GURAANDHALA 2-8
ISAAYYAAS 30-32
Faarfannaa 8 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
1. Qoochoo Yihowaa Jalatti Kooluu Galuu
(Daq. 10)
Akkuma allaattiin tokko cuucota ishii bineensa adamsurraa eegdu Yihowaanis sabasaa ni eega (Isa 31:5; w01-AM 11/15 16 key. 7)
Namoota Yihowaan isin gargaaruuf itti fayyadamutti dhihaadhaa jiraadhaa (Isa 32:1, 2; w24.01 24 key. 13)
Abdii Yihowaan isiniif kennerratti xiinxaluudhaan jabina argadhaa (Isa 32:16-18; w23.10 17 key. 19)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Isa 30:20, 21—Yaanni kun bara duriitti raawwii isaa kan argate akkamitti? Yeroo harʼaattoo qajeelfama Yihowaa kan argannu akkamitti? (w22.11 10 key. 8, 9)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Isa 31:1-9 (th qoʼannaa 10)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Namni haasofsiistu wanti dhiheenyatti raawwatame tokko akka isa yaaddesse dubbata. (lmd barumsa 2 qabxii 5)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 5 qabxii 5)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 7 qabxii 3)
Faarfannaa 157
7. ‘Buʼaan Qajeelummaa Dhugaa Nagaa Taʼa’—Gabaabfamee kan Fudhatame
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
VIIDIYICHA taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
Viidiyoo kanarraa qajeelummaa dhugaa ilaalchisee maal barattan?—Isa 32:17.
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 58-59