaa, baayʼee waan isa jaallatuuf isaaf ajajamuu barbaada ture. (Yoh. 14:21, 31) Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa, ogeessa, haqa qabeessaa fi humna guddaa qabu waan taʼeef, nutis akkuma Yesuus kabaja guddaa isaaf qabaachuu fi isa sodaachuu qabna. Kana malees, Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi deebiin qajeelfama isaatiif kenninu akka isa yaaddessu beekna. Wanti goonu isa gaddisiisuus taʼe garaa isaa gammachiisuu dandaʼa.—Far. 78:41; Fak. 27:11.
ip-1-AM 161 key. 9
Fayyinaa fi Gammachuu Bulchiinsa Masiihichaa Jalatti Argamu
9 Isaayyaas akkana jechuudhaan amaloota Masiihichaa dabalataa ibseera: “Wantuma ija isaatiin argu irratti hundaaʼee murtii hin kennu, wantuma gurra isaatiin dhagaʼu irratti hundaaʼees hin ifatu.” (Isaayyaas 11:3b) Utuu mana murtiitti dhihaattee abbaa murtii akkasii hin dinqisiifattuu? Masiihichi Abbaa Murtii taʼee namoota hundumaarratti yeroo murtii dabarsu falmii sobaatiin, malawwan haxxummaa mana murtii keessatti qopheeffamaniin, oduudhaan ykn wanta alaan mulʼatu kan akka qabeenyaa jiruun hin gowwoomfamu. Gowwoomsaa fi wantoota fakkeessaadhaaf raawwatamanii fi alaan mulʼatanirra darbee “keessa namummaa [namaa] isa dhokataa” ni arga. (1 Pheexiros 3:4) Yesuus gama kanaan warra gumii Kiristiyaanaa keessatti dhimmoota murtii ilaalan hundaaf fakkeenya guddaa taʼa.—1 Qorontos 6:1-4.
ip-1-AM 161 key. 11
Fayyinaa fi Gammachuu Bulchiinsa Masiihichaa Jalatti Argamu
11 Yesuus duuka buutotasaatiif yeroo barbaachisutti sirreeffama kan kennu karaa faayidaa guddaa isaaniif argamsiisuuni; kun jaarsolii Kiristiyaanota taʼaniif fakkeenya gaariidha. Karaa biraatiinimmoo, namoonni hammina raawwatan adaba cimaatu isaan eeggata. Yeroo Waaqayyo ajaja dabarsutti, Masiihichi aangoosaatti fayyadamee hamoonni hundi akka balleeffaman murtii dabarsuudhaan “lafa ni rukuta.” (Faarfannaa 2:9; Mulʼata 19:15 wajjin wal bira qabi.) Sana booda, namoonni hamoon nagaa ilmaan namootaa booressan hin jiraatan. (Faarfannaa 37:10, 11) Yesuus inni qajeelummaa fi amanamummaa dugdasaattii fi mudhiisaatti hidhate, humna kana gochuuf isa dandeessisu qaba.—Faarfannaa 45:3-7.
Albuuda Hafuuraa
‘Namoota Hedduu Gara Qajeelummaatti Fiduu’
2 Namoonni duʼaa kaafaman hundi barumsa argachuun isaan barbaachisa. (Isa. 26:9; 61:11) Kanaafuu, sagantaan barnootaa guddaan seenaa ilmaan namootaa keessatti geggeeffamee hin beekne ni barbaachisa. (Isaayyaas 11:9, 10 dubbisi.) Maaliif? Tokkoffaa, jalʼoonni duʼaa kaafaman waaʼee Yesuus Kiristoos, waaʼee qophii Mootummichaa, waaʼee furichaa, akkasumas dhimma maqaa Yihowaa fi olaantummaa isaa wajjin haala wal qabateen kaʼe barachuun isaan barbaachisa. Qajeelonnillee wanta Yihowaan kaayyoo lafaaf qabu ilaalchisee irraa jalaan saba isaatiif ifa godhe barachuun isaan barbaachisa. Namoota amanamoo kana keessaa tokko tokko kan duʼan Kitaabni Qulqulluun barreeffamee xumuramuu isaa duradha. Jalʼoonnis taʼan qajeelonni wanti barachuun isaan barbaachisu hedduun jira.
MUDDEE 29–AMAJJII 4
QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU ISAAYYAAS 14-16
Diinonni Saba Waaqayyoo Adaba Jalaa hin Oolan
ip-1-AM 180 key. 16
Yihowaan Magaalaa Of Tuultu ni Salphisa
16 Kun kan raawwatame yeruma sana Dh.K.D. bara 539tti miti. Taʼus, raajiin Isaayyaas Baabiloniin ilaalchisee dubbate hundi akka raawwatame yeroo harʼaattillee ifatti hubachuun ni dandaʼama. Namni Kitaaba Qulqulluurratti yaada kennu tokko Baabilon “yeroo ammaattis taʼe jaarraawwan hedduudhaaf guutummaatti onaa fi tuullaa jijjigaa akka taate” dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Haala kana haalunis taʼe raajiin Isaayyaasii fi Ermiyaas dubbatan guutummaatti akka raawwatame dagachuun wanta hin dandaʼamnedha” jedheera. Ifatti akka hubannutti, bara Isaayyaasitti namni Baabilon akka kuftuu fi yeroo booda ona akka taatu raajii dubbachuu dandaʼu hin jiru. Kana malees, warri Meedonii fi Faarsi Baabiloniin kan kuffisan Isaayyaas kitaabasaa barreessee gara waggaa 200 boodadha! Ona kan taatemmoo jaarraawwan hedduu boodadha. Seenaan kun amantii Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyo taʼuusaa ilaalchisee qabnu kan nuuf cimsu mitii? (2 Ximotewos 3:16) Hunda caalaammoo, Yihowaan bara duriitti raajiiwwan dubbate raawwachuunsaa, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwiisaanii hin arganne yeroo Waaqayyo murteessetti akka raawwataman amantii guutuu qabaachuuf nu gargaara.
ip-1-AM 184 key. 24
Yihowaan Magaalaa Of Tuultu ni Salphisa
24 Kitaaba Qulqulluu keessatti mootonni karaa hidda dhalootaa Daawit dhufan urjiileetti fakkeeffamaniiru. (Lakkoofsa 24:17) Daawitirraa jalqabee ‘urjiileen’ kun bulchaa kan turan Gaara Xiyoonirraati. Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa erga ijaaree booda maqaan Xiyoon jedhu guutummaa magaalattii kan argisiisu taʼe. Kakuu Seerichaa jalatti, dhiironni Israaʼel hundi waggaatti yeroo sadii gara Xiyoon akka deeman isaanirraa eegama ture. Akka kanaan magaalattiin “gaara walgaʼii” taate. Nebukadnezaar mootota Yihudaa toʼachuu fi gaara sanarraa isaan kaasuudhaan “urjiilee” sana gararraatti ol of kaasuu akka barbaadu argisiise. Injifannoo isaanirratti argateef Yihowaaf beekamtii hin kennine. Kanaa mannaa, of tuuluudhaan iddoo Yihowaa of kaaʼe.
ip-1-AM 189 key. 1
Murtoo Yihowaan Sabootarratti Dabarse
YIHOWAAN hammina raawwataniif sabasaa adabuuf sabootatti fayyadamuu ni dandaʼa. Taʼus, saboonni sun gara jabinaa fi of tuulummaa yeroo argisiisan, akkasumas waaqeffannaa dhugaadhaaf jibba yeroo qabaatan isaan adabuurraa duubatti hin jedhu. “Murtii Baabilon irratti dabarfame” dursee akka galmeessu Isaayyaasiin kan kakaase kanaafi. (Isaayyaas 13:1) Haa taʼu malee, yeroo sanatti saba Waaqayyoo doorsisaa kan ture Baabilon miti. Bara Isaayyaasitti saba Waaqayyo wajjin kakuu gale cunqursaa kan ture Asoorotadha. Asooronni mootummaa Israaʼel isa kaabaa balleessanii fi kutaa Yihudaa hedduu miidhanii turan. Taʼus, injifannoon Asoorotaa kan daangeffame ture. Isaayyaas akkana jedhee barreesseera: “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee kakateera: ‘Akkuman yaade ni taʼa, . . . Ani biyya koo keessatti Asooricha nan caccabsa, gaarota koo irrattis isa nan dhidhiita. Waanjoon isaa isaan irraa, baʼaan isaas gateettii isaanii irraa ni kaafama.’” (Isaayyaas 14:24, 25) Isaayyaas raajii kana dubbatee utuma baayʼee hin turin Asooronni Yihudaa doorsisuusaanii ni dhiisan.
ip-1-AM 194 key. 12
Murtoo Yihowaan Sabootarratti Dabarse
12 Raajiin kun kan raawwatamu yoomi? Yeroo dhihoottidha. “Wanti Yihowaan Moʼaabiin ilaalchisee dursee dubbate kana dha. Ammas Yihowaan akkana jedha: ‘Waggaa sadii keessatti, akkuma bara nama mindeeffamee hojjetuutti, ulfinni Moʼaab jeequmsa guddaa akaakuu hundumaatiin ni salphifama; warri hafanis baayʼee muraasaa fi humna kan hin qabne ni taʼu.’” (Isaayyaas 16:13, 14) Haala kanaa wajjin wal simuun, argannoon arkiyooloojii akka argisiisutti, Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti Mooʼaabirra miidhaa guddaan gaʼee naannoowwan ishii hedduun ona taʼaniiru. Tilgaat Pilneseer Sadaffaan bulchitoota gibira isaaf kaffalan keessaa tokko Saalaamaanuu bulchaa Moʼaab akka taʼe ibseera. Senaaheriib, mootii Moʼaab kan taʼe Kaamusunaadbiirraa gibira fudhateera. Mootota Asoor kan taʼan Eesaar Hadoonii fi Asnaafar, mootota Moʼaab kan taʼan Musuurii fi Kaamaashaaltuun akka isaaniif bitaman dubbataniiru. Moʼaabonni akka sabaatti jiraachuusaanii kan dhaaban jaarraawwan hedduu duradha. Jijjigaan magaalota Moʼaab akka taʼanitti yaadaman argameera; taʼus biyya diina Israaʼel turte kana ilaalchisee ragaan qorannoo arkiyooloojiitiin argame muraasadha.
Albuuda Hafuuraa
Yihowaan Akka Si Jajjabeessu Amanuu Dandeessa
8 Akka ilaalcha namaatti, haalli Yihudoonni boojiʼaman keessa turan abdii kan hin qabne fakkaata ture. Mootummaan Addunyaa Baabilon boojiʼamtoota ishii kan hin gadhiisne taʼuu ishiitiin beekamti ture. (Isa. 14:17) Taʼus, Yihowaan sabasaatiif abdii kenneera. Bilisa isaan baasuuf waadaa galeera; waadaa gale akka hin raawwanne homtuu isa dhoowwuu hin dandaʼu. (Isa. 44:26; 55:12) Akka ilaalcha Yihowaatti, Baabilon akkuma awwaaraa turte. (Isa. 40:15) Awwaara wanta tokkorra jiru yeroo afuuftu awwaarichi bittinnaaʼee bada. Maarree, boojiʼamtoonni sun abdiin kun dhiibbaa akkamii isaanirratti godhe? Isaan jajjabeesseera. Faayidaa dabalataas isaaniif argamsiiseera. Isaayyaas, “Warri Yihowaa abdatan . . . humni isaanii ni haareffama” jedhee barreesseera. (Isaayyaas 40:29-31 dubbisi.) Eeyyee, abdiin humnasaanii isaaniif cimseera; boojiʼamtoota sana ilaalchisee, “Akkuma risaatti qoochoodhaan ol ni baʼu” jedhameera.