LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb26 Amajjii ful. 6-7
  • Amajjii 19-25

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Amajjii 19-25
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2026
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2026
mwb26 Amajjii ful. 6-7

AMAJJII 19-25

ISAAYYAAS 24-27

Faarfannaa 159 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. “Waaqni Keenya Isa Kana!”

(Daq. 10)

Waaqa keenya Yihowaadhaan boonuuf sababii guddaa qabna (Isa 25:9; cl 17 key. 21)

Addunyaa haaraa keessatti nyaata irraa hafaa dabalatee wantoota gaggaarii hedduu nuuf kenna (Isa 25:6; w24.12 6 key. 14)

Jireenya bara baraa nuuf kenna (Isa 25:7, 8; w25.01 28-29 key. 11-12)

Obboleessi maanguddoon wiilcheriirra taaʼee jiru namicha isa kunuunsuuf lallabaa jira.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Torban kana keessatti waaʼee waadaa Yihowaan nuuf galee eenyufaatti himuun dandaʼa?’

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Isa 26:3—Yaanni Isaayyaas dubbate kun namoota haala baayʼee ulfaataa taʼe keessa jiran kan jajjabeessu akkamitti? (w24.12 24 key. 18)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Isa 25:1-9 (th qoʼannaa 10)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) LALLABA ADDABAABAAYII. Mata duree isa hawwatu adda baafadhu. Weebsaayitii keenya jw.org irraa odeeffannoo barbaadu akkamitti akka argatu itti argisiisi. (lmd barumsa 1 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 9 qabxii 4)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Hojiin argisiisa. ijwbq mata duree 160—Mata Duree: Yesuus Ilma Waaqayyoo Jedhamee kan Waamame Maaliifi? (th qoʼannaa 3)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 144

7. Yaalii Fayyaadhaaf ykn Yaalii Baqaqsanii Walʼaanuuf Yeroo Qophooftan Yihowaatti Amanamaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Yihowaan “warra guutummaatti [isatti] hirkatan” ni eega. (Isaayyaas 26:3 dubbisi.) Yaalii fayyaadhaaf yeroo qophoofnu gargaarsa Yihowaan jaarmiyaasaatti fayyadamee nuuf godhurraa fayyadamuudhaan guutummaatti akka isatti hirkannu argisiisuu dandeenya.

Suuraawwan viidiyoo “Yaalii Fayyaa Isin Mudachuu Dandaʼuuf Qophooftaniittuu?” jedhamurraa fudhataman. 1. Obboleessi tokko Kitaaba Qulqulluu fi barumsa 39ffaa kitaaba “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamuutti fayyadamee qorannaa gochaa jira. 2. Obboleessi tokko kaardii qajeelfama yaalii fayyaa guutaa jira. 3. Obboleessi miseensa Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuu taʼe bilbilaan gargaarsa kennaa jira. 4. Obboleettiin takka doktara tokkoof dookmantii barbaachisu kennaa jirti.

VIIDIYOO Yaalii Fayyaa Isin Mudachuu Dandaʼuuf Qophooftaniittuu? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Wantoonni sadan yaalii fayyaadhaaf qophaaʼuuf nu gargaaran kamfaʼi?

  • Dookmantoonni odeeffannoo yaalii fayyaa qabatana kan nu gargaaran akkamitti?

  • Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu haasofsiisuun caalaatti gaarii kan taʼu yoomi?

  • Qophii jaalalarratti hundaaʼe kana ilaalchisee maaltu isinitti dhagaʼama?

Waadaan Isaayyaas 26:3 irratti “nagaa wal irraa hin cinne” akka qabaannu ibsu, Yihowaan dhukkubarraa akka nu eegu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, qophii jaalalarratti hundaaʼee fi karaa jaarmiyaasaa nuuf godhetti fayyadamee yeroo akkasiitti tasgabbii fi nagaan akka nutti dhagaʼamu akka nu gargaaru argisiisa.

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 54-55

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 53 fi Kadhannaa

a Odeeffannoo Haadholii Ulfa Taʼaniif Qophaaʼe (S-401), Odeeffannoo Namoota Yaaliin Baqaqsanii Walʼaanuu ykn Keemooteeraappiin Godhamuufiif Taʼu (S-407), akkasumas Odeeffannoo Warra Mucaa Yaaliin Fayyaa Barbaachisu Qabaniif Taʼu (S-55) yeroo isin barbaachisutti jaarsoliirraa fudhachuu dandeessu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi