LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Adoolessa ful. 12-13
  • Hagayya 18-24

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya 18-24
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Adoolessa ful. 12-13

HAGAYYA 18-24

FAKKEENYA 27

Faarfannaa 102 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Michoonni Dhugaan kan nu Gargaaran Akkamitti?

(Daq. 10)

Michoonni dhugaan yeroo barbaachisutti ija jabinaan gorsa nuuf kennu (Fak 27:5, 6; w19.09 5 key. 12)

Michoonni dhugaan firoota keenya caalaayyuu nu gargaaruu dandaʼu taʼa (Fak 27:10; it-2-E 491 key. 3)

Michoonni dhugaan dhiibbaa gaarii nurratti godhu (Fak 27:17; w23.09 09-10 key. 7)

Obboleessi dargaggeessi tokko obboleessi maanguddoon tokko doktaraa wajjin akka walii galu gargaaraa jira.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 27:21—Yeroo warri kaan nu jajan kan qoramnu karaawwan kamiini? (w17.01 25 key. 11-12)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Fak 27:1-17 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu amantaa Kiristiyaanaa hin hordofu. (lmd barumsa 6 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Viidiyoo Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu keessa jiru tokko beeksisiitii irratti mariʼadhaa. (lmd barumsa 8 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) ijwyp mata duree 75—Mata duree: Michuun Koo Tokko yoo na Miidhe Maal Gochuun Qaba? (th qoʼannaa 14)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 109

7. “Obboleessa Yeroo Dhiphinaatiif Dhalate”

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Yihowaan waldaa obbolummaa addunyaa maraa nuuf kenneera; isaan keessaa michoota jaalala qabeeyyii argachuu dandeenya. Gumii keessaa michoota hedduu qabna taʼa, garuu isaan keessaa michoota dhihoo kan nuuf taʼan hammami? Yeroo warra kaanii wajjin caalaatti wal barru, yeroo wal amannu, miira keenya yeroo walitti himnu, yeroo waliin wantoota garaa garaa raawwannu, akkasumas yeroo wal gargaarru michummaa keenya ni cimsina. Kanaaf warra kaanitti caalaatti dhihaachuun yeroo fi carraaqqii gaafata.

Fakkeenya 17:17 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Rakkinni guddaan jalqabuusaa dura amma michummaa cimaa uumuun ogummaa kan taʼe maaliifi?

2 Qorontos 6:12, 13 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Caqasoota kana hojiirra oolchuun keenya michummaa uumuuf kan nu gargaaru akkamitti?

Suuraa viidiyoo “ ‘Wanti Hundi Yeroo Isaaf Murteeffame Qaba’​—⁠Michummaa Uumuun Yeroo Gaafata” jedhamurraa fudhatame. Oogastii fi Been dirree kubbaa kaachoo keessa ta⁠a⁠ʼanii jiru; Oogasti kubbaa Beenitti kennaa jira.

DIRAAMAA “Wanti Hundi Yeroo Isaaf Murteeffame Qaba”—Michummaa Uumuun Yeroo Gaafata jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Diraamaa kanarraa waaʼee michummaa maal baratte?

Seequudhaan ykn nagaa gaafachuudhaan michummaa uumuu jalqabuu dandeessu; achiis akka yaaddaniif argisiisuudhaan michummaa keessan cimsachuu dandeessu. Michummaan keessan cimuuf yeroo gaafata. Kanaaf obsaa. Haala kanaan michummaa bara baraaf turuu dandaʼu uumuu dandeessu.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 10-11

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 118 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi