LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb26 Amajjii ful. 12-13
  • Guraandhala 16-22

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala 16-22
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2026
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2026
mwb26 Amajjii ful. 12-13

GURAANDHALA 16-22

ISAAYYAAS 36-37

Faarfannaa 150 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. “Dubbii Dhageesse . . . Sanaan kan Kaʼe hin Sodaatin”

(Daq. 10)

Raabshaaqichi saba Yihowaa doorsisuuf gara Yerusaalem deemee ture (Isa 36:1, 2; it-E “Hisqiyaas” Lakk. 1 key. 14)

Dadhaboo fi abdii kan hin qabne akka taʼan akka isaanitti dhagaʼamu gochuuf yaaleera (Isa 36:8; ip-1-AM 387 key. 10)

Yihowaattii fi mootichatti waan amanamaniif isaanitti qooseera (Isa 36:7, 18-20; ip-1-AM 388 key. 13-14)

Raabshaaqichi dallaa Yerusaalem biratti gaarii fardaarra dhaabbatee sagaleesaa ol kaasee dubbachaa jira. Loltoonni dallicharra jiran isa dhagaʼaa jiru.

Sabni Yihowaa namoota isaan doorsisuu yaalan sodaachuun isaan hin barbaachisu.—Isa 37:6, 7

YAADA WAAQEFFANNAA MAATIITIIF TAʼU: VIIDIYOO “Yaa Yihowaa . . . Ani Sin Amanadha” jedhamu ilaalaatii barumsa irraa argattanirratti mariʼadhaa.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Isa 37:29—Yihowaan afaan Senaaheriib Mootichaatti luugama kan galche akkamitti? (it-E “Luugama” key. 4)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Daq. 4) Isa 37:14-23 (th qoʼannaa 2)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. Kutaa dabalataa A birooshura Namoota Jaalladhu jedhamuurraa dhugaa tokko itti himi. (lmd barumsa 1 qabxii 4)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 3 qabxii 5)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 5) Hojiin argisiisa. ijwbq mata duree 110 key. 1-4—Mata Duree: Cuuphaan Maalidha? (th qoʼannaa 17)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 118

7. “Amanannaa Akkanaa Akka Qabaattu kan Si Godhe Maali Dha?”

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Namni tokko Waaqayyotti ykn Kitaaba Qulqulluutti amanuu keessaniin ykn Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuuf murteessuu keessaniin kan kaʼe gaaffii isinitti kaasee ykn isinitti qoosee beekaa? Taanaan, yeroo sanatti maal akka jettan wallaaltanii ykn sodaattanii taʼuu dandaʼa. Wanti warri kaan dubbatan shakkiin akka isinitti uumamu gochuullee ni dandaʼa. Kun akka hin taane of eeggachuu kan dandeessan akkamitti?

Isaayyaas 36:4 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Wanti itti amannu dhugaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

VIIDIYOO Jireenya Dargaggummaa Koo—Waaqayyotti Amanuun Sirriidhaa? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Elibaaldoo fi Kiristaal Waaqayyo jiraachuusaa ilaalchisee amantii qaban cimsachuuf maal godhan?

  • Waaqayyo akka jiru maaltu si amansiise?

  • Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu si amansiisan kamfaʼi?

    Yihowaan akka si jaallatu

    Yihowaan yeroo hunda akka si gargaaru

    saba Waaqayyoo akka argatte

Obboleessi dargaggeessi tokko daree keessatti yeroo barsiistuun boca buqqee mataa namaa sirrii hin taane barattootatti argisiistu xiinxalaa jira. Barattoonni hedduun harka baasaa jiru.

Wantoota armaan gadii ilaalchisee amantii koo cimsachuun barbaada:

Amantii kee cimsachuuf maal gochuu yaadde?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

(Daq. 30) lfb barumsa 62-63

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 9 fi Kadhannaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi