LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 16
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Murtiin Moʼaab irratti dabarfame itti fufe (1-14)

Isaayyaas 16:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 48:19
  • +Lak 21:13

Isaayyaas 16:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 48:8, 42

Isaayyaas 16:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:16, 17
  • +Fr 45:6; 72:1, 2; Isa 9:6, 7; 32:1; Er 23:5

Isaayyaas 16:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 48:26, 29; Sef 2:9, 10
  • +Amo 2:1

Isaayyaas 16:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 15:2; Er 48:20
  • +2Mo 3:24, 25

Isaayyaas 16:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “firii wayinii diimaa hedduu qabatan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 13:15, 17
  • +Lak 32:37, 38; Iya 13:15, 19
  • +Iya 13:24, 25; Er 48:32

Isaayyaas 16:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “Iyyi waraanaa firii bonaa keessanii fi makara keessan irratti waan gad buʼeef.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 15:4; Er 48:34

Isaayyaas 16:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 48:33
  • +Sef 2:9

Isaayyaas 16:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 15:5; Er 48:36
  • +Isa 15:1

Isaayyaas 16:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 48:7, 35

Isaayyaas 16:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “akkuma namni qacaramee hojjetu godhutti, of eeggannoodhaan lakkaaʼamee”; jechuunis, wagguma sadii keessatti.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 25:10; Er 48:46, 47; Sef 2:9

Yaada Wal Simu

Isa. 16:2Er 48:19
Isa. 16:2Lak 21:13
Isa. 16:4Er 48:8, 42
Isa. 16:52Sa 7:16, 17
Isa. 16:5Fr 45:6; 72:1, 2; Isa 9:6, 7; 32:1; Er 23:5
Isa. 16:6Er 48:26, 29; Sef 2:9, 10
Isa. 16:6Amo 2:1
Isa. 16:7Isa 15:2; Er 48:20
Isa. 16:72Mo 3:24, 25
Isa. 16:8Iya 13:15, 17
Isa. 16:8Lak 32:37, 38; Iya 13:15, 19
Isa. 16:8Iya 13:24, 25; Er 48:32
Isa. 16:9Isa 15:4; Er 48:34
Isa. 16:10Er 48:33
Isa. 16:10Sef 2:9
Isa. 16:11Isa 15:5; Er 48:36
Isa. 16:11Isa 15:1
Isa. 16:12Er 48:7, 35
Isa. 16:14Isa 25:10; Er 48:46, 47; Sef 2:9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 16:1-14

Isaayyaas

16 Seelaa irraa, karaa lafa onaa keessa

Gara gaara intala Xiyoonitti,

Bulchaa biyyattiitiif korbeessa hoolaa tokko ergaa.

 2 Akkuma simbirroo manʼee ishii keessaa ariʼamteetti,+

Ijoolleen durbaa Moʼaabis malkaawwan Arnoon+ keessatti akkanuma ni taʼu.

 3 “Gorsa kennaa, murtoos dabarsaa.

Guyyaa saafaatti gaaddisni kee akkuma halkanii cimaa akka taʼu godhi.

Warra bittinnaaʼan dhoksi, warra baqatanis dabarsitee hin kennin.

 4 Yaa Moʼaab, namoonni koo warri bittinnaaʼan si keessa haa jiraatan.

Atis isa badiisa geessisu+ sanaan kan kaʼe, isaaniif bakka dhokannaa taʼi.

Inni cunqursu ni balleeffama,

Badiisni sun ni dhaabbata,

Namoonni warra kaan dhidhiitanis lafa irraa ni badu.

 5 Achiis teessoon tokko jaalala amanamaadhaan jabaatee ni dhaabbata.

Inni dunkaana Daawit keessatti teessoo sana irra taaʼus amanamaa ni taʼa;+

Haqaan murtii ni kenna, saffisaanis qajeelummaa ni raawwachiisa.”+

 6 Waaʼee of tuulummaa Moʼaab dhageenyeerra, inni baayʼee of tuultuu dha;+

Waaʼee of tuulummaa isaa, waaʼee koora isaa fi waaʼee aarii isaa isa guddaa dhageenyeerra;+

Taʼus dubbiin isaa inni duwwaa taʼe faayidaa hin qabaatu.

 7 Kanaafuu, Moʼaab Moʼaabiif ni gadooda;

Hundi isaanii iyyuu ni gadoodu.+

Warri rukutaman bixxilleewwan zabiibii Qiir Haresetiif+ ni aadu.

 8 Maasiiwwan wayinii Heshboon+ goganiiru,

Mukti wayinii Sibmaas+ coolligeera,

Bulchitoonni sabootaa dameewwan ishii warra diimatan* dhidhiitaniiru;

Isaan Yaazeer+ bira gaʼanii turan;

Lafa onaa keessattis babalʼatanii turan.

Latiiwwan isaa babalʼatanii galaanicha bira gaʼanii turan.

 9 Akkuman Yaazeeriif booʼutti, muka wayinii Sibmaatiif kanan booʼu kanaafi.

Iyyi yeroo firii bonaa keessanii fi yeroo makaraa keessaniitti dhagaʼamu waan xumurameef,*

Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee,+ ani imimmaan kootiin isin nan jiisa.

10 Gammachuunii fi ililchuun maasii fuduraa sana irraa fudhatameera,

Faarfannaan gammachuu yookiin iyyi maasiiwwan wayinii keessa hin jiru.+

Iyyi sun akka dhaabbatu waanan godheef,

Inni dhidhiitu sun bakka wayiniin itti cuunfamu keessatti sana booda wayinii hin dhidhiitu.+

11 Akkuma baganaa rukutamuutti,

Keessi koo Moʼaabiif,+

Garaan koos Qiir Haresetiif kan raafamu kanaafi.+

12 Moʼaab yeroo iddoo ol kaʼaa irratti of dadhabsuu fi kadhachuuf gara iddoo qulqulluu isaa dhaqutti illee buʼaa argatu hin qabaatu.+

13 Wanti Yihowaan Moʼaabiin ilaalchisee dursee dubbate kana dha. 14 Ammas Yihowaan akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, akkuma bara nama mindeeffamee hojjetuutti,* ulfinni Moʼaab jeequmsa guddaa akaakuu hundumaatiin ni salphifama; warri hafanis baayʼee muraasaa fi humna kan hin qabne ni taʼu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi