AMAJJII 26–GURAANDHALA 1
ISAAYYAAS 28-29
Faarfannaa 28 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Wanta Dubbattanii fi Wanta Garaa Keessanitti Yaaddaniin Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa
(Daq. 10)
Isaayyaas geggeessitoota amantaa fakkeessitoota taʼanii fi barasaatti turan balaaleffateera (Isa 29:13; ip-1-AM 299 key. 23)
Yesuus yaanni Isaayyaas dubbate geggeessitoota amantaa jaarraa tokkoffaatti turaniifis akka hojjetu dubbateera (Mat 15:7-9; w21.05 9 key. 7)
Yihowaan tajaajiltoonnisaa ‘garaadhaa akka ajajaman’ barbaada (Rom 6:17; w24.06 10 key. 8)
Yihowaan wanta lallabnu yeroo hojiirra oolchinu ni hubata, akkasumas ni dinqisiifata
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Isa 28:7—Akka caqasa kanarratti ibsametti, Kiristiyaanonni dhugaatii alkooliitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? (w23.12 15 key. 3)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Isa 29:13-24 (th qoʼannaa 2)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Mata duree nama sana hawwatu adda baafadhu. Deebitanii wal arguuf beellama qabadhaa. (lmd barumsa 1 qabxii 5)
5. Hordofii Gargaari
(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Gaaffii namni sun marii keessan kanaan duraarratti kaaseef deebii kenni. (lmd barumsa 9 qabxii 3)
6. Barattoota Gochuu
(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 10 qabxii 3)
7. Barattoota Gochuu
(Daq. 4) lff barumsa 18 qabxii 6-7 (lmd barumsa 11 qabxii 3)
Faarfannaa 89
8. “Ani Yeroo Hundumaa Wanta Isa Gammachiisu [Nan Godha]”
(Daq. 8) Mareedhaan kan dhihaatu.
Yesuus yeroo tokko, ‘Ani yeroo hundumaa wanta Yihowaa gammachiisu nan godha’ jedhee ture. (Yoh 8:29) Nutis fakkeenya Yesuus hordofuudhaan wanta hunda karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuuf carraaqqii goona. Akkas gochuun yeroo hunda salphaa fi mijataa taʼuu baatus, yeroo hunda faayidaa nuuf argamsiisa.
VIIDIYOO Karaa Yihowaan Barbaaduun Hojjechuu jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Yeroo ariʼatamni nurra gaʼu, yeroo halalummaa akka raawwannu dhiibbaan nurratti godhamuu fi yeroo kooraan kakaanee garmalee ofitti amanamuuf qoramnutti, wanta hundumaa karaa Yihowaan barbaaduun raawwachuu ilaalchisee barumsa akkamii argattan?
9. Akka Gumichaaf Barbaachisutti Itti Fayyadamaa
(Daq. 7)
10. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 56, seensa kutaa 10 fi barumsa 57