SADAASA 3-9
WEEDDUU WEEDDUU CAALU 1-2
Faarfannaa 132 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Seenaa Jaalala Dhugaa Argisiisu
(Daq. 10)
[VIIDIYOO Beeksisa Kitaaba Weedduu Weedduu Caaluu jedhamu taphachiisi.]
Solomoon Shulaamittii garmalee jajeera, qabeenya hedduu akka ishiidhaaf kennus waadaa ishiidhaaf galeera (Wed 1:9-11)
Shulaammittiin jaalallee ishii isa tiksee taʼeef jaalala dhugaa qabaachuun ishii isaaf amanamtuu taatee itti fufuuf ishii gargaareera (Wed 2:16, 17; w15 1/15 30 key. 9-10)
GORSA GAARII: Kitaaba Weedduu Weedduu Caalu jedhamu yeroo dubbistu nama dubbachaa jiru adda baafachuuf “Qabiyyee Kitaabichaa” Hiika Addunyaa Haaraa irratti argamutti fayyadami.
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Wed 2:7—Shulaamittiin Kiristiyaanota qeenxee taʼaniif fakkeenya gaarii taati kan jennu maaliifi? (w15 1/15 31 key. 11)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Wed 2:1-17 (th qoʼannaa 12)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 1 qabxii 3)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 9 qabxii 3)
6. Barattoota Gochuu
Faarfannaa 46
7. “Namni Arjaan ni Eebbifama”
(Daq. 15) Jaarsa gumiitiin mareedhaan kan dhihaatu.
Yeroo fi qabeenya keenya arjummaadhaan yeroo kenninu eebba arganna. Namoonni arjummaa itti argisiisne wanta isaaniif goone akka eebbaatti ni ilaalu. Haa taʼu malee, namni arjummaadhaan kennus ni eebbifama. (Fak 22:9) Namni arjummaa argisiisu fakkeenya Uumaasaa hordofaa akka jiru beekuusaatti gammachuu ni argata, Yihowaa birattis fudhatama ni argata.—Fak 19:17; Yaq 1:17.
VIIDIYOO Arjummaan Gammachuu Argamsiisa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Obboloonni viidiyicharratti mulʼatan arjummaa obboloonnisaanii addunyaa maratti argaman argisiisaniin kan kaʼe gammachuu kan argatan akkamitti?
Isaanis warra kaanitti arjummaa argisiisuudhaan gammachuu kan argatan akkamitti?
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 32-33