HAGAYYA 25-31
FAKKEENYA 28
Faarfannaa 150 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Garaagarummaa Nama Hamaa fi Nama Qajeelaa Gidduu Jiru
(Daq. 10)
Namni hamaan sodaataadha; namni qajeelaan garuu ija jabeessa (Fak 28:1; w93-AM 5/15 26 key. 2)
Namni hamaan murtoo sirrii gochuu hin dandaʼu; namni qajeelaan garuu murtoo gaarii gochuu ni dandaʼa (Fak 28:5; it-2-E 1139 key. 3)
Namni qajeelaan hiyyeessa taʼe nama hamaa sooressa taʼe caalaa iddoo guddaa qaba (Fak 28:6; it-1-E 1211 key. 4)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Fak 28:14—Fakkeenyi kun akeekkachiisa akkamii qabateera? (w01-AM 12/1 12 key. 1)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fak 28:1-17 (th qoʼannaa 10)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Waraannii fi hamminni akka badu mariʼadhaa. (lmd barumsa 5 qabxii 5)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Waraannii fi hamminni akka badu mariʼadhaa. (lmd barumsa 5 qabxii 4)
6. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. Waraannii fi hamminni akka badu mariʼadhaa. (lmd barumsa 1 qabxii 4)
7. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Waraannii fi hamminni akka badu mariʼadhaa. (lmd barumsa 2 qabxii 4)
Faarfannaa 112
8. Hammina ni Jibbituu?
(Daq. 6) Mareedhaan kan dhihaatu.
Maddi hamminaa Seexana isa Yesuus “kan nama ajjeesu” jedheenidha. (Yoh 8:44) Erga maleekonni fincila Seexanaarratti hirmaachuu jalqabanii booda, hammeenyi lafarratti babalʼate; kanaan kan kaʼes lafti Waaqayyo duratti ni mancaate. (Uma 6:11) Dhumni addunyaa Seexanaa isa hamaa taʼe kanaa yeroo dhihaachaa jiru kanatti, namoonni hedduun gara jabeeyyii fi kan of hin toʼanne taʼaa jiru.—2Xi 3:1, 3.
Faarfannaa 11:5 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Yihowaan namoota hammeenya jaallatan ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? maaliif?
Ispoortiiwwan beekamoo taʼanii fi bashannanni tokko tokko addunyaan hammeenya akka jaallatu kan argisiisan akkamitti?
Fakkeenya 22:24, 25 dubbisi. Achiis gaaffilee armaan gadii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Bashannanni filannuu fi namoonni wajjin yeroo dabarsinu ilaalcha hammeenyaaf qabnurratti dhiibbaa kan godhan akkamitti?
Bashannanni filannu hammeenya akka jaallannu ykn akka hin jaallanne kan argisiisu akkamitti?
9. Duula Addaa Jiʼa Fulbaanaatti Geggeeffamu
(Daq. 9)
Haasaa ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaatu. Duulichaaf obboloota kakaasi, akkasumas qophii gumichi godhe ibsi.
VIIDIYOO Nagaa Barabaraa! (Faarfannaa Walgaʼii Naannoo 2022) jedhamu taphachiisi.
10. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 12-13