LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb25 Sadaasa ful. 4-5
  • Sadaasa 10-16

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sadaasa 10-16
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2025
mwb25 Sadaasa ful. 4-5

SADAASA 10-16

WEEDDUU WEEDDUU CAALU 3-5

Faarfannaa 31 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Miidhaginni Keessaa Baayʼee Barbaachisaadha

(Daq. 10)

Dubbiin Shulaamittii keessi ishii miidhagaa akka taʼe argisiisa (Wed 4:3, 11; w15 1/15 30 key. 8)

Karaa naamusaa qulqulluu waan taateef “iddoo biqiltuu cufamaa” taʼetti fakkeeffamteetti (Wed 4:12; w15 1/15 32 key. 15)

Hundi keenyayyuu miidhagina keessaa isa miidhagina alaa caalaa barbaachisaa taʼe qabaachuu ni dandeenya (g05-AM 2/8 9 key. 2-5)

Suuraawwan: 1. Obboleettiin takka obboleettii dargaggeettii dhiphattee jirtu jaalalaan jajjabeessaa jirti. 2. Obboleessi dargaggeessi tokko obboleessa maanguddoo isa faana tajaajilaa jiru gammachuudhaan gargaaraa jira.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Amaloota warri kaan argisiisan keessaa caalaatti kanan dinqisiifadhu kamfaʼi?’

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Wed 3:5—‘Ijoolleen durbaa Yerusaalem Borofawwanii fi gadamsawwan dirreetiin’ kan kaksiifaman maaliifi? (w15 1/15 31 key. 11)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Wed 4:1-16 (th qoʼannaa 2)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu kallattiidhaan affeeri. (lmd barumsa 6 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. JW.ORG irraa odeeffannoo afaansaatiin jiru akkamitti argachuu akka dandaʼu itti argisiisi. (lmd barumsa 4 qabxii 3)

6. Haasaa

(Daq. 5) ijwbq mata duree 131—Mata Duree: Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Of Miidhagsuu fi Faaya Naqachuu Maal Jedha? (th qoʼannaa 1)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 36

7. Gaaʼelli Gooftaadhaan Qofa haa Taʼu (Uma 28:2)

(Daq. 8)

VIIDIYICHA taphachiisi.

8. Hiriyaa Gaaʼelaa Gaarii ni Taataa?

(Daq. 7) Mareedhaan kan dhihaatu.

Nama hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu barbaadaa jirtaa? Kiristiyaanonni gaaʼela dhaabbachuu barbaadan yeroo si ilaalan amaloota gaggaarii si keessatti ni arguu? Namni tokko nama hafuuraa fakkaatee mulʼachuu kan dandaʼu taʼus, yeroo booda eenyummaansaa inni dhugaan ifatti baʼuunsaa hin oolu.

Obboleettiin takka otoobisii keessatti dubartii maanguddoo tokkoof teessuma ishii gadhiisaa jirti.
Obboleessi tokko iddoo ijaarsaatii utuu baʼaa jiranii namicha isa faana hojjetuuf tiraaktii kennaa jira.
Obboloonni lamaa fi obboleettonni lama waliin tajaajilaa jiru. Obboleessi inni tokko eessatti tajaajiluu akka qaban gaarummaadhaan obboleettota sanatti himaa jira.

Amaloota namni hafuuraa tokko calaqqisiisuu fi armaan gadiitti tarreeffaman biratti caqasa wajjin deemu tokko barreessi.

  • Yihowaa jaallachuu fi isatti amanamuu

  • Mataa maatii gaarii taʼuu ykn haadha manaa abbaa manaa ishiitiif bitamtu taʼuu

  • Jaalala ofittummaarraa walaba taʼee fi fedhii ofii aarsaa godhu argisiisuu

  • Murtoo gaarii gochuu, ilaalcha madaalamaa qabaachuu fi yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu

  • Jabaatanii hojjechuu

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 34-35

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 44 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi