SADAASA 17-23
WEEDDUU WEEDDUU CAALU 6-8
Faarfannaa 34 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Balbala Utuu hin Taʼin, Dallaa Taʼaa
(Daq. 10)
Obboloonni Shulaamittii gaaʼela dura akka ishiin saalqunnamtii hin raawwanne barbaadu turan (Wed 8:8, 9; w15 1/15 32 key. 15-16)
Shulaamittiin qorumsa waan dandamatteef nagaa qabaachuu dandeesseetti (Wed 8:10; yp-AM 188 key. 2)
Shulaamittiin gama kanaan dargaggootaaf fakkeenya gaarii taati (yp2 33)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Kiristiyaanonni qeenxeen gumii koo keessa jiran balbala utuu hin taʼin dallaa akka taʼan gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?’
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Wed 8:6—Jaalalli dhugaan “labooba Yaah” kan jedhame maaliifi? (w15 1/15 29 key. 3)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Wed 7:1-13 (th qoʼannaa 12)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Marii jalqabuuf kaardii teessoo jw.org fayyadami. (lmd barumsa 4 qabxii 4)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. Naannoo daldalaatti marii jalqabuuf tiraaktii tokkotti fayyadami. (lmd barumsa 1 qabxii 4)
6. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama tokkoo wajjin akkasumatti haasaʼuu jalqabi; mariin keessan garuu utuu ati dhugaa hin baʼin dhaabbata. (lmd barumsa 2 qabxii 4)
7. Wanta Itti Amantu Ibsi
(Daq. 5) Hojiin argisiisa. ijwfq mata duree 43—Mata Duree: Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Qorachuu Ilaalchisee Seera Mataa Isaanii Qabuu? (th qoʼannaa 7)
Faarfannaa 121
8. Halalummaarraa Baqadhaa
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Kitaaba Weedduu Weedduu Caalurratti akka ibsametti tikseen sun isaa wajjin yeroo jaalalaa akka dabarsitu Shulaamittii affeeree ture. (Wed 2:10-14) Kan ishii affeere wanta kan biraa yaadee taʼuu dhiisuu dandaʼa; taʼus obboloonni ishii affeerraasaa akka hin fudhanne ishii dhoowwuuf hojii hojjettu ishiidhaaf kennan. (Wed 2:15) Obbolaan ishii nama jaallattu wajjin kophaatti yeroo dabarsuun ishii qorumsa keessa ishii galchuu akka dandaʼu hubataniiru.
Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanotaaf gorsa, “Halalummaa irraa baqadhaa!” jedhu kenna. (1Qo 6:18) Gocha dogoggora raawwachuutti nu geessuu dandaʼu akkamiirraayyuu fagaachuu qabna. Barreessaan kitaaba Weedduu Weedduu Caaluu akkana jedhees barreesseera: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa.”—Fak 22:3.
VIIDIYOO Waaqayyo “Iccitii Garaa Namaa Keessa Jiru Beeka” jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Diraamaa kanarraa maal barattan?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 36-37