GURAANDHALA 23–BITOOTESSA 1
ISAAYYAAS 38-40
Faarfannaa 4 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
Tikseen Israaʼel durii tokko hoolaa tokko hammatee jira
1. “Inni Akkuma Tikseetti Bushaayee Isaa ni Kunuunsa”
(Daq. 10)
Yihowaan akka isatti dhihaannu nu gargaaruuf Dubbiisaa Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera (Isa 40:8; w23.02 2-3 key. 3-4)
Gaarummaadhaan nu kunuunsa (Isa 40:11; cl 82 key. 7)
Dhuunfaatti nu beeka, rakkina keenya akka dandamannus nu gargaara (Isa 40:26-29; w18.01 8 key. 4-6)
KANA IRRATTI XIINXALI: Yaanni Isaayyaas 40:11rra jiru Yihowaa ilaalchisee miira akkamii sitti uuma?
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
Isa 40:3—Yaanni kun Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti kan raawwatame akkamitti? (w25.05 29 key. 12)
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Isa 40:21-31 (th qoʼannaa 11)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Carraa argattetti fayyadamuudhaan nama sanatti barumsa walgaʼii dhiheenya kana godhamerratti argatte itti himi. (lmd barumsa 4 qabxii 3)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 2) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Carraa argattetti fayyadamuudhaan nama sanatti waaʼee hojii barsiisaa Kitaaba Qulqulluu taʼuudhaan hojjettuu itti himi. (lmd barumsa 4 qabxii 4)
6. Hordofii Gargaari
(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 7 qabxii 5)
7. Barattoota Gochuu
(Daq. 5) lff barumsa 18 maal baratte?, irra deebii fi galma. Barataan kee jaalala Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiru akka hubatu gargaaruuf, mata duree kutaa “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu jalatti argamu tokkotti fayyadami. (lmd barumsa 11 qabxii 3)
Faarfannaa 160
8. Gabaasa Tajaajilaa Waggaa
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Gabaasa Tajaajilaa Waggaa ilaalchisee beeksisa waajjira dameerraa ergame erga dubbistee booda dhaggeeffattoonni Gabaasa Waggaa Tajaajilaa Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maraa 2025rraa yaada gaggaarii argatan akka dubbatan affeeri. Babalʼistoota waggaa darbe keessa muuxannoo nama jajjabeessu argatanii fi dursitee qopheessiteef gaafannoo godhi.
Based on NASA/Visible Earth imagery
Sabni Yihowaa bara 2025tti tajaajila manaa gara manaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa guddaa kennuusaanii itti fufaniiru
Gabaasa Waggaa Tajaajilaa 2025rraa yaada gaarii akkamii argattan?
9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) lfb barumsa 64-65