LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Adoolessa ful. 11-16
  • Hagayya 11-17

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya 11-17
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Adoolessa ful. 11-16

HAGAYYA 11-17

FAKKEENYA 26

Faarfannaa 88 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. “Nama Gowwaa” Irraa Fagaadhu

(Daq. 10)

Yeroo baayʼee “nama gowwaadhaaf” ulfinni hin maluuf (Fak 26:1; it-2-E 729 key. 6)

‘Gowwoonni’ yeroo baayʼee adabni cimaan isaan barbaachisa (Fak 26:3; w87-E 10/1 19 key. 12)

“Nama gowwaa” amanuun hin dandaʼamu (Fak 26:6; it-2-E 191 key. 4)


HIIKA: Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “nama gowwaa” jedhu nama sababa qabeessa hin taane, akkasumas nama ulaagaalee Waaqayyo wanta sirrii fi dogoggora ilaalchisee baaseef hin ajajamne argisiisa.

Obboleessi dargaggeessi tokko mana barumsaatti, ijoollee daree isaa moobaayiliidhaan waa ilaalaa jiran ija jabinaan dhiisee deemaa jira.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 26:4, 5—Fakkeenyonni kun lamaan wal hin faallessan kan jennu maaliifi? (it-1-E 846)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 26:1-20 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Marii jalqabuuf tiraaktii tokkotti fayyadami. (lmd barumsa 1 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Tiraaktii kanaan dura kenniteef irratti hundaaʼaatii marii keessan itti fufaa. (lmd barumsa 7 qabxii 4)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) Barataan kee firasaatiif dhugaa baʼuuf yeroo qophaaʼu isa gargaari. (lmd barumsa 11 qabxii 5)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 94

7. Qoʼannaa Dhuunfaa Godhachuudhaan ‘Fayyinaaf Ogeessa’ Taʼaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Suuraawwan: 1. Obboleettiin tokko mana ishii keessatti q⁠o⁠ʼachaa jirti; jw.org irraa viidiyoon afaan mallattoo Kompiitara ishii irratti banamee jira. 2. Obboleessi tokko s⁠a⁠ʼaatii boqonnaa isaatti moobaayilii fi iirfoonii isaatti fayyadamee q⁠o⁠ʼachaa jira. 3. Obboleettiin maanguddoon tokko taableetii ishiidhaan “JW Library” fayyadamaa jirti. 4. Haati tokkoo fi mucaan ishii walg⁠a⁠ʼii gumiirratti taableetiidhaan “JW Library” fayyadamaa jiru.

Phaawulos ergamaan Ximotewosiin gatii guddaa barreeffamoonni qulqulluun daaʼimummaa isaatii jalqabee barate qaban isa yaadachiiseera. Barreeffamoonni kun Ximotewosiin “fayyinaaf ogeessa” isa taasisaniiru. (2Xi 3:15) Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa waan qabaniif, Kiristiyaanni kamiyyuu Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf yeroo ramaduu qaba. Qoʼachuu hin jaallannu yoo taʼe hoo?

1 Pheexiros 2:2 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keenyatti gammaduu jalqabuu ni dandeenyaa?

  • Dubbii Waaqayyoo ‘dharraʼuuf’ maal gochuu dandeenya?—w18.03 29 key. 6

  • Meeshaaleen meeshaa eleektirooniksii keenyaan itti fayyadamuu dandeenyuu fi jaarmiyichi nuuf qopheesse Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf nu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

VIIDIYOO Wantoota Jaarmiyichi Raawwate—Yaadawwan JW Library Fayyadamuuf nu Gargaaran jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • JW Library® irraa faayidaa akkamii argattan?

  • JW Library® irraa kutaa isa kamitti fayyadamuu si gammachiisa?

  • Kutaa isa kam baruu fi itti fayyadamuu jalqabuu barbaadda?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 8-9

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 89 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi